Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaʼelli Kennaa Waaqayyoo Waan Taʼeef Kabajaa

Gaaʼelli Kennaa Waaqayyoo Waan Taʼeef Kabajaa

Gaaʼelli Kennaa Waaqayyoo Waan Taʼeef Kabajaa

“Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in taʼu.”—UMA. 2:24.

1. Yihowaadhaaf kabaja kennuun keenya kan isaaf malu maaliifi?

YIHOWAA isa Hundeessaa gaaʼelaa taʼeef kabaja kennuun keenya kan isaaf maludha. Uumaa keenya, Bulchaa Olaanaafi Abbaa keenya isa samii waan taʼeef, ‘kennaa gaarii hundumaa, kennaa guutuu hundumaas’ kan kenne godhamee ibsamuunsaa sirriidha. (Yaq. 1:17; Mul. 4:11) Kun karaa jaalallisaa inni guddaan itti mulʼatedha. (1 Yoh. 4:8) Wanti inni nu barsiise hundi, wanti inni akka raawwannu nu gaafate hundi, wanti inni nuu kenne hundi nageenyaafi faayidaa kan nuu argamsiisudha.—Isa. 48:17.

2. Yihowaan hiriyoota gaaʼelaa jalqabaatiif qajeelfama akkamii kennee ture?

2 Macaafni Qulqulluun, gaaʼelli kennaawwan “gaarii” Waaqayyo biraa argaman kana keessaa tokko akka taʼe ibsa. (Rut. 1:9; 2:12) Yihowaan gaaʼela jalqabaa yommuu hundeesse, hiriyoota gaaʼelaa lamaaniif jechuunis, Addaamiifi Hewwaaniif qajeelfama milkaaʼina isaanii argamsiisu kenneera. (Maatewos 19:4-6 dubbisi.) Qajeelfama Waaqayyoo yoo hordofan yeroo hundumaa gammachuu argatu turan. Haataʼu malee, gowwummaadhaan ajaja Waaqayyoo kan tuffatan siʼa taʼu, kunis rakkinni guddaan akka isaanirra gaʼu godheera.—Uma. 3:6-13, 16-19, 23.

3, 4. (a) Yeroo harʼaa namoonni baayʼeen gaaʼelaafis taʼe Yihowaadhaaf kabaja kan hin kennine akkamitti? (b) Mataduree kana keessatti fakkeenya maalii ilaalla?

3 Akkuma hiriyoota gaaʼelaa jalqabaa, namoonni yeroo harʼaa jiran baayʼeenis gaaʼela keessatti yommuu murtoo godhan qajeelfamawwan Yihowaatiif xiyyeeffannaa hin kennan. Namoonni tokko tokko gaaʼela godhachuu hin deggeran; warri kaanimmoo gaaʼela godhachuu kan hin mormine taʼanis, karaa barbaadaniin itti fayyadamu. (Rom. 1:24-32; 2 Xim. 3:1-5) Namoonni kun gaaʼelli kennaa Waaqayyo taʼuusaa kan hin fudhanne taʼuusaarrayyuu, kennaa kanaaf kabaja dhabuudhaan, Yihowaa isa madda kennaa kanaa taʼe tuffatu.

4 Saba Waaqayyoo keessattillee namoonni tokko tokko, yeroon isaan ilaalcha Yihowaan gaaʼelaaf qabu sirriitti utuu hin hubatin hafan jira. Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaana taʼan tokko tokko, deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo utuu hin qabaatin gargar baʼuuf ykn wal hiikuuf murteessaniiru. Rakkina kana hambisuun kan dandaʼamu akkamitti? Qajeelfamni Waaqayyo Uumama 2:24⁠rratti kenne, hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaana taʼan gaaʼelasaanii akka cimsatan kan isaan gargaaru akkamitti? Akkasumas warri gaaʼela godhachuuf yaadan gaaʼelaaf qophaaʼuu kan dandaʼan akkamitti? Yihowaadhaaf kabaja qabaachuun, gaaʼelli akka itti fufu gochuurratti akkamitti murteessaa akka taʼe ilaalchisee, gaaʼeloota bara durii milkaaʼina argatan sadii akka fakkeenyaatti haa ilaallu.

Amanamummaadhaan Jiraadhaa

5, 6. Zakaariyaasiifi Elsaabex haalli akkamii isaan qoree taʼuu dandaʼa? Amanamoo taʼuunsaanii eebba akkamii isaanii argamsiise?

