Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Iyya Warra Gad Deebiʼanii Ni Dhagaʼa

Yihowaan Iyya Warra Gad Deebiʼanii Ni Dhagaʼa

Yihowaan Iyya Warra Gad Deebiʼanii Ni Dhagaʼa

AKKUMA Solomoon Mootichi Israaʼel durii inni ogeessa ture hubate, ‘yerooniifi walitti dhufuun hunduma keenya waliin gaʼa.’ (Lal. 9:11, hiika bara 1899) Haalli gaddisiisaan ykn qorumsi cimaan, jireenya keenyarratti jeequmsa guddaa geessisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, miseensi maatii keenyaa akka tasaa yoo nu jalaa duʼe miirri keenya garmalee miidhama taʼa. Gaddiifi abdii kutannaan torbaniifi jiʼoottan sana booda jiranitti nutti dhagaʼamu baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼa. Namni tokko kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuun akka isaaf hin malle hamma itti dhagaʼamutti wanti hundumtuu bitaa isatti taʼuu dandaʼa.

Haala akkasii keessatti namni tokko nama isa jajjbeessu, isaa yaaduufi isa jaallatu argachuun isa barbaachisa. Daawit faarfatichi, “Waaqayyo warra kufuuf jedhan hundumaa qabee in oolcha, warra gad deebiʼan hundumaas ol in kaasa!” jechuudhaan kana mirkaneesseera. (Far. 145:14) Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo guutummaa biyya lafaa in ilaala, warra garaa isaanii guutuu isa amanatan in gargaara” jechuudhaan nutti hima. (2 Sen. 16:9) Yihowaan ‘warra garaansaanii cabeefi warra gad deebiʼanii wajjin in taʼa; hafuura warra garaansaanii cabeefi warra gad deebiʼanii in haaressa.’ (Isa. 57:15) Haataʼu malee, Yihowaan warra garaansaanii cabeefi warra gad deebiʼan kan deggeru, akkasumas kan jajjabeessu akkamitti?

‘Dubbii Yeroosaatti Dubbatamu’

Karaawwan Yihowaan yeroosaatti gargaarsa itti kennu keessaa tokko, waldaa obbolummaa Kiristiyaanaati. Kiristiyaanonni, ‘warra dhiphatan akka jajjabeessan’ gorfamaniiru. (1 Tas. 5:14, NW) Namni dhiphateefi gadde tokko, namoota hidhata amantiisaa gara laafeyyii taʼanirraa jecha nama jajjabeessuufi akka isa jaallatan argisiisu dhagaʼuunsaa isa jajjabeessuu dandaʼa. Dubbiin nama tokko jajjabeessuuf dubbatame xinnoo taʼullee, miira nama dhiphate tokkoo baayʼee bayyanachiisuu dandaʼa. Yaanni gaariin akkasii, tarii nama dhiphinni sammuufi miiraa irra gaʼee beekurraa dhufuu dandaʼa. Yookiinimmoo yaada hubannaarratti hundaaʼe kana kan kenne, michuu muuxannoo guddaa qabu tokko taʼuu dandaʼa. Yihowaan karaawwan kanaan miirri nama gad deebiʼe tokkoo akka bayyanatu gochuu dandaʼa.

Haala Kiristiyaana Aleeksi jedhamuufi reefuu gaaʼela godhate tokkoo ilaali. Haati manaa Aleeksi dhukkuba hin fayyineen qabamtee waan turteef akkuma tasaa jalaa duute. Daawwataan olaanaa gara laafessi tokko, Aleeksitti wanta nama jajjabeessu dubbate. Innis haati manaasaa kan jalaa duute yommuu taʼu, amma kan biraa fuudheera. Daawwataan olaanaa kun, yeroo sanatti miirrisaa baayʼee miidhamee akka ture ibseef. Yeroo tajaajilarrattiifi walgaʼii gumiirratti obbolootaa wajjin taʼutti miira gaarii qabaata. Yeroo kutaasaatti galee balbalasaa cufatu garuu, kophummaan baayʼee isatti dhagaʼama ture. Aleeksi, “Miirri akkasii natti dhagaʼamuunsaa waanuma jiru akka taʼeefi namoonni kaanis haala akkasii keessa akka darban beekuunkoo, boqonnaa guddaa naaf argamsiiseera” jedheera. Dhugumayyuu, “dubbiin yeroo isaatti dubbatamu” yeroo rakkinaatti nama jajjabeessuu dandaʼa.—Fak. 15:23.

