Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA | KITAABNI QULQULLUUN DHUGUMA DUBBII WAAQAYYOO TII?

Kitaaba Qulqulluu—Dhuguma ‘Geggeessaa Hafuura Waaqayyootiin Barreeffamee?’

Kitaaba Qulqulluu—Dhuguma ‘Geggeessaa Hafuura Waaqayyootiin Barreeffamee?’

KITAABNI QULQULLUUN Dubbii Waaqayyoo taʼuu isaa ni amantaa? Moo guutummaatti kitaaba yaada namootaa qabate sitti fakkaata?

Yaanni kun namoota Kiristiyaana ofiin jedhan gidduutti illee yeroo hunda wal falmisiisa. Fakkeenyaaf, qorannaan dhaabbanni Gaaloop jedhamu bara 2014 Yunaayitid Isteetis keessatti godhe akka argisiisutti, Kiristiyaanota kan ofiin jedhan keessaa baayʼeen isaanii “Kitaabni Qulqulluun karaa taʼe tokkoon Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya qaba” yaada jedhu irratti akka walii galan mulʼiseera. Karaa biraatiin immoo, namoota gaafannoon godhameef 5 keessaa namni 1 Kitaabni Qulqulluun kitaaba, “oduu durii, afoola, seenaa fi yaada namoonni barreessan” qabate akka taʼetti ilaalu. Ilaalchi wal faallessu kun yaanni Kitaaba Qulqulluu, ‘geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame’ jedhu hiikni isaa maal akka taˈe ifa godha.—2 Ximotewos 3:16.

‘GEGGEESSAA HAFUURA WAAQAYYOOTIIN BARREEFFAME’—MAAL JECHUU DHA?

Kitaabni Qulqulluun, kitaabota xixinnoo 66 kan qabate siʼa taʼu, namoota 40 taʼaniin waggoota 1,600 gidduutti barreeffame. Haa taʼu malee, Kitaaba Qulqulluu kan barreessan namoota erga taʼanii, akkamitti “geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame” jedhamuu dandaʼa? Gabaabumatti, yaanni ‘geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame’ jedhu, Maddi odeeffannoo kitaabota kana keessa jiruu Waaqayyo dha jechuu dha. Kitaabni Qulqulluun iyyuu, “Namoonni Waaqayyo biraa ergaman hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii dubbatan” jedha. (2 Pheexiros 1:21) Karaa biraatiin, Waaqayyo ergaa isaa barreessitoota Kitaaba Qulqulluutti dabarsuuf, humna isaa isa ijaan hin mulʼanne, jechuunis hafuura qulqulluutti fayyadame jechuu dha. Kun, hogganaa barreessaan isaa xalayaa akka isaaf barreessuuf afaaniin itti himuu wajjin wal fakkeeffamuu dandaʼa. Abbaan barroo xalayichaa, nama afaaniin itti himu sana dha malee, nama barreessu sana miti.

Barreessitoota Kitaaba Qulqulluu keessaa tokko tokko ergaan Waaqayyoo maleekaadhaan yommuu isaanitti himamu dhagaʼaniiru. Kaan immoo mulʼata Waaqayyo biraa dhufe arganiiru. Yeroo tokko tokko immoo Waaqayyo yaada isaa bifa abjuutiin isaanitti himee ture. Waaqayyo yeroo tokko tokko barreessitoonni kun ergaa isaa barreessuuf jecha mataa isaaniitti akka fayyadaman heyyameefii kan ture siʼa taʼu, yeroo kaan immoo maal jedhanii akka barreessan kallattiidhaan isaanitti himeera. Karaa kamiin iyyuu yoo taʼe, barreessitoonni kun kan barreessan yaada mataa isaanii utuu hin taʼin, yaada Waaqayyoo ture.

Barreessitoota Kitaaba Qulqulluu hafuura qulqulluudhaan kan geggeesse Waaqayyo taʼuu isaa mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Ragaalee Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo akka taʼe amanannaa qabdu siif jabeessan sadii haa ilaallu.