5 Zakaariyaasiifi Elsaabex wanta sirrii taʼe hunda godhaniiru. Lamaanuu nama amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilu filachuudhaan hiriyaa gaaʼelaa waliif taʼaniiru. Zakaariyaas tajaajila lubummaasaa amanamummaadhaan raawwachaa kan ture siʼa taʼu, lamaanuu hamma isaanii dandaʼame Seera Waaqayyoo eeganiiru. Wantoota akka galateeffatan isaan godhan hedduu akka qaban beekamaadha. Haataʼu malee, yeroo sana jiraattee manasaanii Yihudaatti argamu utuu dhaqxeetta taʼee, wanti tokko akka hirʼate hubachuuf yeroo sitti hin fudhatu. Namoonni kun ijoollee hin qaban turan. Elsaabex dhabduu kan turte siʼa taʼu, lamaanuu umriinsaanii sokkee ture.—Luq. 1:5-7.

6 Israaʼel durii keessatti ijoollee godhachuun wanta iddoo guddaan kennamuuf siʼa taʼu, yeroo baayʼee maatiiwwan miseensota hedduu qabu turan. (1 Sam. 1:2, 6, 10; Far. 128:3, 4) Namni Israaʼel yeroo sanatti ture tokko, haati manaasaa ijoollee yoo godhachuufii baatte haxxummaadhaan ishee hiika ture. Zakaariyaas garuu Elsaabex wajjin amanamummaadhaan jiraateera. Innis taʼe haati manaasaa gaaʼelasaanii diiguuf carraa hin barbaanne. Ijoollee dhabuunsaanii kan isaan gaddisiise taʼus, amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluusaanii itti fufaniiru. Yihowaan, dullumasaanii keessa dinqiidhaan ilma tokko akka argatan gochuudhaan guddaa isaan eebbiseera.—Luq. 1:8-14.

7. Elsaabex abbaa manaasheetiif amanamtuu akka taate karaa gara biraa kamiin argisiiste?

7 Elsaabex karaa gara biraadhaanis amanamummaa akka galateeffatamtu ishee godhu argisiisteetti. Zakaariyaas, ergamaa Waaqayyoo shakkuusaatiin kan kaʼe arrabnisaa waan hidhameef, yommuu ilmishee Yohannis dhalate dubbachuu hin dandaʼu ture. Taʼus Zakaariyaas, ergamaan Yihowaa mucicha “Yohannis” jedhee akka moggaasu akka isatti hime karaa taʼe tokkoon haadha manaasaatti himee taʼuu qaba. Ollaawwaniifi firoonnisaanii maqaa mucichaa maqaa abbaasaatiin moggaasuu barbaadanii turan. Haataʼu malee, Elsaabex qajeelfama abbaa manaashee amanamummaadhaan eegdeetti. Kanaafuu, “Waawuu, maqaan isaa Yohannis haa jedhamu malee” jettee deebisteetti.—Luq. 1:59-63.

8, 9. (a) Amanamummaan gaaʼela kan cimsu akkamitti? (b) Karaawwan abbaan manaafi haati manaa amanamummaasaanii itti argisiisan tokko tokko kamfaʼi?

8 Akkuma Zakaariyaasiifi Elsaabex, hiriyoonni gaaʼelaa yeroo harʼaa jiranis abdii kutachuufi rakkoowwan gara biraan isaan mudatu. Gaaʼelli amanamummaa hin qabne gammachiisaa hin taʼu. Kolomsuun, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluun, ejjiifi wantoonni gaaʼela balaadhaaf saaxilan gara biraan, hiriyoonni gaaʼelaa matumaa akka wal hin amanne godhu. Gaaʼela keessaatti wal amanuun yommuu dhabamu, jaalalli qabbanaaʼuu jalqaba. Amanamummaan, karaawwan tokko tokkoon dallaa manatti naanneffamee ijaaramee wajjin wal fakkaata; dallaan, namoota akka seenan hin barbaadamneefi wantoota balaa geessisan ittisuudhaan warra keessa jiraniif hamma tokko nageenya argamsiisa. Kanaaf, abbaan manaafi haati manaa amanamoo waliif taʼuunsaanii, nagaadhaan waliin jiraachuufi garaadhaa waliin haasaʼuudhaan jaalallisaanii akka jabaatu godha. Eeyyee, amanamummaan baayʼee barbaachisaadha.

