Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namoota Hidhata Amantii Keessan Taʼaniif Ulfina Kennuuf Dursa Ni Fudhattuu?

Namoota Hidhata Amantii Keessan Taʼaniif Ulfina Kennuuf Dursa Ni Fudhattuu?

Namoota Hidhata Amantii Keessan Taʼaniif Ulfina Kennuuf Dursa Ni Fudhattuu?

“Jaalala obbolummaatiin hoʼisaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!”—ROM. 12:10.

1, 2. (a) Phaawulos ergaa warra Roomaatiif barreesserratti gorsa akkamii kenne? (b) Gaaffiiwwan kamirratti mariʼanna?

PHAAWULOS ERGAMAAN ergaa warra Roomaatiif barreesserratti, Kiristiyaanota hamma taanetti gumii keessatti jaalala argisiisuu akka qabnu addeesseera. Jaalalli keenya “jaalala dhugaa” taʼuu akka qabus nu yaadachiiseera. Kana malees, waaʼee “jaalala obbolummaa” kan ibse yommuu taʼu, jaalalli akkasii ‘hoʼaa’ taʼuu akka qabu dubbateera.—Rom. 12:9, 10a.

2 Jaalala obbolummaa qabaachuun, warra kaaniif miira hoʼaa qabaachuu caalaa waan dabalatu qaba. Miirri akkasii hojiidhaan argisiifamuu qaba. Kana malees, hojiidhaan yoo argisiisuu baanne jaalala qabaachuu keenya eenyuyyuu beekuu hin dandaʼu. Kanaafuu Phaawulos, “Walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!” jechuudhaan gorsa dabalataa kenneera. (Rom. 12:10b) Ulfina argisiisuun maalfaa dabalata? Namoota hidhata amantii keenya taʼanitti ulfina argisiisuuf wal dorgomuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

Kabajaafi Ulfina

3. Jechi “ulfina” jedhu afaan jalqaba Macaafni Qulqulluun itti barreeffametti hiika maalii qaba?

3 Jechi afaan Ibrootaa “ulfina” jedhame, jechi buʼuuraasaa kallattiidhaan yeroo hiikamu “ulfaachuu” jechuudha. Namni ulfinni kennamuuf tokko ulfaataa ykn barbaachisaa akka taʼetti ilaalama. Jechi kun, nama ulfinni kennamuuf sanaaf bakki guddaan akka kennamu kan argisiisudha. (Uma. 45:13) Jechi afaan Giriikii Macaafa Qulqulluu keessatti “ulfina” jedhamee hiikame, kabajaan ilaaluu, bakka guddaa kennuufii, akkasumas akka waan gatii guddaa qabuutti ilaaluu yaada jedhu dabarsa. (Luq. 14:10) Eeyyee, namoota jaallannuufi bakka guddaa isaaniif kenninutti ulfina argisiisna.

4, 5. Ulfina argisiisuufi namaaf kabaja qabaachuun walitti dhufeenya maalii qabu? Fakkeenyaan ibsi.

4 Warra kaaniif ulfina kennuun maalfaa dabalata? Kana gochuun isaaniif kabaja qabaachuudhaan jalqaba. Jechoonni “ulfina” akkasumas “kabaja” jedhan kun hiika wal fakkaatu waan qabaniif yeroo baayʼee walii wajjin caqasamu. Ulfina kennuun, karaa nama tokkoof kabaja qabaachuu keenya itti argisiisnu ykn mulʼisnudha. Kana jechuun, kabajni ilaalcha obboleessa keenyaaf qabnu kan argisiisu yommuu taʼu, ulfinni garuu haala obboleessa keenya itti qabnu kan argisiisudha.

5 Kiristiyaanni tokko namoota hidhata amantiisaa taʼan garaadhaa hin kabaju taanaan, akkamitti ulfina dhugaa isaanitti argisiisuu dandaʼa? (3 Yoh. 9, 10) Biqiltuun tokko akka gaariitti guddachuu kan dandaʼu, lafa gaariirra yoo dhaabame qofadha; ulfina dhugaa itti fufiinsa qabu argisiisuun kan dandaʼamus, namaaf kabaja garaadhaa madde yoo qabaanne qofadha. Ulfinni mormaa ol taʼe, kabaja dhugaarraa waan hin maddineef oolee bulee baduunsaa hin oolu. Kanaaf, Phaawulos ulfina akka argisiisnu gorsa kennuusaa dura, “Nama jaallachuun keessan jaalala dhugaa haa taʼu” jechuudhaan yaada ifa taʼe dubbachuunsaa nama hin dinqisiisu.—Rom. 12:9; 1 Phexros 1:22 dubbisi.

