Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhumni Barichaa Yeroo Dhihaachaa Jirutti Yihowaatti Amanami

Dhumni Barichaa Yeroo Dhihaachaa Jirutti Yihowaatti Amanami

Dhumni Barichaa Yeroo Dhihaachaa Jirutti Yihowaatti Amanami

‘Waaqayyo gooftaa barabaraan amanadhaa!ʼ—ISA. 26:4.

1. Garaagarummaan tajaajiltoota Waaqayyoofi namoota biyya lafaa gidduu jiru maalidha?

BIYYA lafaa namoota miliyoonaan lakkaaʼaman, tarii yeroo baayʼee miidhamuu ykn abdii kutachuusaaniitiin kan kaʼe eenyutti akka amanaman wallaalaniin guutame keessa jiraanna. Haalli tajaajiltoota Yihowaa garuu kanarraa baayʼee addadha! Ogummaa Waaqayyootiin waan geggeeffamaniif, biyya lafaa kana ykn “gurguddoota” biyya lafaa amanachuu akka hin qabne akka gaariitti beeku. (Far. 146:3) Kanaa mannaa, Yihowaan akka isaan jaallatuufi yeroo hundaa Dubbiisaa akka raawwatu waan beekaniif waaʼee jireenyasaaniifi waaʼee yeroo gara fuulduraa Yihowaatti amanamu.—Rom. 3:4; 8:38, 39.

2. Iyaasuun Waaqayyo amanamaa taʼuusaa kan dhugaa baʼe akkamitti?

2 Bara duriitti Iyaasuun Yihowaan amanamaa akka taʼe dhugaa baʼeera. Iyaasuun gara dhuma jireenyasaatti Israaʼelootaan, “Isin abdii Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessaa tokko illee akka hin hafne garaa keessan hundumaan, yaada keessan hundumaanis gaarii gootanii beektu; abdiin inni kenne hundinuu raawwatamaniiru” jedhee ture.—Iya. 23:14.

3. Maqaan Waaqayyoo waaʼeesaa maal argisiisa?

3 Keessumaa Yihowaan tajaajiltootasaa waan jaallatuuf qofa utuu hin taʼin, maqaasaatiif jedhee abdiiwwan kenne ni raawwata. (Bau. 3:14; 1 Sam. 12:22) Yaanni seensaa kitaaba Za Eemfasaayizid Baayibil jedhamuufi Joseef Biraayanti Roozarhaamiin qophaaʼerra jiru akkas jedha: Maqaan Waaqayyoo, inni abdiiwwansaa raawwachuuf waan barbaade hunda akka taʼu argisiisa. Maqaasaa yommuu dhageenyu inni yeroo hundaa wanta jedhe akka raawwatu yaadanna. Yeroofi bakka fedhe kamittiyyuu wanta barbaade ni raawwata. Wanti isatti ulfaatu tokkollee hin jiru. Waaqayyo yeroo hundaa haala maqaasaa wajjin walsimuun jiraata.

4. (a) Isaayaas 26:4 maal akka goonu nu gorsa? (b) Mataduree kana keessatti maal qorra?

4 Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Guutummaatti isatti amanamuuf Yihowaa akka gaariittan beekaa? Waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee Waaqayyo waan hundumaa akka toʼatu amanannaan qabaa?’ Isaayaas 26:4, “Waaqayyo gooftaan kattaa yeroo hundumaa jiraatu waan taʼeef, bara baraan isa amanadhaa!” jedha. Waaqayyo bara duriitti yeroo tokko tokko akkuma godhe yeroo harʼaatti dinqiidhaan jireenya namootaa keessa akka hin galle beekamaadha. Haataʼu malee, “kattaa yeroo hundumaa,” waan taʼeef, “bara baraan” amanamaadha. Waaqni keenya inni amanamaan waaqeffattootasaa amanamoo taʼan yeroo harʼaatti kan gargaaru akkamitti? Mee karaawwan Waaqayyo itti nu gargaaru sadii haa ilaallu: Yommuu qorumsa moʼuuf gargaarsasaa barbaannu nu jabeessa, yommuu namoonni dantaa hin qabne nu mudatan ykn yommuu mormiin kallattiidhaan nurra gaʼu nu gargaara, akkasumas yommuu dhiphinni hedduun nurra gaʼu nu jabeessa. Qabxiiwwan kana yommuu qorru, amanannaa Yihowaarratti qabdan akkamitti jabeeffachuu akka dandeessan irratti xiinxalaa.

