Yaaddoo Keessan Hundumaa Isa Irratti Gataa
“[Yihowaan] isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.”—1 PHE. 5:7.
1, 2. (a) Yeroo tokko tokko dhiphachuun keenya nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?
YEROO baayʼee nama dhiphisu keessa jiraanna. Seexanni garmalee aaruudhaan, “nama liqimsu barbaadee akka leenca barooduutti naannaʼaa jira.” (1 Phe. 5:8; Mul. 12:17) Kanaaf, al tokko tokko nuti tajaajiltoonni Waaqayyoo illee, yaaddoon yoo nutti dhagaʼame kan nama dinqisiisu miti. Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii Waaqayyoon sodaatan, kan akka Daawit Mootichaa turan illee ‘yaadaan dhiphatanii’ turan. (Far. 13:2) Kana malees, Phaawulos ergamaan ‘wanti isa yaaddessu waaʼee gumiiwwan hundaa yaaduu’ akka ture yaadadhaa. (2 Qor. 11:28) Haa taʼu malee, yeroo garmalee dhiphannu maal gochuu dandeenya?
2 Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa taʼe akkuma tajaajiltoota isaa bara duriitti turan gargaare, yeroo ammaattis dhiphina irraa hamma tokko boqonnaa akka argannu gochuu ni dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun gorsa, “Inni isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa” jedhu nuuf kenna. (1 Phe. 5:7) Haa taʼu malee, kana gochuu kan dandeessan akkamitti? Mee karaawwan kana itti gochuu dandeessan afur haa ilaallu: Isaanis, kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuu, Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi irratti xiinxaluu, hafuura Yihowaa argachuuf kadhachuu, akkasumas nama amantanitti miira keessan himuu dha. Karaawwan kana yommuu qorrutti, karaa itti tarkaanfii fudhachuun isin barbaachisu hubachuuf yaalaa.
‘WANTA YAADA ISINITTI TA’U WAAQAYYOTTI GATAA DHIISAA’
3. Kadhannaadhaan, ‘wanta yaada isinitti ta’u Waaqayyotti gattanii dhiisuu’ kan dandeessan akkamitti?
3 Tarkaanfiin jalqabaa kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan Yihowaatti dhihaachuu dha. Haalawwan akka hin tasgabboofne, akka sodaattan ykn akka dhiphattan godhan yommuu isin mudatan, wanta garaa keessan keessa jiru Abbaa keessan isa samii jaalala qabeessa taʼe duratti dhangalaasaa. Daawit faarfatichi, “Yaa Waaqayyo, gurra kee gara kadhata kootti qabi” jedhee Yihowaa kadhateera. Itti dabalees, “Wanta yaada sitti taʼu Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa!” jedheera. (Far. 55:1, 22) Rakkina tokko furuuf waan dandeessan hunda erga gootanii booda, kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuun keessan dhiphachuu caalaa faayidaa guddaa argamsiisa. Haa taʼu malee, kadhannaan yaaddoo fi dhiphina isin mudatuun liqimfamuu irraa isin eeguu kan dandaʼu akkamitti?—Far. 94:18, 19.
4. Yommuu dhiphannutti kadhannaan baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
4 Filiphisiyus 4:6, 7 dubbisi. Yihowaan wawwaannaa garaadhaa maddee fi utuu wal irraa hin kutin dhiheessinuuf deebii kennuu dandaʼa. Akkamitti? Tasgabbii miirawwan sammuu fi garaa keenya jeeqan irraa boqonnaa akka argannu gochuu dandaʼu nuuf kennuudhaani. Namoonni hedduun kun dhugaa taʼuu isaa muuxannoo isaanii irraa mirkaneeffataniiru. Waaqayyo, dhiphinaa fi yaaddoo wanta gara fuulduraatti taʼu yaaduudhaan isaanitti dhagaʼamu dhiisanii, nagaa fi tasgabbii hubannaa namootaatii ol taʼe akka argatan gochuudhaan isaan gargaareera. Kun isiniinis mudatee taʼuu dandaʼa. Kanaaf “nagaan Waaqayyoo” rakkina isin irra gaʼu kam irratti iyyuu injifannoo qabaachuu dandaʼa. Abdii Yihowaan gara laafinaan kakaʼee, “Ani Waaqayyo kee ti hin na’in! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras” jechuudhaan kennetti guutummaatti amanamuu ni dandeessu.—Isa. 41:10.
