Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Maqaa Yihowaatti Kooluu Gali’

‘Maqaa Yihowaatti Kooluu Gali’

‘Maqaa Yihowaatti Kooluu Gali’

“Saba deegaadhaa fi gad deebiʼaa, isa ana Waaqayyoon amanatu [“maqaa Yihowaatti kooluu galu,” NW] immoo . . . nan hambisa.”—SEF. 3:12.

1, 2. Guyyaan rakkinaa yeroo dhihootti ilmaan namootaatti dhufu maalidha?

BARANDAA ykn riqicha jala dhaabbattee bokkaa cimaa ykn bokkaa yandoo cabbii makate dheessitee beektaa? Barandaan ykn riqichi bokkaa yandoo cimaa taʼe jalaa dheessuuf si gargaaruu dandaʼus, obomboleettiin dhufaa kan jiru yoo taʼe garuu, eegumsa gaʼaa sii kennuu hin dandaʼu.

2 Guyyaan obomboleettii baayʼee cimaa taʼe caalaa nageenya ilmaan namootaa balaadhaaf saaxilu dhihaachaa jira. Guyyaan kun, “guyyaa rakkinaa” jedhamee ibsameera. “Guyyaan Waaqayyoo inni guddaan” kun ilmaan namootaa hunda kan tuqudha. Haataʼu malee, bakka kooluu itti galuuf nu barbaachisu argachuu ni dandeenya. (Sefaaniyaa 1:14-18 dubbisi.) “Guyyaa dheekkamsa Waaqayyoo” isa yeroo dhihootti jalqabutti kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

Guyyoota Rakkinaa Bara Duriitti Turan

3. ‘Bokkaan yandoon’ mootummaa gosoota Israaʼel kurnaniirratti dhufe maal ture?

3 Guyyaan Yihowaa amantiiwwan sobaa lafarra jiran hunda balleessuudhaan jalqaba. Bakka itti kooluu gallu akkamitti argachuu akka dandeenyu ilaalchisee, deebii argachuuf seenaa saba Waaqayyoo durii ilaaluu dandeenya. Isaayaas inni Dh.K.D. jaarraa saddeettaffaatti jiraate, firdii Yihowaa isa mootummaa Israaʼel kurnanii gantuu taʼerratti dhufu, “bokkaa yandoo” namoonni dhowwuu hin dandeenyetti fakkeesseera. (Isaayaas 28:1, 2 dubbisi.) Raajiin kun Dh.K.D. bara 740, yommuu Asor lafa gosoota Israaʼel kurnanii isa gosti Efreem isaan keessaa iddoo guddaa qabu weeraretti raawwiisaa argateera.

4. “Guyyaan Waaqayyoo inni guddaan” Dh.K.D. bara 607⁠tti Yerusaalemiin kan balleesse akkamitti?

4 Murtoo Israaʼel ishee gantuu taaterratti fudhatametti aansuudhaan, Dh.K.D. bara 607⁠tti ‘guyyaan Waaqayyoo inni guddaan’ Yerusaalemiifi mootummaa Yihudaarratti dhufe. Badiisni sun kan gaʼe sabni Yihudaas gantoota waan taʼaniif ture. Baabilononni Nebukadnezaariin geggeeffaman Yihudaafi magaalaashee guddoo kan taate Yerusaalemiin doorsisan. Yeroo kanatti, Yihudoonni gargaarsa argachuuf Gibxii wajjin waltaʼiinsa siyaasaa uumuudhaan ‘sobatti kooluu galan.’ Haataʼu malee, Baabilononni akkuma bokkaa yandoo cabbii makateefi badiisa geessisuu bakka Israaʼeloonni ‘kooluu itti galan’ kana haxaaʼanii balleessan.—Isa. 28:14, 17.

5. Yeroo amantiin sobaa hundi balleeffamutti sabni Waaqayyoo akka tuutaatti kan oolan akkamitti?

5 Guyyaan Yihowaa inni guddaan Yerusaalemiin rukute, murtoo saba Kiristiyaanaa gantuu taateefi yeroo ammaa jirturratti dhufu kan argisiisudha. Kana malees, kutaan “Baabilon Guddittii” bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa inni hafes ni balleeffama. Sana boodammoo, kutaawwan sirna Seexanaa isa hamaa warri hafan ni balleeffamu. Haataʼu malee, sabni Yihowaa isatti kooluu waan galaniif akka tuutaatti ni oolu.—Mul. 7:14; 18:2, 8; 19:19-21.