Yommuu Wanta Sirrii Hin Taane Raawwachuuf Qoramtu Waaqayyotti Amanami

5. Waaqayyotti amanamuu ilaalchisee qorumsi guddaan kan nu mudatu eessatti taʼuu dandaʼa?

5 Abdii Jannataa ykn duʼaa kaʼuu hawwiidhaan eeggannu ilaalchisee Yihowaatti amanamuun waan tokkodha. Haataʼu malee, amalaa wajjin haala wal qabateen, karaawwaniifi seerawwan buʼuuraasaa sirrii taʼuusaaniifi gammachuu guddaa akka argamsiisan itti amanuudhaan, kanaa wajjinis walsimanii jiraachuun yaada olitti caqasamerraa guutummaatti adda taʼuu dandaʼa. Solomoon Mootichi, “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha” jechuudhaan gorseera. (Fak. 3:5, 6) Jechoota “karaa” akkasumas “daandii” keenya jedhan hubadhu. Eeyyee, abdii nuti qabnu qofa utuu hin taʼin, akkaataan jireenyaa keenyas guutummaatti Waaqayyotti akka amanamnu kan argisiisu taʼuu qaba. Yommuu qorumsi nu mudatu amanannaa akkasii akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

6. Ejjennoo yaada gadhee taʼerraa fagaachuuf qabnu jabeeffachuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Wanta gadhee taʼerraa fagaachuun yaada keenyarraa jalqaba. (Roomaa 8:5; Efesoon 2:3 dubbisi.) Ejjennoo yaada gadhee taʼerraa fagaachuuf qabdu jabeeffachuu kan dandeessu akkamittiree? Mee karaawwan kana itti gochuu dandeenyu shan ilaali: 1. Waaqayyo akka si gargaaru kadhannaa godhi. (Mat. 6:9, 13) 2. Seenaa namoota Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffamaniifi Yihowaa utuu hin dhaggeeffatanii hafanii, akkasumas warra Yihowaa dhaggeeffatanirratti xiinxali. Achiis wanta isaan mudate hubadhu. * (1 Qor. 10:8-11) 3. Miidhaa cubbuun sammuufi miirakee, akkasumas miira namoota ati jaallatturratti geessisuu dandaʼurratti yaadi. 4. Waaqayyo tajaajilaansaa tokko yommuu cubbuu cimaa raawwatu maal isatti dhagaʼamuu akka dandaʼu yaadi. (Faarfannaa 78:40, 41 dubbisi.5. Yihowaan namni amanamummaadhaan isa waaqeffatu tokko namoota birattis taʼe kophaasaa yeroo taʼutti, wanta gadhee taʼerraa fagaatee wanta sirrii taʼe yommuu hojjetu gammachuun hangamii akka isatti dhagaʼamu yaadi. (Far. 15:1, 2; Fak. 27:11) Wanta sirrii taʼe raawwachuudhaan Yihowaatti akka amanamtu argisiisuu ni dandeessa.

