Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seenaa Jireenyaa

Jaalala Koo Jalqabaa Yaadachuun Koo Jabaadhee Dhaabachuuf Na Gargaareera

Jaalala Koo Jalqabaa Yaadachuun Koo Jabaadhee Dhaabachuuf Na Gargaareera

YEROON isaa bara 1970 jalqaba gannaa ture. Hospitaala Vaalii Foorji Jeneraal Hospiitaal jedhamuu fi Feeneksiviil, Pensilvaaniyaa, Yunaayitid Isteetisitti argamu keessa ciiseen ture. Narsiin tokko daqiiqaa soddoma soddomatti dhiibbaa dhiigaa koo safara ture. Yeroo kanatti umuriin koo waggaa 20 siʼa taʼu loltuun ture; achitti dhibee infeekshinii cimaatu na qabe. Narsiin waggaa muraasaan na caalu kun, baayʼee waan dhiphate fakkaata. Dhiibbaan dhiigaa koo garmalee gadi buʼaa yeroo deemu, “Namni si harkatti duʼee hin beeku mitii?” jedheen isa gaafadhe. Baayʼee naʼee, “Lakki hin beeku” naan jedhe.

Yeroo kanatti, haalli koo abdii waan hin qabne fakkaata ture. Haa taʼu malee, hospitaala kanan seene akkamitti? Mee seenaa koon isinitti hima.

WARAANAA WAJJIN WAL BARUU

Yeroo waraana Veetnaamitti, hojiin koo kutaa yaaliin fayyaa baqaqsanii hodhuu itti raawwatamu mijeessuu fi baqaqsanii hodhuu irratti gargaaruu kan ture siʼa taʼu, kanan dhukkubsadhes yeroo kanatti ture. Warra dhukkubsatanii fi miidhaman gargaaruun na gammachiisa ture; ogeessa yaalii baqaqsanii hodhuu taʼuufis galma baafadheen ture. Gara Veetnaam kanan deeme bara 1969 jiʼa Adoolessaatti dha. Akkuma namoota haaraa kaanii, akkaataa yeroon naannoo sanatti itti lakkaaʼamuu fi hoʼa cimaa achi jiruu wajjin akkan wal baruuf torbee tokkoof leenjiin naa kenname.

Hospitaala Meekongi Deeltaa ishee Doongi Taamitti argamtutti argamuu fi yaalii baqaqsanii hodhuu raawwatu keessatti hojjechuu akkuman jalqabeen, heeliikooptaroonni namoota madaaʼan qabatan hedduun ni dhufan. Biyya kootiif jaalala guddaa waanan qabuuf, akkasumas hojjechuu waanan jaalladhuuf yeruma sanan namoota kana gargaaruu jalqabe. Namoonni madaaʼan erga qopheeffamanii booda, gara konteenaroota qorqorroo akka kutaa yaaliitti tajaajilaa turanitti ariitiidhaan geeffamu turan. Kutaa dhiphoo kana keessatti ogeessi baqaqsanii hodhuu, ogeessi qoricha hadoochu kennuu fi narsoonni lama lubbuu namootaa oolchuuf wanta dandaʼan hunda gochaa turan. Shaanxaawwan gurguddaa gugurraacha taʼan heelikooptaroota irraa akka hin buufamneen arge. Shaanxaawwan kun kutaa qaamaa loltoota bakka waraanaatti qaamni isaanii ciccitee kan qabatan taʼuu isaa natti himan. Waraanaa wajjin kanan wal bare haala akkasiitiini.

WAAQAYYOON BARBAADUU

Ijoollummaa kootti dhugaa dhagaʼuuf carraa argadheen ture

Ijoollummaa kootti barumsa Dhugaa Baatota Yihowaa dhagaʼuuf carraa argadheen ture. Haati koo Dhugaa Baatotaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachaa turte; garuu guddina argisiistee hin cuuphamne. Yeroo isheen qayyabattu taaʼee dhaggeeffachuun na gammachiisa ture. Tibbuma sana, abbaa buddeenaa koo wajjin Galma Mootummaa bira utuu darbinuu, “Kun maal inni?” jedheen isa gaafadhe. Innis, “Gonkumaa namoota kanatti akka hin dhihaanne!” naan jedhe. Abbaa buddeenaa koo waanan jaalladhuu fi waanan isa amanuuf gorsa isaa nan fudhadhe. Kanaaf, Dhugaa Baatota Yihowaa irraa nan fagaadhe.

