GAAFFII DARGAGGOOTAA
Walgaʼii Galma Walgaʼiitti Geggeeffamu Irratti Argamuu Kanan Qabu Maaliifi?
Dhugaa Baatonni Yihowaa bakka waaqeffannaa isaanii Galma Walgaʼii jedhamutti torbanitti siʼa lama walgaʼii godhatu. Galma Walgaʼii isaanii keessatti maaltu raawwatama? Walgaʼiiwwan isaanii irraa faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti?
Galma Walgaʼii isaanii keessatti maaltu raawwatama?
Galmi Walgaʼii bakka barumsa Kitaaba Qulqulluu itti barannu dha. Faayidaa walgaʼiiwwan kana irraa argattu:
waaʼee Waaqayyoo dhugaa isaa baratta.
wantoota yeroo harʼaatti uumamaa jiran ilaalchisee dhugaa isaa hubatta.
caalaatti nama gaarii taata.
hiriyoota gaarii argatta.
Kana beektaa? Dhugaa Baatonni Yihowaa Galma Walgaʼii isaanii keessatti caalaatti kan baratan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ti.—Maatewos 6:9, 10; 24:14; Luqaas 4:43.
Walgaʼiiwwan kana irratti argamuu kan qabdu maaliifi?
Barumsi achitti dhihaatu si fayyada. Barumsi Kitaaba Qulqulluu walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti barattu ‘ogummaa argachuuf’ si gargaara. (Fakkeenya 4:5) Kana jechuun Kitaabni Qulqulluun jireenya kee keessatti murtoowwan gaggaarii gochuuf si dandeessisa jechuu dha. Kanneen armaan gadii dabalatee gaaffiiwwan jireenya keessatti kaʼaniif deebii argachuuf si gargaara:
Kanneen armaan gadiitti argaman haasaawwan walgaʼii dhuma torbaniitti godhannu irratti kennaman keessaa muraasa isaanii ti:
Uumamni Naannoo Keenyatti Argamu Waaqayyo Akka Jiru Argisiisa
Yeroo Rakkinaatti Eessaa Gargaarsa Argachuu Dandeessa?
Mootummaan Waaqayyoo Maal Nuu Gochaa Jira?
“Barataan daree koo tokko walgaʼii keenya tokko irratti argamee ture. Kan taaʼe maatii keenyaa wajjin yeroo taʼu, kitaaba walgaʼicha irratti itti fayyadamnu itti argisiisaa turre. Achiis, kutaawwan dhaggeeffattoonni irratti hirmaatan baayʼee akka isa ajaaʼibsiise natti hime. Waldaa isaa keessa akka keenya meeshaa ittiin baratan akka hin qabne natti hime.”—Birendaa.
Kana beektaa? Walgaʼicha irratti argamuuf kaffaltii hin gaafatamtu, qodaan buusiis hin naanneffamu.
Hiriyoota si jajjabeessan argatta. Kitaabni Qulqulluun sababa Kiristiyaanonni walitti qabamuun itti isaan barbaachisu keessaa tokko yeroo ibsu ‘wal jajjabeessuuf’akka taʼe dubbata. (Ibroota 10:24, 25) Addunyaa namoota ofittoo taʼaniin guutame keessatti namoota ofiif utuu hin taʼin, Waaqayyoo fi namoota kaaniif dursa kennanitti michoomuun baayʼee nama gammachiisa.
“Guyyaa guutuu hojiidhaan muddamee ergan dabarsee booda gaddii fi dadhabbii cimaan natti dhagaʼama; taʼus namoonni Galma Walgaʼiitti argadhu yeroo hundumaa miirri gaariin akka natti dhagaʼamu godhu. Walgaʼii booda yeroon gara manaatti deebiʼu baayʼeen gammada; guyyaa itti aanuufis jabinan argadha.”—Elisaa.
Kana beektaa? Addunyaa maratti gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa 120,000 ol taʼan kan argaman yeroo taʼu, walgaʼii kan godhatan iddoowwan 60,000 ol taʼanitti dha. Lakkoofsi namoota walgaʼii keenya irratti argamanii dabalaa waan jiruuf, waggaatti giddu galeessaan Galmawwan Walgaʼii gara 1,500 taʼantu ijaarama. a
a Bakka walgaʼiin itti geggeeffamu argachuuf, fuula “Walgaʼiiwwan Gumii Dhugaa Baatota Yihowaa” jedhu jalaa “Iddoo Sitti Dhihaatu Barbaaddadhu” kan jedhu cuqaasi.