Dhimma ijoo ta'etti seeni

Blue Planet Archive/Mark Conlin

QAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Akkaataa Qurxummiin Giraaniyan Jedhamtu Itti Hanqaaqxu

Akkaataa Qurxummiin Giraaniyan Jedhamtu Itti Hanqaaqxu

 Qurxummii xinnoon Kaalifoorniyaan Giraaniyan jedhamtuu fi Magaalaa Meeksikoo, U.S.A. Baajaa Kaalifoorniyaa keessatti argamtu, qarqara garba Paasfiikiitti hanqaaqxi. Qurxummiin kun, cuuconnishee balaadhaaf akka hin saaxilamneef yoomii fi eessatti hanqaaquu akka qabdu beekti.

 Mee Yaadi: Qurxummiin Giraaniyan jedhamtu kun kan hanqaaqxu, dambaliin yeroo jiini guutuun baatutti garba irratti kaʼu darbee guyyaa sadii ykn afur keessattidha. Addeessi guutuun mulʼachuu ishee dura yoo hanqaaqxe, dambalii guddaan sana booda kaʼuu fi qarqara garbaa irraa biyyoo dhiqu, hanqaaquu ishees fuudhee garbatti jalaa naqa. Haataʼu malee, kan isheen hanqaaqxu, dambaliin kun darbee, biyyoon qarqaratti walitti qabamuu jalqabee guyyoota muraasa booda waan taʼeef, hanqaaquun ishee biyyoo keessa dhokata.

Wally Skalij/Los Angeles Times via Getty Images

 Dabalataanis, kan isheen hanqaaqxu waqtii birraa fi bonaatti yeroo taʼu, waqtii kanatti dambaliin halkan uumamu isa kan guyyaa irra ni caala; kun immoo, qurxummiin kun qarqara galaanaa irraa isa yeroo kaanii caalaa fagaattee deemuudhaan iddoo dambalii guddaan itti aansee kaʼu gaʼuu hin dandeenyetti hanqaaquuf ishee gargaara.

 Qurxummiin kun hanqaaquuf hamma dambalii dheeraan uumamutti eegdi; kun immoo gara qarqara garbaatti daakuudhaan biyyootti baʼuuf ishee gargaara. Yeroo bishaanni garbatti achi deebiʼuu jalqabu, qurxummii dhaltuun kun karaa eegee isheetiin biyyoo keessa of awwaaluu jalqabdi. Achiis, hanqaaquu ishee seentiimeetira shanii hanga saddeetii gadi fageessitee erga awwaaltee booda, kormaan tokko ykn isaa ol dhufanii fartilaayizeeshinii geggeessu. Achiis qurxummittiin gara bishaaniitti naannoftee yeroo dambaliin qarqara gaʼee deebiʼu isaa wajjin gara garbaatti deebiti.

 Hanqaaquun ishee biyyoo sana keessattti kan gabbatu taʼus, cuuciiwwan akka keessaa yaaʼaniif garuu dambaliin dhufee rukutuunii qaba. Kanaaf, gara torbee lamaa booda, dambalii guddaan yeroo kaʼu, cuuciin Giraaniyan kan yaaʼan taʼus; killeewwan sun hamma dambalii inni itti aanu torbee arfaffaatti dhufutti turuu dandaʼu.

 Maarree maal sitti fakkaata? Qurxummiin giraaniyan yoomii fi eessatti hanqaaquu akka qabdu beekuu kan dandeesse jijjiirama tirannaatiinii? Moo Qaamni kana tolche jira?