9 Yihowaan, “Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana” jechuudhaan Addaamitti himeera. (Uma. 2:24) Kana jechuun maal jechuudha? Walitti dhufeenya duraan michootaafi firootasaanii wajjin qabanirratti jijjiiramni barbaachisu godhamuu qaba. Hunda dura hiriyoonni gaaʼelaa yeroofi xiyyeeffannaa walii kennuu qabu. Kana booda hiriyootaafi firootasaaniitiif xiyyeeffannaa guddaa kennuudhaan maatiisaanii isa haaraa dagachuu hin qaban. Yeroo murtoo maatii wajjin wal qabate godhanittis taʼe yeroo wal dhabiinsi uumamutti, warrisaanii isaan gidduu akka galan heyyamuus hin qaban. Hiriyoonni gaaʼelaa erga gaaʼela godhatanii booda walitti maxxanuu qabu. Kun qajeelfama Waaqayyo kennedha.

10. Hiriyoonni gaaʼelaa amanamummaadhaan jiraachuuf maaltu isaan gargaara?

10 Maatii amantiidhaan tokko hin taane keessattillee amanamummaan buʼaa argamsiisa. Obboleettiin abbaan manaashee amantiishee hin hordofne tokko, “Yihowaan abbaa manaa kootiif akkamitti bitamuu, akkasumas gadi fageenyaan isa kabajuu akkan qabu waan na barsiiseef baayʼeen isa galateeffadha. Amanamtuu taʼee jiraachuunkoo waggaa 47f jaalalaafi kabajaan akka waliin jiraannu godheera” jetteetti. (1 Qor. 7:10, 11; 1 Phe. 3:1, 2) Kanaaf, hiriyaan gaaʼelaa keessan isinirratti amantaa akka qabaatu gochuuf carraaqqii godhaa. Dubbiifi gocha keessaniin, hiriyaan gaaʼelaa keessan lafarratti isiniif eenyuyyuu caalaa barbaachisaa akka taʼe ykn akka taate karaa itti mirkaneessitaniif barbaadaa. Hamma dandaʼametti, namni ykn wanti kamiyyuu isiniifi hiriyaa gaaʼelaa keessan gidduu akka galu hin heyyaminaa. (Fakkeenya 5:15-20 dubbisi.) Hiriyoonni gaaʼelaa waggaa 35f gammachuudhaan waliin jiraatan Rooniifi Jaaneet, “Wanta Waaqayyo nurraa barbaadu amanamummaadhaan waan hojjennuuf, gaaʼelli keenya gammachuufi milkaaʼina qaba” jechuudhaan dubbataniiru.

Tokkummaan Gaaʼela Cimsa

11, 12. Aqiilaafi Phrisqiilaan (a) manatti, (b) bakka hojiisaaniitti, akkasumas (c) tajaajilasaaniirratti kan wal deggeran akkamitti ture?

11 Phaawulos ergamaan, Aqiilaafi Phrisqiilaa warra michootasaa taʼan ilaalchisee yommuu dubbatu kopha kophaatti isaan hin caqasne. Fakkeenyi hiriyoota gaaʼelaa tokkummaa qaban kanaa, Waaqayyo haati manaafi abbaan manaa “foon tokko” akka taʼan yommuu dubbatu maal jechuusaa akka ture hubachuuf nu gargaara. (Uma. 2:24) Manasaaniitti, bakka hojiisaaniitti, akkasumas tajaajilarratti yeroo hunda waliin hojjetu turan. Fakkeenyaaf, Phaawulos yeroo jalqabaatiif yommuu Qorontos dhaqe, Aqiilaafi Phrisqiilaan manasaanii akka turu gaarummaadhaan isa afeeraniiru; innis sana booda tajaajilasaa raawwachuuf yeroo muraasaaf manasaaniitti fayyadamaa akka ture ifadha. Booda, Efesoonitti mannisaanii bakka walgaʼiiwwan gumii itti geggeeffaman akka taʼu gochuusaaniirrayyuu, namoonni haaraan akka Apholos jiran, karaa hafuuraa akka guddatan gargaaruuf waliin hojjetaniiru. (HoE. 18:2, 18-26) Hiriyoonni gaaʼelaa hinaaffaa qaban kun, sana booda gara Roomaa kan dhaqan siʼa taʼu, achittis walgaʼiin gumii manasaaniitti akka geggeeffamu godhaniiru. Achiis, obboloota jajjabeessuuf gara Efesoonitti deebiʼaniiru.—Rom. 16:3-5.