Bakka Karaa Hafuuraafi Karaa Qaamaa Kooluu Itti Galan

6. Sabni Yihowaa bakka kooluu itti galan argachuu kan dandaʼan akkamitti?

6 Sabni Waaqayyoo yeroo ammaa, jechuunis bara dhumaa kanattillee bakka kooluu itti galan argachuu kan dandaʼan akkamitti? Kabajaan ‘maqaa Waaqayyoo yaaduufi’ [hiika bara 1899] hinaaffaadhaan isa tajaajiluudhaan bakka karaa hafuuraa kooluu itti galan argachuu dandaʼu. (Miilkiyaas 3:16-18 dubbisi.) Haataʼu malee, maqaasaa yaaduu caalaa wanti gochuun nu barbaachisu akka jiru beekna. Macaafni Qulqulluun, “Namni maqaa gooftaa waammatu hundinuu in oola” jedha. (Rom. 10:13) Maqaa Yihowaa waammachuufi sababii kanaan nu oolchuusaa gidduu walitti dhufeenyi jira. Namoonni garaa qajeelaa qaban hedduun, garaagarummaa warra kabajaan ‘maqaa waaqayyoo yaadan,’ akkasumas Dhugaa Baatotasaa taʼuudhaan isa tajaajilaniifi ilmaan namootaa isa hin tajaajille gidduu jiru hubachuu dandaʼu.

7, 8. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa karaa qaamaa eegumsa kan argatan akkamitti ture? Yeroo harʼaahoo wanti kanaa wajjin wal fakkaatu maalidha?

7 Fayyina kan argannu karaa hafuuraa eegumsa argachuudhaan qofa miti. Sabni Waaqayyoo karaa qaamaa eegumsa akka argatan abdiin kennameeraaf. Waraanni warra Roomaa inni Seestiyas Gaalasiin geggeeffamu Dh.K.B. bara 66⁠tti erga Yerusaalemiin weeraree booda wanti raawwatame kana kan argisiisudha. Yesus guyyoonni rakkina guddaa sun akka ‘gabaabbatan,’ [hiika bara 1899] raajii dubbatee ture. (Mat. 24:15, 16, 21, 22) Waraanni warra Roomaa magaalattii marsee ture akka tasaa duubatti deebiʼuusaatiin, ‘namoonni’ tokko tookko, jechuunis Kiristiyaanonni dhugaan ‘fayyuuf’ yeroo carraa argatanitti kun raawwatameera. Kiristiyaanonni kun, magaalattii keessaafi naannoo sanaa baqachuu dandaʼanii turan. Tokko tokko Yordaanosiin ceʼanii, tulloota lagicharraa kallattiin bahaatiin jiranirratti bakka kooluu itti galan argataniiru.

8 Kiristiyaanota kanaafi saba Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran wanti wal isaan fakkeessu akka jiru hubachuu dandeenya. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa bakka kooluu itti galan akkuma barbaadanii turan, sabni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiranis ni barbaadu. Haataʼu malee, yeroo harʼaa Kiristiyaanonni dhugaan addunyaa maraatti waan argamaniif, kallattiidhaan bakka tokkotti baqachuun isaan hin barbaachisu. Taʼus, ‘warri foʼamaniifi’ michoonnisaanii amanamoo taʼan, akka tuutaatti Yihowaafi jaarmiyaasaa isa tulluutti fakkeeffametti kooluu galuudhaan badiisa Saba Kiristiyaanaa ishee gantuu taaterratti dhufurraa oolu.

