‘Inni Siif Ni Yaada’
Namoonni kaan yoo si dhiisan illee, matumaa kan si hin dhiisne Tokko jira. Inni eenyu dha?
Daawit Mootichi, “Abbaan koo fi haati koo yommuu na dhiisan, Waaqayyo immoo simee ana in fudhata” jedhee ture.—Faarfannaa 27:10.
Yihowaan, ‘Abbaa gara laafinaa fi Waaqa jajjabina hundaa waan taʼeef, rakkina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.’—2 Qorontos 1:3, 4.
“Inni isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.”—1 Pheexiros 5:7.
Waaqayyo akkamitti akka si gargaaru barachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee fi Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu barumsa 08 ilaali. Weebsaayitii www.ps8318.com/om irrattis ni argama.