Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Rakkina Furuuf Gargaara

Rakkina Furuuf Gargaara

Rakkoowwan jireenya keessatti nu mudatan tokko tokko yeroo dheeraadhaaf, tarii waggoota hedduudhaaf kan turan siʼa taʼu, utuu nuti guutummaatti hin hubatin hidda godhachuu dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun ogummaa rakkoowwan yeroo dheeraadhaaf turanii fi humna nu dhabsiisan furuuf nu gargaaru qabateeraa? Fakkeenyota tokko tokko ilaali.

YAADDOO CIMAA

Rooziin, “Yeroo hundumaa wanti hamaa taʼe uumamuu akka dandaʼu yaaduudhaan garmalee nan dhiphadhan ture” jetteetti. Caqasoonni Kitaaba Qulqulluu ishii gargaaran kam faʼi? Caqasni inni tokko Maatewos 6:34 isa, “Matumaa waaʼee boriitiif hin yaaddaʼinaa; sababiin isaas guyyaan borii yaaddoo mataa isaa qaba. Guyyaan hundi rakkina mataa isaa gaʼaa taʼe qaba” jedhu dha. Rooziin yaadni Yesuus dubbate kun waaʼee wanta bor taʼuu dandaʼuu yaaddaʼuu ishii dhiisuuf akka ishii gargaare dubbatteetti. Itti dabaluudhaan, “Ani waaʼee wantoota hin uumamnee fi tarii immoo uumamuu hin dandeenyee yaaddaʼuun utuu na hin barbaachisin amma iyyuu rakkina gaʼaa taʼe qaba” jetteetti.

Yaasmiinis yaaddoon ishii akka ishii toʼate itti dhagaʼamee ture. “Torban keessatti guyyoota muraasaaf nan booʼa, halkan tokko tokkos hin rafun ture. Miirri sirrii hin taane dhaabbiitti na nyaachaa akka jiru natti dhagaʼame” jetteetti. Caqasni ishii gargaare isa kami? Pheexiros Isa Duraa 5:7 isa, “Inni isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa [Waaqayyo] irratti gataa” jedhu akka taʼe dubbatteetti. Yaasmiin akkana jetteetti: “Yeroon darbaa yommuu deemu anis Yihowaa kadhachuu koo ittuman fufe; innis kadhannaawwan kootiif deebii kenneera. Baʼaan guddaan tokko gateettii koo irraa akka buʼe natti dhagaʼame. Miirri sirrii hin taane darbee darbee gara sammuu koo kan dhufu taʼus, amma akkamitti toʼachuu akkan dandaʼu beeka.”

HARʼA BOR JECHUU

Dargaggeettiin Izaabelaa jedhamtu akkana jetteetti: “Abbaan koos amala harʼa bor jechuu waan qabuuf amalli kun sanyiidhaan kan dhufu natti fakkaata. Wantan hojjedhu utuu hin qabaatin akkasumatti taaʼuuf ykn televizyiinii ilaaluuf qofa hojii barbaachisaa taʼe guyyaa kan biraatiif nan dabarsan ture. Barsiifanni akkanaa dhiphina waan dabaluuf, akkasumas hojii qulqullina hin qabne hojjechuutti waan nama geessuuf miidhaa qaba.” Qajeelfamni ishii gargaare 2 Ximotewos 2:15 irratti kan argamu siʼa taʼu, “Akka hojjetaa . . . waan itti qaanaʼu tokko illee hin qabneetti, Waaqayyo duratti fudhatamaa gootee of dhiheessuuf wanta sii dandaʼame hunda godhi” jedha. Izaabelaan, “Ani harʼa bor jechuu kootiin kan kaʼe Yihowaan hojii kootti akka qaanaʼu gochuu hin barbaadu” jetteetti. Sana booda jijjiirama guddaa gooteetti.

