SEENAA JIREENYAA
Waggaa Shantamaaf Naannoo Arkitiikitti Tajaajiluu
Hiriyaa keenya tajaajila yeroo guutuu keessa jirtu tokkoon, “Warrikee lamaanuu mana dhugaa keessa waan jiraniif si gargaaru. Kanaaf, qajeelchituu taʼuun siif salphaadha” ittiin jenne. Isheenis, “Mee na dhagaʼaa! Hundi keenya Abbaa tokko qabna” jettee nuu deebiste. Deebiinshee barumsa guddaa kan qabate ture: Abbaan keenya inni samii tajaajiltootasaa ni kunuunsa; akkasumas ni jajjabeessa. Kun dhugaa taʼuusaa muuxannoo keenyarraa arguu dandeenyeerra.
KAN dhalanne Fiinlaandi, Ostiroobotiniyaa Kaabaa, maatii qonnaan bulaa ijoollee kudhan qabu keessattidha. Yeroo ijoollee turretti Waraanni Addunyaa Lammaffaa dhiibbaa nurraan gaʼee ture. Bakka waraanni itti geggeeffamurraa gara kiilomeetira dhibba hedduutti lakkaaʼamu fagaannee kan jiraannu taʼus, sodaan waraanichaa dhiibbaa cimaa nurraan gaʼeera. Magaalaawwan Ooluufi Kalaajooki dhihoo keenya jiran boombiidhaan rukutamanii gubachuusaaniitiin kan kaʼe samiin akka barbadaa yeroo diimatu halkan ni argina turre. Warri keenya samiirratti xiyyaara waraanaa yommuu arginu akka dhokannu nu akeekkachiisu turan. Kanaaf, angafa keenya kan taʼe Taaʼunoon waaʼee jannata jalʼinarraa walaba taatee yommuu nutti himu baayʼee gammadne.
Taaʼunoon barreeffamoota Barattoota Macaafa Qulqulluurraa dhugaa kan barate umrii waggaa 14tti ture. Waraanni Addunyaa Lammaffaa yeroo jalqabametti yaada garaasaa isa Macaafa Qulqulluutiin leenjiʼeen kan kaʼe waraanarratti hirmaachuu waan dideef ni hidhame. Mana hidhaattis miidhaa cimaan isarra gaʼeera. Wanti isarra gaʼe kun ejjennoo Yihowaa tajaajiluuf qabu kan isaaf cimse siʼa taʼu, erga hiikamee boodas caalaatti hinaaffaadhaan tajaajiluusaa itti fufeera. Fakkeenyi gaariin obboleessi keenya nuuf taʼe mandara dhihoo keenya jiru tokko deemnee walgaʼii Dhugaa Baatonni geggeessanirratti akka hirmaannu nu jajjabeesseera. Qarshii baasiif nu gaʼu argachuun carraaqqii cimaa kan gaafatu taʼus walgaʼii gurguddaarrattis ni argamna turre. Qarshii kana argachuuf, qullubbii oomishna, goraa funaanna, akkasumas olloota keenyaaf huccuu hodhina turre. Ooyiruu qonnaa keenya keessatti hojii hedduu waan hojjennuuf walgaʼii gurguddaarratti dabaree dabareedhaan hirmaanna.
Dhugaan waaʼee Yihowaafi kaayyoosaa baranne jaalala cimaa akka isaaf qabaannu waan nu godheef Yihowaadhaaf of murteessine. Bara 1947tti, lamaan keenya jechuunis, Aniikiin umrii 15, Aayiliin immoo umrii 17tti of murteessuu keenya bishaaniin cuuphamuudhaan argisiisne. Obboleettiin keenya Saayimiinis kan cuuphamte baruma kana ture. Obboleettii keenya Liiniyaa jedhamtuufi heerumtes Macaafa Qulqulluu ni qayyabsiisna turre. Isheefi maatiinshees Dhugaa Baatota Yihowaa taʼaniiru. Erga cuuphamnee booda, qajeelchitoota taʼuuf galma kan baafanne siʼa taʼu, darbee darbee qajeelchaa gargaaraa taanee tajaajiluu jalqabne.
