Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Ajajni Leewwota 19:16 irra jiruu fi “Lubbuu namaa balleessuuf hin kaʼin” jedhu hiika maalii qaba? Kana irraa hoo maal baranna?

Yihowaan Israaʼelonni saba qulqulluu taʼuu akka qaban isaanitti himeera. Kana gochuuf akka isaan gargaaruuf gorsa, “Saba kee gidduu naannoftee maqaa hin balleessin. Lubbuu namaa balleessuuf hin kaʼin. Ani Yihowaa dha” jedhu isaaniif kenneera.—Lew. 19:2, 16.

Yaanni “balleessuuf hin kaʼin” jedhu yaada Afaan Ibrootaa akka gaariitti kan ibsu dha; maarree, kun hiika maalii qaba? Kitaabni Yihudootaa kitaaba Leewwotaa irratti yaada kennu tokko akkana jedheera: “Yaanni Afaan Ibrootaa [as irratti argamu] kallattiidhaan hiika, ‘irra, bira, naannoo . . . hin dhaabbatin’ jedhu kan qabu yeroo taʼu, ergaa akkamii akka qabu mirkanaaʼaa taʼuun rakkisaa dha; kanaafuu, . . . kutaa caqasa kanaa hubachuun ulfaataa dha.”

Hayyoonni tokko tokko yaanni kun yaada lakkoofsa 15 irra jiruu fi “Murtii hin jalʼisinaa. Isa hiyyeessa taʼeef hin loogin; isa sooressa taʼes ija addaatiin hin ilaalin. Namaaf haqaan murtii kenni” jedhuu wajjin akka wal qabatutti yaadu. (Lew. 19:15) Kanaafuu, ajajni lakkoofsa 16 irratti lubbuu namaa ‘balleessuuf akka hin kaane’ dubbatu sabni Waaqayyoo mana murtiitti, hojii daldalaa irratti ykn maatii keessatti namoota irratti jalʼina akka hin raawwanne kan ibsu taʼuu dandaʼa; faayidaa dhuunfaa argachuuf jecha wanta sirrii hin taane raawwachuu hin qaban. Nuti wantoota akkasii akka hin goone beekamaa dha; taʼus, karaa kan biraan yaada lakkoofsa 16 irra jiru kana hubachuu itti qabnu jira.

Mee yaada jalqaba lakkoofsa 16 irra jiru haa ilaallu. Waaqayyo sabni isaa saba isaanii gidduu naannaʼanii maqaa akka hin balleessine isaan ajajeera. Namni nama hamatu rakkina akka uumu beekamaa dha; maqaa namaa balleessuun garuu hamii caalaa rakkina guddaa geessisa. (Fak. 10:19; Lal. 10:12-14; 1 Xim. 5:11-15; Yaq. 3:6) Yeroo baayʼee gochi maqaa balleessuu kan raawwatamu dubbiidhaani; namni maqaa balleessu kaayyoon isaa namoonni kaan nama sanaaf ilaalcha gaarii akka hin qabaanne gochuu dha. Namni akkasii gochi isaa kun lubbuu nama sanaa balaadhaaf kan saaxilu yoo taʼe illee sobaan ragaa irratti baʼa. Namoonni maqaa namaa balleessan Naabot irratti sobaan ragaa baʼuudhaan dhagaadhaan tumamee akka ajjeeffamu gochuu isaanii yaadadhaa. (1 Mot. 21:8-13) Kanaafuu, akkuma Leewwota 19:16 irratti ibsame, namni maqaa namaa balleessu lubbuu namaa balleessuuf kaʼuu dandaʼa.

Kana malees, yeroo tokko tokko namni tokko maqaa namaa kan balleessu nama sana waan jibbuuf taʼuu dandaʼa. Yohaannis Tokkoffaa 3:15, “Namni obboleessa isaa jibbu hundi nama nama ajjeesu dha; namni nama ajjeesu hundi immoo jireenyi bara baraa isa keessa akka hin jiraanne beektu” jedha. Kana malees, Waaqayyo yaada lakkoofsa 16 irra jiru erga dubbatee booda, “Garaa keetti obboleessa kee hin jibbin” jechuu isaa haa qalbeeffannu.—Lew. 19:17.

Kanaafuu, yaanni adda taʼee fi Leewwota 19:16 irra jiru Kiristiyaanotaaf gorsa cimaa kenna. Yaada sirrii hin taanee fi maqaa balleessuu irraa fagaachuu qabna. Nama tokko waan hin jaallanneef ykn waan isatti hinaafnuuf yoo isa irratti ‘kaane’ gochi keenya kun akka isa jibbinu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Kiristiyaanonni immoo nama kam iyyuu jibbuu irraa fagaachuu qabu.—Mat. 12:36, 37.