Namoota “Fakkaattii Waaqayyootti” Uumamaniif Ulfina Qabaadhu

6, 7. Warra kaan kabajuu kan qabnu maaliifi?

6 Namootaaf kabaja garaadhaa madde qabaachuun ulfina argisiisuuf barbaachisaa waan taʼeef, obboloota keenya hunda kabajuu ilaalchisee sababiiwwan Caaffata Qulqullaaʼoorratti kennaman matumaa dagachuu hin qabnu. Mee sababiiwwan kana keessaa lamaansaaniirratti haa mariʼannu.

7 Uumamawwan lafarra jiran kaanirraa haala adda taʼeen, ilmaan namootaa “fakkaattii Waaqayyootti” uumaman. (Yaq. 3:9) Kanaafuu, amalawwan Waaqayyoo kan akka jaalala, ogummaafi firdii qajeelaa jiran qabna. Wanta Uumaa keenyarraa arganne kan biraas hubadhaa. Faarfatichi akkas jedheera: “Yaa Waaqayyo! . . .  Guddina kee bantiiwwan waaqaa irratti diriirsiteetta. . . . Yaa Waaqayyo, kana keessaa immoo, [nama] xinnoodhuma ofii keetii gad isa goote, gonfoo guddinaa fi ulfinaa mataa isaa irra keesse.” (Far. 8:1, 4, 5; 104:1) * Waaqayyo Ilmaan namootaa hunda akka walii galaatti ulfina guddaa isaan gonfachiiseera. Kanaafuu, yeroo nama tokkoof ulfina kenninu Yihowaan madda ulfina ilmaan namootaa akka taʼe amannee fudhachuu keenya argisiisna jechuudha. Akka walii galaatti namoota hundumaa kabajuuf sababii kan qabnu erga taʼee, namoota hidhata amantii keenya taʼan caalaatti kabajuu hin qabnuuree?—Yoh. 3:16; Gal. 6:10.

Miseensota Maatii Tokkoo

8, 9. Phaawulos namoota hidhata amantii keenya taʼan kabajuuf sababii akkamii caqase?

8 Phaawulos sababii wal kabajuu itti qabnu kan biraa ibseera. Akka ulfina argisiisnu gorsa kennuusaa dura, “Jaalala obbolummaatiin hoʼisaa wal jaalladhaa” jedheera. Jechi afaan Giriikii “hoʼisaa wal jaalladhaa” jedhamee hiikame, walitti dhufeenya cimaa maatii jaalala qabuufi wal deggeru gidduu jiru kan argisiisudha. Kanaafuu, Phaawulos jecha kanatti fayyadamuudhaan walitti dhufeenyi gumii keessa jiru, akkuma walitti dhufeenya maatii tokkummaa qabu gidduu jiruutti cimaafi hoʼaa taʼuu akka qabu ibseera. (Rom. 12:5) Hunda caalaammoo, Phaawulos yaada kana kan barreesse Kiristiyaanota dibamoo Abbaansaanii tokko taʼeef, jechuunis ijoollee Yihowaa taʼaniif akka taʼe yaadadhaa. Kanaaf, karaa hiika guddaa qabuun maatii walitti dhufeenya cimaa qaban turan. Kanaan kan kaʼes, Kiristiyaanonni dibamoon bara Phaawulos turan wal kabajuuf sababii guddaa qabu turan. Haalli Kiristiyaanota dibamoo yeroo harʼaa jiranis akkasumadha.

9 Warri “hoolota kan biraa” taʼanoo? (Yoh. 10:16) Amma ijoollee Waaqayyoo jedhamuu kan hin dandeenye taʼanillee, kutaa maatii Kiristiyaanaa addunyaa maratti tokkummaa qabuu waan taʼaniif, obboleessaafi obboleettii jedhanii wal waamuunsaanii sirriidha. (1 Phe. 2:17; 5:9) Egaa, warri hoolota kan biraa taʼan “obboleessa” ykn “obboleettii” jedhanii kan wal waaman maaliif akka taʼe sirriitti yoo hubatan, isaanis namoota hidhata amantiisaanii taʼan kabajuuf sababii quubsaa qabu.—1 Phexros 3:8 dubbisi.

