Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maasoreetonni Kitaaba Qulqulluu of eggannoodhaan garagalchaniiru

MATADUREE FUULA JALQABAA | KITAABA QULQULLUU—MATA DUREE FUULA JALQABAA

Kitaabni Qulqulluun Yaalii Ergaa Isaa Geddaruuf Godhame Irraa Ooleera

Kitaabni Qulqulluun Yaalii Ergaa Isaa Geddaruuf Godhame Irraa Ooleera

RAKKINA: Rakkoowwan kanneen akka tortoruu fi mormii, Kitaaba Qulqulluu hin balleessine. Garagalchitoonnii fi hiiktonni tokko tokkos ergaa Kitaaba Qulqulluu geddaruuf yaalaniiru. Barsiisni isaanii barumsa Kitaaba qulqulluu wajjin akka wal simu gochuu mannaa, Kitaaba Qulqulluu barsiisa isaanii wajjin wal simsiisuuf yaalaniiru. Fakkeenya muraasa ilaali:

  • Iddoo waaqeffannaa: Dh.K.D. jaarraa arfaffaatii hanga jaarraa lammaffaatti barreessitoonni Peentatuukii (kitaabota jalqabaa shanan) warra Samaariyaa barreessan xumura Baʼuu 20:17 irratti, yaada “Aargaariizim irratti. Achitti iddoo aarsaa ijaari” jedhu dabalaniiru. Haala kanaan, namoonni Samaariyaa mana qulqullummaa “Aargaariizim” ykn Tulluu Geerizim irratti ijaaruu isaanii Kitaabni Qulqulluun akka deggeru gochuuf yaalaniiru.

  • Barumsa Sillaasee: Kitaabni Qulqulluun barreeffamee erga xumuramee waggaa 300 utuu hin guutin, barreessaan Sillaaseetti amanu tokko 1 Yohaannis 5:7 irratti yaada, “samii keessa Abbaa, sagalee fi Hafuurri Qulqulluun jiru; warri kun sadan tokko dha” jedhu dabaleera. Himni kun barreeffama jalqabaa keessa hin jiru. Hayyuun Kitaaba Qulqulluu Biruus Maatisgar jedhaman, yaanni kun “Jaarraa jaʼaffaadhaa jalqabee barreeffama Laatiin Durii fi [Laatiin] Vulgeet keessatti iddoo baayʼeetti argama” jedhaniiru.

  • Maqaa Waaqayyoo: Hiiktonni Kitaaba Qulqulluu hedduun duudhaa Yihudootaa irratti hundaaʼuudhaan, maqaa Waaqayyoo Kitaabota Qulqulluu keessaa baasuuf murteessaniiru. Maqaa kana maqaawwan ulfinaa “Waaqayyo” ykn “Gooftaa” jedhaniin bakka buusaniiru; maqaawwan ulfinaa kun Kitaaba Qulqulluu keessatti Uumaa tokkicha qofa utuu hin taʼin, namoota, waaqolii tolfamoo, darbees Diyaabilosiin argisiisuuf itti hojjetameera.—Yohaannis 10:34, 35; 1 Qorontos 8:5, 6; 2 Qorontos 4:4. *

KITAABNI QULQULLUUN KAN OOLE AKKAMITTI? Tokkoffaa, namoonni Kitaaba Qulqulluu garagalchan tokko tokko dantaa kan hin qabnee fi kan hin amanamne taʼanis, garagalchitoonni dandeettii guddaa qabanii fi of eeggatan hedduun jiru turan. Dh.K.B. jaarraa jaʼaffaa fi jaarraa kudhanaffaa gidduutti Maasoreetonni Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa kan garagalchan siʼa taʼu, barreeffamichi barreeffama Maasoreetotaa jedhamee waamama. Dogoggorri jiraachuu isaa mirkaneeffachuuf jechootaa fi qubeewwan lakkaaʼaa akka turan dubbatama. Barreeffamni irraa garagalchan dogoggora akka qabu yoo isaanitti dhagaʼame, barreeffama isaanii irratti ibsa dabalataa ni kennu turan. Maasoreetonni yaada Kitaaba Qulqulluu geddaruu didaniiru. Piroofeesarri Mosha Goshan Gotistaayan jedhaman, “Taʼe jedhanii yaada isaa geddaruun isaaniif yakka hunda irra caalu ture” jedhanii barreessaniiru.

