Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQAA! Lakk. 2 2019 | Barumsawwan Ijoolleen Barachuu Qaban Jaʼa

Barumsawwan Ijoolleen Barachuu Qaban Jaʼa

Ijoolleen keessan gaʼeessota yommuu taʼan amalawwan akkamiitiin akka beekaman barbaaddu?

  • Kan of toʼatan

  • Kan gad of qaban

  • Rakkoowwan kan dandamatan

  • Itti gaafatamummaan kan itti dhagaʼamu

  • Bilchaatoo

  • Amanamoo kan taʼan

Ijoolleen amalawwan kanneen ofii isaaniitiin horachuu hin dandaʼan. Gargaarsi keessan isaan barbaachisa.

Barruun kun barumsawwan barbaachisoo ijoollee keessan barsiisuu qabdan jaʼa ibsa; ijoolleen barumsawwan kanneen barachuun isaanii, jireenya yeroo gaʼeessota taʼanitti isaan eeggatuuf isaan qopheessu.

 

Of-Toʼachuu

Of toʼachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Amala kana horachuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

Gad Of Qabuu

Ijoolleen keessan akka gad of qaban barsiisuun keessan ammas taʼe gara fuulduraatti isaan fayyada.

Rakkoowwan Dandamachuu

Ijoolleen akkamitti rakkina akka dandamatan baratan, rakkoowwan jireenya keessatti isaan mudatan kam iyyuu karaa buʼa qabeessa taʼeen moʼuu ni dandaʼu.

Itti Gaafatamummaan kan Itti Dhagaʼamu Taʼuu

Ijoolleen itti gaafatamummaan kan itti dhagaʼamu taʼuu barachuu kan qaban yoomi? Ijoollummaa isaaniitti moo gaʼeessa yommuu taʼanitti dha?

Barbaachisummaa Qajeelfama Gaʼeessotaa

Ijoolleen qajeelfamni amansiisaa taʼe isaan barbaachisa; eessaa argachuu dandaʼu?

Barbaachisummaa Amala Naamusaa

Ijoollee keessan amala naamusaa gaarii barsiisuun gara fuulduraatti isaan fayyada.

Warraaf Gargaarsa Dabalataa

Warri jireenya gammachuu qabuuf qajeelfamni amansiisaa isaan barbachisa. Odeeffannoo dabalataatif jw.org. daawwadhaa.