Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namoota Akeekkachiisuuf Kana Caalaa Gochuu Ni Dandeessaa?

Namoota Akeekkachiisuuf Kana Caalaa Gochuu Ni Dandeessaa?

Fiilmiin sochii qofa argisiisu, E Triip Daawun Maarkeet Istiriit jedhamuufi jalqaba jaarraa 20⁠ffaatti jireenya guyyaa guyyaa Saan Firaansiiskoo, Yuu.Eess.Ee. keessa ture gadi fageenyaan ibsu, namoota ilaalan baay’ee gammachiisee ture. Namoonni fiilmii kana qopheessan, kaameeraa harkaan naanna’u fuuldura konkolaataasaaniirra kaa’uudhaan shiboodhaan asiif achi qabaa namoota daandii guddaarra jiran hunda waraabu turan. Qabiyyeen fiilmii sanaa, gaarii fardaan harkifamu, konkolaataa moodeela jalqabaa, namoota mi’a addaddaa bitataniifi ijoollee dhiiraa gaazexaa gurguran kan dabalatu ture.

Fiilmiin kun baay’ee gaddisiisaa akka ta’u kan godhe, socho’i lafaa cimaa ta’eefi ibiddi, Ebla 18, bara 1906⁠tti lubbuu namoota kumaan lakkaa’amaniifi kutaa magaalittii balleessuusaa guyyoota muraasa dura kan qophaa’e ta’uusaati. Namoonni fiilmii sanarratti waraabaman, tarii sana booda kan jiraatan guyyoota muraasa qofa ta’uu danda’a. Namoota fiilmii sana qopheessan keessaa tokko kan tureefi Iskoot Maayilsi jedhamu, “Namoonni ani achitti argaa ture, wanta isaanirra ga’uuf jedhu hin beekan turan. Wanti isaanirra ga’ee baay’ee na gaddisiisee ture” jechuudhaan dubbateera.

Bara 1906⁠tti, akeekkachiisni tokkollee utuu hin kennamin, socho’i lafaafi ibiddi handhuura magaalaa Saan Firaansiiskoo barbadeesseera

Haalli yeroo har’aas kanaa wajjin wal fakkaachuu danda’a. Rakkinni namoota hedduurra ga’u yoo nu gaddisiiseyyuu isaan gargaaruu hin dandeenyu. Balaa fuldurasaanii jiru, jechuunis badiisa sirna kanarras ta’e isaanirra ga’uuf jedhu utuu hin hubatin hojiisaanii isa guyyaa guyyaa raawwatu. Haata’u malee, socho’a lafaa akka tasaa ga’e sanarraa haala adda ta’een, yeroo muraasa waa’ee guyyaa firdii Yihowaa namootatti himuudhaan isaan itti akeekkachiisuu dandeenyu qabna. Torbanitti guyyaa muraasa ramaduudhaan manaa gara manaa kan tajaajiltu ta’us, namoota akeekkachiisuuf kana caalaa gochuu ni dandeessaa?

YESUS YEROO HUNDUMAA NI LALLABA TURE

Yesus yeroo hundumaa lallabuu wajjin haala walqabateen fakkeenya guddaa nuuf ta’a. Namicha qaraxa sassaabuufi utuu karaarra darbuu argeefi dubartii saafaa keessa boolla bishaanii biratti arge dabalatee nama hundumaaf ni lallaba ture. (Luq. 19:1-5; Yoh. 4:5-10, 21-24) Boqochuuf yeroo karoorfatuttillee, namoota kaan barsiisuuf fedhiidhaan karoora baafate ni dhiisa ture. Gara laafinni inni namootaaf qabu, dhugaa isaaniif ba’uu malees wanta kan biraa gochuuf isa kakaaseera. (Mar. 6:30-34) Yeroo har’aa fakkeenya Yesus hordofuudhaan miira ariifannaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

CARRAA ARGATAN HUNDATTI NI FAYYADAMU

Meliikaan appaartaamaa eegumsa cimaa qabu keessa jiraatti. Namoonni appaartaamaa sana keessa jiraatan hedduun, barattoota biyya alaatii dhufanii baratan yommuu ta’an, lakkoofsi moobaayiliisaaniis ta’e maqaansaanii galmeerra hin jiru. Kanaaf carraa argattu hundatti fayyadamuudhaan namoota kutaa keessummaa itti simataniifi liiftii keessatti argattuu wajjin ni mari’atti. “Akka naannoo tajaajilaa kootiittan ilaala jechuun ni danda’ama” jetteetti. Meliikaan bareeffamoota afaan addaddaa kan qabattu si’a ta’u, namoonni hedduunis tiraaktiifi barruulee ni fudhatu. Akkasumas Weeb saayitii keenya jw.org jedhamuu wajjinis akka wal baran gooti. Haala kanaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu hedduu jalqabsiisteetti.

Sooniyaanis nama lallabuufii dandeessu hundaaf dammaqinaan lallabdi. Kiliinika tokko keessatti kan hojjettu si’a ta’u, namoota ishee faana hojjetaniif dhugaa ba’uuf karoorfattee turte. Jalqaba, wanti nama sana barbaachisuufi fedhiisaa hawwatu maal akka ta’e beekuuf yeroo ramaddi. Achiis, waa’ee Macaafa Qulqulluu dhuunfaatti isaanii wajjin mari’achuuf sa’aatii laaqanaasheetti fayyadamti. Kanaan kan ka’es Sooniyaan nama lama Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu dandeesseetti. Akkasumas, sa’aatii boqonnaatti kutaa keessummoota itti simatan dhaquudhaan namoota dabaree beellamasaanii eeggatanii wajjin mari’achuuf karoorfatteetti.

CARRAA ARGATTUTTI FAYYADAMI

Namni socho’a lafaa bara 1906⁠tti ga’erraa oole tokko waa’ee balaa sanaa “balaa gaddisiisaa kutaa bulchiinsaa ykn magaalaa kamirrayyuu ga’ee hin beeknedha” jechuudhaan dubbateera. Haata’u malee, yeroo dhihoo keessatti balaa cimaan yoomiyyuu ga’ee hin beekneefi “warra Waaqayyoon beekuu hin barbaadin” ijaa ba’u dhufuuf jira. (2 Tas. 1:8) Yihowaan, namoonni ergaa akeekkachiisaa Dhugaa Baatonnisaa himaa jiran dhaga’uudhaan jijjiirama akka godhan barbaada.​—2 Phe. 3:9; Mul. 14:6, 7.

Carraa argatte hundatti fayyadamuudhaan namoota jireenya guyyaa guyyaa keessatti si mudataniif lallabuu ni dandeessaa?

Namoonni guyyoota gara dhumaa keessa akka jirru akka hubataniifi fedhiisaanii isa ofittummaarratti hundaa’e faana bu’uurraa deebi’anii Yihowaa akka barbaadan gargaaruuf carraa qabna. (Sef. 2:2, 3) Nama wajjin hojjettu, ollaawwankee, ykn namoota jireenya guyyaa guyyaa keessatti si mudataniif lallabuuf carraa argattu hundatti fayyadamuu ni dandeessaa? Namoota akeekkachiisuuf wanta kana caalu ni gootaa?