Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Umrii Dargaggummaatti Filannaa Ogummaarratti Hundaaʼe Gochuu

Umrii Dargaggummaatti Filannaa Ogummaarratti Hundaaʼe Gochuu

“Dargaggoonni, durboonnis . . . maqaa Waaqayyoo haa jajatan!”​—FAR. 148:12, 13.

1. Dargaggoonni Kiristiyaana taʼan hedduun hojii gaarii akkamiirratti hirmaachaa jiru?

YEROO murteessaa taʼe keessa jiraachaa jirra. Haala kanaan dura taʼee hin beekneen, saba hundumaa keessaa namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman gara waaqeffannaa dhugaatti dhufaa jiru. (Mul. 7:9, 10) Dargaggoonni hedduun, namoonni kaan dhugaa Macaafa Qulqulluu akka hubatan gargaaruudhaan muuxannoo nama gammachiisu argachaa jiru. (Mul. 22:17) Dargaggoonni tokko tokko, namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuudhaan jireenyisaanii akka fooyyaʼu gargaaraa jiru. Kaanimmoo naannoo namoonni afaan biyya alaa dubbatan argamanitti misiraachoo Mootummichaa hinaaffaadhaan lallabaa jiru. (Far. 110:3; Isa. 52:7) Hojii nama gammachiisuufi tajaajiltoonni Yihowaa raawwachaa jiran kanarratti caalaatti hirmaachuu kan dandeessu akkamitti?

2. Fakkeenyi Ximotewos, Yihowaan dargaggootaaf itti gaafatamummaa kennuuf fedhii akka qabu kan argisiisu akkamitti? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

2 Dargaggeessa waan taateef, filannaa yeroo booda tajaajila Waaqayyoo keessatti carraa gaarii siif banuu dandaʼu gochuu dandeessa. Fakkeenyaaf, Ximotewos inni Lisxiraa keessa jiraachaa ture, filannaa ogummaarratti hundaaʼeefi yeroo booda dhuma umrii waggoota kurnanii ykn jalqaba umrii waggoota 20⁠mmaniitti tajaajila misiyoonummaarratti hirmaachuuf isa gargaare godheera. (HoE. 16:1-3) Jiʼoota muraasa booda, mormiin Tasaloniiqee keessatti kaʼe, Phaawulos gumii haaraa achitti hundeeffame dhiisee akka deemu ennaa isa dirqisiisetti, obboloota gumii Tasaloniiqee keessatti argaman dhaqee akka jajjabeessuuf Ximotewosiin ergee ture. (HoE. 17:5-15; 1 Tas. 3:1, 2, 6) Ximotewos itti gaafatamummaan kun yommuu isaaf kenname hammam gammadee akka ture tilmaamuu dandeessaa?

FILANNAA HUNDA CAALU

3. Filannaan hunda caaluufi jireenyakee keessatti gochuu dandeessu maalidha? Filannaa kana gochuu kan dandeessuhoo yoomi?

3 Dargaggummaan, yeroo gaarii filannaa barbaachisaa taʼe gochuun itti dandaʼamudha. Filannaan hunda caalu garuu Yihowaa tajaajiluuf murteessuudha. Yeroo gaariin filannaa kana gochuuf gargaaru isa kami? Yihowaan, “Bara dargaggummaa keetti uumaa kee yaadadhu!” jedheera. (Lal. 12:1) Karaan Yihowaa itti ‘yaadannuufi’ fudhatama qabu guutummaatti isa tajaajiluudha. (Kes. 10:12) Murtoon Waaqayyoon tajaajiluuf gootu, filannaa barbaachisaa taʼe kamiyyuu kan caaludha. Murtoon kun jireenyakee isa gara fuulduraas siif qajeelcha.​—Far. 71:5.

4. Filannaawwan akkaataa ati Waaqayyoon tajaajiluuf gooterratti jijjiirama fidan kamfaʼi?

4 Yihowaa tajaajiluu filachuunkee jijjiirama kan fidu jireenyakee isa gara fuulduraa qofarratti miti. Fakkeenyaaf, gaaʼela godhachuu ykn dhiisuu, eenyuun fuudhuu ykn eenyutti heerumuu, akkasumas hojii akkamii hojjechuu akka qabdu murteessuun si barbaachisa taʼa. Murtoowwan kun baayʼee barbaachisoo taʼanis, duraan dursitee garaakee guutuu Yihowaa tajaajiluuf murteessuu qabda. (Kes. 30:19, 20) Maaliif? Filannaan gama kanaan goonuufi murtoon Yihowaa tajaajiluuf goone hariiroo waan qabuufidha. Gaaʼela ykn hojii ilaalchisee filannaan gootu, akkaataa Yihowaa itti tajaajilturratti dhiibbaa ni godha. (Luq. 14:16-20 waliin ilaali.) Karaa garabiraammoo, fedhiin ati Waaqayyoon tajaajiluuf qabdu, gaaʼela ykn hojii ilaalchisee filannaa gooturratti dhiibbaa ni godha. Kanaaf, isa kamiif dursa kennuu akka qabdu murteessi.​—Filp. 1:10.