NAGAA KEESSAA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
5. Dubbiin Waaqayyoo nagaa keessaa kan nuuf argamsiisu akkamitti?
5 Karaa lammaffaan nagaa keessaa itti argannu immoo, caqasoota Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluu dha. Kun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Kitaabni Qulqulluun qajeelfamoota hafuuraa hojii irra ooluu dandaʼanii fi dhiphina hambisuu, hirʼisuuf ykn damdamachuuf gargaaran qabateera. Dubbiin Waaqayyoo jechoota ogummaa Uumaa keenyaa kan qabate waan taʼeef, faayidaa kan qabuu fi kan nama haaromsu taʼuu isaa hin dagatinaa. Halkan ykn guyyaa yaadawwan Waaqayyoo irratti yommuu xiinxaltan, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun hunda irra kan caalu kan taʼe akkamitti akka taʼe hubadhaa; kun immoo caalaatti isin jabeessa. Yihowaan Dubbii isaa dubbisuu kallattiidhaan kan wal qabsiise, ‘sodaachuu fi naʼuu’ wajjin utuu hin taʼin, ‘cimuu fi ija jabaachuu’ wajjini dha.—Iya. 1:7-9.
6. Jechoonni Yesuus isin irratti jijjiirama akkamii fiduu dandaʼu?
6 Dubbii Waaqayyoo keessatti, jechoota Yesuus nama jajjabeessan arganna. Dubbiinii fi barumsi isaa namoota isa dhaggeeffatan kan haaromsan turan. Yesuus, garaa warra dadhabanii waan tasgabbeessuuf, warra dadhabaa waan cimsuu fi warra gaddan waan jajjabeessuuf namoonni hedduun gara isaatti harkifamanii turan. (Maatewos 11:28-30 dubbisi.) Jaalalaan kakaʼee wanta namootaaf karaa hafuuraa, karaa miiraa fi qaamaa isaan barbaachisuuf xiyyeeffannaa kenneera. (Mar. 6:30-32) Yesuus, akkuma ergamoota isaa wajjin deemaa turan gargaaruuf waadaa gale, yeroo harʼaatti nuunis nu gargaaruu dandaʼa. Kana irraa fayyadamuuf dirqama bakka Yesuus qaamaan argamutti argamuun isin hin barbaachisu. Yesuus Mootii samii irra jiru waan taʼeef, miira keenya hubachuudhaan gargaarsa nu barbaachisu nuuf godha. Kanaaf, yommuu dhiphattan, ‘yeroo gargaarsi isin barbaachisutti’ gara laafinaan ‘isin gargaaruu’ ni dandaʼa. Dhuguma iyyuu, Yesuus abdii fi ija jabina yaaddoo damdamachuuf nu gargaaru nuu kenna.—Ibr. 2:17, 18; 4:16.
AMALAWWAN HAFUURRI QULQULLUUN ARGAMSIISU
7. Waaqayyo hafuura qulqulluu argachuuf yeroo kadhattutti deebii siif kennuun isaa faayidaa akkamii siif argamsiisa?
7 Yesuus, Abbaan keenya inni samii namoota Isa kadhataniif hafuura qulqulluu akka kennu waadaa galeera. (Luq. 11:10-13) Yaanni kun gara qabxii isa sadaffaa dhiphina hirʼisuu itti dandeenyutti nu geessa; innis firii hafuuraa horachuu dha. Hafuurri Waaqayyoo ykn humni isaa inni hojii irra jiru, amalawwan gaarii Waaqni keenya inni hundumaa dandaʼu qabu akka horannu nu gargaara. (Galaatiyaa 5:22, 23 dubbisi; Qol. 3:10) Amalawwan hafuuraa kana yommuu horattan walitti dhufeenyi namoota kaanii wajjin qabdan ni fooyyaʼa. Kanaaf, wantoota dhiphinni akka dhufu gochuu dandaʼan hedduu hirʼisuu ni dandeessu. Firiin hafuuraa akkamitti akka isin gargaare mee yeroo muraasaaf yaadaa.