Baayʼee Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi?

10, 11. Warra kaan kabajuufi ulfina isaanitti argisiisuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

10 Namootaaf kabaja qabaachuufi ulfina argisiisuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Obboloota keenyatti ulfina argisiisuudhaan, nagaafi tokkummaa gumii addunyaa maraatiif gumaacha guddaa gochuu waan dandeenyuufidha.

11 Dhugaadha, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuufi gargaarsa hafuurasaa argachuun, Kiristiyaanota dhugaadhaaf madda jabinaa isa guddaa akka taʼe ni hubanna. (Far. 36:7; Yoh. 14:26) Yeroo namoonni hidhata amantii keenya taʼan nu dinqisiifatanis ni jajjabaanna. (Fak. 25:11) Namni tokko wanta akka nu kabaju argisiisu yommuu dubbatu ykn yommuu godhu jajjabina arganna. Kunis, gammachuufi garaa kutannaadhaan daandii jireenyaarra deemuu keenya akka itti fufnu jabina dabalataa nuu kenna. Atis akkas sitti dhagaʼamuu hin oolu.

12. Hundi keenya, gumii keessa jaalalli hoʼaan akka jiraatuuf gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Yihowaan uumamuma keenyaan kabajamuun akka nu barbaachisu waan beekuuf, Dubbiisaa keessatti, “Walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!” jechuudhaan nu gorsuunsaa sirriidha. (Rom. 12:10; Maatewos 7:12 dubbisi.) Kiristiyaanonni gorsa yeroo hundaaf taʼu kana hojiirra oolchan hundumtuu, jaalala obbolummaa Kiristiyaanota gidduu jiruuf gumaacha godhu. Kanaafuu, akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Kabajan obboleessa ykn obboleettii gumii keessa jiran tokkoof qabu dubbiifi gochaan yeroon itti ibse inni dhumaa yoomi?ʼ—Rom. 13:8.

Hundi Keenya Ulfina Argisiisuuf Dursa Fudhachuu Qabna

13. (a) Ulfina argisiisuudhaan dursa fudhachuu kan qabu eenyu? (b) Yaanni Phaawulos Roomaa 1:7⁠rratti ibse maal argisiisa?

13 Ulfina argisiisuuf dursa fudhachuu kan qabu eenyu? Phaawulos ergamaan ergaa warra Ibrootaatiif barreesserratti, jaarsoliin gumii ‘dursa kan fudhatan’ akka taʼan ibseera. (Ibr. 13:17, NW) Jaarsoliin sochiiwwan hedduurratti dursa akka fudhatan beekamaadha. Taʼuyyuu, tiksitoota karra hoolotaa waan taʼaniif jaarsolii isaanii wajjin hojjetan dabalatee, namoota hidhata amantiisaanii taʼaniif ulfina kennuuf dursa fudhachuun akka isaan barbaachisu beekamaadha. Fakkeenyaaf, jaarsoliin wanta gumichaaf barbaachisurratti mariʼachuuf yommuu wal gaʼan, yaada jaarsi tokko kenne xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuudhaan ulfina waliif kennu. Kana malees, yeroo murtoo godhan ilaalcha jaarsolii hundumaafi wanta isaan dubbatan tilmaama keessa galchuudhaan ulfina isaanitti argisiisu. (HoE. 15:6-15) Taʼuyyuu, ergaan Phaawulos warra Roomaatiif barreesse jaarsolii qofa utuu hin taʼin, guutummaa gumichaa kan ilaallatu akka ture yaadachuu qabna. (Rom. 1:7) Kanaafuu, gorsi ulfina waliif qabaachuu ilaalchisee kenname kun, seerri buʼuuraasaa warra yeroo harʼaa jiraannu hundaafis ni hojjeta.

14. (a) Garaagarummaa ulfina argisiisuufi ulfina argisiisuuf wal dorgomuu gidduu jiru fakkeenyaan ibsi. (b) Gaaffii akkamii of gaafachuu dandeenya?

