Eenyu Biratti Beekamummaa Argachuu Barbaaddu?
“Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan, akkasumas . . . jaalala isin maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu.”—IBR. 6:10.
1. Hundi keenya uumamumaan fedhii akkamii qabna? Kun hoo maal dabalata?
NAMNI beektuu fi kabajju tokko maqaa kee yoo irraanfate ykn guutummaatti yoo si wallaale maaltu sitti dhagaʼama? Haalli akkasii baayʼee nama gaddisiisuu dandaʼa. Maaliif? Hundi keenya iyyuu uumamaan fudhatama argachuu waan barbaannuufi. Beekamummaan argachuu barbaannu garuu namoota kaan biratti akkasumaan beekamuu caalaa wanta dabalatu qaba; eenyummaa keenyaa fi hojii raawwanne amananii akka fudhatan barbaanna.—Lak. 11:16; Iyo. 31:6.
2, 3. Fedhiin dinqisiifannaa argachuuf qabnu daangaa isaa darbuu kan dandaʼu akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
2 Haa taʼu malee, akkuma fedhiiwwan uumamaa keenya kaan hedduu, mudaa kan qabnu waan taaneef fedhiin dinqisiifannaa argachuuf qabnus daangaa isaa darbuu dandaʼa. Beekamummaa sirrii hin taane argachuuf akka hawwinu nu gochuu dandaʼa. Addunyaan Seexanaa fedhiin beekamummaa argachuuf qabnu akka guddatu gochuudhaan, Yihowaa Abbaa keenya isa samii isa dhugumaan beekamummaa argachuu fi waaqeffatamuu qabu irratti akka hin xiyyeeffanne godha.—Mul. 4:11.
Luq. 20:46, 47) Gama biraatiin immoo, Yesuus dubartii hiyyeettii abbaan manaa irraa duʼee fi buusii xinnoo tarii namoota kaan biratti hin beekamne goote tokko galateeffateera. (Luq. 21:1-4) Ilaalchi Yesuus beekamummaaf qabu kan warra kaanii irraa baayʼee adda akka ture ifa dha. Mata dureen kun ilaalcha sirrii Yihowaa duratti fudhatama qabu qabaannee jiraachuuf nu gargaara.
3 Bara Yesuusitti, geggeessitoonni amantii tokko tokko beekamummaa ilaalchisee ilaalcha dogoggoraa qabu turan. Yesuus akkana jechuudhaan duuka buutota isaa akeekkachiisee ture: “Barsiisota seeraa irraa of eegaa; isaan uffata dhedheeraa uffatanii naannaʼuu fi iddoo gabaatti nagaa gaafatamuu jaallatu; mana sagadaa keessatti fuuldura [“bakka hunda irra caalu,” milj.] taaʼuu, afeerraa irbaataa irrattis bakka filatamaa taaʼuu jaallatu.” Itti fufuudhaanis, “Kanaaf, murtii cimaatu isaan eeggata” jedheera. (BEEKAMUMMAA HUNDA IRRA CAALU
4. Beekamummaan hunda irra caalu isa kami? Akkas kan jennu hoo maaliifi?
4 Maarree beekamummaan hunda irra caaluu fi argachuuf carraaquu dandeenyu isa kami? Kun xiyyeeffannaa namoonni gama barumsaa, daldalaa fi bohaartii addunyaa kana keessatti argachuuf barbaadan miti. Kanaa mannaa, isa Phaawulos akkana jechuudhaan waaʼee isaa dubbate dha: “Amma Waaqayyoon erga beektanii, caalaadhumatti immoo Waaqayyo biratti erga beekamtanii, akkamitti wantoota iddoo guddaa hin qabne, jechuunis wantoota dadhaboo taʼanii fi faayidaa hin qabnetti deebitanii isaaniif garboota taatu?” (Gal. 4:9) Bulchaa uumama cufa irratti Ol Aantummaa qabu biratti, jechuunis ‘Waaqayyo biratti beekamuun’ mirga baayʼee guddaa taʼe dha! Inni isaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaannu barbaada. Hayyuun tokko akka jedhanitti, ‘isa duratti fudhatama arganna.’ Yihowaan akka michoota isaatti yommuu nu simatu, sababii itti uumamne galmaan geenya jechuu dha.—Lal. 12:13, 14.