TAJAAJILA YEROO GUUTUU JALQABUU
Bara 1955tti, magaalaa Keemii kallattii kaabaatiin fagaattee jirtutti galle. Lamaan keenyayyuu guyyaa guutuu kan hojjennu taʼus, qajeelchitoota taʼuu barbaanna turre; haataʼu malee wanta jireenyaaf barbaachisu argachuu akka hin dandeenye waan nutti dhagaʼamuuf ni sodaanna turre. Jalqaba, hamma tokko qarshii walitti qabachuuf galma baafanne. Obboleettii seensarratti caqasnee wajjin kan mariʼanne yeroo kanattidha. Mareen sun, yeroo guutuu Yihowaa tajaajiluun, qabeenya keenya qofarratti ykn gargaarsa maatiin keenya nuu godhanirratti kan hundaaʼe akka hin taane hubachuuf nu gargaareera. Hunda caalaa Abbaa keenya isa samiitti amanamuu akka qabnu baranneerra.
Yeroo sanatti qarshii jiʼa lamaaf nu gaʼu walitti qabannee turre. Kanaaf Caamsaa 1957tti Naannoo Arkitiik, Laapilaand magaalaa Peelootti jiʼa lamaaf qajeelchaa Isa. 41:13.
taanee tajaajiluuf gaaffii dhiheessine. Jiʼa lama booda, qarshiin walitti qabanne kun ammayyuu waan nu harka jiruuf, dabalataan jiʼa lamaaf tajaajiluuf gaafanne. Ammas jiʼa lama booda, qarshii keenyatti waan hin fayyadamneef dhugumayyuu Yihowaan nu kunuunsaa akka jiru hubanne. Waggaa 50f qajeelchaa taanee erga tajaajillee boodallee qarshiin walitti qabanne sun ammayyuu jira. Gara boodaatti deebinee yommuu yaadannu Yihowaan harka keenya qabee, ‘Hin sodaatinaa! Ani isinin gargaaraʼo’ nuun jechaa akka jiru nutti dhagaʼama.—Waggaa 50f qajeelchaa taanee erga tajaajillee boodallee qarshiin walitti qabanne sun ammayyuu jira
Bara 1958tti daawwataan olaanaa aanaa keenya, Laapilaand magaalaa Sodaankilaatti qajeelchaa addaa taanee akka tajaajillu nu gaafate. Yeroo sanatti Dhugaa Baatuun naannoo sana jirtu obboleettii tokko qofa turte. Akkaataan obboleettiin kun dhugaa itti dhageesse kan nama ajaaʼibsiisudha. Ilmishee magaalaa guddoo Fiinlaandi kan taate Heelsiinkitti mana barumsaa deemaa ture. Barattootaa wajjin gareedhaan taʼanii magaalicha keessa deemaa utuu jiranii obboleettiin maanguddoon tokko, mucaa barattoota booda deemaa jiru kanaaf barruu Masaraa Eegumsaa kennuudhaan akka inni haadhasaatiif kennu itti himte. Innis haadhasaatiif kan kenne siʼa taʼu, isheenis yerumasana kun dhugaa taʼuusaa hubatte.
Mana kutaa tokko qabuufi naannoo warshaa mukaa tokko gararraa jiru kireeffanne. Walgaʼiis achumatti godhanna turre. Jalqabarratti walgaʼicharratti kan argamu lamaan keenya, obboleettii naannicha jiraattuufi intalashee qofa turre. Wantoota qayyabataman waliin dubbisna turre. Yeroo booda, namni Dhugaa Baatotaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachaa ture tokko warshaa sana keessatti hojjechuuf dhufe. Inniifi maatiinsaa nuu wajjin walgaʼiirratti argamuu jalqaban. Boodas inniifi haati manaasaa ni cuuphaman. Achiis obboleessi kun walgaʼii keenya geggeessuu jalqabe. Kana malees dhiironni warshicha keessaa hojjetan tokko tokko walgaʼicharratti argamuu kan jalqaban siʼa taʼu, dhugaa Macaafa Qulqulluu fudhataniiru. Waggaa muraasa booda tuutni keenya waan guddateef gumii taʼuu dandaʼeera.