Jaarsi gumii kan biraan, namoota hiriyaa gaaʼelaasaanii duʼaan dhaban hedduu beeku tokkos, yaadawwan nama jajjabeessan tokko tokko Aleeksitti dubbateera. Miirasaa akka isaaf hubate karaa argisiisuun, Yihowaan wanta nutti dhagaʼamuufi wanta nu barbaachisu akka beeku jaalalaan itti hime. Obboleessi kun, “Jiʼootaafi waggoota ittaananitti hiriyaan gaaʼelaa akka si barbaachisu yoo sitti dhagaʼame, yeroo kanatti wanti Yihowaan jaalalaan sii qopheesse lammata fuudhuudha” isaan jedhe. Kana jechuun, namoonni hiriyaan gaaʼelaa jalaa duʼeefi lammata gaaʼela godhachuu barbaadan hundi kana gochuu dandaʼu jechuu akka hin taane beekamaadha. Aleeksi wanta obboleessi sun isaan jedherratti yaaduudhaan, “Kun qophii Yihowaa taʼuusaa yaadachuun keessan, lammata gaaʼela godhachuun hiriyaa gaaʼelaa keessaniif ykn qophii Yihowaan gaaʼela ilaalchisee godheef amanamoo utuu hin taʼin hafuu akka taʼe yaaduudhaan of ceephaʼuurraa isin oolcha” jedheera.—1 Qor. 7:8, 9, 39.

Daawit faarfatichi inni qorumsiifi rakkinni hedduun irra gaʼee ture, “Iji Waaqayyoo gara warra qajeelotaa in ilaala, gurri isaas gara iyya isaanii in dhaggeeffata” jedheera. (Far. 34:15) Yihowaan, Kiristiyaanonni gara laafeyyii taʼaniifi gaʼumsa qaban hubannaadhaan akka dubbatan gochuudhaan, iyya warra gad deebiʼaniitiif yeroosaatti deebii kennuu akka dandaʼu beekamaadha. Qophiin kun bakka guddaan kan kennamuuf taʼuusaarrayyuu faayidaa kan qabudha.

Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarraa Gargaarsa Argachuu

Namni abdii kutate, yaada dogoggoraa akka warra kaanirraa addaan of baasu godhuuf saaxilamuu dandaʼa. Haataʼu malee Fakkeenyi 18:1, akka hiika bara 1899⁠tti, ‘Gargar baʼuu kan jaallatu kajeellaasaa duukaa buʼa; ogummaa gaarii hundumaanis ni morma’ jedha. Aleeksi, “Yeroo hiriyaa gaaʼelaa keessan duʼaan dhabdan, sammuun keessan yaada dogoggoraatiin guutama” jechuudhaan haqa jiru dubbateera. Akka armaan gadii jedhee of gaafatee akka ture yaadata: “‘Wantin gochuu dandaʼu kan biraan jira turee? Kana caalaa isheedhaa yaaduufi ishee hubachuu nan dandaʼan turee laata?’ Kophaa jiraachuu hin barbaadun ture. Qeentee taʼuus hin barbaadun ture. Guyyuma hundumaa wanti kophaa akka taatan isin yaadachiisu waan jiraatuuf, akkas jettanii yaaduu dhiisuun ulfaataadha.”

Namni garaansaa cabe tokko, yeroo kamiyyuu caalaa michoota gaarii wajjin walitti dhihaachuun isa barbaachisa. Michoota akkasiimmoo yoo walgaʼiiwwan gumii dhaqne arganna. Achitti, yaada Waaqayyoo isa faayidaa qabuufi nama jajjabeessuuf sammuu keenya qopheessina.

Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa haala keessa jirruuf ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaaru. Ergaa Macaafa Qulqulluu yommuu dhaggeeffannuufi irratti xiinxallu, rakkina keenyarratti utuu hin taʼin dhimmawwan barbaachisaa taʼanirratti, jechuunis olaantummaan Yihowaa mirkanaaʼuusaafi maqaansaa qulqulluu taʼee eegamuusaarratti xiyyeeffanna. Kana malees, yeroo waaʼee Yihowaa barannu kanatti, namoonni kaan rakkina keessa jirru kan nuu hin beekneefi miira keenya kan nuuf hin hubanne taʼaniyyuu, Yihowaan akka nuu hubatu beekuun keenya nu jajjabeessa. Inni ‘namni garaansaa gadda qabu yaannisaa cabaa akka taʼe’ beeka. (Fak. 15:13) Yihowaan nu gargaaruu kan barbaadu siʼa taʼu, kunimmoo humna jabaannee itti fufuuf nu dandeessisu nuu kenna.—Far. 27:14.