12 Aqiilaafi Phrisqiilaan yeroo murtaaʼeef dunkaana hodhuu isa hojiisaanii taʼes Phaawulosii wajjin hojjetaniiru. Hiriyoonni gaaʼelaa kun yeroo kanattis, wal dorgommiifi qoccolloo malee wal deggeranii akka hojjetan hubanna. (HoE. 18:3) Haataʼu malee, gaaʼelasaanii keessatti Yihowaadhaaf dursa akka kennan kan isaan godhe, sochiiwwan Kiristiyaanaarratti waliin hirmaachuusaanii akka taʼe hin shakkisiisu. Qorontositti, Efesoonittis taʼe Roomaatti balʼinaan kan beekaman, ‘Hojii Kristos Yesusitti hidhata’ walii taʼuudhaan ture. (Rom. 16:3) Hojii lallaba Mootummichaa babalʼisuuf, bakka tajaajilan hundaatti tokkummaadhaan waliin hojjetaniiru.

13, 14. (a) Haalawwan gaaʼelli keessan tokkummaa akka hin qabaanne gochuu dandaʼan maalfaʼi? (b) Hiriyoonni gaaʼelaa akka ‘foon tokkootti’ tokkummaasaanii cimsuuf wantoonni gochuu dandaʼan tokko tokko maalfaʼi?

13 Dhugumayyuu, galmaafi wanta hojjetanirratti tokkummaa qabaachuun gaaʼela cimsa. (Lal. 4:9, 10) Kana nama gaddisiisu garuu, yeroo harʼaa hiriyoonni gaaʼelaa hedduun yeroo gaʼaa waliin hin dabarsan. Hojiisaanii iddoo garagaraatti hojjetanirratti saʼaatii dheeraa dabarsu. Warri kaanimmoo hojiidhaaf jecha fagaatanii adeemu ykn hojjetanii qarshii gara manaatti erguuf kophaasaanii biyya alaa dhaqu. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko yeroo mana jiranittillee, televijiinii ilaaluu, wantoota yeroo boqonnaatti hojjechuu jaallatan hojjechuu, ispoortii, tapha viidiyoo ykn Intarneetiirratti yeroo waan dabarsaniif waliin taʼuu mannaa kopha kophaatti waan dhuunfaasaanii hojjetu. Mana keessan keessa haalli akkasii jiraa? Taanaan, yeroo gaʼaa waliin dabarsuuf jijjiirama barbaachisu gochuu dandeessuu? Hojiiwwan akka nyaata bilcheessuu, saanii dhiquu ykn biqiltuuwwan qeʼee keessa jiran kunuunsuu waliin hojjettuu? Ijoollee keessan ykn warra keessan dullooman yeroo kunuunsitan waliin hojjechuu dandeessuu?

14 Sochiiwwan waaqeffannaa Yihowaa wajjin wal qabatanirratti yeroo waliin dabarsuun hunda caalaa barbaachisaadha. Caqasa guyyaarratti waliin mariʼachuufi waaqeffannaa maatii waliin gochuun, maatiin keessan yaadaafi galmaan tokkummaa akka qabaatu gochuuf carraa hunda caalu isinii argamsiisa. Tajaajilarrattis waliin hirmaadhaa. Haalli keessan jiʼa tokkoof ykn waggaa tokko qofaaf kan isinii heyyamu yoo taʼellee, dandaʼamnaan waliin qajeelchaa taʼuuf yaalaa. (1 Qorontos 15:58 dubbisi.) Obboleettiin abbaa manaashee wajjin qajeelchaa taate tokko, “Tajaajilli, karaa itti yeroo waliin dabarsinuufi garaadhaa waliin haasaʼuu dandeenyu keessaa tokko ture. Lamaan keenyayyuu karaa hafuuraa warra kaan gargaaruurratti galma tokko waan qabnuuf, dhugumaan waliin hojjechaa akka turre natti dhagaʼama ture. Akka abbaa manaatti qofa utuu hin taʼin, akka hiriyaa gaarii tokkootti baayʼee akkan isaatti dhihaadhe natti dhagaʼama” jechuudhaan dubbatteetti. Hojiiwwan barbaachisaa taʼan yommuu waliin hojjettan, wanti dursa kennitaniif, fedhiin keessaniifi barsiifanni keessan suutuma suuta kan walsimu taʼa, akkasumas akkuma Aqiilaafi Phrisqiilaa yaanni, miirriifi gochi keessan akkuma kan ‘foon tokkoo’ taʼa.