Yommuu Dantaa Dhabuufi Mormiin Si Mudatu Waaqayyootti Amanami

7. Ermiyaas qorumsi akkamii isarra gaʼeera? Yeroo tokko maaltu isatti dhagaʼamee ture?

7 Obboloonni keenya hedduun naannoowwan baayʼee rakkisaa taʼan keessatti tajaajilu. Ermiyaas raajichi, haala rakkisaa akkasii keessatti, jechuunis yeroo mootummaan Yihudaa kufuuf jeequmsa keessa galetti tajaajilaa ture. Ergaa firdii Waaqayyoo amanamummaadhaan waan labsuuf yeroo hundaa qorumsi isarra gaʼaa ture. Yeroo tokko Baaruk inni Ermiyaasiif barreessaa amanamaa ture baayʼee akka dadhabe dubbateera. (Er. 45:2, 3) Sababa kanaan Ermiyaas abdii kutatee turee? Yeroo tokkotti hamma taʼe dhiphinni isatti dhagaʼamee ture. “Guyyaan ani itti dhaladhe abaaramaa haa taʼu! Ani rakkinaa fi gidiraa arguudhaaf jedhee, maaliifan gadameessa haadha koo keessaa baʼe? Bara koos maaliifan yeelloodhaan fixa?” jedhee ture.—Er. 20:14, 15, 18.

8, 9. Ermiyaas 17:7, 8 fi Faarfannaa 1:1-3 wajjin haala walsimuun, ija gaarii godhachuu keenya itti fufuuf maal gochuu qabna?

8 Haataʼu malee, Ermiyaas abdii hin kutanne. Yihowaatti amanamuusaa itti fufeera. Kanaan kana kaʼes, dubbiin Yihowaa Ermiyaas 17:7, 8⁠rra jiru yommuu raawwatamu arguu dandaʼeera: “Garuu namni ana Waaqayyoon amanatu, ana duwwaattis kan of kennu, haa gammadu! Namni akkasii akka muka yaaʼaa bishaanii qarqara dhaabamee, hidda isaa gara bishaaniitti yaafatuu ti; mukichi hoʼi yommuu dhufu hin sodaatu, yeroo hundaa in lalisa, caamsaan isa hin yaaddessu, yeroo yeroottis ija in godhata.”

9 Akkuma muka baala lalisaa qabuufi ‘yaaʼaa bishaanii qarqara’ jiruu ykn muka ooyiruu jalʼisiidhaan bishaan argatu keessa dhaabamee, Ermiyaas matumaa ‘ija godhachuu dhiisee’ hin beeku. Gaʼiftoonni hamoon naannoosaa turan dhiibbaa akka isarratti godhan hin heyyamne. Kanaa mannaa, madda “bishaan” jireenyaatti maxxanee jiraateera; wanta Yihowaan isatti hime hundaas garaadhaa fudhateera. (Faarfannaa 1:1-3 dubbisi; Er. 20:9) Ermiyaas keessumaa obboloota naannoo tajaajilaa rakkisaa taʼe keessatti Waaqayyoon tajaajilaniif fakkeenya gaarii taʼa! Atis haala akkasii keessa jirta taanaan, ‘maqaasaa yommuu beeksistu,’ Yihowaan jabina akka sii kennu isatti amanamuukee itti fufi.—Ibr. 13:15.

10. Eebbawwan akkamii qabna? Gaaffii akkamii of gaafachuu qabna?

10 Yihowaan, wantoota hafuuraa guyyoota gara dhumaa kanatti rakkoowwan jireenya keenya keessatti nu mudatan dandaʼuuf nu gargaaran hedduu nuu kenneera. Wantoota inni nuu kenne keessaa tokko, Dubbiisaa isa afaan hedduudhaan sirriitti hiikamaa jirudha. Karaa kutaa hojjetaa amanamaafi ogeessaas nyaata hafuuraa hedduu yeroosaatti nuu dhiheessa. Akkasumas walgaʼiiwwan gumiifi walgaʼiiwwan gurguddaarratti namoota hidhata amantii keenya taʼaniifi nu deggeran hedduu nuu kenneera. Qophiiwwan kanarraa guutummaatti faayidaa argachaa jirtaa? Namoonni akkas godhan hundi, “garaa isaaniitti gammadanii in faarfatu.” Warri Waaqayyoon dhaggeeffachuu didan garuu, ‘garaansaanii waan gadduuf, hafuurrisaaniis waan cabeef in wawwaattu.ʼ—Isa. 65:13, 14.