DARGAGGUMMAAKEETTI AKKAMITTI FAYYADAMUU QABDA?

5, 6. Filannaa sirrii gochuun yeroo booda jireenya hunda caalu jiraachuuf akka gargaaru fakkeenyaan ibsi. (Mataduree, “Wantan Ijoollummaakootti Filadhe” jedhuufi maxxansa kanarra jirus ilaali.)

5 Waaqayyoon tajaajiluuf waan filatteef, maal akka sirraa barbaaduufi akkamitti isa tajaajiluu akka qabdu xiinxaluu dandeessa. Obboleessi biyya Jaappaan tokko akkas jedheera: “Yommuun waggaa 14 turetti, guyyaa tokko jaarsa gumii tajaajilatti gammadaa akkan hin jirre narratti bare tokkoo wajjinan tajaajilaa ture. Yeroo kanatti gaarummaadhaan, ‘Yuchiiroo, manatti galiitii wanta Yihowaan siif godherratti xiinxali’ naan jedhe. Anis akkuma inni naan jedhen godhe. Guyyoota muraasaaf waaʼee kanaa yaaduufi kadhachuukoo ittan fufe. Dhumarrattis ilaalchikoo ni jijjiirame. Utuma baayʼee hin turin, gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu dandaʼeera. Waaʼee misiyoonotaa dubbisuun kan natti tolu ennaa taʼu, guutummaatti Yihowaa tajaajiluufis yaaduun jalqabe.”

6 Yuchiiroon itti fufuudhaan akkas jedheera: “Akkasumas, filannaa guyyaa tokko biyya alaa dhaquudhaan Yihowaa tajaajiluuf na gargaaru gochuufan murteesse. Fakkeenyaaf, afaan Ingiliffaa barachuun filadhe. Yommuun barumsa xumure, hojii guyyaa walakkaa hojjechaa jechuunis, Ingiliffa barsiisaa, qajeelchaa taʼee tajaajiluun jalqabe. Umriikoo waggaa 20⁠tti, afaan Mongooliyaa kanan baradhe siʼa taʼu, tuuta afaan kanaan geggeeffamuu daawwachuufis carraa argadheen ture. Waggaa lama booda jechuunis bara 2007⁠tti gara Mongooliyaan dhaqe. Qajeelchitootaa wajjin tajaajila baʼuudhaan namoonni baayʼeen dhugaa dhagaʼuu akka barbaadan yommuun bare, bakka sana deemee isaan gargaaruufan murteesse. Achiis haalakoo mijeeffachuufan gara Jaappaaniitti deebiʼe. Ebla 2008 kaasee Mongooliyaatti qajeelchaa taʼee tajaajilaan jira. Jireenyi asii ulfaataa taʼus, namoonni misiraachoo Mootummichaa fudhachaa kan jiran taʼuusaarrayyuu, Yihowaatti akka dhihaatan isaan gargaaruu dandaʼeera. Daandii jireenyaa hundarra caalu akkan filadhe natti dhagaʼama.”

7. Filannaa akkamii gochuu qabna? Gama kanaan Museen fakkeenya akkamii nuuf taʼa?

7 Namni Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe kamiyyuu jireenyasaatti akkamitti fayyadamuu akka qabu murteessuu qaba. (Iya. 24:15) Gaaʼela godhachuu ykn dhiisuu, eenyuun fuudhuu ykn eenyutti heerumuu, akkasumas hojii akkamii filachuu akka qabdu eenyuyyuu sitti himuu hin dandaʼu. Hojii leenjii yeroo muraasaa gaafatu filachuu ni dandeessaa? Dargaggoonni tokko tokko baadiyyaa keessa, warri kaanimmoo magaalaa gurguddaa keessa jiraattu. Addunyaa maratti hundi keessan, qaama, dandeettii, muuxannoo, fedhiifi amantii argisiistaniin garaagarummaa qabdu. Garaagarummaan isin qabdan garaagarummaa Museefi dargaggoota Ibrootaa Gibxii durii keessa turanii wajjin tokko taʼuu dandaʼa. Museen carraa mana mootummaa keessatti hojjechuu kan qabu siʼa taʼu, dargaggoonni kaanimmoo garboota turan. (Bau. 1:13, 14; HoE. 7:21, 22) Akkuma keessan, isaanis yeroo murteessaa taʼe keessa jiraachaa turan. (Bau. 19:4-6) Haataʼu malee, Museenis taʼe dargaggoonni kaan jireenyasaanii akkamitti akka itti fayyadaman filachuu qabu turan. Museen filannaa sirrii godheera.​—Ibroota 11:24-27 dubbisi.