HAALA RAKKISAA
Karaa dheeraa deemuun hojiin lallabaa keenya ulfaataa akka taʼu kan godhu ture. Waqtii bonaatti namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran argachuuf, miillaan, biskileetiifi bidiruudhaan deemna. Biskileetiin keenya faayidaa guddaa nuu kenna ture. Walgaʼii gurguddaarratti argamuufi warra keenya kiilomeetira dhibba hedduutti lakkaaʼamu nurraa fagaatanii jiran gaafachuufis biskileetiidhaan deemna turre. Waqtii bonaatti, ganama barii kaanee atoobisii yaabbachuudhaan mandara dhihoo keenya jiru deemnee manaa gara manaatti tajaajilla. Mandara tokko erga waliin geenyee booda mandara ittaanu deemna. Cabbii baayʼeen waan buʼuuf yeroo hunda daandiin
cabbiidhaan uwwifama ture. Yeroo baayʼee daandii gommaan gaarii fardaan harkifamu irra deemerra deemna. Yeroo tokko tokko cabbiin karaawwan kana ni dhoksa ture; jiʼa birraattimmoo cabbiin baqee bishaan waan taʼuuf borcaa keessa deemna.Qilleensi qorraaniifi cabbiin iddoo kana jiru uffata hoʼa kennu akka uffannu nu barsiiseera. Istookiingiifi kaalsii lama ykn sadii walirratti erga uffannee booda kophee jilba gaʼu kaaʼanna. Taʼus ammayyuu kopheen keenya cabbiidhaan guutama ture. Balbala mana keenyaa yommuu geenyu, kophee keenya baafnee cabbii keessaa gad naqna. Yommuu cabbii keessa deemnummoo xiyyoon kobbortaa keenyaa bishaaniin tortora. Achiis yommuu baayʼee qorru xiyyoon kobbortaa keenyaa goggogee kottaaʼa. Dubartiin tokko, “Qilleensa hamaa akkasii keessa fedhiidhaan deemuun keessan amantii dhugaa akka qabdan kan argisiisudha” jechuudhaan dubbatteetti. Manashee gaʼuuf kiilomeetira 11 ol miillaan deemnee turre.
Karaa dheeraa waan deemnuuf yeroo baayʼee mana namoota naannichaa bulla turre. Yommuu aduun dhihuu jalqabu bakka bultii namoota gaafachuu jalqabna. Manneen naannichaa dhidhiphoo taʼanis namoonni sun garuu kan nama simatan waan taʼaniif, bakka ciisichaa qofa utuu hin taʼin nyaatas nuu kennu turan. Yeroo baayʼee gogaa gadamsaa ykn gogaa amaaketaarra ciisna. Yeroo tokko tokkommoo wanta kana caalu arganna. Fakkeenyaaf, dubartiin mana guddaa qabdu tokko fooqiitti ol nu baastee kutaa ciisichaa uffanni siree bareedaan itti uwwifametti nu geessite. Yeroo baayʼee namoota bakka bullu nuu kennanii wajjin waaʼee Macaafa Qulqulluu hanga halkan walakkaatti mariʼanna. Iddoo tokkotti, hiriyoonni gaaʼelaa bakka bullu nuu kennan isaan gam tokkoo kutichaatiin yommuu ciisan nutimmoo gama kan biraatiin ciisnee turre. Mareen Macaafa Qulqulluurratti goone hanga lafti bariʼutti itti fufee ture. Namni kuniifi haati manaasaa dabaree dabareedhaan gaaffii nu gaafatu turan.
TAJAAJILA NAMA KIISU
Laapilaandi lafa biqiltuu hin qabne taatus biyya bareedduu yommuu taatu, waqtiileen jijijjiiraman hundi bareedina addaa kennuuf. Nuuf garuu hunda caalaa bareedoo kan taʼan namoota Yihowaa beekanidha. Namoota garaa qajeeloo qaban nuti lallabneef keessaa tokko nama muka muruufi kaampii Laapilaand keessa jiraachuuf dhufedha. Yeroo tokko tokko obboleettonni qaqalloo taane lama yommuu seennu mana xinnoo tokko keessatti dhiirota hedduu arganna. Dhiironni qaama gurguddatan kun ergaa Macaafa Qulqulluu kan dhaggeeffatan taʼuusaaniirrayyuu barreeffamoota ni fudhatu turan.