Lammaffaa, barreeffamoonni harkaan garagalchamanii fi yeroo harʼaatti jiran hedduun hayyoonni Kitaaba Qulqulluu, dogoggora isaa akka argatan gargaaraa jiru. Fakkeenyaaf, geggeessitoonni amantii jaarraawwan hedduudhaaf Kitaabni Qulqulluun Afaan Laatiniitiin qophaaʼe sirrii akka taʼe barsiisaa turan. Taʼus, 1 Yohaannis 5:7 irratti yaada dogoggoraa olitti caqasne dhugaa fakkeessanii galchaniiru. Dogoggorri kun Kitaaba Qulqulluu Ingiliffaa King James Version isa namoota hedduu biratti fudhatama qabu keessatti illee ni argama! Taʼus, barreeffamoonni harkaan garagalchaman kaan yeroo argaman maal mirkaneessan? Biruus Maatisgar, “Himichi [inni 1 Yohaannis 5:7 irra jiru] barreeffama isa kan Laatinii irraa kan hafe, barreeffamoota durii hunda (Syriac, Coptic, Armenian, Ethiopic, Arabic, Slavonic) irra hin jiru” jedhanii barreessaniiru. Kanaan kan kaʼes, maxxansi King James Version inni fooyyaʼee qophaaʼee fi Kitaabonni Qulqulluun kaan yaada dogoggoraa kana baasaniiru.

Cheestar Biitii P46, kutaa Kitaaba Qulqulluu Dh.K.B. naannoo bara 200⁠tti paappiirasii irratti harkaan barreeffame

Barreeffamoonni harkaan garagalchaman durii ergaan Kitaaba Qulqulluu eegamee turuu isaa ni mirkaneessuu? Bara 1947⁠tti Maraawwan Kitaabaa Galaana Duʼaa keessaa yommuu argaman, hayyoonni barreeffamoota Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa Maasoreetonni qopheessan, maraawwan Kitaaba Qulqulluu waggoota kumaan lakkaaʼaman dura barreeffamanii wajjin wal bira qabanii ilaaluu dandaʼaniiru. Miseensi garee waaʼee Maraa Kitaabaa Galaana Duʼaa gabaasu tokkoo, maraan kitaabaa tokko illee “ergaan Kitaaba Qulqulluu waggaa kuma tokkoo oliif Yihudoota harkaan garagalchaniin daddarbaa ture, kan amanamuu fi of eeggannoodhaan kan hojjetame taʼuu isaa akka mirkaneessu” dubbateera.

Mana Kitaabaa Dubliin, Ayarlaanditti argamuu fi Cheestar Biitii jedhamu keessa, barreeffamoota harkaan garagalchamanii fi Dh.K.B. jaarraa lammaffaatti, jechuunis Kitaabni Qulqulluun guutummaan isaa xumuramee gara waggaa 100 booda qophaaʼan dabalatee, barreeffamoonni Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii Paappiirasii irratti qophaaʼan jiru. Kitaabni The Anchor Bible Dictionary jedhamu akkana jedheera: “Paappiirasoonni kun odeeffannoo haaraa qabiyyee isaa sirriitti hubachuuf gargaaran qabu; kunis qabiyyee wal fakkaataa akka qabaatu gochuudhaan barreeffama kitaaba qulqulluu daddabarsuu irratti gumaacha guddaa qaba.”

“Barreeffamni bara durii qulqullinaan daddarbaa dhufe kan biraan hin jiru jedhanii mirkanaaʼaa taʼanii dubbachuun ni dandaʼama”

BUʼAA ARGAME: Barreeffamoonni harkaan garagalchamanii fi umurii dheeraa qaban hedduun, qabiyyee Kitaaba Qulqulluu geddaruu mannaa akka fooyyaʼu godhaniiru. Sar Fireediriik Keniyoon Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii (Kakuu Haaraa) ilaalchisee akkana jedhanii barreessaniiru: “Kitaabni qabiyyee isaatiif ragaa durii fi hedduu qabu akkasii hin jiru; hayyuun ilaalcha sirrii qabu kam iyyuu barreeffamni amma nu harka jiru harki caalaan isaa sirrii taʼuu isaa haaluu hin dandaʼu.” Hayyuun Wiiliyaam Heenrii Giriin jedhaman immoo Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa (Kakuu Moofaa) ilaalchisee, “Barreeffamni bara durii qulqullinaan daddarbaa dhufe kan biraan hin jiru jedhanii mirkanaaʼaa taʼanii dubbachuun ni dandaʼama” jedhaniiru.

^ KEY. 6 Odeeffannoo dabalataatiif kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu Kutaa Dabalataa fuula 195-197 irra jiru ilaali; Weebsaayitii keenya www.ps8318.com/om irrattis ni argama.