Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Kitaabni Qulqulluun waaʼee kakachuu maal jedha?

Kakaan ‘waadaa cimaa wanta tokko raawwachuuf maqaa Waaqayyoo dhaʼuudhaan galamu’ dha. Kakaan dubbiidhaanis taʼe barreeffamaan galamuu dandaʼa.

Yesuus, “Matumaa hin kakatinaa . . . Dubbiin keessan ‘Eeyyee’ yoo taʼe eeyyee, ‘Lakki’ yoo taʼe lakki haa taʼu; kanaan ala kan taʼe kan isa hamaa sanaa ti” waan jedheef, namoonni tokko tokko kakachuu dogoggora akka taʼetti yaadu. (Mat. 5:33-37) Yesuus Seerri Musee dhimmoota tokko tokko irratti kakachuu akka gaafatuu fi tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoon akka kakatan beeka. (Uma. 14:22, 23; Bau. 22:10, 11) Kana malees, Yihowaan iyyuu akka kakate beeka. (Ibr. 6:13-17) Kanaafuu, Yesuus matumaa kakachuu hin qabdan jechuu isaa miti. Kanaa mannaa, dhimmoota sasalphaa taʼanii fi hiika hin qabneef akka hin kakanne akeekkachiise. Yihowaan waadaa galle akka raawwannu waan nu irraa eeguuf yeroo hunda wanta dubbannu raawwachuu qabna.

Maarree, akka kakattu yoo gaafatamte maal gochuu qabda? Jalqaba wanta gochuuf kakattu sana gochuu akka dandeessu mirkaneeffadhu. Mirkanaaʼaa miti taanaan kakachuu dhiisuun kee gaariidha. Dubbiin Waaqayyoo, “Wareega wareegdee utuu hin raawwatin hafuu mannaa, utuu wareega wareeguu baattee siif wayya” jedhee akeekkachiisa. (Lal. 5:5) Itti aansuudhaan immoo qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu kakaa sanaa wajjin walqabatan irratti yaadi; achiis tarkaanfii qalbii kee isa leenjiʼee wajjin walsimu fudhadhu. Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu kana keessaa muraasni isaanii kamfaʼi?

Kakaan tokko tokko fedhii Waaqayyoo wajjin wal hin faallessu. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa yommuu gaaʼela dhaabbatan waadaa waliif galu. Waadaan kun gosa kakaati. Misirroonni lamaanuu “hamma lubbuudhaan [jiranitti]” wal jaallachuuf, wal kunuunsuu fi wal kabajuuf Waaqayyoo fi namoota duratti waadaa waliif galu; (Hiriyoonni gaaʼelaa kan biroon kallattiidhaan akkas jechuu baatanis, yeroo gaaʼela dhaabbatanitti Waaqayyo duratti waadaa waliif galaniiru.) Haadha manaa fi abbaa manaa kan jedhaman sana booda dha; gaaʼelli isaaniis umurii guutuu itti fufa. (Uma. 2:24; 1 Qor. 7:39) Waadaan gaaʼelaa sirrii fi fedhii Waaqayyoo wajjin kan walsimu dha.

Kakaan tokko tokko fedhii Waaqayyoo wajjin wal hin simu. Kiristiyaanni dhugaan tokko meeshaa hidhatee biyya isaatiif loluuf ykn Waaqayyoon ganuuf hin kakatu. Akkas gochuun ajaja Waaqayyoo cabsuu dha. Nuti Kiristiyaanonni “kutaa addunyaa waan hin taaneef,” falmii fi lola addunyaa keessa hin gallu.—Yoh. 15:19; Isa. 2:4; Yaq. 1:27.

Kakaan tokko tokko qalbii irratti kan hundaaʼe dha. Yeroo tokko tokko dhimma tokko ilaalchisee kakachuu keenya dura gorsa Yesuus, “Wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof deebisaa kennaa” jechuudhaan kenne irratti of eeggannoodhaan yaaduun nu barbaachisuu dandaʼa.—Luq. 20:25.

Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni tokko waraqaa lammummaa ykn paaspoortii argachuuf yeroo iyyata galchu biyyattiidhaaf amanamaa taʼuuf kakachuun akka isa barbaachisu hubate haa jennu. Biyya sana keessatti kakaa akkasii kakachuun wanta seera Waaqayyoo wajjin wal faallessu raawwachuuf waadaa galuu kan argisiisu yoo taʼe qalbiin isaa inni Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼe kakachuu irraa akka of qusatu isa kakaasa. Haa taʼu malee, mootummaan biyyattii karaa qalbii isaa wajjin wal simuun yaada kakaa sanaa irratti sirreeffama akka godhu isaaf heyyama taʼa.

Kakaa akkasii kakachuun qajeelfama Roomaa 13:1 isa, “Namni hundi abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif haa bitamu” jedhuu wajjin kan walsimu taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, Kiristiyaanni sun wanta Waaqayyo akka raawwatu isa irraa barbaadu raawwachuuf kakachuun dogoggora akka hin taane isatti dhagaʼamuu dandaʼa.

Yeroo kakattutti miʼa tokkotti akka fayyadamtu ykn mallattoo tokko akka argisiistu yoo gaafatamte qalbii kee isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamuun kee barbaachisaa dha. Namoonni Roomaa fi Iskutees durii yeroo kakatanitti goraadee isaaniitti fayyadamu turan. Kun immoo amanamummaa isaaniitiif mallattoo waaqa waraanaa akka wabiitti akka fayyadaman argisiisa. Warri Giriikii immoo yeroo kakatanitti harka isaanii gara samiitti ol kaasu. Kunis qaamni wanta dubbatanii fi wanta raawwatan arguu fi isaan gaafatu akka jiru amanuu isaanii argisiisa.

Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko mallattoo biyyoolessaa waaqeffannaa sobaa wajjin wal qabatu kamitti iyyuu fayyadamee akka hin kakanne beekamaa dha. Haa taʼu malee, mana murtiitti yeroo ragaa baatu harka kee Kitaaba Qulqulluu irra gootee akka kakattu yoo gaafatamte maal goota? Kitaabni Qulqulluun namoonni amanamoon mallattootti fayyadamanii kakatan akka jiran waan dubbatuuf, atis akkas gochuuf murteessita taʼa. (Uma. 24:2, 3, 9; 47:29-31) Kakaa akkasii kan kakattu yoo taʼe Waaqayyo duratti dhugaa dubbachuuf waadaa galaa akka jirtu yaadachuun kee baayʼee barbaachisaa dha. Gaaffii gaafatamuu dandeessu kamiif iyyuu deebii sirrii taʼe kennuuf sirriitti qophaaʼuun kee barbaachisaa dha.

Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnuuf iddoo guddaa waan kenninuuf, kakaan kakannu kam iyyuu qalbii keenya yookiin qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu wajjin kan wal hin faallessine taʼuu isaa mirkanaaʼoo taʼuuf kadhachuu fi of eeggannoodhaan irratti yaaduu qabna. Kakaa tokko kakachuuf yoo murteessite akka eegdu mirkanaaʼaa taʼuu qabda.—1 Phe. 2:12.