Kiristiyaanonni Sanbata Kabajuu Qabuu?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Kiristiyaanonni sanbata akka kabajan isaan irraa hin eegamu. Kiristiyaanonni “seera Kiristoos” isa sanbata kabajuu hin dabalanne jala jiru. (Galaatiyaa 6:2; Qolosaayis 2:16, 17) Waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Mee dura haala Sanbanni itti jalqabame haa ilaallu.
Sanbanni Maali dha?
Jechi “sanbata” jedhu jecha Afaan Ibrootaa hiikni isaa “boqochuu; addaan kutuu” jedhu irraa kan dhufe dha. Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo jalqabaatiif kan caqasame, ajajawwan saba Israaʼeliif kenname keessatti dha. (Baʼuu 16:23) Fakkeenyaaf, Ajajawwan Kurnan keessaa inni arfaffaan akkana jedha: “Guyyaa Sanbataa qulqulluu gootee eeguu hin dagatin. Guyyaa jaʼaaf hojii kee fi wantoota raawwattu hundumaa raawwadhu; guyyaan torbaffaan garuu Waaqa kee Yihowaadhaaf sanbata dha. . . . Hojii akkamii iyyuu hin hojjetinaa.” (Baʼuu 20:8-10) Sanbata kan jedhamu, Jimaata erga biiftuun lixxee kaasee Sanbadduraa hanga biiftuun lixxutti kan jiru dha. Yeroo sanatti Israaʼeloonni qeʼee isaaniitii deemuu, ibidda qabsiisuu, qoraan funaanuu ykn baʼaa baachuu hin dandaʼan turan. (Baʼuu 16:29; 35:3; Lakkoofsa 15:32-36; Ermiyaas 17:21) Sanbata kabajuu dhiisuun duʼaan nama adabsiisuu dandaʼa ture.—Baʼuu 31:15.
Akka lakkoofsa baraa Yihudootaatti, guyyoonni kan biraan, akkasumas waggaa 7ffaa fi waggaa 50ffaanis sanbatawwan jedhamanii waamamu turan. Waggaa sanbataatti lafti hin qotamtu, akkasumas Israaʼeloonni idaa isaan irra jiru akka kaffalan hin dirqisiifaman turan.—Leewwota 16:29-31; 23:6, 7, 32; 25:4, 11-14; Keessa Deebii 15:1-3.
Seerri Sanbataa Kiristiyaanota irratti kan hin hojjenne maaliifi?
Seerri Sanbataa kan hojjetu, saba Seera karaa Musee kenname kaaniifis ajajamuuf qofa dha. (Keessa Deebii 5:2, 3; Hisqiʼel 20:10-12) Waaqayyo saboonni kaan sanbata akka kabajan matumaa isaan irraa hin eegu. Kana malees, Yihudoonni iyyuu aarsaa Yesuus Kiristoosiin Ajajawwan Kurnan dabalatee ‘Seericha [isa karaa Musee kenname] jalaa bilisa baʼaniiru.’ (Roomaa 7:6, 7; 10:4; Galaatiyaa 3:24, 25; Efesoon 2:15) Kiristiyaanonni Seera Museetti cichuu mannaa, seera jaalalaa isa hunda irra caalu hordofu.—Roomaa 13:9, 10; Ibroota 8:13.
Hubannaa dogoggoraa Sanbata ilaalchisee jiru
Hubannaa dogoggoraa: Waaqayyo guyyaa torbaffaatti boqochuudhaan Sanbata hundeesse.
Dhugaa jiru: Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Waaqayyo waan uume hundumaa raawwatee guyyaa torbaffaatti waan boqoteef, guyyaa torbaffaa sana in eebbise, in qulqulleesses.” (Uumama 2:3, hiika bara 1997) Yaadni kun seera namaaf kenname kan qabate miti; kanaa mannaa, Waaqayyo guyyaa uumamaa isa torbaffaatti maal akka godhe kan ibsu dha. Kitaabni Qulqulluun, bara Musee dura eenyu iyyuu sanbata akka kabaje hin dubbatu.
Hubannaa dogoggoraa: Israaʼeloonni Seerri Musee isaaniif kennamuu isaa dura iyyuu Sanbata ni kabaju turan.
Dhugaa jiru: Museen Israaʼelootaan, “Waaqni keenya Yihowaan Horeeb keessatti,” jechuunis naannoo Tulluu Siinaatti argamutti “nuu wajjin kakuu galee ture” jedheera. Kakuun kun seera Sanbataa kan dabalatu ture. (Keessa Deebii 5:2, 12) Muuxannoon Israaʼelootaa, Sanbanni isaaniif haaraa akka ture argisiisa. Israaʼeloonni sana dura yeroo Gibxii keessatti seera Sanbataa jala jiraataniiru utuu taʼee, akka Waaqayyo jedhetti Sanbanni Gibxii keessaa baʼuu isaanii akkamitti isaan yaadachiisuu dandaʼa? (Keessa Deebii 5:15) Guyyaa torbaffaatti mannaa akka walitti hin qabanne isaanitti himuun maaliif barbaachisa ture? (Baʼuu 16:25-30) Namicha jalqabaa seera Sanbataa cabse sana maal gochuu akka qaban kan hin beekne hoo akkamitti?—Lakkoofsa 15:32-36.
