GAAFFII DARGAGGOOTAA
Weebsaayitii Hawaasaa Irratti Beekamtii Argachuun Hangam Barbaachisaa Dha?
Shamarreen umurii waggoota kurnanii keessatti argamtuu fi Iilleen jedhamtu akkana jetteetti: “Ijoolleen mana barumsaa ani baradhutti beekamoo taʼan weebsaayitii hawaasaa irratti foolowarii dhibbaan lakkaaʼaman akka qaban yommuun argu, ‘Waaw—beekamtii argataniiru!’ jedheen yaada, dhugaa isaa dubbachuuf xinnoo isaanitti hinaafeen ture.”
Atoo akkas sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan, mata dureen kun weebsaayitii hawaasaa irratti beekamtii argachuuf yaaluudhaan abdii kutachuu irraa akka of eeggattu si gargaaruu dandaʼa.
Weebsaayitii hawaasaa irratti beekamtii argachuuf yaaluun balaa akkamii qaba?
Kitaabni Qulqulluun, Fakkeenya 22:1 irratti, “Qabeenya guddaa mannaa maqaa gaariin filatamaa dha” jedha. Kanaafuu, maqaa gaarii qabaachuu fi warri kaan akka si jaallatan barbaaduun dogoggora hin qabu.
Taʼus, yeroo tokko tokko fedhiin fudhatama argachuuf qabnu gara beekamtii argachuuf hawwuutti nama geessa. Kun balaa qabaachuu dandaʼaa? Ooniyaa ishiin umuriin ishii 16 taʼe akkana jetteetti:
“Namoonni tokko tokko beekamtii argachuuf fooqii lammaffaa mana barumsaa keenya irraa utaaluudhaan gocha gowwummaa yommuu raawwatan argeera.”
Dargaggoonni tokko tokko xiyyeeffannaa hiriyoota isaanii argachuuf, gocha gowwummaa raawwatan viidiyoodhaan waraabanii intarneetii irratti gadhiisu. Fakkeenyaaf, ijoolleen umurii kurnanii keessatti argaman saamunaa uffataa bifa kiniinii xixinnootiin qophaaʼee fi wanta summaaʼaa of keessaa qabu yommuu nyaatan viidiyoo argisiisu gadhiisu; kana immoo namni kam iyyuu gochuu hin qabu!
Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Of tuulummaadhaan kakaatanii waan tokko illee hin godhinaa.”—Filiphisiyus 2:3.
Wanta irratti yaadamuu qabu:
Weebsaayitii hawaasaa irratti beekamtii argachuun siif hangam barbaachisaa dha?
Hiriyoota kee biratti xiyyeeffannaa fi fudhatama argachuuf fayyaa kee ykn jireenya kee balaadhaaf ni saaxiltaa?
“Beekamtii akka qaban godhanii yaaduu”
Haa taʼu malee namoonni beekamtii argachuuf wantoota balaadhaaf isaan saaxilu kan raawwatan yeroo hunda miti. Eerikaa ishiin umuriin ishii 22 taʼe, namoonni tokko tokko tooftaa kan biraa akka fayyadaman yommuu ibsitu akkana jetteetti:
“Namoonni michoota hedduu yeroo hunda yeroo waliin dabarsan akka qaban fakkeessuuf walitti aansuudhaan fakkiiwwan hedduu gadhiisu. Kun immoo beekamtii akka qaban godhanii akka yaadan taasisa.”
Kaaraa ishiin umuriin ishii 15 taʼe beekamtii akka qaban fakkeessuuf namoonni tokko tokko gowwoomsaatti akka fayyadaman yeroo dubbattu akkana jetteetti:
“Namoota utuma mana jiranii qophii taʼe tokko irra akka jiran godhanii suuraa maxxansan argeera.”
Maatiwuu inni umuriin isaa waggaa 22 taʼe, wanta akkasii raawwatee akka ture ifatti dubbateera:
“Gara Eeshiyaa dhaqee kan hin beekne taʼus suuraa Gaara Evarasti biratti akkan kaʼe argisiisu gadhiiseera!”
Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Waan hundumaa [irratti] amanamummaadhaan jiraachuu hawwina.”—Ibroota 13:18.
Wanta irratti yaadamuu qabu:
Weebsaayitii hawaasaatti kan fayyadamtu yoo taʼe caalaatti beekamtii argachuuf jettee wanta dhugaa hin taane gadhiistee beektaa?
Suuraawwanii fi yaadawwan ati gadhiistu eenyummaa kee fi wanta ati bakka guddaa kennituuf kan calaqqisiisani dhaa?
Foolowarii fi laayikii argachuun hangam barbaachisaa dha?
Namoonni hedduun weebsaayitii hawaasaa irratti beekamtii argachuuf wanti guddaan foolowarii fi laayikii hedduu taʼe argachuu akka taʼe amanu. Maatiwuu inni olitti caqasame, akkas isatti dhagaʼamaa akka ture dhugaa isaa dubbateera:
“Namoota ‘foolowarii meeqa qabda’ ykn ‘hanga ammaatti lakkoofsi Laayikii argatte inni guddaan meeqa dha’ jedheen gaafadha. Lakkoofsi namoota foolowarii na godhanii akka dabalu gochuuf, isaanis deebisanii foolow akka na godhan abdachuudhaan namootan hin beekne foolow nan godhan ture. Beekamtii argachuuf hawwuun jalqabe, weebsaayitiin hawaasaa immoo fedhiin koo kun caalaatti akka guddatu godhe.”
Maariyaa ishiin umuriin ishii 25 taʼe, namoonni tokko tokko ilaalcha ofiif qaban kan madaalan lakkoofsa foolowarii fi laayikii argataniin akka taʼe hubachuu ishii akkana jechuudhaan ibsiteetti:
“Shamarreen tokko suuraa ishii gadhiifteef laayikii hedduu yoo argachuu baatte, fokkistuu akka taate gootee yaaddi. Kun dogoggora akka taʼe beekamaa dha, haa taʼu malee namoonni haala wal fakkaataa akkasii keessa jiran hedduun akkasuma isaanitti dhagaʼama. Karaa biraatiin, ofuma isaaniin intarneetiidhaan miidhaa of irraan geessisaa jiru.”
Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Egaa wal morkii kakaasuu fi walitti hinaafuudhaan of tuuluu haa dhiisnu.”—Galaatiyaa 5:26.
Wanta irratti yaadamuu qabu:
Weebsaayitii hawaasaa kan fayyadamtu yoo taʼe, warra kaanii wajjin wal bira of qabdee akka ilaaltu si gochuu isaa hubatteettaa?
Wanti bakka guddaa kennituuf namoota siif yaadanii wajjin hariiroo dhugaa uumuu moo foolowarii meeqa akka qabdu lakkaaʼuu dha?