Dhimma ijoo ta'etti seeni

Eebba Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giilʼaad Kutaa 137ffaa

Eebba Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giilʼaad Kutaa 137ffaa

Fulbaana 13, 2014tti barattoonni Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giilʼaad kutaa 137ffaan wiirtuu barnootaa Dhugaa Baatota Yihowaa Paatarsan, magaalaa Niiwu Yoorkitti argamutti eebbifamaniiru. Manni barumsaa kun caalaatti akka isaan gumiiwwanii fi waajjiraalee damee iddoo itti ramadamanitti argaman gargaaran, tajaajiltoota Dhugaa Baatota Yihowaa taʼanii fi muuxannoo qaban leenjisa. Warra qaamaan wiirtuu barnootaa Dhugaa Baatota Yihowaa Paatarsan, Niiwu Yoorkitti argamutti argaman dabalatee, viidiyoo Intarneetiidhaan darbuun kallattiidhaan, Kaanaadaa, Jaamaayikaa, Porto Riikoo fi Yunaayitid Isteetis taaʼanii walumatti namoonni 12,333 taʼan qophii eebbaa kana hordofaniiru.

Miseensa Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa kan taʼe Saamuʼel Hardi duraa taaʼaa sagantaa kanaa ture. Yaanni Yihowaa yaada keenya hammam akka caalu ibsuudhaan haasaa isaa jalqabe. (Isaayaas 55:​8, 9) Barattoonni Giilʼaad jiʼa shaniif yaada Waaqayyoo barachuu dandaʼanis, waaʼee Yihowaa wanti hedduun akka isaan hafuu fi kan isaan baratan “fiixee hojii isaa” akka taʼe dubbate. (Iyoob 26:14) Obboleessi keenya Saamuʼel Hardi yaada Waaqayyoo beekuudhaaf yeroo hunda akka walitti qabamnuu fi sagantaan eebbaa kunis adda akka hin taane dubbate.

“Iji hojii hafuura . . . Obsa” dha. (Galaatiyaa 5:​22) Miseensa Koree Waajjira Damee Yunaayitid Isteetis kan taʼe Joon Laarsan karaawwan lamaan obsa isa ija hojii hafuuraa keessaa tokko taʼe itti argisiisuu dandeenyu ibse. Tokkoffaa, yeroo Yihowaan nu leenjisuu fi amantiidhaan akka jabaannu nu gargaarutti obsuu qabna. (1 Phexros 5:​10) Abrahaam yeroo Yihowaan isa leenjisettii fi waadaa isaaf seene galmaan gaʼetti obsuudhaan fakkeenya nuuf taʼeera.​—Ibroota 6:​15.

Lammaffaa, ofitti obsa argisiisuu qabna. Barattoonni erga Giilʼaaditti leenjii isaanii argatanii booda waan baayʼee of irraa eegu dandaʼu. Bakka itti ramadaman akkuma gaʼaniin yeruma sana jijjiiramni hin jiru taanaan, ‘Maalan taʼe?’ jedhanii of gaafachuu jalqabu. Obboleessi keenya Joon Laarsan muuxannoo isaa irratti hundaaʼuudhaan, ofitti obsa argisiisuu fi Waaqayyoo akka galmaan gaʼu yaadachaa jabinaan hojjechuudhaan rakkinoota isaan mudatan moʼuu akka dandaʼan isaaniif mirkaneesse.​—Ibroota 6:​11, 12.

‘Garaan Keessan Gadi Of Deebisuudhaan Barabaraaf Haa Jiraatu!’ Miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe Antoonii Mooris jechoota dhumaa Faarfannaa 22:26 irratti argamanii fi jechaa jechatti yeroo hiikaman, hiika “onneen keessan bara baraaf haa jiraatu” jedhu qaban irratti hundaaʼee haasaa dhiheesse. Eebba kana argachuuf gadi of deebisuu qabna. Obboleessi keenya Antoonii Mooris Yihowaan akka nutti fayyadamu yoo barbaanne gadi of deebisuu akka qabnu dubbate. Kiristiyaanota yeroo dheeraa turre dabalatee, hundi keenya iyyuu, Kiristosiin fakkaachuun hammam barbaachisaa akka taʼe hubachuu dhiisuu dandeenya.​—2 Phexros 1:9.

Caaffanni Qulqullaaʼoon fakkeenya namoota gadi of deebisanii fi gadi of hin deebifnee hedduu qabataniiru. Herodis Agriiphaan ulfina Waaqayyoof qofa taʼuu qabu of tuulummaadhaan yeroo fudhatetti ergamaan Waaqayyoo kan isa ajjeese yommuu taʼu, “raammaʼee” ture. (Hojii Ergamootaa 12:21-​23) Faallaa kanaatiin garuu Phexros yeroo Yesus “kan namootaa malee kan Waaqayyoo hin yaaddu,” jechuudhaan isa ifatetti hin mufanne ykn hin aarre. (Maatewos 16:21-​23) Adaba isaaf kenname fudhachuudhaan gadi of deebisuu irratti fakkeenya taʼeera.​—1 Phexros 5:5.

