Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Bulgaariyaatti
Dhugaa Baatonni Yihowaa Bulgaariyaa jiran dhugaa waaʼee Waaqayyoo fi dubbii isaa ibsu warra kaan barsiisaa jiru. Hojii kana isaan gargaaruuf bara 2000 kaasee biyyoota kan biroo irraa Dhugaa Baatonni dhibbaan lakkaaʼaman Bulgaariyaa deemaniiru. Biyya alaa deemanii tajaajiluun rakkina akkamii qaba? Biyya alaa deemanii tajaajiluun kan nama kiisu maaliifi? Mee yaada obboloonni Bulgaariyaa deeman tokko tokko dubbatan haa ilaallu.
Galma Baafachuu
Daareen inni Ingilaandii jiraatu akkas jedheera: “Biyya alaa bakka gargaarsi caalaatti barbaachisu deemnee tajaajiluun yeroo hundumaa galma keenya ture. Ergan Dooniin fuudhee booda afaan Raashiyaadhaan Kitaaba Qulqulluu barsiisuu irratti gargaarsa gochuuf gara Landan deemne. Biyya alaa deemuuf yeroo tokko tokko galma baafannee kan ture taʼus, sababa garagaraatiin nuuf hin milkoofne. Kanaafuu, abdii kutachuuf jenne kan turre taʼus, michuun keenya tokko haalli keenya akka jijjiiramee fi galma keenya irra gaʼu akka dandeenyu akka hubannu nu gargaare.” Daareenii fi Doon biyya barsiistonni Kitaaba Qulqulluu caalaatti barbaachisanii fi dhaqanii gargaaruu dandaʼan barbaaduu jalqaban. Kanaafuu bara 2011 Bulgaariyaa deeman.
Gammachuun namoonni biyya alaa deemanii tajaajilan argatan namoota biyya alaa deemanii tajaajiluuf duraan galma hin qabne tokko tokko jajjabeesseera. Jaadaa ishiin abbaa manaa ishii Lukaa wajjin Xaaliyaanii jiraattu akkas jetteetti: “Dhugaa Baatota hinaaffaa qabanii fi gammachuudhaan Ameerikaa Kibbaa fi Afriikaatti tajaajilaa jiranii wajjinan wal bare. Gammachuun isaan qabanii fi muuxannoon isaan natti himan baayʼee na xuqe. Kun galma hafuuraa ani qabu sirreessuuf na gargaareera.”
Toomaashii fi Veeroonikaan ijoollee isaanii klaaraa fi Maatiʼashii wajjin bara 2015 Cheek Rippuubliikitii gara Bulgaariyaa deeman. Bulgaariyaa akka deeman maaltu isaan kakaase? Toomaash akkas jedheera: “Firoottan keenya dabalatee fakkeenya namoota biyya alaa deemanii irratti yaannee, akkasumas muuxannoo isaanii tokko tokko irratti xiinxalle. Kanaan kan kaʼes, gammachuun isaanii kan nu xuqe siʼa taʼu, manattis maatiidhaan irratti haasofne.” Miseensonni maatii kanaa gammadoo taʼan yeroo ammaatti naannoo tajaajilaa isaanii isa haaraa magaalaa Bulgaariyaa, Moontaanaa jedhamu keessatti argamutti tajaajilaa jiru.
Dhugaa Baatuu kan biraan Bulgaariyaa deemte immoo Liindaa jedhamti. Akkas jetteetti: “Waggoota hedduu dura Ikuwaadoriin kanan daawwadhe siʼa taʼu, namoota lallabuuf jecha achi deeman tokko tokkoo wajjinan wal bare. Kun, anis guyyaa tokko bakka gargaarsi caalaatti barbaachisu deemee tajaajiluu nan dandaʼa jedhee akkan yaadu na taasise.” Hiriyoonni gaaʼelaa Peterii fi Naadiyaa jedhamanii fi Fiinlaandii dhufanis fakkeenya warra kaanii irratti xiinxalaniiru. Akkas jedhaniiru: “Gumii keenya isa duraanii keessa babalʼistoonni muuxannoo qabanii fi warra kaan karaa hafuuraa gargaaruuf bakka kan biraa deemanii turan jiru turan. Isaan waaʼee waggoota hedduu tajaajila kana irratti dabarsanii yeroo hundumaa gammachuudhaan dubbatu turan. Yeroon kun jireenya keenya keessatti yeroo baayʼee gammachiisaa taʼe dha jedhu turan.”
Dursanii Karoorfachuu
Warri biyya alaatti tajaajiluu barbaadan karoora gaarii baafachuun isaanii baayʼee barbaachisaadha. (Luqaas 14:28-30) Nelee ishiin Beeljiyamii dhufte wanta yaadattu yommuu dubbattu akkas jetteetti: “Waaʼee biyya kan biraa deemanii tajaajiluu yommuun sirriitti irratti yaadu jalqabe nan kadhadhe, akkasumas barreeffamoota keenya irraa mata dureewwan waaʼee biyya alaa deemanii tajaajiluu ibsan barbaaduun jalqabe. Barreeffamoota kana nan qoʼadhe, akkasumas wantootan irratti hojjechuu qabu adda baasuufan yaale.”
Kiristiyaanii fi Irmiinaan warri Poolaanditii dhufan waggaa sagalii oliif Bulgaariyaa jiraataniiru. Gara Bulgaariyaa dhufuu isaanii dura Poolaanditti tuuta afaan Bulgaariyaatiin geggeeffamu irratti hirmaachuun isaanii baayʼee akka isaan gargaaree hubataniiru. Tuutni kun isaan jajjabeessaniiru, afaanicha akka baratanis isaan gargaaraniiru. Kiristiyaanii fi Irmiinaan akkas jedhaniiru: “Of dhiheessuu fi Yihowaan akkamitti wantoota nu barbaachisan akka nuu guutu arguun baayʼee akka nama gammachiisu hubanneerra. Fedhiidhaan ‘Kunoo ani jira! Ana ergi!’ yommuu Yihowaadhaan jettan wanta hin dandaʼama jettanii hin yaanne raawwattu.”—Isaayyaas 6:8.