8-12. Firiin hafuura qulqulluu dhiphina damdamachuuf ykn haalawwan nama dhiphisan hambisuuf si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
8 “Jaalala, gammachuu, nagaa.” Karaa ulfina qabeessa taʼeen namootaa wajjin dubbachuuf yommuu yaaltan, miira dogoggoraa isinitti dhagaʼamu damdamachuun caalaatti akka isiniif salphatu hubachuun keessan hin oolu. Akkas kan jennu maaliifi? Jaalala obbolummaa, jaalala hoʼaa fi kabaja argisiisuudhaan, haalawwan dhiphina fiduu dandaʼan hambisuu waan dandeessaniifi dha.—Rom. 12:10.
9 “Obsa, gaarummaa, dansummaa.” Gorsa, “Garaa waliif laafuu fi tola dhiifama waliif gochuudhaan gaarummaa walitti argisiisaa” jedhu hojii irra oolchuudhaan namootaa wajjin nagaa qabaachuu ni dandeessu. (Efe. 4:32) Akkas gochuudhaan, haalawwan dhiphina fiduu dandaʼan akka hin uumamne gochuu dandeessu. Kana malees, haalawwan ilmaan namootaa cubbuu kan dhaalan taʼuu isaaniitiin dhufan, karaa caalaatti buʼa qabeessa taʼeen damdamachuu dandeessu.
10 “Amantii.” Yeroo harʼaatti, wanti nu dhiphisu yeroo baayʼee qarshii fi qabeenyaa wajjin kan wal qabate dha. (Fak. 18:11) Kanaaf, amantii cimaan Yihowaan akka isin kunuunsu qabdan dhiphina damdamachuuf ykn dhiphina akkasii hambisuuf isin gargaaruu dandaʼa. Kun taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Gorsa Phaawulos ergamaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin, “wantoota amma qabdanitti gammadaa jiraadhaa” jechuudhaan kenne hordofuudhaan dhiphina hedduu hambisuu dandeessu. Phaawulos itti fufuudhaan akkana jedheera: “Sababiin isaas [Waaqayyo], ‘Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu’ jedheera. Kanaaf, ija jabina guddaadhaan, ‘Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?’ jenna.”—Ibr. 13:5, 6.
11 “Garraamummaa fi of toʼachuu.” Amalawwan kunneen argisiisuun keessan hangam gaarii fi buʼa qabeessa akka taʼe yaadaa. Kanaaf, dhuunfaatti gochawwan dhiphina fiduu dandaʼan akka hin jiraanne gochuu dandeessu; “jibba guddaa, aarii, dheekkamsa, iyya, arrabsoo” irraa fagaachuudhaanis faayidaa guddaa argattu.—Efe. 4:31.
12 “Harka Waaqayyoo isa jabaa” jala of galchuu fi ‘yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gatuuf’ gad of qabuun akka isin barbaachisu ifa dha. (1 Phe. 5:6, 7) Amala gad of qabuu horachuun keessan immoo, surraa Waaqayyoo fi deggersa Isaa isiniif argamsiisa. (Mik. 6:8) Waaqayyotti waan amanamtaniif, dandeettii qaamaa, sammuu fi miiraa keessaniif ilaalcha madaalamaa qabaattu; kun immoo dhiphina hirʼisuuf isin gargaaruu dandaʼa.
“MATUMAA . . . HIN YAADDAʼINAA”
13. Yesuus “Matumaa . . . hin yaaddaʼinaa” yommuu jedhu maal jechuu isaa ture?
13 Maatewos 6:34 (dubbisi) irratti gorsa gaarii Yesuus, “Matumaa . . . hin yaaddaʼinaa” jechuudhaan kenne arganna. Gorsa kana hordofuun garuu ulfaataa fakkaachuu dandaʼa. Yesuus, “Matumaa . . . hin yaaddaʼinaa” yeroo jedhu maal jechuu isaa ture? Tajaajilaan Waaqayyoo tokko yeroo taʼe tokkotti hin yaaddaʼu jechuu isaa akka hin taane ifa dha; gama kanaan wanta Daawitii fi Phaawulos dubbatan ilaalleerra. Yesuus, utuu hin barbaachisin ykn garmalee yaaddaʼuun rakkinaaf furmaata akka hin taane akka hubatan barattoota isaa gargaaraa ture. Guyyaan hundi rakkina mataa isaa qaba, kanaaf Kiristiyaanonni wanta darbe ykn wanta gara fuulduraatti taʼu yaaddaʼuudhaan dhiphina harʼaatti dabaluu hin qaban. Gorsa Yesuus kenne hojii irra oolchuudhaan yaaddoo isin hubu irraa furamuu kan dandeessan akkamitti?
