Eenyutu Itti Gaafatama?
Rakkina kan fidu Waaqayyo erga hin taanee, beela cimaa, hiyyummaa cimaa, waraana suukanneessaa, dhukkuba humna nama dhabsiisuu fi balaa uumamaa kan fidu eenyudha ree? Dubbii Waaqayyoo kan taʼe Kitaabni Qulqulluun wantoota rakkina ilmaan namootaatiif sababa guddaa taʼan sadii ibsa:
Ofittummaa, Sassataa fi Jibba. ‘Yeroon inni tokko warra kaan irratti moʼee isaan miidhus jira.’ (Lallaba 8:9) Yeroo baayʼee namoonni kan rakkatan, namoonni cubbuu dhaalan, ofittoo ykn hamoota taʼan miidhaa waan isaan irraan geessisaniifi dha.
Yeroo fi Haalawwan hin Eegamne. Yeroo baayʼee namoonni kan rakkatan, ‘yeroonii fi walitti dhufuun hundumaa irra waan gaʼuufi dha.’ (Lallaba 9:11, hiika bara 1899) Kana jechuun, namoonni yeroo sirrii hin taanetti bakka sirrii hin taanetti argamuu, balaan gaʼuu ykn namoonni of eeggannoo utuu hin godhin hafuu ykn dogoggora raawwachuu dandaʼu jechuu dha.
Bulchaa Addunyaa Isa Hamaa. Kitaabni Qulqulluun maddi rakkina ilmaan namootaa inni guddaan eenyu akka taʼe adda baasee dubbata. “Guutummaan addunyaa garuu humna isa hamaa sana jala jira” jedha. (1 Yohaannis 5:19) “Isa hamaa sana” kan jedhame Seexana isa Diyaabilos taʼee fi uumama hafuuraa humna guddaa qabu siʼa taʼu, inni jalqaba maleekaa Waaqayyoo kan ture taʼus, “dhugaatti jabaatee hin dhaabanne.” (Yohaannis 8:44) Uumamawwan hafuuraa kaanis fedhii ofittummaa isaanii hordofuuf jecha, Seexana cina hiriiruudhaan jinniiwwan of godhaniiru. (Uumama 6:1-5) Seexannii fi jinniiwwan isaa erga fincila kaasanii jalqabee, dhimma addunyaa kanaa irratti dhiibbaa guddaa fi hamaa taʼe gochaa turaniiru. Dhiibbaan kun keessumaa yeroo ammaatti baayʼee cimaa dha. Yeroo ammaa Diyaabilos baayʼee aaree ‘guutummaa lafaa dogoggorsaa’ kan jiru siʼa taʼu, kunis ‘lafa irratti wayyoo’ geessiseera. (Mulʼata 12:9, 12) Dhuguma iyyuu Seexanni bulchaa hamaa dha. Rakkina namoota irra gaʼuun gammachuu sirrii hin taane argata. Namoonni akka rakkatan kan godhu Waaqayyo utuu hin taʼin Seexana dha.
MEE YAADI: Namoonni balleessaa hin qabne akka rakkatan kan godhu, nama hamaa taʼee fi akka Diyaabilos hammina raawwatu qofa dha. Faallaa kanaatiin, Kitaabni Qulqulluun “Waaqayyo jaalala dha” jedha. (1 Yohaannis 4:8) Amala isaa isa jaalala irratti hundaaʼee wajjin haala wal simuun, “Jalʼinni Waaqayyo irraa, dabaa hojjechuunis isa hundumaa dandaʼu irraa haa fagaatu!”—Iyoob 34:10.
Haa taʼu malee, ‘Waaqni Hundumaa Dandaʼu, Seexanni hamminaan bulchuu isaa akka itti fufu kan heyyamu hamma yoomiitti?’ jettee gaafatta taʼa. Akkuma olitti ilaalle, Waaqayyo hammina ni jibba; rakkinni keenyas isa ni dhiphisa. Kana malees, Dubbiin isaa, “Inni isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa” jechuudhaan nu jajjabeessa. (1 Pheexiros 5:7) Waaqayyo nu jaallata, akkasumas rakkinaa fi jalʼina haqaa hundumaa dhiheenyatti balleessuuf humna qaba; mata dureen itti aanu waaʼee kanaa ibsa. *
^ key. 7 Rakkinni akkas kan baayʼate maaliif akka taʼe ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe barumsa 26 ilaali. Weeb saayitii jw.org/om irraa tola garagalfachuu ni dandeessa.