Gaaʼela Keessatti Waaqayyoof Dursa Kennaa

15. Gaaʼela milkaaʼina qabuuf wanti barbaachisaa taʼe maalidha? Ibsi?

15 Yesus gaaʼela keessatti Waaqayyoof dursa kennuun barbaachisaa akka taʼe beeka ture. Yommuu Yihowaan gaaʼela jalqabaa hundeesse argeera. Addaamiifi Hewwaan qajeelfama Waaqayyoo hordofaa yommuu turanitti hangam gammadoo akka taʼaniifi qajeelfamasaa hordofuu yeroo dhiisanittimmoo hangam rakkinaaf akka saaxilaman argeera. Kanaafuu, Yesus yommuu namoota barsiisaa ture qajeelfama Abbaansaa kenneefi Uumama 2:24⁠rra jiru caqaseera. Yaada kanarratti dabaluudhaanis, “Waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” jechuudhaan dubbateera. (Mat. 19:6) Kanaaf, yeroo ammaas Yihowaadhaaf kabaja guddaa qabaachuun, gaaʼelli gammachiisaa akka taʼuufi milkaaʼina akka qabaatu gochuuf barbaachisaadha. Gama kanaan, warra Yesus kan taʼan Yoseefiifi Maariyaam fakkeenya guddaa taʼaniiru.

16. Yoseefiifi Maariyaam jireenya maatiisaanii keessatti dhimmoota waaqeffannaa wajjin wal qabataniif dursa akka kennan kan argisiisan akkamitti?

16 Yoseef Maariyaamitti gaarummaa kan argisiisu taʼuusaarrayyuu ishee kabaja ture. Jalqaba akka isheen ulfoofte yommuu bare, ergamaan Waaqayyoo waaʼee Maariyaam utuu isaatti hin himin durallee gaarummaadhaan ishee qabuu barbaadee ture. (Mat. 1:18-20) Hiriyoonni gaaʼelaa kun, waliin taʼanii labsii mootummaan Roomaa baaseef ajajamaniiru, akkasumas wanta Seerri Musee ajaju akka gaariitti raawwataniiru. (Luq. 2:1-5, 21, 22) Ayyaanota gurguddaa Yerusaalemitti kabajamanirratti argamuun kan isaanirraa eegamu dhiirota qofa taʼus, Yoseefiifi Maariyaam miseensota maatiisaanii wajjin waggaa waggaadhaan ayyaanaa kanarratti argamu turan. (Kes. 16:16; Luq. 2:41) Karaa kanaanis taʼe gara biraatiin, hiriyoonni gaaʼelaa Waaqayyoof bulan kun Yihowaa gammachiisuuf carraaqqii godhaniiru; akkasumas dhimmoota waaqeffannaa wajjin wal qabataniif kabaja guddaa akka qaban argisiisaniiru. Yihowaan, waggoottan gara jalqabaa jireenya Yesus isa lafarraatti, Ilmasaa akka kunuunsan isaan filachuunsaa kan nama dinqisiisu miti.

17, 18. (a) Hiriyoonni gaaʼelaa maatiisaanii keessatti dhimmoota waaqeffannaa wajjin wal qabataniif dursa kan kennan karaawwan kamiinidha? (b) Kunoo faayidaa kan isaanii argamsiisu akkamitti?

17 Maatiin keessanoo dhimmoota waaqeffannaa wajjin wal qabataniif dursa ni kennaa? Fakkeenyaaf, murtoo cimaa yommuu gootan, dura seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluurratti qorannaa ni gootuu? Dhimma sana ilaalchisee kadhannaa ni dhiheessituu? Akkasumas Kiristiyaana gaʼumsa qabu tokko gorsa ni gaafattuu? Moo miira keessan ykn kan maatiifi michoota keessanii hordoftanii rakkoowwan keessan hiikuuf yaaltu? Gorsawwan hedduu hojjetaan amanamaan gaaʼelaafi jireenya maatii ilaalchisee barreeffamootarratti baase hojiirra oolchuuf yaalii ni gootuu? Moo salphaadhumatti aadaa naannoo keessanii ykn gorsa namoonni biyya lafaa gaariidha jedhanii itti amanan hordofuu jaallattu? Yeroo hunda waliin kadhannaa ni gootuu? Waliin ni qayyabattuu? Galmawwan hafuuraa ni baafattuu? Akkasumas wantoota maatiin keessan dursa kennuufii qaburratti ni mariʼattuu?