Yommuu Dhiphinni Si Mudatu Yihowaatti Amanami

11, 12. Rakkoowwan biyya lafaa wajjin haala wal qabateen, ogummaan dhugaa hordofuu qabnu kamidha?

11 Akkuma raajiidhaan dubbatame rakkoowwan namootarra gaʼan dabalaa jiru. (Mat. 24:6-8; Mul. 12:12) Rakkoowwan biyya lafaarra jiran dabalaa yommuu adeeman, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman dhaabbata qarshii, siyaasaa, amantii, akkasumas saayinsiifi teknooloojiitti kooluu galuu barbaadu. Haataʼu malee, wantoota kana keessaa tokkollee nageenya dhugaa hin argamsiisan. (Er. 17:5, 6) Tajaajiltoonni Yihowaa garuu, “kattaa yeroo hundumaa” amansiisaa taʼeefi kooluu itti galan qabu. (Isa. 26:4) Faarfatichi, “Inni [Yihowaan] kophaa isaa kattaa koo, gargaarsa koo, daʼoo koo tis” jechuudhaan dubbateera. (Faarfannaa 62:6-9 dubbisi.) Kattaa kana bakka kooluu itti gallu godhachuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Qajeelfama Macaafa Qulqulluu isa yeroo baayʼee ogummaa ilmaan namootaa wajjin wal faallessu yommuu hordofnu Yihowaatti ni maxxanna. (Far. 73:23, 24) Fakkeenyaaf namoonni ogummaan ilmaan namootaa dhiibaa isaanirratti godhe akkas jedhu taʼa: ‘Jireenyi kanumadha, akka gaariitti itti fayyadami.’ ‘Hojii gaarii argachuuf dhamaʼi.’ ‘Qarshii hedduu walitti qabadhu.’ ‘Waan argite hundaa bitadhu.’ ‘Bakka hundumaa adeemii bashannani.’ Faallaa kanaatiinimmoo ogummaan Waaqayyoo gorsa, “Warri biyya lafaatti dhimma baʼan, akka warra itti dhimma hin baʼinii haa taʼan! Biyyi lafaa inni amma mulʼatu kun in dhidhima” jedhuu wajjin kan walsimudha. (1 Qor. 7:31) Haaluma wal fakkaatuun Yesus, yeroo hundaa fedhii Mootummichaa dursuudhaan ‘badhaadhummaa waaqarratti’ jechuunis bakka amansiisaa taʼetti akka walitti qabannu nu jajjabeesseera.—Mat. 6:19, 20.

13. Yohannis Isa Duraa 2:15-17 yaadatti qabachuudhaan maal jennee of gaafachuu qabna?

13 Ilaalchi ati “biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa” ilaalchisee qabdu guutummaatti Waaqayyotti akka amanamtu kan argisiisudhaa? (1 Yoh. 2:15-17) Badhaadhinni hafuuraafi mirgi tajaajila Mootummichaa, wantoota biyyi lafaa sii kennu caalaa kan jaallattuufi iddoo guddaa kan siif qabanidhaa? (Filp. 3:8) ‘Ija fayyaa’ qabaachuuf carraaqqii ni gootaa? (Mat. 6:22) Keessumaa maatii kunuunsitu kan qabdu yoo taʼe, Waaqayyo dantaa kan hin qabne akka taatu ykn itti gaafatamummaan kan sitti hin dhagaʼamne akka taatu hin barbaadu. (1 Xim. 5:8) Haataʼu malee, Yihowaan tajaajiltoonnisaa biyya lafaa Seexanni bulchuufi duʼaa jirutti utuu hin taʼin, guutummaatti Waaqayyotti akka amanaman isaanirraa eega.—Ibr. 13:5.