8. Gargaarsi dargaggoota jireenyasaanii keessatti filannaa gaarii gochuu barbaadaniif qophaaʼe maalidha?

8 Yihowaan, umrii dargaggummaakeetti filannaa sirrii taʼe akka gootu si gargaara. Akkasumas, seerawwan buʼuuraa haala adda taʼe keessatti si fayyaduu dandaʼan si barsiisa. (Far. 32:8) Warrikee amantoota taʼaniifi jaarsoliin gumiis seerawwan buʼuuraa kana hojiirra akka oolchitu si gargaaruu dandaʼu. (Fak. 1:8, 9) Mee seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu filannaa ogummaarratti hundaaʼe gochuuf si gargaaraniifi jireenyakee isa gara fuulduraa keessatti si fayyaduu dandaʼan sadii haa ilaallu.

SEERAWWAN BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU SI GARGAARAN SADAN

9. (a) Yihowaan mirga filannaa nuu kennuudhaan kan nu kabaje akkamitti? (b) ‘Duraan dursanii Mootummaa Waaqayyoo barbaaduun’ carraawwan akkamii argamsiisa?

9 Duraan dursii yaadakee Mootummaa Waaqayyoofi qajeelummaasaa barbaaduutti hidhi! (Maatewos 6:19-21, 24-26, 31-34 dubbisi.) Yihowaan mirga filannaa nuuf kennuudhaan nu kabajeera. Umrii dargaggummaakee keessaa hammam Mootummicha lallabuudhaaf oolchuu akka qabdu hin dubbanne. Haataʼu malee Yesus, seera buʼuuraa Mootummaa Waaqayyootiif dursa kennuuf nu gargaaru nuu kenneera. Akkaataan isin wanta inni jedhe hojiirra itti oolchitan, Yihowaa akka jaallattan, namootaaf akka yaaddaniifi abdii jireenya barabaraatiif dinqisiifannaa akka qabdan argisiisuuf carraa kan isiniif banudha. Waaʼee gaaʼelaafi waaʼee hojii yommuu yaaddan, filannaan isin gootan wanta jireenyaaf barbaachisuuf akka yaaddoftan ykn Mootummaa Waaqayyoofi qajeelummaasaatiif hinaaffaa akka qabdan kan argisiisu taʼuufi dhiisuusaa irratti xiinxalaa.

10. Wanti Yesusiin gammachiisu maal ture? Filannaan gammachuu siif argamsiisu maalidha?

10 Warra kaan tajaajiluudhaan gammachuu argadhu. (Hojii Ergamootaa 20:20, 21, 24, 35 dubbisi.) Yesus gaarummaadhaan kakaʼee seera buʼuuraa jireenyaaf barbaachisaa taʼe kana nu barsiiseera. Yesus fedhasaa utuu hin taʼin, jaalala Abbaasaa raawwachaa waan tureef gammachuu guddaa qaba ture. Namoonni garaa qajeelaa qaban misiraachicha ennaa fudhatan baayʼee gammada ture. (Luq. 10:21; Yoh. 4:34) Atis warra kaan tajaajiluun gammachuu akka argamsiisu hubatteetta taʼa. Jireenyakee keessatti seera buʼuuraa Yesus barsiiserratti hundaaʼuudhaan filannaa kan gootu taanaan, ofis taʼe Yihowaa ni gammachiista.​—Fak. 27:11.

11. Baaruk gammachuu akka dhabu kan godhe maalidha? Yihowaanoo gorsa akkamii kenneef?

11 Yihowaa tajaajiluun gammachuu guddaa nuuf argamsiisa. (Fak. 16:20) Baaruk inni barreessaa Ermiyaas ture yeroo taʼe tokkotti, Yihowaa tajaajiluutti gammaduu hin dandeenye ture. Kanaan kan kaʼes Yihowaan, “Ati immoo ofii keetii . . . wanta guddaa argachuu feetaa ree? Lakkii! Wanta guddaa akkasii hin fedhin! Iddoo dhaqxu hundumaatti garuu miliqxee lubbuu kee akka oolfattu nan godha” isaan jedhee ture. (Er. 45:3, 5) Atoo maal sitti fakkaata? Baarukiif gammachuu kan argamsiisu, wanta guddaa argachuuf fedhuumoo tajaajilaa Waaqayyoo amanamaa taʼuudhaan badiisa Yerusaalemirra gaʼu jalaa ooluu ture?​—Yaq. 1:12.

