Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kottaa Waliin Haa Gammannu!

Kottaa Waliin Haa Gammannu!

Kottaa Waliin Haa Gammannu!

GAMMACHUU argachuun yeroodhaa gara yerootti baayʼee ulfaataa dhufeera. Namoonni hedduun, warra kaanii wajjin maree nama gammachiisu gochuun akka hin dandaʼamne godhanii yaadu. Keessumaa jireenyi magaalaawwan gurguddaa yeroo harʼaa, namoonni jireenyasaaniirratti qofa xiyyeeffachuudhaan warra kaanirraa adda of baasanii akka jiraatan godheera.

Piroofeesara xiinsammuu kan taʼan Albeertoo Oliveeriʼoon akkas jedhaniiru: “Kophummaan baayʼee baramaa taʼuusaarrayyuu, akkaataan jireenyaa magaalota gurguddaa keessa jiru qophummaan akka babalʼatu akka godhe hin shakkisiisu. Haalli jireenyaa akkasii namoota wajjin hojjennu, ollaawwan keenyaafi nama bakka daldalaatti qarshii fuudhuuf akka hin yaanne nu godha.” Haalli jireenyaa akkasii yeroo baayʼee dhiphina namatti fida.

Haataʼu malee, haalli Kiristiyaanonni hidhata keenya taʼan keessa jiran kanarraa addadha. Phaawulos ergamaan, “Yeroo hundumaa gammadaa!” jedhee barreesseera. (1 Tas. 5:16) Gammadoo taʼuufi namoota kaanii wajjin gammaduuf sababii hedduu qabna. Yihowaa isa Waaqa Hundumaa Dandaʼu waaqeffanna; dhugaa Macaafa Qulqulluu hubachuu dandeenyeerra; abdii fayyinaafi jireenya barabaraa qabna; namoonni kaanis eebba akkasii akka argatan gargaaruu dandeenya.—Far. 106:4, 5; Er. 15:16; Rom. 12:12.

Gammadoo taʼuufi namoota kaanii wajjin gammaduun amala Kiristiyaanonni dhugaa ittiin beekamanidha. Kanaaf Phaawulos warra Filiphisiiyusiif, “Ani nan gammada, gammachuu koos isinii wajjin nan hirmaadha. Isinis immoo akkasuma gammaduun, gammachuu keessanis anaa wajjin hirmaachuun isin irra jira” jedhee barreessuunsaa kan nama dinqisiisu miti. (Filp. 2:17, 18) Phaawulos gorsa gabaabaa kenne kanarratti qofallee, waaʼee gammadoo taʼuufi namoota kaanii wajjin gammaduu al lama caqaseera.

Kiristiyaanonni wanti namootarraa akka of fageessan isaan godhu akka hin jiraanne of eeggannoo gochuu akka qaban beekamaadha. Eenyuyyuu namoota hidhata amantiisaa taʼanirraa fagaatee gammachuu argachuu hin dandaʼu. Maarree gorsa Phaawulos obboloota keenyaa wajjin “gooftaatti gammadaa!” jechuudhaan kenne hordofuu kan dandeenyu akkamitti?—Filp. 3:1.

Namoota Hidhata Amantii Keessan Taʼanii Wajjin Gammadaa

Phaawulos warra Filiphisiiyusiif ergaasaa kan barreesse, sababii hojii lallabaasaatiin yeroo Roomaatti hidhamee turetti taʼuu hin oolu. (Filp. 1:7; 4:22) Hidhamuunsaa garuu hinaaffaan inni tajaajilaaf qabu jalaa akka hirʼatu hin goone. Kanaa mannaa hamma isaaf dandaʼame, jechuunis hamma ‘dhiignisaa akka dhibaayyuutti dhangalaafamutti’ Yihowaa tajaajiluudhaan gammachuu argateera. (Filp. 2:17) Ilaalchi Phaawulos, gammachuun haala namni tokko keessa jirurratti kan hundaaʼe akka hin taane argisiisa. Yeroo sanatti hidhamee kan ture taʼuyyuu, “siʼachis itti nan gammada” jedheera.—Filp. 1:18.