Daawit Mootichi, ennaa diinonnisaa dhiibbaa cimaa isarra geessisanii turanitti, “Hafuurri na xinnaatee, garaan koos naʼee in hadoode” jechuudhaan gara Waaqayyootti iyyateera. (Far. 143:4) Yeroo baayʼee rakkinni garaa namaallee hadoochuudhaan, jabina qaamaafi miiraa nama tokkoo laaffisuu dandaʼa. Rakkinni kan nurra gaʼu, dhukkubaan ykn rakkina qaamaa yeroo dheeraadhaaf turuun taʼuu dandaʼa. Yihowaan jabaannee dhaabachuuf akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Far. 41:1-3) Yeroo harʼaa Waaqayyo nama tokkoyyuu karaa dinqii taʼeen kan hin fayyisne taʼus, nama rakkina qabu sanaaf ogummaafi jabina haalasaa dandaʼuuf isa barbaachisu ni kenna. Daawit yeroo qorumsi hedduun isarra gaʼee turetti, Yihowaatti akka iyyate yaadadhaa. “Guyyoota bara durii nan yaadadha, wanti ati goote hundinuus yaada koo keessa jira; hojii harka kees irra-deddeebiʼee itti nan yaada” jechuudhaan faarfateera.—Far. 143:5.

Wanti Daawititti dhagaʼame kun geggeessaa hafuuraatiin Dubbii Waaqayyoo keessatti galmeeffamuunsaa, Yihowaan miira keenya akka hubatu kan argisiisudha. Yaadawwan akkasii kun, inni kadhannaa keenya akka dhagaʼu nuu mirkaneessu. Gargaarsa Yihowaa kan fudhannu yoo taʼe, ‘inni akka nuyi hin kufnetti nu irkisa.ʼ—Far. 55:22.

“Kadhata Keessan Ittuma Fufaa Malee Hin Dhiisinaa!”

Yaaqoob 4:8, “Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti in dhiʼaata” jedha. Karaan Waaqayyotti itti dhihaannu inni tokko kadhannaadha. Phaawulos ergamaan, “Kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaa!” jechuudhaan nu gorseera. (1 Tas. 5:17) Kadhannaadhaan miira keenya ibsuun yoo nu rakkisellee, “hafuurichi garuu aaduu isaatiin karaa namni dubbiidhaan mulʼisuu hin dandeenyeen nuuf in kadhata.” (Rom. 8:26, 27) Yihowaan wanta nutti dhagaʼamu akka hubatu beekamaadha.

Moonikaan isheen Yihowaatti maxxantee jiraattu akkas jetteetti: “Kadhannaan, dubbisni Macaafa Qulqulluufi qayyabannaan dhuunfaa, Yihowaan Michuukoo isa hunda caalu akka taʼe akka natti dhagaʼamu godheera. Jireenyakoo keessatti yeroo hundumaa waan na gargaaruuf, anaaf dhugoomeera. Wanta natti dhagaʼamu ibsuu yeroon hin dandeenyettillee, inni akka na hubatu beekuunkoo na jajjabeessa. Gaarummaafi eebbisaa dhuma akka hin qabne beeka.”

Kanaaf, yaada Kiristiyaanonni hidhata amantii keenya taʼan nu jajjabeessuuf jaalalaan kakaʼanii nuu kennan haa fudhannu; gorsa gaariifi barumsa amantii namaa jabeessu isa walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti argannu hojiirra haa oolchinu; akkasumas wanta nutti dhagaʼamu hundumaa kadhannaadhaan Yihowaatti haa himannu. Kun hundumtuu karaa Yihowaan akka nuuf yaadu itti argisiisudha. Aleeksi muuxannoosaarraa kaʼuudhaan, “Gama keenyaan wanta Yihowaan karaa hafuuraa nu jabeessuuf nuu qopheesse hundumaatti yoo fayyadamne, qorumsa nu mudatu hunda dandaʼuuf ‘humna humna gararraa’ ni arganna” jedheera.—2 Qor. 4:7.

[Fakkii fuula 17rra jiru]

“Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu” gaafa rakkinaatti baayʼee nama jajjabeessa!

[Saanduqa/Fakkii fuula 18rra jiru]

Yaada Warra Gad Deebiʼan Jajjabeessu

Faarfannaawwan kun, yaadawwan miira namootaa ibsaniin kan guutaman taʼuusaaniirrayyuu, Yihowaan nama dhiphatee garasaatti iyyatu akka dhagaʼu irra deddeebiʼanii kan mirkaneessanidha. Faarfannaawwan kanaa gadi jiran ilaalaa:

“Rakkina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe, gargaarsaaf Waaqayyo koottan iyyadhe; inni immoo mana qulqullummaa isaa keessaa sagalee koo dhagaʼe, isa duratti gargaarsaaf iyyuun koos gurra isaa bira anaaf gaʼe.”—Far. 18:6.

“Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaaʼes in fayyisa.”—Far. 34:18.

“Inni [Yihowaan] warra garaan isaanii cabe in fayyisa, madaa isaaniis walitti qabee in hidhaaf.”—Far. 147:3.