Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | GAAʼELA

Kabaja Argisiisuu—Akkamitti?

Kabaja Argisiisuu—Akkamitti?

HAALA RAKKISAA

Abbaan manaa akkana jedha: “Yommuu gaaʼela godhanne, anii fi haati manaa koo kabaja argisiisuu ilaalchisee ilaalcha adda addaa qabna turre. Ilaalchi inni tokkoo sirrii, inni kaan immoo dogoggora jedhamuu baatus, walumaa galatti ilaalchi keenya garaa gara ture. Ani yeroo baayʼee haati manaa koo karaa caalaatti akka na kabajju argisiisuun na haasofsiisuu akka qabdu natti dhagaʼama ture.”

Haati manaa akkana jetti: “Aadaan ani keessatti guddadhe, namoonni sagalee guddisanii yoo dubbatan, ibsawwan fuulaa hedduu yoo fayyadaman, akkasumas utuu namni dubbatuu gidduu yoo seenan rakkina hin qabu. Kun naannoo keenyatti akka namoota hin kabajne kan argisiisu miti. Haa taʼu malee, haalli kun naannoo abbaan manaa koo itti guddate irraa baayʼee adda dha.”

Gaaʼela keessatti kabaja argisiisuun yeroo nutti tolu qofa kan goonu utuu hin taʼin, wanta gochuu qabnuu dha. Hiriyaa gaaʼelaa kee akka kabajju argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

WANTA BEEKUU QABDAN

Dhiironni kabajamuu barbaadu. Kitaabni Qulqulluun abbootii manaatiin, “Namni hundi akkuma ofii isaa jaallatutti haadha manaa isaa jaallachuu qaba” jedha. Itti dabaluudhaanis, “Haati manaa abbaa manaa ishiitiif kabaja guddaa kennuu qabdi” jedha. (Efesoon 5:33) Haadhotiin manaa fi abbootiin manaa jaallatamuu fi kabajamuu barbaadu; keessumaa abbootiin manaa yommuu kabajaman caalaatti gammadu. Abbaan manaa Kaarlos * jedhamu, “Dhiironni haalawwan toʼachuu, rakkoo hiikuu fi maatii isaanii kunuunsuu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼama” jedheera. Haati manaa tokko abbaan manaa ishii wantoota kana gochuu isaatiin yoo isa kabajje, abbaa manaa ishii qofa utuu hin taʼin ishiinis ni fayyadamti. Haati manaa Kooriin jedhamtu, “Abbaa manaa koo akkan kabaju yommuun argisiisu, inni immoo caalaatti akka na jaallatu argisiisa” jetteetti.

Haadhotiin manaas kabajamuu barbaadu. Abbaan manaa haadha manaa isaa hin kabajne garaadhaa ishii jaallachuu waan hin dandeenyeef yaanni kun sirrii dha. Daaniʼel akkana jedheera: “Ilaalchaa fi yaada haadha manaa koo kabajjuun qaba. Miira ishiis kabajuun qaba. Miirri sun kan ishiitti dhagaʼame maaliif akka taʼe hubachuu baadhus, miira ishiitiif dantaa hin qabu jechuu miti.”

Kabaja argisiisuun ilaalcha namoonni qaban irratti kan hundaaʼe dha. Dhimmi kun, hiriyaan gaaʼelaa kee akka ati ishii kabajja jirtu waan yaaddeef utuu hin taʼin, akka ishii kabajju yoo ishiitti dhagaʼame dha. Haati manaa seensa irratti ibsamte mata duree “Haala Rakkisaa” jedhu irraa barumsa argatteetti. “Akkan isa kabajaa hin jirre natti dhagaʼamuu baatus, abbaan manaa koo akkas yoo isatti dhagaʼame, kan jijjiiramuu qabu ana dha.”

WANTA GOCHUU DANDEESSAN

  • Wanta waaʼee abbaa manaa ykn haadha manaa keessan itti dinqisiifattan sadii barreessaa. Amalawwan gaariin caqastan sun kabaja argisiisuuf buʼuura isiniif taʼuu dandaʼu.

  • Torban tokkoof, karaawwan armaan gadiitiin (kan hiriyaa gaaʼelaa keessanii utuu hin taʼin) amala keessan gamaaggamaa.

Dubbii keessan. Qorannaan hiriyoota gaaʼelaa irratti godhame tokko akkana jedheera: “Hiriyoonni gaaʼelaa, gaaʼela gammachuu fi tasgabbii qabu qaban yommuu wal dhabiinsa isaanii irratti mariʼatan, ilaalchi sirrii isaan qaban ilaalcha dogoggoraa isaan qaban irra harka shan caala. Faallaa kanaatiin immoo, namoonni gaaʼelli isaanii diigamuuf jedhu yommuu waliin mariʼatan ilaalchi sirrii isaan qaban ilaalcha dogoggoraa isaan qaban tokko gadi (0.8) dha.” *Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Fakkeenya 12:18.

Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Karaa kabaja qabuunan hiriyaa gaaʼelaa kootti dubbadhaa? Yeroo baayʼee kanan beekamu galateeffachuudhaani moo ceephaʼuudhaani? Yaada koo ykn wanta na mufachiise sagalee akkamiitiinan dubbadha?’ Hiriyaan gaaʼelaa kee deebii ati kennite irratti walii galaa?—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Qolosaayis 3:13.

Akkana gochuuf yaalaa: Abbaa manaa ykn haadha manaa kee yoo xinnaate guyyaatti siʼa tokko dinqisiifachuuf galma baafadhu. Gorsa: Amalawwan akka dinqisiifattu caqaste irra deebiʼi yaadi. Amala hiriyaa gaaʼelaa kee dinqisiifattu tokko itti himuu amaleeffadhu.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: 1 Qorontos 8:1.

Gocha keessan. Haati manaa Aliisyaa jedhamtu akkana jetteetti: “Hojii mana keessaa hojjechuudhaan saʼaatii dheeraan dabarsa; abbaan manaa koo qodaa itti nyaate fuudhuudhaan ykn dhiquudhaan carraaqqii koo akka dinqisiifatu yommuu argisiisu, carraaqqiin koo faayidaa akka qabuu fi gaaʼela keenya keessatti iddoo guddaa akkan qabu natti dhagaʼama.”

Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Akkaataan hiriyaa gaaʼelaa koo itti qabu akka ani isa ykn ishii kabaju ifatti ni argisiisaa? Hiriyaa gaaʼelaa kootiif yeroo gaʼaa fi xiyyeeffannaa nan kennaa?’ Hiriyaan gaaʼelaa kee deebii ati kennite irratti walii galaa?

Akkana gochuuf yaalaa: Karaawwan kabajamuu itti barbaaddan sadii barreessaa. Hiriyaan gaaʼelaa keessanis akkasuma akka godhu itti himaa. Achiis wantoota tarreessitan wal jijjiiraatii, hiriyaan gaaʼelaa keessan karaawwan kabaja akka itti argisiistan ibse hojii irra oolchuuf carraaqaa. Kabaja argisiisuu ilaalchisee wanta isin dhuunfaatti gochuu dandeessan irratti xiyyeeffadhaa. Kabaja argisiisuu irratti dursa yoo fudhattan, hiriyaan gaaʼelaa keessanis akkasuma gochuuf kakaʼuun isaa hin oolu.

^ key. 8 Maqaawwan mata duree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 14 Kitaaba Ten Lessons to Transform Your Marriage jedhamu irraa fudhatame.