GAAFFII DARGAGGOOTAA
Mana Keessatti Seerri Ni Barbaachisaa?
Seerri warri kee baasan kan si hacuucu sitti taʼeeraa? Mata dureen kunii fi gilgaalli mata duree kana wajjin walqabatee jiru warra kee haasofsiisuuf si gargaara.
Ilaalcha sirrii
Yaadaa dogoggoraa: Yommuu of dandeessee jiraattu seera kam irra iyyuu yeroo hundumaaf bilisa taata.
Dhugaa jiru: Of dandeessee jiraachuun seera jalaa bilisa si hin godhu. Qaamni aangoo qabu tokko jiraachuun isaa hin oolu. Fakkeenyaaf hogganaa kee, nama mana siif kireesse ykn mootummaa illee taʼuu dandaʼa. Daaniyelaa ishii umuriin ishii 19 taʼe, “Dargaggoonni seera warra isaanii hin kabajne of dandaʼanii jiraachuu yommuu jalqabanitti wanti isaan itti hin yaadne akka isaan mudatu natti dhagaʼama” jetteetti.
Kitaabni Qulqulluun maal jedha? ‘Mootummootaa fi abbootii taayitaatiif ajajamaa.’ (Tiitoo 3:1) Seera warri kee baasan kan kabajju taanaan gaʼeessa yommuu taatutti leenjii gaarii qorumsa si mudachuu dandaʼu moʼuuf si gargaaru argatta.
Wanta gochuu dandeessu: Faayidaawwan seerri warri kee baasan qaban yaaduuf yaali. Dargaggeessi Jeremii jedhamu akkas jedheera: “Seerri warri koo baasan hiriyoota gaarii akkan baafadhuu fi yeroo koo akka gaariitti akkan itti fayyadamu na gargaareera. Seerri kun televijiinii ilaaluu fi geemii viidiyoo taphachuudhaan yeroo akkan hin balleessine, akkasumas barsiifata gaarii ani amma illee jaalladhu tokko tokko akkan horadhu na gargaareera.”
Akkaataa dhiheenyaa sirrii
Seerri warri kee baasan sababa qabeessa akka hin taane yoo sitti dhagaʼame hoo? Fakkeenyaaf shamarreen Tamaraa jedhamtu akkas jetteetti: “Warri koo biyya gara biraa akkan dhaqu naaf heyyamanii turan. Ergan deebiʼee booda garuu konkolaataa oofaa magaalaa daqiiqaa 20 qofa fagaatu illee akkan deemuu naaf hin heyyaman.”
Haalli kee kanaa wajjin kan wal fakkaatu taanaan, seericha ilaalchisee warra kee haasofsiisuun dogoggora dhaa? Matumaa! Wanti guddaan warra kee yoomii fi akkamitti haasofsiisuu akka qabdu beekuu dha.
Yoom. Shamarreen Amandaa jedhamtuu fi umurii waggoota kurnanii keessatti argamtu akkas jetteetti: “Seerri tokko akka fooyyaʼuuf warra kee haasofsiisuu kee dura nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu taʼuu kee argisiisuu qabda.”
Shamarreen Daariyaa jedhamtu yaada kana irratti walii galti. “Haati koo jijjiirama gochuuf kan murteessite seerawwan ishiin baasteef akkan ajajamu erga argitee booda” jetteetti. Namni amanannaa kan si irratti godhatu waan ati barbaaddeef utuu hin taʼin, nama amanannaan irratti gatamu taʼuu kee waan mirkaneessiteef akka taʼe hubadhu.
Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Ajaja abbaa keetii eegi, barumsa haadha teetiis hin dhiisin.” (Fakkeenya 6:20) Gorsa kana hojii irra oolchuun kee warri kee amanannaa akka si irratti gatan waan taasisuuf isaanii wajjin mariʼachuuf salphaa siif taʼa.
Akkamitti. Dargaggeessi Istiivan jedhamu akkas jedheera: “Warra keenyaa wajjin yeroo haasofnutti dallanuu fi iyyuu mannaa kabaja argisiisuu fi of tasgabbeessuun faayidaa guddaa qaba.”
Daariyaa ishiin olitti caqasamte yaada kana irratti walii galti. Akkas jetteetti: “Haadha koo wajjin wal falmuudhaan furmaata argadhee hin beeku. Kana irra iyyuu darbee yeroo tokko tokko caalaatti seericha cimsiti.”
Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Namni gowwaan miira isaa hundumaa gad baasa, namni ogeessi garuu tasgabbiidhaan miira isaa qora.” (Fakkeenya 29:11) Miira kee toʼachuu barachuun mana kee keessatti qofa utuu hin taʼin mana barumsaatti, bakka hojiitti akkasumas bakka kaanitti faayidaa guddaa siif argamsiisa.
Wanta gochuu dandeessu: Dubbachuu kee dura yaadi. Nama amanannaan irratti gatamu taʼuudhaan maqaa gaarii horatte, dubbii al tokko aariidhaan dubbattuun dhabuu dandeessa. Dhugaadha Kitaabni Qulqulluun, “Namni dafee hin aarre hubannaa guddaa qaba” jedha.—Fakkeenya 14:29.
Gorsa gaarii: Seera warri kee baasan hubachuuf, barbaachisaa taanaan immoo isaan mariisisuuf gilgaala mata duree kanaaf qophaaʼe fayyadami.