Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Ayyaana Duʼaa Kaʼuu Ilaalchisee Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Ayyaana Duʼaa Kaʼuu Ilaalchisee Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Ayyaanni Duʼaa Kaʼuu Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe miti. Waaʼee kaʼumsa isaa yoo ilaalte hiikaa dhugaa Ayyaana Duʼaa Kaʼuu jechuunis aadaa waaqeffannaa wal hormaataa bara durii irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa hubachuu dandeessa. Qabxiiwwan armaan gadii ilaali.

  1.   Maqaa: Kitaabni Encyclopædia Britannica jedhamu akkana jedha: “Maqaan Afaan Ingiliffaa Easter jedhu maddi isaa kan hin beekamne siʼa taʼu, qeesiin Angiloo Saaksan Veneraabil Beedee jedhamu jaarraa 8ffaa keessa waaqa arfaasaa Angiloo Saaksan kan taatee fi Oostiree jedhamtu irraa moggaase.” Barreeffamoonni kan biraan immoo waaqa wal hormaataa warra Fiinqee kan taate Astaartee ishii waaqa Baabilonotaa Ishtaar jedhamtu wajjin wal fakkaattu wajjin wal qabsiisu.

  2.   Illeettii: Illeettiin mallattoo wal hormaataa “sirna amantii bara durii fi mallattoo ayyaanota arfaasaa namoota Waaqayyo hin waaqeffannee fi Awurooppaa fi Giddu Galeessa Bahaa turan irraa kan dhufe dha.”—Encyclopædia Britannica.

  3.   Hanqaaquu: Barreeffamni Standard Dictionary of Folklore, Mythology and Legend jedhamuu fi Faankii fi Waagnalsiin qophaaʼe akka jedhutti carraaqqiin hanqaaquu Ayyaana Duʼaa Kaʼuu fi hanqaaquu illeettiiti jedhamee yaadamu barbaaduuf godhamu “tapha ijoollee qofa utuu hin taʼin sirna waaqeffannaa wal hormaataa bara duriitti raawwatamaa ture keessaa isa hafe dha.” Aadaawwan tokko tokko keessatti hanqaaquun Ayyaana Duʼaa Kaʼuu miidhagfame “karaa dinqii taʼeen gammachuu, badhaadhina, fayyaa fi eegumsa argamsiisuu akka dandaʼu” amanama.—Traditional Festivals.

  4.   Uffata Haaraa Ayyaana Duʼaa Kaʼuu: “Uffata haaraa utuu hin uffatin waaqa arfaasaa warra Iskaandaneeviyaa ykn Eestiree nagaa gaafachuun kabaja dhabuu akka taʼettii fi carraa gaarii hin taane akka taʼetti ilaalama.”—The Giant Book of Superstitions.

  5.   Waaqeffannaa Baha Biiftuu: Waaqeffannaan kun sirna waaqeffannaa waaqeffattoonni aduu bara duriitti raawwatan wajjin kan wal qabate siʼa taʼu, “waqtii arfaasaa yeroo halkanii fi guyyaan wal qixa taʼutti aduu fi humna guddaa aduun wantoota guddatan hundaaf jireenya haaraa fiduuf qabdu simachuuf raawwatama.”—Celebrations—The Complete Book of American Holidays.

 Kitaabni The American Book of Days jedhamu madda Ayyaana Duʼaa Kaʼuu akka gaariitti yommuu ibsu akkana jedheera: “Geggeessitoonni amantii Kiristiyaanaa jaarraa 4ffaa keessa turan aadaawwan durii namoota Waaqayyoon hin waaqeffannee fudhachuudhaan hiikaa Kiristiyaanaa akka kennaniif hin shakkisiisu.”

 Kitaabni Qulqulluun aadaawwanii fi duudhaawwan Waaqayyoon hin gammachiisne hordofnee akka isa hin waaqeffanne nu akeekkachiisa. (Maarqos 7:6-8) Qorontos Inni Lammaffaan 6:17 akkana jedha: “‘Adda of baasaa’ jedha Yihowaan, ‘wanta xuraaʼaa hin tuqinaa.’” Ayyaanni Duʼaa Kaʼuu ayyaana namoota Waaqayyoon hin waaqeffannee siʼa taʼu, warri Waaqayyoon gammachiisuu barbaadan irraa fagaachuu qabu.