9. Maqaan Yihowaa akka irraanfatamu yaalii gochaa kan jiru eenyufaʼi? Fakkeenya kenni.

9 Karaa garabiraammoo, Sabni Kiristiyaanaa namoonni gara mana sagadaa dhaqan karaa hafuuraa wallaalota akka taʼaniifi maqaan Waaqayyoo akka jibbamu waan gooteef badiisni dhufu kun kan isheedhaaf maludha. Baroota Giddu Galeessaatti, maqaan Waaqayyoo Awurooppaa keessatti balʼinaan ni beekama ture. Maqaan qubee afaan Ibrootaa arfan, Tetiraagiraamaatanii jedhamaniifi yeroo baayʼee kallattiidhaan YHWH (ykn JHVH) jedhamanii hiikamaniin bakka buufame kun, saantimoota, fuullee manaa, kitaabotaafi Macaafa Qulqulluu hedduurratti, akkasumas manneen sagadaa Kaatolikiifi Pirootestaantii tokko tokko keessattillee ni argama. Haataʼu malee, yeroo dhihoodhaa asitti maqaan Waaqayyoo hiikawwan Macaafa Qulqulluu keessa akka hin galles taʼe karaa gara biraa akka itti hin hojjetamne godhamaa jira. Xalayaan Gumiin Vaatikaan Inni Waaqeffannaafi Sirna Amantii Ilaalchisee Qajeelfama Baasu Koonfiransii Phaaphaasotaa ‘Maqaa Waaqayyoo’ ilaallatuuf Waxabajjii 29, 2008 erge, kana kan argisiisudha. Xalayaa kanarratti Manni Sagadaa Kaatolikii Roomaa jechi Tetiraagiraamaatanii jedhuufi karaa addaddaatiin hiikame maqaa ulfinaa “Gooftaa” jedhuun akka bakka buufamu qajeelfama kenniteetti. Vaatikaan, faarfannaafi kadhannaa sirna waaqeffannaa Kaatolikiirratti maqaan Waaqayyoo akka hin waamamne ajajjeetti. Geggeessitoonni amantii Saba Kiristiyaanaa keessaafi isheedhaa ala jiranis, eenyummaa Waaqa isa dhugaa namoota miliyoona hedduudhaan lakkaaʼaman jalaa dhoksaniiru.

Eegumsa Warri Maqaan Waaqayyoo Qulqulluu Akka Taʼu Godhan Argatan

10. Yeroo harʼaa maqaan Waaqayyoo ulfina argachaa kan jiru akkamitti?

10 Wanta amantiiwwan kaan gochaa jiranirraa haala faallaa taʼeen, Dhugaa Baatonni Yihowaa maqaa Waaqayyootiif ulfina kennu, akkasumas ol ol isa godhu. Maqaa kanatti karaa ulfina qabuun fayyadamuudhaan qulqulluu akka taʼu godhu. Yihowaan namoota isatti amanamanitti ni gammada, akkasumas sabasaa eebbisuufi eeguuf wanta barbaachisu hunda ni taʼa. “Warra isa amanatanis beeka.”—Naho. 1:7; HoE. 15:14.

11, 12. Yihudaa durii keessatti maqaa Yihowaatiif ulfina kan kennan eenyufaʼi? Yeroo harʼaattoo kana gochaa kan jiran eenyufaʼi?

11 Namoonni Yihudaa durii keessa turan baayʼeen gantoota taʼaniyyuu, warri ‘maqaa Yihowaatti kooluu galan’ tokko tokko jiru turan. (Sefaaniyaa 3:12, 13 dubbisi.) Eeyyee, Waaqayyo Baabilononni biyyattii akka qabataniifi sabashee akka boojiʼan heyyamuudhaan Yihudaa ishee amantii hin qabne yommuu adabe, namoonni akka Ermiyaas, Baarukiifi Ebeed-Melek jiran oolaniiru. Namoonni kun saba gantuu taʼe “gidduu” jiraataniiru. Warri kaanimmoo bakka boojuudhaan fudhatamanitti amanamoo taʼanii jiraataniiru. Dh.K.D. bara 539⁠tti Medooniifi Faares Qiirosiin geggeeffamanii Baabiloniin moʼan. Qiiros utuu baayʼee hin turin Yihudoonni hafan gara biyyasaaniitti akka deebiʼan labsii baase.

12 Namoota waaqeffannaan dhugaa deebiʼee akka hundeeffamu gochuurratti hirmaatan ilaalchisee Sefaaniyaan, Yihowaan akka isaan oolchuufi akka isaanitti gammadu raajii dubbateera. (Sefaaniyaa 3:14-17 dubbisi.) Yeroo harʼaattis raajiin kun dhugaa taʼuunsaa mirkanaaʼeera. Mootummaan Waaqayyoo samii keessatti erga hundeeffamee booda, Yihowaan dibamtoota amanamoo lafarra jiran boojuu hafuuraa Baabilon Guddittii jalaa baaseera. Hamma ammaattis isaanitti gammaduusaa itti fufeera.

13. Namoonni saba hundumaa keessa jiran bilisummaa akkamii argachaa jiru?

13 Warri barabaraaf lafarra jiraachuuf abdii qaban, Baabilon Guddittii keessaa baʼuudhaan barumsawwan amantii sobaa jalaa bilisa baʼaniiru. (Mul. 18:4) Kanaaf, raajiin Sefaaniyaa 2:3⁠rra jiruufi “Isin warri gad deebiʼoon biyyicha keessa jiraattan, . . . Waaqayyoon barbaaddadhaa!” jedhu raawwiisaa isa guddaa kan argatu yeroo ammaattidha. Namoonni gad deebiʼoon saba hundumaa keessa jiraniifi samiirra jiraachuufis taʼe lafarra jiraachuuf abdii qaban maqaa Yihowaatti kooluu galaa jiru.