5. Waaqayyo akka nu beeku gochuu kan dandeenyu akkamitti?
5 Museen eebba akkasii argatee ture. Karaa Isaa caalaatti beekuu akka isaaf heyyamu yommuu Yihowaa gaafatu, Yihowaan, “Ati ana duratti faara tolaadhaan waan ilaalamteef, si, maqaa kees waanan beekuuf, isa ati dubbatte kana ani nan godha” jedhee isaaf deebise. (Bau. 33:12-17) Nutis Yihowaan dhuunfaatti yommuu nu beeku eebbawwan dinqisiisoo argachuu dandeenya. Haa taʼu malee, Yihowaan akka nu beeku gochuu kan dandeenyu akkamitti? Yommuu isa jaallannuu fi jireenya keenya isaaf murteessinutti akka nu beeku gochuu dandeenya.—1 Qorontos 8:3 dubbisi.
6, 7. Wanti hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nu dhabsiisuu dandaʼu maali dha?
6 Taʼus, hariiroo cimaa Abbaa keenya isa samii wajjin qabnu eegnee jiraachuun nu barbaachisa. Akkuma Phaawulos Kiristiyaanota Galaatiyaaf barreessetti, nutis beekamummaa addunyaa barbaaduu dabalatee, ‘wantoota dadhaboo taʼanii fi faayidaa hin qabneef’ garboota taʼuu irraa fagaachuun nu barbaachisa. (Gal. 4:9) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, hamma Waaqayyo biratti beekamanitti guddina argisiisanii turan. Haa taʼu malee, Phaawulos obbolootumti kun wantoota faayidaa hin qabnetti ‘deebiʼanii’ akka turan dubbateera. Phaawulos karaa biraatiin, “Hamma kana fagaattanii erga deemtanii booda, maaliif wantoota faayidaa hin qabnee fi dhiistanii dhuftanitti deebitan?” jechuu isaa ture.
7 Yeroo harʼaatti nuunis haalli akkasii nu mudachuu ni dandaʼaa? Eeyyee, ni dandaʼa. Jalqaba yommuu Yihowaa beeknetti, akkuma Phaawulos nutis beekamtii addunyaa Seexanaa keessatti qabnu dhiisneerra taʼa. (Filiphisiyus 3:7, 8 dubbisi.) Tarii carraa barumsa sadarkaa ol aanaa barachuuf ykn hojii miindaa guddaa argamsiisu ykn daldala irratti qarshii dabalataa argachuuf qabnu dhiisneerra taʼa. Dandeettiin gama muuziqaatiin ykn gama ispoortiitiin qabnu beekamtii fi qabeenya kan nuuf argamsiisuu taʼuu dandaʼa; garuu wantoota kana hunda dhiisneerra. (Ibr. 11:24-27) Murtoowwan gaarii goone akkasii akka carraawwan nu darbanitti ilaaluun ogummaa miti! Ilaalchi akkasii wantoota addunyaa kanaa, kanaan dura “dadhaboo taʼanii fi faayidaa hin qabne” jennee murteessine akka barbaannu nu gochuu dandaʼa. *
MURTOO KEESSAN CIMSADHAA
8. Wanti murtoo beekamummaa Yihowaa biraa argamu barbaaduuf goone nuuf cimsu maali dha?
8 Beekamummaa addunyaa biraa argamu utuu hin taʼin, beekamummaa Yihowaa biraa argamu barbaaduuf murtoo goone cimsachuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuuf wantoota guguddaa lama yaadachuun nu barbaachisa. Tokkoffaa, Yihowaan yeroo hunda beekamummaa kan kennu, namoota amanamummaadhaan isa tajaajilaniifi dha. (Ibroota 6:10 dubbisi; 11:6) Tajaajiltoota isaa hunda baayʼee dinqisiifata, akkasumas namoota isaaf amanamoo taʼan irraanfachuu akka ‘jalʼinaatti’ ilaala. Yihowaan yeroo hunda “warra kan isaa taʼan ni beeka.” (2 Xim. 2:19) Inni “karaa qajeelotaa duukaa buʼee in beeka,” akkasumas qorumsa keessaa akkamitti akka isaan baasu beeka.—Far. 1:6; 2 Phe. 2:9.
