Dhimma ijoo ta'etti seeni

Daawwannaa Beetel

Waajjiroota damee keenya warra Beetel jedhamanii beekaman akka daawwattu si affeerra. Waajjiroonni keenya tokko tokko agarsiisawwan daawwachiistota malee ilaalaman qabu.

Daawwannaan Deebiʼee Jalqabameera: Biyyoota hedduu keessatti Waxabajjii 1, 2023 irraa kaasee waajjiroota damee keenya deebinee daawwachiisuu jalqabneerra. Odeeffannoo dabalataa argachuuf waajjira daawwachuu barbaaddu qunnami. Maaloo Kooviid-19 yoo sirratti argame, mallattoo qufaa ykn utaalloo yoo qabaatte ykn dhiheenyatti nama Kooviid-19n qabame wajjin wal argiteetta yoo taʼe hin dhufin.

Afrikaa Kibbaa

Odeeffannoo Daawwannaa

Daawwachuuf Beellama Qabsiisi

Beellama Kee Ilaali ykn Jijjiiri

Birooshura Daawwannaa Buufadhu

Agarsiisa

Wiirtuu Daawwattootaa Gamoo Beetel. Viidiyoo seensaa wantoota Beetelitti hojjetamanii fi Beetel waaqeffannaa keenya deeggaruurratti gumaacha akkamii akka godhu argisiisu ilaalta.

Maxxansa 2​ffaa Wiirtuu Daawwattootaa. Viidiyoo faayidaa barreeffamoota afaan naannichaatiin maxxansuun qabu ibsu ilaalta. Bakki keessa dhaabbatanii ilaalan daawwattoonni maashiniin maxxansaa yeroo hojjetu ilaaluuf isaan gargaara. Agarsiisni Kitaaba Qulqulluu maqaan Waaqayyoo afaanota naannichaa tokko tokko keessatti akkamitti akka itti hojjetamaa ture argisiisa.

Maxxansa 3​ffaa Wiirtuu Daawwattootaa. Bakki keessa dhaabbatanii ilaalan naannoo barreeffamoonni ergaman itti qopheeffaman ilaaluuf si gargaara.

Odeeffannoo Dabalataa: Daawwattoonni Bakka Boqonnaa Daawwattootaa keessatti laaqanasaanii nyaachuu dandaʼu.

Teessoo fi Lakkoofsa Bilbilaa

Kallattiisaa Ilaali