14. Dogoggora kanaan dura raawwattaniin kan kaʼe yaaddaʼuu irraa fagaachuu kan dandeessan akkamitti?
14 Namni tokko gocha ykn dogoggora kanaan dura raawwateen kan kaʼe yaaddaʼuu dandaʼa taʼa. Waggoonni hedduun kan darban taʼu illee, dogoggora kanaan dura hojjeteen of ceephaʼaa jira taʼa. Daawit Mootichatti yeroo tokko tokko ‘irra-daddarbaan isaa mataa isaa irra akka ol darbu’ itti dhagaʼama ture. “Yaadni koo dhiphatee sababiin aaduufis nan iyya” jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera. (Far. 38:3, 4, 8, 18) Haala sana keessatti, Daawit maal gochuu isaatu gaarii ture? Inni hoo maal godhe? Araaraa fi dhiifama Yihowaatti amanameera. Garaa guutuudhaan, “Namni irra-daddarbaan isaa dhiifameef . . . haa gammadu!” jedheera.—Faarfannaa 32:1-3, 5 dubbisi.
15. (a) Haala amma keessa jirtan ilaalchisee yaaddaʼuu kan hin qabne maaliifi? (b) Yaaddoo hirʼisuuf tarkaanfiiwwan hojii irra ooluu dandaʼan akkamii fudhachuu dandeessu? (Saanduqa “ Karaa Yaaddoo Hirʼisuun Itti Dandaʼamu Tokko Tokko” jedhu ilaali.)
15 Yeroo tokko tokko immoo, haalli amma keessa jirtan isin dhiphisa taʼa. Fakkeenyaaf, Daawit yeroo Faarfannaa 55 barreessetti jireenya isaatiif sodaatee ture. (Far. 55:2-5) Taʼus yaaddoon, amanannaa inni Yihowaa irratti qabu akka isa jalaa balleessu hin heyyamne. Daawit rakkina isaa ilaalchisee kadhannaa cimaa dhiheessee ture; taʼus faayidaa wanta yaaddoo isatti fide sana damdamachuuf tarkaanfii kadhannaa isaa wajjin wal simu fudhachuun qabu hubatee ture. (2 Sam. 15:30-34) Daawit irraa maal baranna? Yaaddoon akka isin toʼatu heyyamuu mannaa, tarkaanfiiwwan haala keessa jirtan damdamachuuf isin gargaaran fudhadhaa; achiis dhimma isaa amanannaadhaan harka Yihowaatti gataa dhiisaa.
16. Hiikni maqaan Waaqayyoo qabu amantii keessan isiniif cimsuu kan dandaʼu akkamitti?
16 Yeroo baayʼee, Kiristiyaanni tokko rakkoowwan gara fuulduraatti taʼuu dandaʼan ilaalchisee kan dhiphatu yoo taʼe, yaaddoo hin barbaachisneef saaxilama. Haa taʼu malee, wantoota matumaa waaʼee isaanii hin beekneen dhiphachuu ykn yaaddaʼuu hin qabdan. Akkas kan jennu maaliifi? Sababiin isaas, wantoonni yeroo baayʼee gadhee taʼuu dandaʼu jennee yaannu, akka nuti sodaanne taʼuu dhiisuu dandaʼu. Hunda caalaa immoo, haalli toʼannaa Waaqa isa yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gatuu dandeessan sanaa ala taʼe hin jiru. Hiikni maqaa isaa iyyuu “Akka Taʼu Godha” jechuu dha. (Bau. 3:14, NW) Hiikni guddaan maqaan Waaqayyoo qabu kun, Waaqayyo kaayyoo tajaajiltoota isaatiif qabu guutummaatti raawwachuu akka dandaʼu nuuf mirkaneessa. Waaqayyo tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan akka eebbisuu fi waaʼee durii, ammaa fi gara fuulduraa yaaddaʼuu irraa akka fagaatan akka isaan gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu.