12. Raamiiroon jireenya gammachuu qabu jiraachuuf filannaa akkamii godhe?

12 Obboloota warra kaan tajaajiluudhaan gammachuu argatan keessaa tokko Raamiiroodha. Obboleessi kun akkas jedheera: “Kanan guddadhe maatii harka qalleeyyii taʼaniifi mandara Gaarreen Aandiis keessa jiraatan keessattidha. Obboleessikoo inni angafaa yunivarsiitii galee akkan baradhu qarshii akka naa kaffalu yommuu natti himu kun anaaf carraa guddaa ture. Yeruma kanattimmoo, qajeelchaan tokko magaalaa xinnoo tokko keessatti isaa wajjin akkan tajaajilu na afeere. Yaanni kun lamaan yommuu naaf dhihaatetti Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼee reefuu cuuphamuukoo ture. Qajeelchaa sanaa wajjin tajaajiluuf bakka sana kanan dhaqe yommuu taʼu, akka itti rifeensa sirreessan nan baradhe; achiis of dandaʼee jiraachuuf mana rifeensaan banadhe. Namoonni baayʼeen Macaafa Qulqulluu akka baratan yommuu isaan afeerru gammachuudhaan fudhatu. Yeroo booda, gumii haaraa afaan dhalootaa kootiin geggeeffamu keessatti tajaajiluun jalqabe. Amma tajaajila yeroo guutuu ergan jalqabee waggaa kudhan guuteera. Namoonni afaan dhalootaasaaniitiin misiraachicha akka dhagaʼan gargaaruu caalaa hojiin gammachuu anaaf argamsiisu hin jiru.”

Raamiiroon umrii dargaggummaasaatii kaasee Yihowaa tajaajiluudhaan gammachuu argachaa jira (Keeyyata 12 ilaali)

13. Umriin dargaggummaa, guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf mijataa kan taʼe maaliifi?

13 Bara dargaggummaakeetti Yihowaa tajaajili. (Lallaba 12:1 dubbisi.) Jalqaba hojii mindaa gaarii argamsiisu qabadheen booda qajeelchaa taʼa jettee hin yaadin. Umriin dargaggummaa, umrii guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf mijataa taʼedha. Dargaggoonni hedduun itti gaafatamummaa maatii kan hin qabne, fayya buleessaafi hojii ulfaataa taʼe hojjechuuf humna kan qabanidha. Umrii dargaggummaakeetti Yihowaadhaaf maal gochuu barbaadda? Tarii qajeelchaa taʼuuf galma baafatteetta taʼa. Yookiin, naannoo tajaajilaa namoonni afaan biyya alaa dubbatan jiraatanitti tajaajiluu barbaadda taʼa. Yookiinimmoo, gumiikee keessatti caalaatti tajaajiluuf yaadda taʼa. Waaqayyoon tajaajiluuf galma akkamiiyyuu yoo baafatte, of gargaaruuf hojii hojjechuunkee barbaachisaadha. Gama kanaan leenjii akkamiifi yeroo hammamiitiif turutu si barbaachisa?

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUUTTI FAYYADAMUUDHAAN FILANNAA SIRRII GOCHUU

14. Namni tokko galma yommuu baafatu of eeggannoo akkamii galchuu qaba?

14 Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu sadan armaan olitti ilaalle, hojii hojjechuu qabdu ilaalchisee filannaa sirrii akka gootu kan si gargaaranidha. Namoonni mana barumsaa keetti gorsa kennan haala hojii naannoo keetii ilaalchisee wanta beekan qabu taʼa. Yookiinimmoo, dhaabbanni mootummaa hojiin naannoo keetti barbaachisaa taʼe maal akka taʼe ykn bakka itti hojjechuun siif taʼu sitti himu jira taʼa. Maddi odeeffannoo akkasii gargaarsa siif gochuu kan dandaʼu taʼus of eeggannoo gochuunkee gaariidha. Namoonni Yihowaadhaaf jaalala hin qabne biyya lafaatiif jaalala akka horattu dhiibbaa sirratti gochuu dandaʼu. (1​Yoh. 2:15-17) Wanta biyyi lafaa siif dhiheessurratti yaaduunkee, salphaadhumatti si gowwoomsuu akka dandaʼu hin dagatin.​—Fakkeenya 14:15 dubbisi; Er. 17:9.

