GAAFFII DARGAGGOOTAA
Seera Warri Koo Baasan Yoon Cabse Maal Gochuun Dandaʼa?
Saʼaatii manatti itti galamu, meeshaa elektirooniksiitti hammam fayyadamuun akka dandaʼamu, akkaataa namoota kaan qabuu itti qabnuu fi kkf ilaalchisee maatiin hundi jechuun ni dandaʼama, seera ni qabaatu.
Seera maatii keessanii yoo cabsite hoo? Wanta takkaa raawwatte jijjiiruu hin dandeessu; garuu, kana caalaa akka hin balleessine of eeggachuu ni dandeessa. Mata dureen kun, kana gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe si hubachiisa.
Wanta gochuu hin qabne
Warri kee seera baʼe cabsuu kee hin beekan taanaan, waan balleessite sana dhoksuuf qoramta taʼa.
Seera cabsuu kee yoo beekan immoo, sababa tarreessita ykn nama kan biraatti qabatta taʼa.
Kun mala gaarii miti. Maaliif? Wanta raawwatame kan dhoksu ykn sababa hin taane kan dhiheessu nama bilchina hin qabne dha. Akkas gochuun kee, warri kee guddinni akka si hafu akka isaanitti dhagaʼamu gochuudhaan ala faayidaa hin qabu.
“Sobni furmaata hin taʼu. Yeroo booda dhugaan isaa yeroo baʼu, adabni sii kennamu adaba odoo dura dubbattee sii kennamu irra kan hammaatu taʼa.”—Dayaanaa.
Tarkaanfii gaarii taʼe
Balleessaa kee amani. Kitaabni Qulqulluun, “Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu” jedha. (Fakkeenya 28:13) Warri kee ati dogoggora raawwachuu akka dandeessu beeku. Taʼus amanamaa akka taatu sirraa eegu.
“Dhugaa yoo dubbatte warri kee caalaatti garaa sii laafu. Homaa akka hin dhoksine yeroo argan, amantiin sirratti qaban ni dabala.”—Oliiviyaa.
Dhiifama gaafadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Gad of qabuu akka uffataatti uffadhaa” jedha. (1 Pheexiros 5:5) “Dhiifama!” jechuunii fi sababa dhiheessuuf qoramuu dhiisuun gad of qabuu gaafata.
“Namoonni yeroo hunda sababa dhiheessan, yeroo dogoggora raawwatan sammuun isaanii isaan ceephaʼuu dhiisaa deemuu dandaʼa. Oolee bulee immoo, yeroo dogoggora raawwatan homtuu itti dhagaʼamuu dhiisuu dandaʼa.”—Heezar.
Wanta sirraan geessisu fudhadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Namni ifata dhaga’u . . . hubataa dha” jedha. (Fakkeenya 15:5) Gungumuu dhiisiitii, adaba warri kee sii kennan callisii fudhadhu.
“Adaba sii kenname ilaalchisee yoo gungumte, caalaatti haala ulfaataa keessa galuu dandeessa. Adaba sii kenname fudhachuuf mala barbaadi malee wanta dhabde irratti hin xiyyeeffatin.”—Jeesan.
Deebisanii akka si amanan gochuuf carraaqi. Kitaabni Qulqulluun, ‘Namummaa moofaa isa jireenya keessan isa durii wajjin wal simu of irraa baasaa gataa’ jedha. (Efesoon 4:22) Warri kee deebisanii si amanuu akka dandaʼaniif, waan gaarii gochuu kee itti fufi.
“Murtoo sirrii gochuu kee yoo itti fuftee fi dogoggora akkasii akka irra hin deebine warra keetti yoo argisiiste, yeroo booda deebisanii akka si amanan gochuu ni dandeessa.”—Kaaran.
YAADA: Akka si amanan gochuuf, wanta isaan si gaafatan caalaa iyyuu godhi. Fakkeenyaaf, yeroo itti aanutti yeroo bakka tokko dhaqxee deebitu saʼaatii dabarsitee galuu baattu illee, karaa irra utuu jirtuu warra keetiif bilbiliitii dhufaa akka jirtu isaan beeksisi. Kana gochuun kee, afaaniin dubbachuu baattus, ‘Deebiʼee amanamuun barbaada’ ergaa jedhu isaaniif dabarsa.