Dhimma ijoo ta'etti seeni

Agarsiisa Suuraa Waarwiik 3 (Amajjiidhaa Hanga Ebla 2015)

Agarsiisa Suuraa Waarwiik 3 (Amajjiidhaa Hanga Ebla 2015)

Agarsiisa suuraa kana irratti, waajjira muummee haaraa Dhugaa Baatota Yihowaatti hojii ijaarsaa Amajjiidhaa hanga Ebla 2015tti hojjetame ilaali.

Waajjirri Waarwiikitti ijaaramaa jiru yeroo xumuramu kana fakkaata. Bitaa irraa gara mirgaatti:

  1. Gamoo Suphaa Konkolaataa

  2. Bakka Konkolaataan Daawwattootaa Dhaabatu

  3. Gamoo Suphaa/Iddoo Jiraattonni Konkolaataa Isaanii Dhaaban

  4. Bakka Jireenyaa B

  5. Bakka Jireenyaa D

  6. Bakka Jireenyaa C

  7. Bakka Jireenyaa A

  8. Waajjiraalee/Gamoowwan Tajaajila Garaa Garaa

Amajjii 2, 2015—Gamoo Suphaa Konkolaataa

Haarald Koorkarn inni gargaaraa koree maxxansaa Qaama Ol Aanaa taʼe, haasaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi “Hamma Dandeettii Keessanii Hojjedhaa” jedhu dhiheessaa jira. Obboloonni hojjettoota jajjabeessuudhaaf yeroo yerootti gara Waarwiik deemanii haasaa kennu.

Amajjii 14, 2015—Waajjiraalee/Gamoowwan Tajaajila Garaa Garaa

Sharaa adiin kun hojjettoota kan golboobu siʼa taʼu, yeroo Gannaatti hojii isaanii akka itti fufan isaan gargaara. Gamoon kun kutaa nyaataa, kiliinikaa fi iddoo itti uffata miican kan qabate dha.

Amajjii 16, 2015—Bakka Jireenyaa D

Hojjettoota elektiriikii, shiboo diriirsuuf qophaaʼaa jiran. Hanga ammaatti shiboon gara meetira 12,000 taʼu gamoowwan bakka jireenyaa keessa diriirfameera. Hojiin elektiriikii Waarwiik keessatti kan jalqabe akkuma iddoon kun bitameen siʼa taʼu, hamma hojiin ijaarsaa kun xumuramutti itti fufa.

Amajjii 16, 2015—Bakka Jireenyaa A

Hojjetaan tokko meeshaa bishaanni akka keessa hin seenne godhu itti maxxansuun akka dandaʼamuuf pilaasteerii cimaa barandaa irratti maxxansaa jira. Barandaawwan darbii isa gubbaa irra jiran, meeshaa polymethyl methacrylate (PMMA) jedhamuu fi bishaanni akka hin seenne dhorkuu fi akka salphaatti bifa dhangalaʼaadhaan hojjetamuun dibamaniiru.

Amajjii 23, 2015—Bakka Jireenyaa A

Abbaan tokkoo fi intalli isaa shiboo humna elektiriikii tokkoon tokkoon bakka jireenyaatiif raabsu diriirsaa jiru.

Guraandhala 6, 2015—Gamoo Suphaa Konkolaataa

Hojjettoonni beelaʼan iddoo nyaataa yeroodhaaf qophaaʼetti nyaata nyaachaa jiru. Guyyaa guyyaadhaan laaqanni namoota 2,000 ol taʼaniif dhihaata.

Guraandhala 12, 2015—Gamoo Suphaa/Iddoo Jiraattonni Konkolaataa Isaanii Dhaaban

Gareen hojii sibiilaa hojjetu lafa kutaa suphaatiif feerroo diriirsaa jiru.

Guraandhala 12, 2015—Bakka Jireenyaa C

Xalayaa ijoolleen dinqisiifannaa isaanii ibsuuf hojjettoota ijaarsaatiif ergan. Warri fedhiidhaan of dhiheessan hedduun kan as turan yeroo muraasaafi dha. Kan nama dinqisiisu, torban torbaniin hojjettoota haaraa gara 500 taʼantu dhufa. Jiʼa Guraandhalaatti, hojjettoota gara 2,500 taʼantu guyyaa guyyaatti hojii ijaarsaa Waarwiik kana irratti hirmaachaa ture.

Guraandhala 24, 2015—Iddoo ijaarsaa Waarwiik

Hojiin ijaarsaa kun yeroo ammaatti dhibbeentaa 60 irra gaʼeera. Amajjiidhaa hanga Ebla 2015 gidduutti, hojiin ijaarsaa bakkawwan jireenyaa buʼuura isaa olitti hojjetamuu fi buʼuurri Waajjiraalee/Gamoowwan Tajaajila Garaa Garaa xumurameera. Yeroo sanatti, Gamoo Suphaa irratti utubaawwan simmintoodhaan guutaman ijaaruunii fi daandii bakkawwan jireenyaa wal qunnamsiisu ijaaruun jalqabameera; akkasumas, hojiin hidha haroo Isterliing Foorest Leek (Biluu Leek) jajjabeessuu jalqabamee ture.