14-16. Namoonni tokko tokko ‘ija fayyaa’ qabaachuufi fedhii Mootummichaa dursuudhaan faayidaa kan argatan akkamitti?

14 Fakkeenya Riichaardiifi Ruut warra ijoollee xixinnoo sadii qabanii ilaali. Riichaard akkas jedha: “Yihowaadhaaf baayʼee hojjechuu akkan dandaʼu garaankoo natti hima ture. Jireenya gaarii jiraadhus, Waaqayyoof kennaa kanan jiru wanta narraa hafe qofa akka taʼe natti dhagaʼama ture. Biyyattiin jeequmsa dinagdee keessa kan jirtu yoo taʼeyyuu, murtoon gochuu barbaade ilaalchisee kadhannaa ergan godhee, akkasumas murtoonkoo kun maal akka natti fidu ergan irratti yaadee booda, itti gaafatamaankoo torbanitti guyyaa afur hojjechuuf akka naa heyyamu gaafachuuf aniifi Ruut irratti walii galle. Gaaffiinkoo fudhatama kan argate siʼa taʼu, jiʼa tokko gidduutti sagantaa hojiikoo isa haaraatiin hojjechuun jalqabe.” Riichaardi amma maaltu itti dhagaʼama?

15 Riichaardi akkas jedha: “Mindaankoo isa duraarraa parsantii 20n kan xiqqaatu taʼus, amma maatiikoo wajjin taʼuufi ijoolleekoo leenjisuuf waggaa keessatti guyyaa dabalataa 50 qaba. Tajaajilarratti yeroon dabarsu dachaadhaan kan dabale yommuu taʼu, qayyabannaan Macaafa Qulqulluu ani geggeessu harka sadiin guddisuu, akkasumas gumii keessatti itti gaafatamummaa guddaa fudhachuu dandaʼeera. Ijoollee keenya eeguudhaan ishee gargaaruufis yeroo waanan qabuuf, Ruut darbee darbee qajeelchaa gargaaraa taʼuu dandeesseetti. Hamma naa dandaʼametti sagantaakoo kana eegee itti fufuuf murteesseera.”

16 Rooyiifi Petinaan intala tokko kan qaban yoo taʼeyyuu, tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuuf jecha yeroo hojiirratti dabarsan hirʼisuu dandaʼanii turan. Rooy akkas jedha: “Ani torbanitti guyyaa sadiin hojjedha, Petinaanimmoo guyyaa lama hojjetti. Kana malees, mana keenya jijjiiruudhaan mana salphaatti kunuunsuu dandeenyutti galle. Mucaa dhiiraafi durbaa godhachuu keenya dura qajeelchaa taanee kan tajaajille yommuu taʼu, fedhiin qajeelchaa taʼuuf qabnu matumaa qabbanaaʼee hin beeku. Kanaan kan kaʼes, erga ijoolleen keenya guddatanii booda deebinee tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuu jalqabne. Qarshiin hammamiiyyuu eebba argannee wajjin wal gituu hin dandaʼu.”

“Nagaan Waaqayyoo” Garaa Keessan Haa Eegu

17. Jireenyi amansiisaa taʼuu dhiisuusaa ilaalchisee Caaffanni Qulqullaaʼoon kan si jajjabeessan akkamitti?

17 ‘Yerooniifi walitti dhufuun’ hunda keenyarra waan gaʼuuf, waan bor taʼu eenyuyyuu beekuu hin dandaʼu. (Lal. 9:11, hiika bara 1899) Haataʼu malee, akkuma yeroo baayʼee namoota Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii hin qabnerra gaʼu, wanta bor taʼu beekuu dhiisuun keenya nagaa samuu qabnu nu dhabsiisuu hin qabu. (Mat. 6:34) Phaawulos ergamaan, “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus,  . . garaa keessanii fi yaada keessan in eega” jechuudhaan barreesseera.—Filp. 4:6, 7.