9. Fakkeenyawwan Yihowaan sabni isaa isa duratti fudhatama akka argatan kan godhe akkamitti akka taʼe ibsan dubbadhu.
9 Yeroo tokko tokko, Yihowaan saboonni isaa karaa dinqisiisaa taʼeen isa duratti fudhatama akka argatan godheera. (2 Sen. 20:20, 29) Fakkeenyaaf, wanta Yihowaan Galaana Diimaatti saboota isaa loltoota Faraʼooniin ariʼamaa turan oolchuuf godhe yaadaa. (Bau. 14:21-30; Far. 106:9-11) Haalli kun baayʼee kan nama dinqisiisu waan tureef, namoonni naannoo sana jiraatan waggoota 40 booda illee waaʼee isaa ni dubbatu turan. (Iya. 2:9-11) Miidhaa Goog inni biyya Maagoog gara fuulduraatti nu irraan geessisu yommuu dandamannutti, seenaawwan jaalalaa fi humna Yihowaa argisiisan akkasii yaadachuun keenya baayʼee nu jajjabeessa! (His. 38:8-12) Yeroo sanatti, keessumaa addunyaa irraa utuu hin taʼin Waaqayyo biraa beekamummaa argachuuf carraaquu keenyaan baayʼee ni galateeffanna.
10. Yihowaa biraa beekamummaa argachuu ilaalchisee wanti yaadachuu qabnu maali dha?
10 Lammaffaa irratti immoo dhugaa kana sammuutti qabachuun keenya barbaachisaa dha: Yihowaan karaa nuti matumaa hin eegneen beekamummaa nuu kennuu dandaʼa. Namoonni, namoota biratti ilaalamuuf jecha qofa wanta gaarii hojjetan Yihowaa biraa gatii kam iyyuu akka hin arganne ibsameera. Maaliif? Namoota irraa galata yommuu argatanitti, duruma iyyuu gatii isaanii guutummaatti argataniiru. (Maatewos 6:1-5 dubbisi.) Haa taʼu malee, Yesuus namoota warra kaaniif wanta gaarii godhaniif galata isaaniif malu hin arganne Abbaan isaa ‘dhoksaatti akka ilaalu’ dubbateera. Gocha isaanii kana ni hubata, akkasumas gatii isaanii isaaniif ni kenna. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko Yihowaan karaa nuti hin eegneen nu eebbisa. Mee fakkeenya tokko tokko haa ilaallu.
SHAMMARREEN GAD OF QABDU TOKKO BEEKAMUMMAA HIN EEGAMNE ARGATTE
11. Yihowaan Maariyaam ishii shamarree taateef beekamummaa akka kenne kan argisiise akkamitti?
11 Yeroon Ilmi Waaqayyoo nama taʼee itti dhalatu gaʼutti, Yihowaan durba gad of qabduu fi Maariyaam jedhamtu mucaa adda taʼe kanaaf haadha akka taatu filate. Maariyaam magaalaa xinnoo Naazireet jedhamtuu fi Yerusaalem irraas taʼe mana qulqullummaa Yerusaalem isa dinqisiisaa taʼe irraa fagoo jirtu keessa jiraatti turte. (Luqaas 1:26-33 dubbisi.) Maariyaam mirga kanaaf kan filatamte maaliifi? Akkuma maleekaan Gabriʼel jedhamu ishiitti dubbate “Waaqayyo duratti surraa waan argatteef” ture. Yeroo booda Maariyaam fira ishii Elsaabexitti yommuu dubbattu nama hafuuraa taʼuu ishii argisiisteetti. (Luq. 1:46-55) Eeyyee, Yihowaan Maariyaamiin ilaalaa ture, akkasumas amanamtuu waan taateef mirga ishiin hin eegne kana ishiidhaaf kenneera.
12, 13. Yesuus yommuu dhalatee fi guyyaa 40 booda mana qulqullummaatti yommuu geeffame beekamummaa isaaf malu kan argate karaa kamini?