Muuxannoo nama ajaaʼibsiisan hedduu qabna. Gaaf tokko saʼaatiin bakka buufata atoobisii jiru daqiiqaa shan dursee waan tureef atoobisiin ittiin deemnu nu darbe. Kanaaf atoobisii kan biraatiin mandara garabiraa deemuuf murteessine. Kanaan dura bakka kanatti matumaa tajaajillee hin beeknu. Mana jalqaba dhaqnetti dubartiin tokko nu simachuudhaan, “Shamarrootaa! Manakoo akka isin dhuftan eegeen ture” nuun jette. Obboleettiishee Macaafa Qulqulluu kan qayyabsiisnu siʼa taʼu, guyyaa sanatti dhaqnee akka ishee gaafannu obboleettiisheetti nutti dhaamtee turte. Obboleettiinshee garuu ergaa kana nutti hin himne. Isheefi firootashee ollaashee jiran Macaafa Qulqulluu
qayyabsiisuu jalqabne. Achiis namoota sana walitti qabnee iddoo tokkotti qayyabsiisuu jalqabne. Yeroo sanaa kaasee miseensonni maatii kanaa hedduun Dhugaa Baatota Yihowaa taʼaniiru.Bara 1965tti gumii Kuusaamoo isa yeroo ammaa keessatti hirmaannuufi Arkitiikirraa xinnoo gad siqxee argamtutti ramadamne. Yeroo sanatti gumichi babalʼistoota muraasa qofa qaba ture. Jalqabarratti naannoon tajaajilaa keenyaa inni haaraa taʼe kun rakkisaa fakkaata ture. Namoonni naannichaa amantii kan cimsan waan taʼaniif nu jibbu turan. Taʼus, namoonni hedduun Macaafa Qulqulluudhaaf kabaja kan qaban taʼuunsaanii maree gochuuf nu gargaareera. Suuta suuta namoota naannichaa wajjin wal baruu kan dandeenye siʼa taʼu, gara waggaa lamaa booda qayyabannaa Macaafa Qulqulluu argachuun salphaa taʼaa deeme.
AMMAYYUU TAJAAJILAA JIRRA
Yeroo ammaa guyyaa guutuu tajaajiluuf humna qabaachuu baannus, ammayyuu yeroo hunda jechuun ni dandaʼama tajaajilarratti hirmaachaa jirra. Aayiliin jajjabina mucaa obboleessa keenyarraa argatteen bara 1987 umrii waggaa 56tti waraqaa heyyama konkolaachisaa yommuu baafatte, namoota naannoo tajaajilaa keenya isa balʼaa taʼe keessa jiraniif lallabuun baayʼee salphaa nuu taʼe. Galmi Mootummaa haaraan yommuu ijaarametti, appaartaamaa galmichatti aanee jirutti akka galluuf gargaarsi guddaan nuu godhameera.
Guddina hojii lallabaa keenyaan argame ilaaluun gammachuu guddaa nuu argamsiisa. Kaaba Fiinlaanditti tajaajiluu yommuu jalqabne naannoo balʼaa sana keessa babalʼistoota muraasa qofatu ture. Amma garuu aanaa tokko qofa keessa gumii hedduutu jira. Yeroo baayʼee walgaʼii gurguddaarratti namni tokko maqaasaa erga nutti himee booda isa beekuufi dhiisuu keenya nu gaafata. Obboleessi tokko yommuu inni ijoollee ture manasaaniitti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessaa turre. Sanyiin waggoota baayʼee dura facaasne guddatee ture.—1 Qor. 3:6.
Bara 2008tti qajeelchaa addaa taanee tajaajiluu erga jalqabnee waggaa 50 guunne. Hojii Yihowaa isa gati jabeessa taʼerratti hirmaachuu keenya itti fufuuf wal jajjabeessuu waan dandeenyeef baayʼee isa galateeffanna. Jireenya salphaa taʼe kan jiraannu taʼus wanti tokkollee nutti hirʼatee hin beeku. (Far. 23:1) Sodaan jalqaba nutti dhagaʼame kan barbaachisu hin turre. Waggoota kana hundatti abdii Yihowaan Isaayaas 41:10rratti, “Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba” jechuudhaan kenne nu jajjabeesseera.