MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Waxabajjii 2013

SEENAA JIREENYAA

Yihowaadhaaf Abboomamuun Eebba Naaf Argamsiiseera

Seenaa jireenyaa Eeliisaa Pikoolii akka dubbistu si afeerra. Gufuun addaddaa, aarsaa kaffaluufi nama jaallattu duʼaan dhabuun kan ishee mudate taʼus ilaalcha sirrii qabaachuu dandeesseetti.

Amalawwan Yihowaatiif Dinqisiifannaa Guddaa Qabaadhaa

Kan itti dhihaatamuufi nama kan wal hin caalchifne jechuun maal jechuudha? Fakkeenya Yihowaa qoruun keenya amalawwan kana argisiisuuf nu gargaara.

Yihowaan Arjaafi Sababa Qabeessa Taʼuusaa Dinqisiifadhaa

Yihowaan arjaafi sababa qabeessa taʼuurratti fakkeenya hunda caalu nuu taʼeera. Fakkeenyasaa qayyabachuun keenya amalawwan gaggaarii kana argisiisuuf nu gargaara.

Yihowaan Amanamaafi Dhiifama Kan Godhu Taʼuusaa Dinqisiifadhaa

Amanamaa taʼuufi dhiifama gochuun amalawwan michuu dhugaan tokko ittiin beekamudha. Fakkeenya Yihowaa hordofuun keenya amalawwan barbaachisaa taʼan kana horachuuf nu gargaara.

Gaaffii Dubbistootaa

“Ilmaan Waaqayyoo” akkasumas ‘hafuuronni mana hidhaa keessa jiraniifi’ Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman eenyufaʼi?

Adabni Yihowaa Akka Isin Tolchu Heyyamaa

Yihowaa inni ‘Suphe Dhooftuu’ keenya taʼe namootas taʼe saboota ni tolcha. Kanarraa maal baranna? Carraaqqii inni yeroo harʼaa nu tolchuuf godhurraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

Jaarsolii Kan Taatan ‘Lubbuu Dadhabe’ Jajjabeessaa

Jaarsi gumii tokko obboloota daawwachuu dhaquusaa dura qophii gochuu kan dandaʼu akkamitti? Jaarsoliin gumii, nama dadhabe ykn abdii kutate tokkoof ‘kennaa hafuuraa’ kennuudhaan jajjabeessuu dandaʼu.

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan akka gaariitti dubbisteettaa? Of qoriitii, wanta yaadattu gamaaggami.