14 Yaada gorsa Phaawulos kennerra jiru kanas qalbeeffadhaa. Kiristiyaanonni Roomaa ulfina akka walitti argisiisan qofa utuu hin taʼin, ulfina walii kennuuf akka wal dorgoman isaan gorseera. Kun garaagarummaa maalii qaba? Fakkeenya kanarratti yaadaa. Barsiisaan tokko barattoonni dubbisuu dandaʼan dubbisuu akka baratan isaan gorsaa? Durumaanuu dubbisuu waan dandaʼaniif akkas hin godhu. Kanaa mannaa, barsiisichi barattoonni sun caalaatti dubbisuu akka dandaʼan isaan gargaaruu barbaada. Haaluma wal fakkaatuun, jaalalli inni ulfina waliif kennuuf nu kakaasu, durumayyuu amala Kiristiyaanota dhugaa addaan baasee beeksisu ture. (Yoh. 13:35) Haataʼu malee, akkuma barattoonni dubbisuu beekan dandeettiisaanii kana fooyyeffachuuf guddina gochuu dandaʼan, ulfina walii kennuuf wal dorgomuudhaan guddina dabalataa gochuu dandeenya. (1 Tas. 4:9, 10) Kana gochuun hojii tokkoon tokkoon keenyaaf kennamedha. ‘Anoo namoota gumiikoo keessa jiraniif ulfina kennuuf dursa fudhachaan jiraa?’ jennee of gaafanna taʼa.

‘Warra Gad Deebiʼaniif’ Ulfina Kennaa

15, 16. (a) Warra kaaniif ulfina ennaa kenninu eenyufaa dagachuu hin qabnu? Maaliif? (b) Obboloota keenya hundaaf ulfina garaadhaa madde akka kenninu kan argisiisu maal taʼuu dandaʼa?

15 Yeroo namootatti ulfina argisiisnu, gumii keessatti eenyufaa dagachuu hin qabnu? Dubbiin Waaqayyoo, “Namni hiyyeessaaf garaa laafu akka waan Waaqayyoof liqeessuu ti; Waaqayyos gatii isaa isaaf in deebisa” jedha. (Fak. 19:17) Ulfina walii kennuurratti wal dorgomuuf yommuu carraaqnu, seera buʼuuraa caqasa kanaa hojiirra oolchuu kan qabnu akkamitti?

16 Namoonni baayʼeen warra isaanii ol taʼaniif ulfina kennuu akka barbaadan ni amanta. Namootumti kun warra isaanii gadi akka taʼan itti dhagaʼamuuf kabaja hin qaban taʼa. Yihowaan garuu akkas hin godhu. “Warra ulfina anaaf kennaniif ulfina nan kenna” jedheera. (1 Sam. 2:30; Far. 113:5-7) Yihowaan namoota isa tajaajilaniifi ulfina isaa kennan hundaaf ulfina ni kenna. Akkasumas, “warra gad deebiʼan” hin tuffatu. (Isaayaas 57:15 dubbisi; 2 Sen. 16:9) Nus fakkeenya Yihowaa hordofuu akka barbaannu beekamaadha. Kanaaf, warra kaaniif ulfina kennuu ilaalchisee haala akkamiirra akka jirru beekuuf, akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Warra gumii keessatti aangoo guddaa ykn itti gaafatamummaa hin qabneef ilaalcha akkamiin qaba?’ (Yoh. 13:14, 15) Deebiin gaaffii kanaaf laannu, warra kaaniif ulfina garaadhaa madde kan qabnu hammam akka taʼe argisiisa.—Filiphisiiyus 2:3, 4 dubbisi.

Yeroo Keenya Kennuudhaan Ulfina Argisiisuu

17. Warra kaaniif ulfina kennuuf wal dorgomuu karaan itti dandeenyu inni guddaan maalidha? Akkas kan jennu maaliifi?

17 Warra gumii keessa jiran hundaaf ulfina kennuuf wal dorgomuu karaan itti dandeenyu inni guddaan maalidha? Warra kaaniif yeroo keenya kennuudha. Akkas kan jennu maaliifi? Kiristiyaanota waan taaneef, yeroon keenya qabamaadha; sochiiwwan gumii barbaachisaa taʼan hedduu raawwachuunis yeroo keenya keessaa gara caalaasaa fudhata. Kanaan kan kaʼe, yeroo keenyaaf iddoo guddaa kennuun keenya kan nama dinqisiisu miti. Obboloonni keenya yeroo dheeraa akka nuu kennan isaanirraa eeguu akka hin qabnes ni hubanna. Haaluma wal fakkaatuun, warri gumii keessa jiran kaan isaanii wajjin yeroo dheeraa akka dabarsinu nurraa eeguu akka hin qabne hubachuusaaniitiif isaan dinqisiifanna.