Hiriyoonni gaaʼelaa Retoo fi Korneliyaa jedhamanii fi Siwiizarlaanditii dhufan qophaaʼuu fi qarshii walitti qabachuuf jireenya salphaa jiraachuuf murteessan. Akkas jedhaniiru: “Gara Bulgaariyaa dhufuu keenya waggaa tokko dura biyyicha ilaalchisee caalaatti hubannaa sirrii argachuuf torban tokkoof achi deemnee turre. Achitti misiyoonota muuxannoo qabanii fi gorsa qabatamaa nu kennanii wajjin haasofne.” Retoo fi Korneliyaan yaada isaaniif kenname hojii irra kan oolchan siʼa taʼu, amma Bulgaariyaa erga deemanii waggaa 20 ol taʼeera.
Rakkina Dandamachuu
Namoonni biyya alaa deeman haala haaraa, tarii immoo rakkisaa taʼetti baruu qabu. (Hojii Ergamootaa 16:9, 10; 1 Qorontos 9:19-23) Namoota hedduudhaaf rakkinni guddaan afaan haaraa barachuu dha. Lukaa inni olitti ibsame akkas jedheera: “Walgaʼii Kiristiyaanaa irratti yeroo hundumaa yaada garaa dha madde kennuu baayʼee jaallanna turre. Booda garuu afaan Bulgaariyaatiin yaada salphaa kennuuf qophaaʼuun illee anaa fi haadha manaa koof ulfaataa taʼe. Akkuma waan deebiʼanii ijoollee taʼuu ture. Dhugaa dubbachuuf yaadni ijoolleen afaanicha dandaʼan kennan kan keenya irra baayʼee wayya ture.”
Raaviil inni Jarmanii dhufe akkas jedheera: “Afaan barachuun dadhabsiisaa dha. Taʼus, ‘dogoggora yommuun raawwadhu kolfee bira darbuu’ akkan qabu yeroo hundumaan yaada ture. Haalawwan kana akka rakkinaatti utuu hin taʼin, akka kutaa tajaajila qulqulluu Yihowaaf dhiheessuuttan ilaala.”
Liindaa ishiin olitti ibsamte akkas jettetti: “Afaan haaraa dafee barachuun natti ulfaata. Afaan Bulgaariyaa barachuun salphaa miti, yeroo baayʼee abdii kutachuuf jedheen ture. Namootaa wajjin haasaʼuu hin dandeessu yoo taʼee fi wanta isaan dubbatan hin hubattu yoo taʼee kophummaan sitti dhagaʼama. Karaa hafuuraa dammaqaa taʼuuf wanta hundumaa afaan Siwiidishiitiin nan qoʼadha. Dhuma irratti gargaarsa obbolootaa fi obboleettonni koo jaalatamoon naaf godhaniin rakkina gama afaaniitiin na mudate mooʼuu dandaʼeera.”
Rakkinni kan biraan nu mudachuu dandaʼu immoo biyya keenya yaaduu dha. Namoonni biyya biraa deeman firoottanii fi michoota isaanii irraa addaan baʼu. Ivaa ishiin abbaa manaa ishii Yaanis wajjin Bulgaariyaa dhaqxe akkas jettetti: “Jalqaba kophummaan natti dhagaʼaamee ture. Haala kana dandamachuuf michootaa fi maatii keenya wajjin dhaabbataadhaan wal gaafanna, akkasumas asitti michoota haaraa horanneerra.”
Rakkinni kan biraanis jira. Robartii fi Liyaanaa warri Siwiizarlaandidhaa dhufan akkas jedhaniiru: “Afaanii fi aadaan nuuf rakkina guddaa ture. Kana malees, ganna baayʼee qorraa bakka kana jiruuf hin qophoofne turre.” Haa taʼu malee, ilaalcha gaarii qabaachuu fi taphachuun isaanii hiriyoonni gaaʼelaa kun amanamummaadhaan waggaa 14f Bulgaariyaatti akka tajaajilan gargaareera.
Eebbawwan
Liilliin naannoo gargaarsi barbaachisutti lallabuu baayʼee jajjabeessiti. Akkas jetteetti: “Gargaarsa Yihowaa karaa adda taʼeen argadheera. Tarii biyya kootti gargaarsa addaa kana argachuu dhiisuu nan dandaʼa. Warra kaan gargaaruuf hojii hedduun hojjedha, kunis karaa hafuuraa guddachuu fi gammachuu argachuuf na gargaareera.” Abbaan manaa ishii Raaviilis, kana irratti walii gala. Akkas jedheera: “Kun jireenya hunda irra caaluu dha, Kiristiyaanota hinaaffaa qabanii fi biyyoota gara garaatii dhufan, akkasumas dhugaa Kitaaba Qulqulluu barsiisuu irratti muuxannoo qabanii wajjin wal baruuf carraa nuu baneera. Isaan irraa wanta baayʼee baradheera.”
Namoonni hedduun fedhiidhaan of dhiheessuun isaanii “misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti” akka lallabamu taasiseera. (Maatewos 24:14) Namoonni warra kaan gargaaruuf Bulgaariyaa dhufan Yihowaan fedhii garaa isaanii akkamitti akka guutuu fi karoora isaanii akkamitti akka isaaniif milkeessu arganiiru.—Faarfannaa 20:1-4.