Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

ADDUNYAA MARA IRRAA

Haala Naannoo Xiyyeeffannaa Barbaadu

Haala Naannoo Xiyyeeffannaa Barbaadu

Lafti qilleensa qulqulluu, nyaata gaʼaa fi bishaan qulqulluu kan argamsiistu taʼus, namoonni adeemsa kana balleessaa jiru. Saayintiistonni, dhimma kanaaf furmaata argachuuf baayʼee dadhabaa jiru.

AWUSTIRAALIYAA

Garbawwan addunyaa irratti argaman jala, bishaan ashaboo muraasa qabuu fi balʼina kiyuub kiloomeetira 500,000 uwwise akka jiru tilmaamama. Haayidiroloojistiin Viinsant Poost jedhamuu fi Yunivarsiitii Adeleeyiditti argamu, “Ol kaʼiinsi galaanaa [yeroo tokko] isa yeroo ammaa jiru irraa gadi ture” jedheera; kanaafuu, lafti bishaan qabatu balʼachaa jira. Yeroo sanatti, roobni ‘kan guutu hamma iddoo yeroo harʼaatti bishaan jala taʼetti dha.’ Saayintistoonni bishaan galaana jalatti kuufamee jiru kun, yeroo booda namoota gara miliyoona 700 taʼaniif bishaan qulqulluu argamsiisuuf gargaara jedhanii abdatu.

GAMMOOJJII SAHAARAA

Gosawwan bineensota gurguddaa Sahaaraatti argaman keessaa walakkaan isaanii badaniiru ykn amma kan jiran gara parsantii 1 ykn isaa gadi dha. Naannoon isaanii tasgabbii dhabuun isaa fi adamoon babalʼachuun isaa sababa isa tokko dha. Baayʼinni akaakuu lubbu qabeeyyii gammoojjii keessa jiranii kan bosona keessa jiranii wajjin kan walitti dhihaatu taʼus, “saayintistoonni lubbu qabeeyyii gammoojjii keessa jiraniif xiyyeeffannaa kennuu kan dhiisan, deggersa qarshii gaʼaa taʼe waan hin arganneef” akka taʼe qorattoonni ni dubbatu. Kanaafuu, sirnakkoo (ecosystems) gammoojjii balaadhaaf saaxilame kunuunsuun namoota naannoo kunuunsaniif rakkisaa dha.

ADDUNYAA

Namoota bara 2012tti duʼan keessaa, duʼa namoota 8 keessaa isa 1f sababa kan taʼe faalama qilleensaa akka taʼe tilmaamama. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka gabaasetti, “yeroo ammaatti faalamni qilleensaa rakkina fayyaa faalama naannootiin dhufuuf sababa isa guddaa dha.”