18 Reeyi waggoota 50 inniifi hiriyaan gaaʼelaasaa gammachuudhaan waliin dabarsan ilaalchisee, “Yihowaan kutaa ‘foʼaa dachaa sadii’ keenya akka taʼu waan gooneef, rakkinni humna keenyaa ol taʼe nu mudatee hin beeku” jedheera. (Lallaba 4:12 dubbisi.) Daaniifi Tiriinaanis yaada kanarratti walii galu. “Waliin taanee Waaqayyoon tajaajilluun keenya, gaaʼelli keenya caalaatti cimaa akka taʼu godheera” jedhaniiru. Waggoota 34 ol taʼaniif gammachuudhaan waliin jiraataniiru. Yihowaan gaaʼela keessan keessatti yoo dursa isaaf kennitan, milkaaʼina akka argattan isin gargaara, akkasumas eebba guddaa isinii argamsiisa.—Far. 127:1.

Kennaa Waaqayyoo Kabajuu Keessan Itti Fufaa

19. Waaqayyo gaaʼela kennaa godhee kan kenne maaliifi?

19 Namoota yeroo harʼaa jiran baayʼeedhaaf wanti iddoo guddaa qabu ofiisaaniitiif gammachuu argachuusaanii qofadha. Haataʼu malee, ilaalchi namni Yihowaa tajaajilu wantoota tokko tokkoof qabu kanarraa addadha. Namni akkasii, Waaqayyo gaaʼela kennaa godhee kan kenne, kaayyoosaa galmaan gaʼuuf akka taʼe beeka. (Uma. 1:26-28) Addaamiifi Hewwaan kennaa kana utuu kabajaniiru taʼee, guutummaan lafaa jannata tajaajiltoonni Waaqayyoo gammadoofi qajeeloo taʼan keessa guutan taati turte.

20, 21. (a) Gaaʼelaaf kabaja qabaachuu kan qabnu maaliifi? (b) Torban itti aanu waaʼee kennaa isa kamii qorra?

20 Tajaajiltoonni Waaqayyoo, gaaʼela qophii hunda caalaa Yihowaadhaaf ulfina fiduuf carraa isaanii argamsiisu godhanii ilaalu. (1 Qorontos 10:31 dubbisi.) Akkuma olitti ilaalle, amanamummaan, tokkummaafi dhimmoota waaqeffannaa wajjin wal qabataniif dursa kennuun, amalawwan nama Waaqayyoo taʼuu keenya argisiisaniifi gaaʼelli cimaa akka taʼu godhanidha. Kanaaf, gaaʼela godhachuuf qophaaʼaa kan jirrus taʼe gaaʼela keenya cimsachuu kan barbaannu ykn gaaʼelli keenya akka hin diigamne yaalii gochaa kan jirru, dura gaaʼelli dhaabbata kabajamaa Waaqayyo hundeesse akka taʼe hubachuu qabna. Dhugaa kana yaadatti qabachuun keenya, murtoowwan gaaʼela keenya keessatti goonu Dubbii Waaqayyoorratti hundeessuuf nu kakaasa. Karaa kanaan gaaʼela isa kennaa taʼeef qofa utuu hin taʼin, Yihowaa isa gaaʼela kenneefis kabaja argisiisna.

21 Kennaan Yihowaan nuu kenne gaaʼela qofa akka hin taane beekamaadha. Karaan jireenya keessatti gammachuu argachuun itti dandaʼamus kana qofa miti. Mataduree itti aanurratti, kennaa guddaa Waaqayyo biraa argame gara biraa jechuunis qeentee taʼuu ilaalla.

Maal Jettee Deebista?

• Amanamummaan Kiristiyaanota gaaʼela godhatanirratti dhiibbaa gochuu kan qabu akkamitti?

• Tokkummaadhaan waliin hojjechuun gaaʼela kan cimsu maaliifi?

• Karaawwan namoonni gaaʼela godhatan, dhimmoota waaqeffannaa wajjin wal qabataniif dursa kennuu itti dandaʼan tokko tokko maalfaʼi?

• Yihowaa isa Hundeessaa gaaʼelaa taʼeef kabaja kennuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Hiriyoonni gaaʼelaa waliin hojjechuunsaanii tokkummaa akka qabaatan gargaara