Hubannaa dogoggoraa: Sanbanni kakuu bara baraa waan taʼeef, ammas kabajamuu qaba.
Dhugaa jiru: Hiikawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko Sanbanni “kakuu bara baraa” akka taʼe dubbatu. (Baʼuu 31:16, Hiika Bara 1997) Haa taʼu malee, jechi Afaan Ibrootaa “bara baraa” jedhamee hiikame, “yeroo hin beekamneef itti fufuu” jedhamees hiikamuu dandaʼa malee bakka hundatti bara baraaf jedhamee hin hiikamu. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun sirna lubummaa Israaʼel keessa ture, isa gara waggoota 2,000 dura hafe ibsuufis jechuma kana fayyadama.—Baʼuu 40:15; Ibroota 7:11, 12.
Hubannaa dogoggoraa: Yesuus Sanbata waan kabajeef, Kiristiyaanonnis kabajuu qabu.
Dhugaa jiru: Yesuus Sanbata kan kabaje, Yihudii erga dhalatee kaasee Seera Museetiif ajajamuuf dirqamni irra jiru waan tureefi. (Galaatiyaa 4:4) Erga Yesuus duʼee booda, Sanbata dabalatee kakuun Seeraa kun hambifameera.—Qolosaayis 2:13, 14.
Hubannaa dogoggoraa: Phaawulos ergamaan Kiristiyaana erga taʼee booda Sanbata kabajeera.
Dhugaa jiru: Phaawulos guyyaa Sanbataatti mana sagadaa kan seene Yihudoota wajjin Sanbata kabajuuf miti. (Hojii Ergamootaa 13:14; 17:1-3; 18:4) Kanaa manna, akka aadaa yeroo sanaatti barsiistonni bakka biraatii dhufan namoota waaqeffannaadhaaf walitti qabaman akka barsiisan waan affeeramaniif, Phaawulos carraa kanatti fayyadamee mana sagadaatti misiraachicha lallabeera. (Hojii Ergamootaa 13:15, 32) Phaawulos guyyaa Sanbataatti qofa utuu hin taʼin, “guyyaa guyyaadhaan” lallaba ture.—Hojii Ergamootaa 17:17.
Hubannaa dogoggoraa: Sanbanni Kiristiyaanotaa Dilbata dha.
Dhugaa jiru: Kitaabni Qulqulluun, Kiristiyaanonni guyyaa Dilbataa boqonnaa fi waaqeffannaadhaaf akka itti fayyadaman hin ajaju. Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatiif guyyaan Dilbataa akkuma guyyoota kaanii guyyaa hojii ture. Kitaabni The International Standard Bible Encyclopedia jedhamu akkan jedha: ‘Guyyaan Dilbataa akka sanbataatti ilaalamuu kan jalqabe jaarraa 4ffaa booda dha; kun kan taʼes yeroo [Mootii Roomaa Waaqayyoon hin waaqeffanne] Qosxanxinoos hojiiwwan tokko tokko guyyaa Dilbataatti hojjetamuu akka hin qabne labsetti dha.” a
Waaʼee yaadawwan guyyaan Dilbataa guyyaa addaa akka ture dubbatanii hoo maal jechuu dandeenya? Phaawulos ergamaan “guyyaa jalqabaa turban sanaatti” obboloota wajjin nyaata akka nyaate Kitaabni Qulqulluun ni dubbata; taʼus, Phaawulos guyyaa itti aanutti waan deemuuf kun taʼuun isaa waan eegamu dha. (Hojii Ergamootaa 20:7) Haaluma wal fakkaatuun, gumiiwwan tokko tokko qarshii gargaarsaaf taʼu “guyyaa jalqabaa torbaniitti” adda baasanii akka kaaʼan isaanitti himamee ture; kun garuu yaaduma gaarii itti fayyadama qarshii ilaalchisee kenname qofa dha. Buusiiwwan godhaman mana kaaʼamu malee bakka walgaʼiitti hin godhaman ture.—1 Qorontos 16:1, 2.
Hubannaa dogoggoraa: Torban torbaniin guyyaa tokko boqonnaa fi waaqeffannaadhaaf ramaduun dogoggora dha.
Dhugaa jiru: Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanni tokko kana ilaalchisee murtoo dhuunfaa gochuu akka qabu ibsa.—Roomaa 14:5.
a Dabalataan, kitaaba New Catholic Encyclopedia, Maxxansa Lammaffaa, Jildii 13, fuula 608 ilaali.