Gumiin Filiphisiiyus akka hundeeffamu kan godhe Phaawulos waan tureef, obbolootasaa gumii sana keessa jiran baayʼee jaallata ture. Gammachuu Yihowaa tajaajiluudhaan argate isaaniif hiruunsaa, isaaniinis kan jajjabeessu akka taʼe beeka ture. Kanaaf akkas jedhee barreesseera: “Obboloota ko! Wanti ana irra gaʼe kun wangeela balʼisuuf baʼeessa godhee hojjechuu isaa akka beektan nan barbaada. Ani Kristosiif jedhee hidhamuun koo warra mana mootummaa warra Roomaa keessaa hundumaa, namoota warra kaan hundumaa birattis beekameera.” (Filp. 1:12, 13) Karaan Phaawulos gammadaa taʼuusaafi obbolootasaa wajjin akka gammade itti argisiise keessaa inni tokko muuxannoo nama jajjabeessu kana isaaniif hiruudhaan ture. Obboloonni Filiphisiiyusis Phaawulosii wajjin gammadanii akka turan hin shakkisiisu. Isaa wajjin gammaduuf garuu wanta Phaawulosirra gaʼaa tureen abdii kutachuu hin qaban. Kanaa mannaa fakkeenyasaa hordofuu qabu turan. (Filp. 1:14; 3:17) Kana malees, obboloonni kun kadhannaasaaniirratti waaʼee Phaawulos caqasuufi karaa dandaʼan hundaan, gargaarsa isa barbaachisu kamiyyuu gochuufiisaanii itti fufaniiru.—Filp. 1:19; 4:14-16.

Nutoo akkuma Phaawulos akka gammannu ni argisiisnaa? Haala keessa jirruufi tajaajila keenyaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf ni carraaqnaa? Yeroo obboloota keenyaa wajjin taanu, hojii lallabaa keenyatti gammaduun keenya gaariidha. Kana gochuuf garuu hanga muuxannoo adda taʼe argannutti eeguun nu hin barbaachisu. Yaada seensaa buʼa qabeessa taʼetti fayyadamnee namni tokko ergaa Mootummichaatiif fedhii akka qabaatu kakaasnee ykn ragaa dhiheessuudhaan isa amansiisnee taʼuu dandaʼa. Tarii caqasa Macaafa Qulqulluu tokkotti fayyadamnee nama haasofsiisnu sanaa wajjin maree gaarii goonee taʼuu dandaʼa. Yookiin namoonni naannoo tajaajilaa keenya jiran Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenya beekuusaaniitiin akka gaariitti dhugaa baanee taʼa. Muuxannoowwan akkasii waliif hiruun waliin gammaduuf carraa nuu bana.

Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun hojii lallabaarratti hirmaachuuf jecha aarsaa addaddaa godhaniiru; ammas gochaa jiru. Qajeelchitoonni, daawwattoonni olaanaa, miseensonni maatii Betʼel, misiyoononniifi tajaajiltoonni addunyaa maraa tajaajila yeroo guutuurratti hirmaatan aarsaa akkasii gochuun isaan gammachiisa. Nutoo gammadoo kan taaneefi isaanii wajjin kan gammadnudhaa? Taanaan dinqisiifannaa obboloota jaallatamoo ‘mootummaa Waaqayyootiif nu wajjin hojjetan’ kanaaf qabnu haa argisiisnu. (Qol. 4:11) Walgaʼii gumiirratti ykn walgaʼii gurguddaarratti yeroo argamnu miira hoʼaadhaan isaan jajjabeessuu dandeenya. Hinaaffaa isaan argisiisan hordofuus ni dandeenya. Kana malees, dandaʼamnaan nyaata isaan afeeruudhaan, muuxannoosaaniifi yaada nama jajjabeessu isaan dubbatan dhaggeeffachuuf “fucha” argachuuf carraaquu qabna.—Filp. 4:10.