15, 16. Hojii ilaalchisee gorsa gaarii sii kennuu kan dandaʼu eenyudha?

15 Gama hojiitiin filannaawwan qabdu erga hubattee booda, gorsa gaarii argachuu qabda. (Fak. 1:5) Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluurratti hundooftee hojiiwwan sana qortee akka ilaaltu namni si gargaaruu dandaʼu jiraa? Wanta namoonni siifi Yihowaa jaallatan, akkasumas haalakee akka gaariitti beekan sitti himan hojiirra oolchi. Namoonni kun dandeettiifi fedhii keerratti hundaaʼuudhaan murtoo gaarii akka gootu si gargaaruu dandaʼu. Yaanni isaan siif kennan, irra deebitee galma keerratti akka yaaddu kan si gargaaru taʼuu dandaʼa. Maatiinkee Yihowaa kan jaallatan taanaanimmoo isaanis si gargaaruu dandaʼu. Jaarsoliin gumiikees karaa hafuuraa gaʼumsa waan qabaniif si gargaaruu dandaʼu. Akkasumas, qajeelchitootaafi daawwattoota olaanaa haasofsiisuu dandeessa. Tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuu kan filatan maaliifi? Qajeelchaa kan taʼan akkamitti? Wanta jireenyaaf isaan barbaachisu kan argatan akkamitti? Tajaajilasaaniirraa gammachuu akkamii argachaa jiru?​—Fak. 15:22.

16 Namoonni akka gaariitti si beekan gorsa ogummaarratti hundaaʼe sii kennuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, barumsi akka sitti cime yaaduudhaan, barumsa sadarkaa lammaffaa dhaabdee qajeelchaa taʼuu barbaadde haa jennu. Namni si jaallatu yaadakee hubachuu waan dandaʼuuf, barumsi salphaadhumatti abdii akka hin kutanne kan si barsiisu taʼuusaafi kunimmoo guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf kan si gargaaru taʼuusaa si hubachiisa.​—Far. 141:5; Fak. 6:6-10.

17. Murtoo akkamii gochuurraa fagaachuu qabna?

17 Tajaajilaan Yihowaa kamiyyuu qorumsa amantiisaa laaffisuudhaan Yihowaarraa isa fageessuuf saaxilamuu dandaʼa. (1 Qor. 15:33; Qol. 2:8) Hojiin tokko tokko garuu isa kaan caalaa karaa hafuuraa miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa. Obboloonni tokko tokko hojii taʼe tokko hojjechuu erga jalqabanii booda “amantiin isaanii akka caccabaa markabaatti” ennaa jalaa mancaʼu argitee beektaa? (1 Xim. 1:19) Murtoo hariiroo Yihowaa wajjin qabdu si jalaa mancaasu gochuurraa fagaachuunkee ogummaadha.​—Fak. 22:3.

DARGAGGEESSA KIRISTIYAANA TAʼE TAʼUUKEETTI GAMMADI

18, 19. Namni hanga ammaatti Yihowaa tajaajiluuf kakaʼumsa hin qabne tokko maal gochuu qaba?

18 Yihowaa tajaajiluuf fedhii kan qabdu taanaan, carraa umrii dargaggummaakeetti Yihowaa tajaajiluuf qabdutti akka gaariitti fayyadami. Umrii gaarii taʼe kanatti filannaa Yihowaa tajaajiluuf si gargaaru godhi.​—Far. 148:12, 13.

19 Hanga yoonaatti Yihowaa tajaajiluuf kakaʼumsa hin qabdu yoo taʼehoo maal gochuu dandeessa? Abdii kutachuu mannaa, amantii qabdu cimsachuuf carraaqqii godhi. Phaawulos ergamaan daandii jireenyaa eebba Waaqayyoo argamsiisurra deddeebiʼuuf carraaqqii godhe erga ibsee booda akkas jechuudhaan barreesseera: “Waaʼee waan tokkoof yaada biraa yoo qabaattan garuu, Waaqayyo isas immoo isinitti mulʼisuuf jira. Amma immoo kottaa isa bira geenye duwwaatti qabamnee in deddeebina.” (Filp. 3:15, 16) Jaalala Waaqayyoofi gorsasaa isa ogummaarratti hundaaʼe hojiirra oolchuukee itti fufi. Eenyuyyuu caalaa, Yihowaan umrii dargaggummaakeetti filannaa ogummaarratti hundaaʼe akka gootu si gargaaruu dandaʼa.