Kelsiinis, “Hojii yeroo murtaaʼetti dhumuu qabu hamma sekoondii dhumaatti nan kaaʼan ture. Kunis waan na boossisuuf, hirriba waan na dhowwuuf, akkasumas waan na dhiphisuuf na miidhee ture” jetteetti. Kelsiin Fakkeenya 13:16 isa, “Namni afchaalli hundinuu beekumsaan hojjeta, gowwaan garuu goowwuma isaa bakkeetti in mulʼisa” jedhu irraa faayidaa argatteetti. Caqasa kana irratti xiinxaluun maal akka ishii barsiise yeroo ibsitu akkana jetteetti: “Wanta yaadan hojii irra oolchuunii fi dursanii karoora baafachuun ogummaa dha. Amma yaadannoo sagantaa hojiin gara fuulduraatti hojjedhu qabate minjaala koo irraa qaba; kunis hojii tokko hamma daqiiqaa dhumaatti kaaʼuu mannaa sagantaadhaan geggeeffamuuf na gargaara.”

KOPHUMMAA

Kiristan, “Abbaan manaa koo akkuma tasaa ijoollee afur ana irratti dhiisee deeme” jetteetti. Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu ishii gargaare isa kami? Fakkeenyi 17:17 (NW), “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa; innis obboleessa yeroo rakkinaatiif dhalate dha” jedha. Kiristan warra akkuma ishii Yihowaa tajaajilan irraa gargaarsa argatteetti. Gargaarsa akkamii argatte? Akkana jetteetti: “Michoonni koo karaawwan hedduudhaan na deggeraniiru! Isaan keessaa tokko tokko nyaataa fi abaaboo balbala koo dura naaf kaaʼu turan. Yommuu mana jijjiirrannu gareedhaan taʼanii siʼa sadii anaa fi ijoollee koo gargaaraniiru. Namni tokkos hojii akkan argadhu na gargaareera. Michoonni koo na gargaaruuf yeroo hundumaa qophaaʼoo turan.”

Delfiin ishiin mata duree darbe irratti caqasamtes kophummaa wajjin walʼaansoo gochaa turte. Wanta qabdu hundumaa erga dhabdee booda akkana jetteetti: “Namoonni hundi walumaa wajjin akka jiraatan, ani garuu kophaa koo dhaabadhee isaan ilaalaa akkan jiru natti dhagaʼame. Kophummaa cimaatu natti dhagaʼama ture.” Caqasni ishii gargaare Faarfannaa 68:6 isa, “Waaqayyo warra kophaa jiraataniif maatii [“mana,” NW] in kennaaf” jedhu dha. Akkana jetteetti: “Caqasni kun waaʼee mana jireenyaa qofa dubbachaa akka hin jirre beeka. Kanaa mannaa Waaqayyo mana hafuuraa nageenya qabu, jechuunis iddoo warra Yihowaa jaallatanii wajjin michummaa dhugaa itti qabaatanii fi jaalala itti argatan akka nuuf qopheessu hubadheera. Taʼus, jalqaba Yihowaatti utuu hin dhihaatin warra kaanitti dhihaachuu akkan hin dandeenye beekeera. Faarfannaan 37:4 gama kanaan na gargaareera: ‘Waaqayyotti gammachuu qabaadhu! Inni immoo kadhata garaa kee siif in kenna.’”

Dhuma irratti akkana jetteetti: “Caalaatti Yihowaatti maxxanuun akka na barbaachisu hubadheera. Inni Michuu hundumaa caalaa gaarii taʼe dha. Achiis namoota Yihowaa jaallatanii wajjin walitti dhihaachuu akkan dandaʼuuf, hojiiwwan ani isaanii wajjin gammachuudhaan irratti hirmaachuu dandaʼu nan galmeeffadhe. Amala gaarii warri kaan qaban irratti xiyyeeffachuu fi hirʼina isaanii bira darbuu baradheera.”

Dhugaa dha, namoonni Waaqayyoon tajaajilanis cubbamoota dha. Dhugaa Baatonni Yihowaas akkuma namoota kaanii rakkinaa wajjin walʼaansoo ni godhu. Haa taʼu malee, leenjiin Kitaaba Qulqulluu irraa argamu namoonni yeroo dandaʼan hundumaatti warra kaan gargaaruuf akka kakaʼan godha. Michoota akkanaa horachuun ogummaa dha. Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu rakkoowwan furamuu hin dandeenye kan akka dhukkuba hin fayyinee fi gaddaa wajjin haala wal qabateen hoo gargaarsa ni godhaa?

Gorsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun michoota si gargaaran argachuuf si dandeessisa