Barattoota keessaa tokko tokko waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaatti ramadamu; kanaafuu obboleessi keenya Antoonii Mooris gadi of hin deebisan taanaan ramaddii isaaniitti akka gaddan isaan akeekkachiise. Haataʼu malee, namni tokko akka gadi of hin deebisne ofii isaatii beekuu hin dandaʼu. Yaada isaa cuunfaatti kaaʼuudhaaf, waggoota hedduu dura jaarsi gumii tokko amala gadi of deebisuu akka hin qabne yommuu gorfamu, “Nama baayʼee gadi of deebisu akkan taʼe ani beeka” jechuudhaan gara waajjira dameetti akka barreesse dubbate. Obboleessi keenya Antoonii Mooris barattoonni ilaalcha akkasii akka hin keessummeessine isaan jajjabeesse. Aangoo qaban ol kaasanii ilaaluu dhiisuudhaan, aangoo dhugaa kan qabu Yihowaa fi Yesus Kiristos taʼuu isaanii yoo beekan kan gadi of deebisan taʼanii itti fufuu dandaʼu.

“Hafuuricha ‘safara malee kenna.’” (Yohannis 3:​34) Barsiisaa Giilʼaad kan taʼe Maayikil Barnet bakka itti ramadamanitti rakkinaa fi shakkii isaan mudatu moʼuuf hafuurri qulqulluun akka isaan gargaaru barattoota yaadachiise. Hafuurri Waaqayyoo Bazaaliʼel itti gaafatamummaa godoo qulqullummaa wajjin wal qabatee fi isaaf kenname akka baʼu isa gargaareera. (Baʼuu 35:30-​35) Hafuurri qulqulluun hojii harkaa Bazaaliʼel hojjechuu dandaʼu isaaf guddisuu qofa utuu hin taʼin, akka inni warra kaan barsiisuus isa dandeessiseera. Barattoonni Giilʼaad irraa eebbifamanis, keessumaa akka Macaafni Qulqulluu jedhutti yoo barsiisan hafuurri qulqulluunis isaaniinis akka gargaaru kutaa keessatti barataniiru.

Dubartoonni bara Bazaaliʼel turanis godoo qulqullummaa ijaaruu irratti shoora ol aanaa taphataniiru. (Baʼuu 35:25, 26) Haaluma wal fakkaatuun, obboleettonni kutaa kana keessatti baratanis abbootii manaa isaanii gargaaruudhaan “ogeessota” taʼuu dandaʼu. Obboleessi keenya Maayikil Barnet, “Dandeettii uumamaa keessan amala gadi of deebisuu argisiisuu fi ajajamuudhaan toʼadhaa. Yoo akkas gootan Yihowaan hafuura isaa baayʼisee isiniif kenna” jechuudhaan barattoota gorsee haasaa isaa xumure.

Naa Wajjin Ni Sirbituu?” Gargaaraa Koree Barumsaa kan taʼe Maark Nuumar, wanta Daawit yeroo saanduqni kakuu gara Yerusaalem dhufe godhe irratti hundaaʼuudhaan haasaa isaa dhiheesse. (2 Saamuʼel 6:​12-​14) Yeroo saanduqni kakuu dhufetti Daawit “xomboreewwan hojjetoota isaa duratti” gammachuudhaan sirbeera. (2 Saamuʼel 6:​20-​22) Xomboreewwan kun guyyaa Daawit Mootichi isaanii wajjin itti sirbe kana yoom iyyuu hin irraanfatan. Achiis obboleessi keenya Maark Nuumar xomboreewwanii wajjin akka sirban isaan jajjabeesse. Akkas jedhee isaan gaafate: “Warra itti gaafatamummaa xinnoo qaban ykn tasumaa hin qabne gargaaruudhaan ni beekamtuu laata? . . . Warri kaan amala gaarii waan qabaniif iddoo guddaa isaaniif ni kennituu?”

Eebbifamtoonni jaalala amanamaa argisiisuu isaanii yoo itti fufan fakkeenya Yihowaa hordofuu dandaʼu. (Faarfannaa 113:​6, 7) Namoonni naannoo isaanii jiran kaan gadi of hin deebisan yoo taʼe illee, warri kaan mudaa qabaachuun isaanii isaan irratti dhiibaa akka geessisu heyyamuu hin qaban. Obboleessi keenya Maark Nuumar, “Faayidaa akka hin qabnetti of ilaalaa” kan jedhe siʼa taʼu, itti dabalees “hoolota Yihowaa akkaataa inni itti qabutti qabaa” jedheera.

