Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 6

Barbaachisummaa Amala Naamusaa

Barbaachisummaa Amala Naamusaa

AMALA NAAMUSAATIIN GEGGEEFFAMUUN MAALFAA DABALATA?

Namoonni amala naamusaatiin geggeeffaman wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee hubannaa guutummaatti ifa taʼe qabu. Wanta sirrii ykn dogoggora ilaalchisee qaban kan murteessan miira yeroodhaaf isaanitti dhagaʼame irratti hundaaʼanii miti. Kanaa mannaa, amala akkamii argisiisuu akka qaban kan murteessan amala naamusaa buʼuura cimaa qaban irratti hundaaʼanii ti; namoonni isaan arganis arguu baatanis ejjennoo isaanii hin jijijjiiran.

AMALLI NAAMUSAA BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Ijoolleen amala naamusaa ilaalchisee odeeffannoowwan dogoggora taʼan hedduutu isaan gaʼa; ijoolleen isaanii wajjin baratan, sirbi dhaggeeffatan, fiilmiinii fi sagantaalee televizyinii isaan ilaalan amala naamusaa ilaalchisee ergaa dogoggoraa dabarsu. Dhiibbaan akkasii wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee wanta baratan irratti gaaffii akka kaasan taasisa.

Rakkinni akkasii keessumaa ijoollee umurii waggoota kurnanii irratti argaman kan mudatu dha. Kitaabni Beyond the Big Talk jedhamu akka ibsetti, ijoolleen umurii kana irratti argaman “dhiibbaa hiriyaa fi sabqunnamtiin namoota biratti beekamtii fi fudhatama akka argatan isaan irra geessisu hubachuu qabu; akkasumas hiriyoonni isaanii itti gammaduu baatanis amala naamusaa isaanii fi filannoo isaanii irratti hundaaʼanii murtoo gochuu barachuu qabu.” Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, warri leenjii eegaluu kan qaban ijoolleen isaanii umurii waggoota kurnanii keessa seenuu isaanii dura dha.

AMALA NAAMUSAA BARSIISUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

Wanta sirrii ykn dogoggora taʼe ifatti isaan barsiisaa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: ‘Namoonni bilchaatoo warra wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa isaanii hojjechiisuudhaan leenjisani dha.’—Ibroota 5:14.

  • Jechoota wanti tokko sirrii ykn dogoggora taʼuu isaa sirriitti argisiisan fayyadamaa. Wantoota guyyaa guyyaadhaan isin mudatan kaasuudhaan wal bira qabaa isaaniif ibsaa: “Kun amanamummaa dha; kun immoo amanamummaa miti.” “Kun gaarummaa dha; kun immoo gaarummaa miti.” Akkas yoo gootan oolee bulee ijoolleen keessan gochi sirriin isa kam akka taʼe hubachuudhaan ittiin geggeeffamuu jalqabu.

  • Sababa itti wanti tokko sirrii ykn dogoggora itti taʼe isaaniif ibsaa. Fakkeenyaaf, gaaffiiwwan akkasii isaan gaafachuu dandeessu: Amanamummaan yoom iyyuu amala hunda irra kan caalu kan taʼe maaliifi? Sobuun hiriyummaa kan mancaasu akkamitti? Hatuun dogoggora kan taʼe maaliifi? Karaa ijoolleen keessan qalbii isaanii fi dandeettii hubannaa isaanii akka itti fayyadaman isaan taasisuun isaaniif ibsaa.

  • Faayidaa amala naamusaa gaarii taʼan cimsanii hordofuun qabu addeessaa. Fakkeenyaaf, ijoollee keessaniin, “Amanamaa yoo taate, namoonni si amanu” ykn “Nama gaarii yoo taate, namoonni si wajjin taʼuun isaan gammachiisa” jechuunii dandeessu.

Amalli naamusaa ittiin geggeeffamtan wanta guutummaan maatii keessanii ittiin beekamu taasisaa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Eenyummaa keessan beekuuf yeroo hunda of gamaaggamaa.”—2 Qorontos 13:5.

  • Guutummaan maatii keessanii amala naamusaa isin ittiin geggeeffamtaniin geggeeffamuu qaba; akkana yoo taʼe afaan keessan guuttanii akkana jechuu dandeessu:

    • “Maatii keenya keessatti sobni iddoo hin qabu.”

    • “Namoota hin rukunnu ykn isaanitti hin iyyinu.”

    • “Maatii keenya keessatti nama arrabsuun matumaa hin heyyamu.”

Ijoolleen keessan amalli naamusaa isaan baratan seera qofa utuu hin taʼin mallattoo maatiin keessan ittiin beekamu akka taʼetti ilaaluu qabu.

  • Amala naamusaa maatiin keessan ittiin geggeeffamu ilaalchisee ijoollee keessanii wajjin yeroo hunda mariʼadhaa. Haalawwan guyyaa guyyaatti isin mudatan ijoollee keessan barsiisuuf itti fayyadamaa. Amala naamusaa maatii keessanii wantoota ijoolleen keessan miidiyaalee ykn mana barumsaatti dhagaʼanii wajjin walbira qabdanii isaaniif ibsuu dandeessu. Gaaffiiwwan akkanaa ijoollee keessan gaafadhaa: “Utuu si taʼee maal goota turte?” “Maatiin keenya haalli akkasii utuu isa mudatee maal waan godhu sitti fakkaata?”

Ejjennoo ijoolleen keessan wanta sirrii taʼe raawwachuuf qaban isaaniif cimsaa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Qalbii gaarii qabaadhaa jiraadhaa.”—1 Pheexiros 3:16.

  • Amala gaarii ijoolleen keessan argisiisaniif isaan galateeffadhaa. Ijoolleen wanta amala naamusaa gaarii akka qaban argisiisu yommuu raawwatan isaan galateeffadhaa; sababa itti isaan galateeffatanis isaaniif ibsaa. Fakkeenyaaf, “Amanamaa waan taateef baayʼee sitti booneera” isaaniin jechuu dandeessu. Ijoolleen keessan balleessaa raawwatan ilaalchisee dhugaa yeroo isinitti himu, sirreeffama isaaf kennuu keessan dura amanamummaa isaatiif garaadhaa isa galateeffadhaa.

  • Amala gadhee yommuu argisiisan isaan sirreessaa. Ijoolleen keessan gocha raawwataniif itti gaafatamummaa akka fudhatan godhaa. Ijoolleen dogoggora akkamii akka raawwatanii fi wanti isaan raawwatan amala naamusaa maatichaa kan cabsu akkamitti akka taʼe beekuu qabu. Warri tokko tokko ijoolleen keenya miirri isaanii ni miidhama jedhanii yaaduudhaan dogoggora isaanii itti hin himan; taʼus waaʼee dogoggora raawwatamee ijoollee keessanii wajjin dubbachuun gara fuulduraatti wanta dogoggora taʼe sana akka hin raawwanne qalbii isaanii leenjisa.