Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bilbila Uummataatti Fayyadamanii Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Geggeessuu

Bilbila Uummataatti Fayyadamanii Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Geggeessuu

 Daayaan Dhugaa Baatota Yihowaa Biraaziil keessa jiraatanii fi tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaatan keessaa tokkodha. Gaaf tokko bilbilaan ergaa Kitaaba Qulqulluu utuu lallabaa jirtuu, hiriyoota gaaʼelaa dargaggoota taʼanii fi fedhi argisiisanii wajjin wal argite. Hiriyoonni gaaʼelaa kun naannoo baadiyyaa ibsaa ykn Intarneetii hin qabne jiraachuuf deemuuf akka jedhan ishiitti himan. Kana malees, naannoo sana Dhugaa Baatonni Yihowaa hin jiran. Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼachuu isaanii itti fufuuf, lakkoofsa bilbila uummataa naannoo isaanii jiru Daayaaniif kennan; isaan keessaa namni sadii guyyaa fi yeroo isaaniif mijatutti ishii wajjin mariʼachuuf walii galan.

 Yeroo mariʼachuuf walii galanitti Daayaan bilbila uummataa sana irratti bilbilte; achiis hiriyoota gaaʼelaa sana argatte! Torban lamaan itti aanuuf siʼa sadii bilbilaan Daayaanii wajjin mariʼatan.

 Sana booda garuu hiriyoota gaaʼelaa sana yeroo bilbiltu argachuu hin dandeenya. Daayaan torbanitti siʼa sadii bilbila uummataa sana irratti bilbiluu ishii hin dhiisne; nama bilbila ishiidhaaf kaase wajjin mariʼachuu ishii itti fufte. Kanaan kan kaʼes, namoota naannoo sanaa hedduu qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu dandeessetti.

 Gaaf tokko, Daayaanii fi abbaan manaa ishii bilbila uummataatiin dargaggeessa tokko Kitaaba Qulqulluu yommuu qoʼachiisan namni geggeessaa amantaa waldaa naannoo sanaa taʼe maree isaanii dhagaʼe. Maree isaanii sirriitti dhaggeeffachuuf dhufee dargaggeessa qoʼatu sana bira dhaabate. Achiis geggeessaan amantaa waldaa sun Daayaanii fi abbaa manaa ishii wajjin dubbachuuf gaafate. Wanta dhagaʼetti baayʼee waan gammadeef innis Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu akka barbaadu isaanitti hime!

 Yeroo booda, Daayaanii fi abbaan manaa ishii nama geggeessaa amantaa waldaa naannoo sanaa taʼe sana dabalatee, naannoo fagootti bilbilaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jaʼa geggeessuu dandaʼaniiru. Namoota qoʼatan keessaa lama bilbiluma uummataa sanatti fayyadamanii walgaʼii Kiristiyaanaa irratti argamuu jalqabaniiru. Isaan keessaa tokko namoonni qoʼatan sun yeroo qoʼatanitti taaʼuu akka dandaʼaniif barcuma hojjeteera.

 Daayaanii fi abbaan manaa ishii ergaa Mootummichaa naannoo fagoo kanaatiin gaʼuuf carraa argachuu isaaniitti guddaa galateeffatu. Daayaan, “Namoonni naannoo fagoo kan jiraatan taʼu illee, Yihowaan namni kam iyyuu misiraachicha akka dhagaʼuuf qophii gochuu dandaʼa” jetteetti.