Maqaan Waaqayyoo Kudhaama Miti

14, 15. (a) Namoonni tokko tokko dinqiidhaan nu eega jedhanii waan akkamiitti fayyadamaniiru? (b) Wanti akka kudhaamaatti itti fayyadamuu hin qabne maalidha?

14 Israaʼeloonni tokko tokko mana sagadaa wanta dinqiidhaan diinotasaaniirraa isaan eegu godhanii ilaalanii turan. (Er. 7:1-4) Sana dura Israaʼeloonni saanduqni kakuu waraanarratti dinqiidhaan akka isaan eegu yaadanii turan. (1 Sam. 4:3, 10, 11) Qosxanxinoos Guddichi gaachana loltootasaa waraanarratti akka eeguu yaaduudhaan gaachana loltootasaarratti, qubeewwan afaan Giriikii khi fi rho jedhamaniifi maqaa “Kiristos” jedhu bakka buʼan jalqabaa lamaan barreessee ture. Akkasumas, Gustaav Adoolf Lammaffaa mootichi Siwiidin inni Waraana Waggaa Soddomaarratti hirmaate uffata sibiilaa fuula 7⁠rra jiru uffatee akka ture yaadama. Maqaan “Iehova” jedhu uffata kanarratti ifatti akka mulʼatu hubadhu.

15 Sabni Waaqayyoo hafuuronni hamoon miidhaa isaanirraan geessisan tokko tokko, maqaa Yihowaa sagalee ol fuudhanii waamuudhaan eegumsa argataniiru. Taʼus, miʼi maqaan Waaqayyoo irratti barreeffame tokko humna nama eegu akka qabutti lakkaaʼamee, akka kudhaamaatti ilaalamuu ykn jireenya guyyaa guyyaa keessatti itti hojjetamuu hin qabu. Maqaa Yihowaatti kooluu galuu jechuun kana jechuu miti.

Wanta Yeroo Harʼaa Kooluun Itti Galamu

16. Yeroo harʼaa karaa hafuuraa maalitti kooluu galuu dandeenya?

16 Yeroo harʼaa kooluu kan gallu, haalawwan Waaqayyo tuutaan sabasaatiif karaa hafuuraa eegumsa itti godhuttidha. (Far. 91:1) Karaa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa,’ akkasumas karaa jaarsolii gumii yaada biyya lafaa isa nageenya kana balaaf saaxilu ilaalchisee akeekkachiisni nuu kennama. (Mat. 24:45-47; Isa. 32:1, 2) Qabeenya jaallachuu ilaalchisee hammam irra deddeebiʼamee akeekkachiisni akka nuu kennameefi kunis balaa hafuuraarraa akkamitti akka nu eege yaadaa. Amalli giddii qabaachuu dhiisuu inni tajaajila Yihowaarratti hinaaffaa akka dhabnu gochuu dandaʼuhoo balaa akkamii geessisa? Dubbiin Waaqayyoo, “Gowwootas ‘Giddii hin qabu’ jechuutu balleessa. Namni anaaf dhagaʼu garuu nagaatti in jiraata, wanta hamaa hin sodaatu, hin birʼatus” jedha. (Fak. 1:32, 33) Amalaa gaarii qabaachuuf carraaqqii gochuunis nageenya hafuuraa keenya eegnee jiraachuuf nu gargaara.

17, 18. Yeroo harʼaa namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman maqaa Yihowaatti kooluu akka galan gargaaraa kan jiru maalidha?

17 Ajaja Yesus misiraachoo Mootummichaa namoota lafarra jiraatan hundaaf akka lallabnu kenne dammaqinaan hojiirra oolchuu ilaalchisee, jajjabina hojjetaan amanamaaniifi ogeessi nuu kennu hordofuus yaadaa. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Sefaaniyaan, jijjiirama namoonni maqaa Waaqayyootti kooluu akka galan gargaaru caqaseera. “Sabni hundinuu maqaa koo akka waammataniif, harka wal qabataniis anaaf akka hojjetaniif dubbii amanamaa [“qooqa qulqulluu,” NW] nan kennaaf” jedheera.—Sef. 3:9.