Obboloota Qorumsa Keessa Jiranii Wajjin Gammadaa

Phaawulos, ariʼatama dandaʼuunsaafi qorumsa isarra gaʼu moʼuunsaa, murtoo amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluuf godhe isaaf jabeesseera. (Qol. 1:24; Yaq. 1:2, 3) Obboloonni Filiphisiiyus akkumasaa qorumsi isaanirra gaʼaa akka jiruufi inni jabaatee dhaabachuunsaa akka isaan jajjabeessu beekuunsaa isaanii wajjin akka gammadu isa godheera. Kanaan kan kaʼes akkas jedhee barreesseera: “Kristositti amanuu keessan duwwaa utuu hin taʼin, isaaf dhiphachuu dandaʼuunis immoo isiniif kennameera. Kanatti dhamaʼuu koo akkuma kanaan dura ana irraa argitan, ammas waaʼee kootiif dhagaʼaa jirtan, isinis itti dhamaʼuu in dandeessu.”—Filp. 1:29, 30.

Yeroo harʼaattis, Kiristiyaanonni sababii isaan dhugaa baʼaniif ariʼatamni isaanirra gaʼa. Al tokko tokko ariʼatamni kun hammeenya kan qabu taʼuusaarrayyuu, yeroo baayʼee karaa haxxummaa qabuun raawwatama. Himata sobaa gantoonni dhiheessaniin, jibbiinsa miseensota maatiitiin, namoota wajjin hojjennu ykn wajjin barannurraa dhufuu dandaʼa. Yesus qorumsawwan akkasii nu dinqisiisuus taʼe, abdii nu kutachiisuu akka hin qabne akeekkachiiseera. Kanaa mannaa, gammachuu kan nuuf argamsiisan akka taʼan dubbateera. Akkas jedheera: “Anaaf jedhanii namoonni yommuu isin arrabsan, yommuu isin ariʼatan, (sobaan) waan hundumaa yommuu isin irratti dudubbatanis gammadaa! Isaan raajota warra isin duraa akkasuma ariʼachaa turan; egaa yeroo hundumaa gammadaa ililchaa waaqa irratti gatiin keessan guddaa in taʼa.”—Mat. 5:11, 12.

Obboloonni keenya biyyoota tokko tokkotti ariʼatamni cimaan isaanirra gaʼaa akka jiru yeroo dhageenyu garmalee naʼuus taʼe sodaachuu hin qabnu. Kanaa mannaa, jabaatanii waan dhaabataniif gammaduu qabna. Akkuma amantiisaanii eeganitti jabaatanii dhaabachuuf akka isaan gargaaru Yihowaa kadhachuu dandeenya. (Filp. 1:3, 4) Obboloota jaallatamoo kanaaf wanti gochuu dandeenyu kan hin jirre taʼullee, obboloota gumii keenya keessa jiraniifi qorumsi addaddaa isaanirra gaʼaa jiru gargaaruu dandeenya. Rakkinasaanii hubachuudhaan isaan gargaarra. Al tokko tokko Waaqeffannaa Maatii keenyarratti nu wajjin akka argaman afeeruudhaan, hojii lallabaarratti isaanii wajjin hirmaachuufi waliin bohaaruudhaan carraan itti isaanii wajjin gammannu akka jiraatu gochuu dandeenya.

Waliin gammaduuf sababii hedduu qabna! Dhiibbaa biyyi lafaa kun namootarraa akka fagaannu nurratti godhu moʼuudhaan, obboloota keenyaa wajjin gammaduu keenya itti haa fufnu. Akkas kan goonu taanaan gumichi tokkummaa akka qabaatu gumaacha gochuu malees, waldaa obbolummaa addunyaa maraarraa guutummaatti faayidaa argachuu dandeenya. (Filp. 2:1, 2) Eeyyee, akkuma Phaawulos jedhe “Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebiʼee nan jedha, gammadaa!”—Filp. 4:4.

[Madda Fakkii fuula 6]

Globe: Courtesy of Replogle Globes