Guraandhala 25, 2015—Waajjiraalee/Gamoowwan Tajaajila Garaa Garaa

Masaraan yaabbannoo asii ol yeroo ilaalamu. Koontiraaktaroonni qacaraman masaraa yaabbannoo darbii shan qabu kana kan ijaaran siʼa taʼu, Dhugaa Baatonni fedhiidhaan of dhiheessan immoo simmintoo itti guutaniiru.

Guraandhala 26, 2015—Gamoo Suphaa/Iddoo Jiraattonni Konkolaataa Isaanii Dhaaban

Guyyaa qorraa kanatti, gareen hojjettootaa lafa darbii tokkoffaaf feerroo diriirsaa jiru. Jiʼa Amajjii fi Bitootessa gidduuti cabbii ol kaʼiinsi isaa gara seentiimeetira 127 taʼutu Waarwiik irratti buʼe. Gareen hojjettoota cabbii qulqulleessuu naannoo ijaarsaa kana qulqulleessaa kan turan siʼa taʼu, buufanni hoʼaa immoo hojjettootaaf hoʼa kenna.

Bitootessa 12, 2015—Bakka Konkolaataan Daawwattootaa Dhaabatu

Qorqorroowwan baattuu dursee iddoo biraatti qophaaʼe irratti qabsiifamaniiru. Dhuma Eblaa irratti, baaxiiwwan rog sadee bakkawwan jireenyaatiif qophaaʼan hedduun xumuramanii iddoo isaanii irratti hidhamaniiru. Baaxiiwwan hafan jiʼa Waxabajjiitti Bakka Jireenyaa B irratti hidhamaniiru.

Bitootessa 18, 2015—Gamoo Suphaa/Iddoo Jiraattonni Konkolaataa Isaanii Dhaaban

Bakki Jireenyaa B kireenii irraa asii gadi yeroo ilaalamu.

Bitootessa 18, 2015—Gamoo Suphaa/Iddoo Jiraattonni Konkolaataa Isaanii Dhaaban

Ogeeyyiin hojii bishaanii iddoo Suphaa Konkolaataa Bakka Jiraattonni Konkolaataa Isaanii Dhaaban jirutti pilaanii yeroo ilaalan. Guutummaa hojichaatiif pilaaniiwwan ijaarsaa 3,400 ol taʼanii fi raggaasifaman ni barbaachisu.

Bitootessa 23, 2015—Waajjiraalee/Gamoowwan Tajaajila Garaa Garaa

Hojjetoota kireenii irra dhaabatanii sharaa gamichaaf ittisa taʼu diriirsaa jiran. Leenjiiwwan hedduun kennamuun isaanii namoonni kireenotaa fi maashinoota kaanitti karaa balaa hin geessisneen akka fayyadaman isaan dandeessisaniiru. Itti fayyadama kireeniiwwan gosa garaa garaa, qajeelfama waliigalaa, itti fayyadama meeshaa arganuuf gargaaruu, meeshaa miʼa olii fi gad deddeebisuu fi nama kireenii toʼatuuf ergaa dabarsuu ilaalchisee barumsawwan of eeggannoo ni kennamu.

Bitootessa 30, 2015—Iddoo ijaarsaa Waarwiik

Gamoowwan bakka jireenyaa gara kallattii dhihaatti yommuu ilaalaman. Akkuma suuraa kana irratti mulʼatu, dhuma jiʼa Eblaatti hojiin ijaarsaa fi elektiriikii Bakka Jireenyaa A, B, fi D balʼinaan hojjetamaa ture. Bakka Jireenyaa C irratti (suuraa kana irratti hin mulʼatu) hojiin keenyanii, hojiin lafa isaa bareechuu fi halluu dibuu jalqabameera.

Ebla 15, 2015—Bakka Jireenyaa B

Hojjettoonni lama liiftii irra dhaabatanii wanta vapor-permeable air barrier jedhamu ala keenyaniitti dibaa jiru. Wanta kana gamoowwan bakka jireenyaa hundatti dibuun gara jiʼa lamaa fudhata.

Ebla 27, 2015—Waajjiraalee/Gamoowwan Tajaajila Garaa Garaa

Ginbanyoota dhagaadhaan keenyan ijaaraa jiran. Kutaan gamoo kanaa kun bakka miʼawwan feʼamanii dhufan itti harcaafamanii fi tajaajiloonni kanaa wajjin wal qabatan garaa garaa itti kennaman kan qabate dha.

Ebla 30, 2015—Iddoo ijaarsaa Waarwiik

Ogeessa bishaan daakaa qacaramee ujummoo moofaa haroo Biluu Leek keessatti argamu ujummoo haaraadhaan geddaraa jiru. Meeshaa xinnoo tokko harkaan tuquudhaan qofa, yeroo obomboleettiin kaʼu balaa hambisuun akka dandaʼamutti bishaan haroo kanaa hirʼisuun ni dandaʼama.