18 Qooqni qulqulluun kun maalidha? Qooqni qulqulluun, dhugaa waaʼee Yihowaafi waaʼee kaayyoosaa dubbatu isa Dubbiisaa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame keessatti argamudha. Mootummaan Waaqayyoo maal akka taʼe, maqaasaa akkamitti akka qulqulleessu namootatti yommuu himtan, olaantummaan Waaqayyoo mirkaneeffamuunsaa barbaachisaa akka taʼe yommuu ibsitaniifi eebbawwan barabaraa namoonni amanamoo taʼan argatan gammachuudhaan yommuu dubbattan qooqa kanatti fayyadamaa jirtu jechuudha. Namoonni hedduun qooqa fakkeenyaan ibsame kana dubbachuusaaniitiin kan kaʼe, namoonni lakkoofsisaanii dabalaa jiru ‘maqaa gooftaa waammachaafi’ ‘harka wal qabatanii isaaf hojjechaa’ jiru. Eeyyee, addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman maqaa Yihowaatti kooluu galaa jiru.—Far. 1:1, 3.

19, 20. Bara durii ‘sobni inni kooluu itti galan’ gatii akka hin qabne kan mirkanaaʼe akkamitti?

19 Namoonni addunyaarra jiran rakkoowwan furmaata kan hin qabne fakkaatan wajjin qabsaaʼu. Namoonni baayʼeen rakkinasaanii hiikuu waan dadhabaniif, ilmaan namootaa cubbamoota taʼanirraa furmaata argachuuf yaalu. Yookiinimmoo, akkuma Israaʼel durii biyyoota ollaashee jiranii wajjin waltaʼiinsa uumuudhaan gargaarsa argachuuf yaaltee, dhaabbilee siyaasaarraa furmaata argachuuf abdatu. Taʼus, akkas gochuun Israaʼeliin akka hin gargaarre beekamaadha. Haaluma wal fakkaatuun, mootummoonni yeroo harʼaa jiranis taʼe, dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii rakkina ilmaan namootaa guutummaatti hiikuu hin dandaʼu. Kanaaf, namni tokko dhaabbilee siyaasaafi isaanii wajjin waltaʼiinsa uumuu bakka kooluu itti galan godhee ilaaluu qabaaree? Macaafni Qulqulluun dhaabbilee kana, ‘soba isa kooluu itti galan’ jechuudhaan waama. Namoonni isaan abdatan hundi garmalee abdii waan kutataniif, isinis akkasitti isaan ilaaluun keessan sirriidha.—Isaayaas 28:15, 17 dubbisi.

20 Bokkaa yandoon guyyaa Yihowaa inni cabbii makateefi fakkeenyaan ibsame yeroo dhihootti biyya lafaa rukuta. Karoorri ilmaan namootaa, meeshaa nuukileeriitti amanamuunis taʼe, qabeenyi eegumsa gochuu akka hin dandeenye ni mirkanaaʼa. Isaayaas 28:17, ‘Soba isa kooluu itti galan sana cabbiin ni balleessa, daʼoo isaan jalatti baqatanis lolaan ni jigsa’ jechuudhaan ibsa.

21. Gorsa caqasa waggaa 2011⁠rra jiru hordofuudhaan faayidaa akkamii argachuu dandeenya?

21 Ammas taʼe gara fuulduraatti yommuu wanti kun raawwiisaa argatu, sabni Waaqayyoo Yihowaa biraa nageenya argatu. Maqaan Sefaaniyaa jedhu hiiknisaa “Yihowaan dhokse” jechuu yommuu taʼu, kunis madda daʼoo kanaa isa dhugaa kan argisiisudha. Caqasni waggaa 2011 gorsa ogummaarratti hundaaʼe kan qabate siʼa taʼu, ‘Maqaa Yihowaatti kooluu gali’ kan jedhuufi Sefaaniyaa 3:12⁠rratti kan hundaaʼedha. Yeroo harʼaattillee guutummaatti isatti amanamuudhaan maqaa Yihowaatti kooluu galuu dandeenya; akkas gochuus qabna. (Far. 9:10) Yaada amansiisaa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffameefi “Maqaan Waaqayyoo gimbii jabaa dha, namni qajeelaan gara isaatti baqatee in oola” jedhu guyyaa guyyaadhaan haa yaadannu.—Fak. 18:10.

Ni Yaadattaa?

• Yeroo harʼaa maqaa Yihowaatti kooluu galuu kan dandeenyu akkamitti?

• ‘Soba kooluu itti galanitti’ amanamuu kan hin qabne maaliifi?

• Gara fuulduraatti maalitti kooluu akka gallu nuu mirkaneeffameera?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 6rra jiru]

Caqasni waggaa 2011, ‘Maqaa Yihowaatti kooluu gali’ jedha. —Sefaaniyaa 3:12, NW.

[Madda fakkii fuula 7rra jiru]

Thüringer Landesmuseum Heidecksburg Rudolstadt, Waffensammlung “Schwarzburger Zeughaus”