NAMA AMANTANITTI HIMADHAA
17, 18. Miira keessan nama amantanitti himachuun, dhiphina damdamachuuf isin gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
17 Karaa arfaffaan yaaddoo damdamachuun itti dandaʼamu immoo warra kaan haasofsiisuu dha; wanta isinitti dhagaʼamu nama amantanitti himaa. Hiriyaan gaaʼelaa keessan, michuun ykn jaarsi gumii keessan yaaddoo keessaniif ilaalcha sirrii akka qabaattan isin gargaaruu dandaʼu. “Yaaddoon garaa namaa keessa yoo jiraate, gad nama qaba; dubbii gaariin garuu nama gammachiisa.” (Fak. 12:25) Miira keessan utuu hin dhoksin dubbachuun keessan, wanta isin yaaddessu akka hubattanii fi akka damdamattan isin gargaaruu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun, “Mareen hin jiru yoo taʼe, wanti yaadame fiixaan hin baʼu; warri gorsa kennan yoo baayʼatan garuu, fiixaan in baʼa” jedha.—Fak. 15:22.
18 Kana malees, Yihowaan Kiristiyaanonni karaa walgaʼiiwwan gumiitiin, dhiphina akka damdamatan ni gargaara. Achitti obboloota keessan warra isiniif yaadanii fi wal jajjabeessuu barbaadanii wajjin wal argitu. (Ibr. 10:24, 25) Haala kanaan ‘wal jajjabeessuun’ keessan, kan isin cimsu siʼa taʼu, dhiphina isin mudatu kam iyyuu damdamachuun akka isiniif salphatu gochuuf isin gargaara.—Rom. 1:12.
HARIIROON WAAQAYYOO WAJJIN QABDAN MADDA JABINAA ISA GUDDAA DHA
19. Hariiroon isin Yihowaa wajjin qabdan akka isin cimsu kan amanamtan maaliifi?
19 Mee fakkeenya jaarsa gumii Kaanaadaa jiraatuu fi wanta yaaddoo isatti taʼu Yihowaa irratti gatuun faayidaa guddaa akka qabu hubate tokkoo haa ilaallu. Barsiisaa waan tureef, hojiin isaa kun isa dhiphisa ture; dhukkuba dhiphinaa wajjinis qabsaaʼuu qaba ture. Obboleessi kun akkamitti damdamate? Akkas jedheera: “Hunda caalaa, hariiroon Yihowaa wajjin qabu cimsachuuf carraaqqii gochuun koo, cimina dhiphina miiraa damdamachuuf na dandeessisu naaf argamsiiseera. Yeroo rakkinaatti deggersi michoota dhugaa fi obboloota hafuuraa baayʼee barbaachisaa dha. Wanta natti dhagaʼamu utuu hin dhoksin haadha manaa kootti nan himan ture. Jaarsolii fi daawwataan ol aanaa aanaa keenyaa ilaalcha sirrii akkan qabaadhuuf gargaarsa guddaa naaf godhaniiru. Anis yaalii fayyaa argachuuf kanan yaale siʼa taʼu, akkaataan yeroo kootti itti fayyadamu fooyyessuudhaan, bashannanaa fi sochii qaamaatiif yeroon ramade. Suutuma suuta, haala koo toʼachuu jalqabeera. Wantoonni toʼannaa kootii ol taʼan yommuu na mudatan immoo, dhimma sana harka Yihowaattan dabarsee kenna.”
20. (a) Wanta yaaddoo nutti taʼu Waaqayyo irratti gannee dhiisuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii mariʼanna?
20 Gabaabaadhumatti, kadhannaa garaadhaa maddeen, Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan wanta yaaddoo nutti taʼu Waaqayyo irratti gatuun faayidaa guddaa akka qabu baranneerra. Kana malees, firii hafuura qulqulluu horachuun, miira keenya nama amannutti himuunii fi obboloota keenyaa wajjin walitti qabamuudhaan humna argachuun faayidaa guddaa akka qabu hubanneerra. Mata dureen itti aanu Yihowaan akka nu eebbisu waadaa nuu galuudhaan, caalaatti kan nu deggeru akkamitti akka taʼe ibsa.—Ibr. 11:6.