18. Akkuma fakkii fuula 18⁠rra jirurratti ibsame, namoota hidhata amantii keenya taʼaniif yeroo murtaaʼe kennuuf fedhii qabaachuu keenya akkamitti argisiisuu dandeenya?

18 Haataʼu malee, (keessumaa warri gumii keessatti tiksitoota taanee tajaajillu) namoota hidhata amantii keenya taʼaniif yeroo murtaaʼaa kennuuf jecha sochii keenya addaan kutuuf fedhii qabaachuun keenya, akka isaan kabajnu kan argisiisu taʼuusaas ni hubanna. Karaa kamiin? Obboloota keenyaaf yeroo murtaaʼaa kennuuf jecha hojii jalqabne addaan kutuun keenya, karaa biraatiin akkas isaaniin jechuu keenyadha: ‘Siif bakka guddaa waanan kennuf, waanan hojjechaa jiru itti fufuu caalaa sii wajjin yeroo xinnoo dabarsuun filadha.’ (Mar. 6:30-34) Faallaan kanaas dhugaadha. Obboleessa keenya tokkoof yeroo murtaaʼe kennuuf jecha hojii keenya addaan kutuuf fedhii qabaachuu dhiisuun keenya, akka bakka guddaa isaaf hin kennine akka itti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Yeroon dhimma ariifachiisaa taʼe addaan kutuun itti hin dandaʼamne akka jiru beekamaadha. Taʼus, warra kaaniif yeroo murtaaʼe kennuuf fedhii qabaachuu ykn qabaachuu dhiisuun keenya, obboloota keenya garaadhaa hangam akka isaan kabajnu kan argisiisudha.—1 Qor. 10:24.

Dursa Fudhachuuf Murteessaa

19. Yeroo keenya kennuu malees, karaa kan biraa kamiin obboloota keenyaaf ulfina akka kenninu argisiisna?

19 Karaawwan barbaachisaan namoota hidhata amantii keenya taʼaniif ulfina kennuu keenya itti argisiisnu kan biraan jiru. Fakkeenyaaf, ennaa yeroo keenya isaaniif kenninu, xiyyeeffannaas kennuufii qabna. Gama kanaanis Yihowaan fakkeenya nuu taʼa. Daawit faarfatichi, “Iji Waaqayyoo gara warra qajeelotaa in ilaala, gurri isaas gara iyya isaanii in dhaggeeffata” jedheera. (Far. 34:15) Keessumaa obboloota gargaarsa barbaadanii gara keenya dhufaniif xiyyeeffannaa guutuu kennuudhaan, fakkeenya Yihowaa hordofuuf carraaqna. Akkas gochuudhaan isaaniif ulfina qabaachuu keenya argisiisna.

20. Ulfina argisiisuu ilaalchisee yaadachiisawwan kam sammuutti qabachuu barbaanna?

20 Akkuma olitti ilaalle, namoota hidhata amantii keenya taʼaniif ulfina garaadhaa madde qabaachuu kan qabnu maaliif akka taʼe yaadatti qabachuu barbaanna. Kana malees, warra gad deebiʼan dabalatee dursa fudhannee hundasaaniitti ulfina argisiisuuf carraa barbaanna. Tarkaanfiiwwan kana fudhachuudhaan, gumii keessatti jaalalaafi tokkummaa obbolummaa cimsina. Kanaafuu, hundumti keenya ulfina argisiisuuf qofa utuu hin taʼin keessumaa ulfina waliif kennuuf wal dorgomuu keenya itti haa fufnu. Akkas gochuuf murteessiteettaa?

[Miiljaleewwan]

^ key. 7 Wanti Daawit Faarfannaa 8⁠ffaarratti dubbates, waaʼee Yesus isa nama mudaa hin qabnee waan ibsuuf raajiis kan of keessatti qabatedha.—Ibr. 2:6-9.

Ni Yaadattaa?

• Ulfinniifi kabajni walitti dhufeenya maalii qabu?

• Namoota hidhata amantii keenya taʼaniif ulfina kennuuf sababii maalii qabna?

• Ulfina waliif kennuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

• Namoota hidhata amantii keenya taʼaniif ulfina akka qabnu karaawwan kamiin argisiisuu dandeenya?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Namoota hidhata amantii keenya taʼanitti ulfina argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?