12 Yommuu Maariyaam Yesuusiin deessetti, abbootiin taayitaa ykn bulchitoonni Yerusaalemii fi Beetaliheem kam iyyuu wanta taʼe kana akka beekan hin goone. Maleekonni, tiksitoota akka gad aanaatti ilaalamanii fi Beetaliheemii ala dirree irra hoolota isaanii tiksaa turanitti mulʼatanii turan. (Luq. 2:8-14) Achiis tiksitoonni kun mucaa reefuu dhalate kana ilaaluu dhaqan. (Luq. 2:15-17) Maariyaamii fi Yooseef, Yesuus haala kanaan ulfina argachuu isaa arguu isaanitti dinqisiifamanii taʼuu qaba! Karaa Yihowaan wantoota tokko tokko itti raawwatuu fi karaa Seexanni wantoota tokko tokko itti raawwatu gidduu garaa garummaa guddaan akka jiru haa ilaallu. Seexanni namoonni urjii lakkaaʼan Yesuusii fi warra isaa akka gaafatan yommuu ergetti, namoonni Yerusaalem hundi Yesuus dhalachuu isaa yommuu dhagaʼan baayʼee jeeqamanii turan. (Mat. 2:3) Yesuus haala kanaan ifatti beeksifamuun isaa, dhuma irratti daaʼimman balleessaa hin qabne hedduun akka ajjeefaman sababii taʼeera.—Mat. 2:16.
13 Erga Yesuus dhalatee guyyaa afurtama booda, Maariyaam mana qulqullummaa Yerusaalem isa Beetaliheemii irraa gara kiiloo meetira 9 fagaatu deemuudhaan aarsa dhiheessuun ishii irraa eegama ture. (Luq. 2:22-24) Maariyaam, Yooseefii fi Yesuusii wajjin yommuu deemtutti, luboonni achitti tajaajilaa jiran gaʼee Yesuus gara fuulduraatti qabu beeksisuuf wanta adda taʼe godhu jettee yaaddee taʼuu dandaʼa. Yesuus beekamummaa kan argate taʼus, karaa Maariyaam eegdeen taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kanaa mannaa, Yihowaan mucaan kun Masiihicha abdachiifame ykn Kiristoos taʼuu isaa beeksisuuf, Simiʼoon isa ‘nama qajeelaa fi nama Waaqayyoof buletti,’ akkasumas raajittii Haannaa ishii abbaan manaa irraa duʼee fi umuriin ishii waggaa 84 turetti fayyadameera.—Luq. 2:25-38.
14. Maariyaam, Yihowaa irraa eebbawwan akkamii argatteetti?
14 Waaʼee Maariyaam hoo maal jechuutu dandaʼama? Yihowaan Ilma isaa kunuunsuu fi guddisuu ishiitiin beekamummaa ishiidhaaf malu ishiidhaaf kennuu isaa itti fufeeraa? Eeyyee, kennuu isaa itti fufeera. Waaqayyo wanti ishiin gootee fi dubbatte Kitaaba Qulqulluu keessatti akka galmeeffamu godheera. Maariyaam yeroo Yesuus waggaa sadii fi walakkaadhaaf tajaajilaa turetti isaa wajjin deemaa kan turte hin fakkaatu. Tarii Maariyaam abbaan manaa ishii waan duʼeef, Naazireet keessa turuu qabdi turte taʼa. Mirgoonni argachuu dandeessu hedduun kan ishii darban taʼanis, yeroo Yesuus duʼuuf jedhutti isaa wajjin taʼuu dandeesseetti. (Yoh. 19:26) Yeroo booda garuu, Maariyaam barattoonni Yesuus guyyaa Phenxeqosxeetti hafuura qulqulluu fudhachuu isaanii dura Yerusaalem keessa isaanii wajjin turte. (HoE. 1:13, 14) Kanaaf, namoota achi turanii wajjin dibamtee taʼuu dandaʼa. Taanaan, carraan Yesuusii wajjin bara baraaf samii irra jiraachuu ishiidhaaf kennameera jechuu dha. Amanamummaadhaan waan tajaajilteef eebba guddaa argatteetti.