18, 19. Waaqayyo karaawwan kamiin nu jajjabeessa? Fakkeenyaan ibsi.

18 Obboloonni haala rakkisaa keessa jiran hedduun keessasaaniitti nagaafi tasgabbii Yihowaan kennu argataniiru. Obboleettiin tokko akkas jetteetti: “Doktoorri yaalii dhagna baqaqsanii hodhuu naa godhu tokko, dhiiga akkan fudhadhu irra deddeebiʼee na sossodaachisuu yaalee ture. Yeroo hundumaa yommuu na argu, ‘Dhiiga hin fudhadhu jechuun gowwummaa guddaadha!’ naan jedha. Yeroo kanattis taʼe yeroo gara biraatti sagalee utuu hin dhageessisin Yihowaatti kadhannaa kanan dhiheessu siʼa taʼu, nagaasaas nan argadhan ture. Baayʼee akkan jabaadhe natti dhagaʼama. Dhiignikoo xiqqaachuusaatiin kan kaʼe dadhabbiin kan natti dhagaʼamu taʼus, ejjennoon Macaafa Qulqulluurratti qabu ilaalchisee ragaa ifa taʼe kennuu dandaʼeera.”

19 Waaqayyo yeroo tokko tokko karaa namoota hidhata amantii keenya taʼaniin ykn karaa nyaata hafuuraa yeroosaatti dhihaatuun jajjabina barbaachisu nuu kenna. Obboloonni ykn obboleettonni, “Barreeffamni kun kan na barbaachisu ture ykn kallattiidhaan anaaf kan barreeffamedha!” yeroo isaan jedhan dhageessee beekta taʼa. Eeyyee, haalli keenya ykn wanti nu barbaachisu maaliyyuu yoo taʼe, Yihowaatti yoo amanamne inni jaalala akka nuuf qabu nuu mirkaneessa. Hunda caalaammoo, ‘hoolotasaa’ waan taaneef maqaasaa akka baannu nu godheera.—Far. 100:3; Yoh. 10:16; HoE. 15:14, 17.

20. Yeroo biyyi lafaa Seexanni bulchu balleeffamutti tajaajiltoonni Yihowaa nagaadhaan kan jiraatan maaliifi?

20 “Guyyaa dheekkamsa Waaqayyoo” saffisaan dhihaachaa jirutti, wanti biyyi lafaa Seexanni seerratu itti amanamu hundi ni bada. Warqee, meetiifi wantoonni gati jabeessa taʼan kamiyyuu eegumsa hin kennan. (Sef. 1:18; Fak. 11:4) Bakki kooluu itti galan “kattaa yeroo hundumaa” isa taʼe qofadha. (Isa. 26:4) Kanaaf, namoonni dantaa hin qabne yoo nu mudatan ykn mormiin yoo nurra gaʼeyyuu, amanamummaadhaan karaawwansaa warra qajeelaarra deddeebiʼuu, ergaa Mootummichaa labsuufi yaaddoo keenya hundaa isarra kaaʼachuudhaan ammuma guutummaatti Yihowaatti akka amanamnu haa argisiisnu. Kana kan goonu taanaan, ‘nagaatti in jiraanna, wanta hamaa hin sodaannu, hin birʼannus.ʼ—Fak. 1:33.

[Miiljalee]

Ibsuu Dandeessaa?

Haalawwan armaan gadiitiin Waaqayyotti amanamuu kan dandeenyu akkamitti:

• Yommuu wanta sirrii hin taane raawwachuuf qoramnu?

• Yommuu dantaa dhabuun ykn mormiin nu mudatu?

• Yommuu dhiphinni nurra gaʼu?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 13]

Seerawwan buʼuuraa Waaqayyoo eeganii jiraachuun gammachuu argamsiisa

[Fakkii fuula 15]

‘Waaqayyo kattaa yeroo hundumaati’