“Haala Hundumaa Keessatti Lallabuu.” Ilaaltuu ol aanaa Dippaartimantii Manneen Barumsaa Tiʼookraasii kan taʼe Wiiliyaam Saamuʼelsan, Phaawulos ergamaa isa carraa argate hundumaatti misiraachicha lallabuuf itti fayyadamu caqase. (Hojii Ergamootaa 17:17) Obboleessi keenya Wiiliyaam Saamuʼelsan hojiin argisiisni muuxannoo barattoonni Giilʼaad yeroo barumsa irra turan argatan argisiisu akka dhihaatu godhe. Fakkeenyaaf, hiriyoonni gaaʼelaa tokko iddoo itti wanti nyaataa gurguramutti daldaltuu tokko argatan. Maamiltoonni ishee hanga deemanitti erga eeganii booda viidiyoo Macaafa Qulqulluu Qayyabachuu Kan Qabnu Maaliifi? jedhamu itti argisiisan. Akkasumas afaan ishee Laaʼoshiyaaniin akka isheen odeeffannoo argattuuf jw.org itti argisiisan. Hiriyoonni gaaʼelaa kun deebiʼanii deemuudhaan fedhii dubartii kanaa isheedhaaf guddisuu dandaʼaniiru.

“Tajaajila Mootummichaa Keessatti Hojjechuu Keessan Itti Fufaa.” Wiiliyaam Noonkes inni waajjira Damee Yunaayitid Isteetis keessatti Dippaartimantii Tajaajilaa keessaa hojjetu barattoota Giilʼaad afuriif gaafannoo godhe. Akkuma Isaayaas 6:8 irratti ibsametti tajaajila Mootummichaatiif of dhiheessaniiru; taʼus manni barumsichaa caalaatti akka isaan hojjetaniif isaan qopheesseera. Obboleettiin keenya Sinooliyaa Maaseekoo Giilʼaad wanta isheen fooyyessuu qabdu, keessumaa immoo guyyaa guutuu tajaajilaa ooltus yeroo isheetti ogummaadhaan fayyadamuu akka qabdu akka ishee hubachiise ibsite. “Leenjiin kun wantan nan hojjedha jedhee yaade caalaa akkan hojjedhu na kakaaseera” jetteetti. Obboleessi keenya Deenis Neelsan yaanni Sefaaniyaa 3:​17 irratti argamu tajaajila irratti akka inni abdii hin kutanne isa gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe barateera. Obboleessi keenya Neelsan akkas jedheera: “Tajaajila irratti utuun hirmaadhuu buʼaan argadhu garuu gaarii miti yoo taʼe, Yihowaan akka gammadaa jiru yaadachuudhaan anis akkuma isaa gochuun qaba.”

“Simbirroota qilleensa keessa balaliʼan ilaalaa.” (Maatewos 6:​26) Miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe Isteefan Leet haasaa ijoo eebba kanaa dhiheesse. Barumsa Yesus isa ‘simbirroota ilaalaa’ ykn akka gaariitti qoradhaa jedhu irratti hundaaʼuudhaan barumsawwan hedduu isaan nu barsiisuu dandaʼan ibse.​—Iyoob 12:7.

Fakkeenyaaf, Yihowaan akkuma simbirroota sooru nuufis wanta nu barbaachisu nuu kenna. Nuti ‘warra mana Waaqayyoo keessa jirru,’ waan taaneef akka ‘nuu yaadu’ nuu mirkaneesseera. (1 Ximotewos 3:​15; 5:8) Nutis gahee keenya raawwachuu akka qabnu beekamaa dha. Akkuma simbirroonni soorata Waaqayyo isaaniif kenne argachuuf barbaaddachuu qaban, nutis eebba Waaqayyoo argachuudhaaf ‘Mootummicha barbaaduu’ keenya itti fufuu qabna.​—Maatewos 6:​33.

Obboleessi keenya Isteefan Leet simbirroonni baayʼeen yeroo balaan tokko akka jiru hubatanitti wacuudhaan akeekkachiisa akka kennan dubbate. Haaluma wal fakkaatuun, nutis fakkeenyaaf yeroo obboleessi tokko, ‘utuu itti hin yaadin cubbuutti kufu’ akeekkachiisa isaaf kennina. (Galaatiyaa 6:1) Karaa lallaba keenyaa immoo “guyyaan Waaqayyoo” dhihaachuu isaa beeksisuudhaan namoota akeekkachiisna. (Sefaaniyaa 1:​14) Obboleessi keenya Isteefan Leet fakkeenya gara biraa, jechuunis simbirroota gaarota gurguddaa irraan balaliʼuudhaan godaanan caqasuudhaan, gargaarsa Yihowaatiin rakkina keessa darbuun waan hin dandaʼamne fakkaatu moʼuu akka dandeenyu ibse.​—Maatewos 17:20.

Xumura. Eebbifamtoota keessaa inni tokko xalayaa galataa kutichi barreesse erga dubbisee booda barattoonni waraqaa ragaa isaanii fudhatan. Obboleessi keenya Saamuʼel Hardi xumura irratti yaada Yihowaa garaa keenyatti fudhachuu sibiila qara qabuu fi karaa baaburaa irratti rukutamuu wajjin wal bira qabee ibse. Sibiila kana itti seensisuuf siʼa baayʼee rukutuutu barbaachisa. Haaluma wal fakkaatuun, eebbifamtoonni kun wanta Giilʼaaditti baratan yaadachuu isaanii itti fufuu qabu. Obboleessi keenya Saamuʼel Hardi “Rukuttanii garaa keessan keessa galchuudhaaf yeroo ramadaa” jedhe. Itti dabalees, “Yaada Waaqayyoo hordofaa, taanaan eebba taatu” jedheera.