BEEKAMUMMAA YIHOWAAN ILMA ISAATIIF KENNE
15. Yihowaan, Ilmi isaa Yesuus yeroo lafa irra turetti isa duratti fudhatama akka argate kan argisiise akkamitti?
15 Yesuus geggeessitoota amantii ykn geggeessitoota siyaasaa bara isaatti turan irraa ulfina argachuuf hin hawwine. Haa taʼu malee, Yihowaan kallattiidhaan samii irraa yeroowwan adda addaa sadii isatti dubbachuudhaan beekamummaa yommuu isaaf kennu baayʼee jajjabaatee taʼuu qaba. Yesuus Laga Yordaanositti erga cuuphamee booda, Yihowaan, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa ani itti gammadu dha” jedhe. (Mat. 3:17) Jechoota dubbataman kana kan dhagaʼe, Yohaannis Cuuphaa qofa akka taʼe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Yeroo booda immoo, Yesuus duʼuu isaa gara waggaa tokkoo dura ergamoonni isaa sadii yommuu Yihowaan, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha. Isa dhagaʼaa” jedhu dhagaʼaniiru. (Mat. 17:5) Dhuma irrattis, Yesuus duʼuu isaa guyyoota muraasa dura, Yihowaan ammas samii irraa Ilma isaatti dubbateera.—Yoh. 12:28.
16, 17. Yihowaan karaa hin eegamneen Yesuusiif ulfinaa kan kenne akkamitti?
16 Yesuus salphifamee akka duʼuu fi Waaqayyoon arrabseera jedhamee sobaan akka himatamu kan beeku taʼus, fedhiin isaa utuu hin taʼin fedhiin Yihowaa akka raawwatamu kadhateera. (Mat. 26:39, 42) Addunyaa irraa beekamummaa argachuuf utuu hin taʼin, Abbaa isaa biraa qofa beekamummaa argachuuf, “salphina isa irra gaʼe tuffatee muka dhiphinaa irratti hanga duʼaatti jabaatee dhaabateera.” (Ibr. 12:2) Yihowaan beekamummaa akkasii akka isaaf kenne kan argisiise akkamitti?
17 Yesuus yommuu lafa irra turetti, ulfina samii irratti Abbaa isaa biratti yeroo tokko qabu ture deebisee argachuu akka barbaadu dubbateera. (Yoh. 17:5) Yesuus wanta kana caalu argachuuf abdatee akka ture wanti argisiisu hin jiru. Samii irratti sadarkaa ol aanaa nan argadha jedhee eegaa hin turre. Haa taʼu malee, Yihowaan maal godhe? Yesuusiin duʼaa kaasee “iddoo hunda caalu,” akkasumas jireenya hafuuraa hin duune, jechuunis wanta hamma yeroo sanaatti namni kam iyyuu hin arganne isaaf kennuudhaan, karaa hin eegamneen ulfina isaaf kenneera! * (Filp. 2:9; 1 Xim. 6:16) Dhuguma iyyuu, Yihowaan karaa dinqisiisaa taʼeen tajaajila Yesuus amanamummaadhaan raawwateef beekamummaa kenneera!
18. Addunyaa kana biratti fudhatama argachuu barbaaduu irraa of qusachuuf maaltu nu gargaara?
18 Addunyaa kana biratti fudhatama argachuu barbaaduu irraa of qusachuuf maaltu nu gargaara? Yihowaan yeroo hunda tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif beekamummaa akka kennu, akkasumas yeroo baayʼee karaa hin eegamneen akka isaan eebbisu sammuutti qabachuu qabna. Gara fulduraatti eebba hin eegamne akkamii akka argannu namni beekuu dandaʼu jiraa? Ammaaf garuu, rakkinaa fi qorumsa addunya hamaan kun nutti fidu yommuu dandamannu kanatti, addunyaan kunii fi beekamummaan inni nuuf dhiheessuu dandaʼu kam iyyuu darbaa akka jiru yeroo hunda haa yaadannu. (1 Yoh. 2:17) Yihowaan inni Abbaa keenya jaalala qabeessa taʼe, ‘jalʼaa miti; inni hojii keenyaa fi jaalala nuti maqaa isaatiif argisiisne hin irraanfatu.’ (Ibr. 6:10) Eeyyee, tarii karaa nuti amma hin yaanneen surraa isaa nutti argisiisa!
^ key. 7 Hiikawwan Kitaaba Qulqulluu kaan irratti yaanni ‘faayidaa kan hin qabne’ jedhu, “gatii kan hin qabne,” “kan kasaare,” “kan rakkina qabu,” akkasumas “kan nama gaddisiisu” jedhamee hiikameera.
^ key. 17 Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti jireenyi hin duune waan hin caqasamneef, kun eebba hin eegamne taʼuu dandaʼa.