Veetnaamii ergan deebiʼee booda, jireenya koo keessatti Waaqayyo akka na barbaachisun hubadhe. Yaadannoowwan suukanneessaa taʼan miira koo hadoochanii turan. Eenyu iyyuu wanta Veetnaamitti raawwatamaa jiru sirriitti waan hubate hin fakkaatu ture. Waraanicha irratti ijoolleen homaa hin beekne akka ajjeefaman gabaafamaa waan tureef, namoonni hiriira nagaa baʼan loltoonni Yunaayitid Isteetis, warra ijoollee ajjeesan akka taʼan dubbachaa turan.

Fedhii hafuuraa koo guuttachuuf, waldaalee amantii garaa garaa dhaquun jalqabe. Waaqayyoof jaalala kanan qabu taʼus, wantoonni waldaalee kana keessatti na mudatan na hin gammachiisan turan. Dhuma irratti, Galma Mootummaa Dhugaa Baatota Yihowaa Delreey Biich, Filooriidaatti argamuun dhaqe. Kun kan taʼe Guraandhala 1971 guyyaa Dilbataatti ture.

Yeroon achi gaʼetti, haasaan sabaa dhumuuf ture; taʼus, achuma tureen qayyabannaa Masaraa Eegumsaa hordofe. Barumsa yeroo sanatti qayyabatame hin yaadadhu; garuu ijoollee xixinnoo caqasa argachuuf fuula Macaafa Qulqulluu gaggaragalchaa turan nan yaadadha. Kun baayʼee na dinqisiisee ture! Wanta hunda sirriitti dhageeffachaa fi ilaalaan ture. Galma Mootummaatii baʼaa utuun jiruu, obboleessi jaallatamaan umuriin isaa naannoo waggaa 80 taʼe gara koo dhufe. Maqaan isaa Jiim Gaardinar jedhama. Kitaaba Dhugaa Jireenya Bara Baraatti Geessu jedhamu natti argisiisaa, “Kana sii kennuu?” jedhee na gaafate. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu waliin jalqabuuf Kamisa ganamatti wal beellamne.

Dilbata sana halkan hojii galuun qaba ture. Hospitaala dhuunfaa Bookaa Raatoon, Filooriidaatti argamu keessatti, kutaa balaa tasaa keessan hojjedha ture. Dabareen koo halkan saʼaatii 5:00 hanga ganama saʼaatii 1:00tti ture. Halkan sana wanti na jeequ waan hin jirreef, kitaaba sana nan dubbise. Narsiin tokko gara koo dhuftee, kitaabicha na harkaa buttee qola isaa erga ilaaltee booda, “Isaan keessaa tokko taʼuu akka ati hin barbaanne nan abdadha. Mitii?” jettee natti iyyite. Anis deebisee kitaabicha ergan harkaa butee booda, “Kitaaba kana walakkaa isaa qofan dubbise; garuu isaan keessaa tokko waanan taʼu natti fakkaata!” jedheen deebiseef. Achii na dhiistee deemte; anis kitaabicha halkanuma sanan dubbisee fixe.

Macaafa Qulqulluu kan na qayyabsiise, obboleessa dibamaa Jiim Gaardinar jedhamuu fi Chaarlis Teez Raasiliin beeku dha

Obboleessa keenya Gaardinarii wajjin yeroo jalqabaatiif qayyabachuuf yeroo turretti, “Maal qayyabachuuf jenna?” jedheen isa gaafadhe. Innis, “Kitaaban sii kenne sana” naan jedhe. Anis, “Isa dubbisee fixeera” jedheen deebiseef. Gaardinar gaarummaadhaan kakaʼee, “Gaarii dha, mee boqonnaa isa jalqabaa waliin haa ilaallu” naan jedhe. Yeroon dubbisetti wanta baayʼee utuun hin hubatin darbuun koo baayʼee na dinqisiise. Macaafa Qulqulluu koo hiika Kiingi Jamsi Varshin isa qubee diimaatiin qophaaʼe irraa caqasoota baayʼee natti argisiise. Dhuma irratti, waaʼee Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼee barachuun jalqabe. Obboleessi keenya Gaardinar inni waanan isa jaaladhuuf Jiim jedhee waamu, gaafas ganama boqonnaa sadii na qayyabsiise. Sana booda Kamisa ganama yeroo hunda boqonnaa sadii qayyabanna turre. Qayyabannaa kootti baayʼeen gammada ture. Obboleessi dibamaan, Chaarlis Teez Raasiliin dhuunfaatti beeku na barsiisuun isaa anaaf mirga guddaa dha!

Torban muraasa booda, babalʼisaa akkan taʼu naa heyyamame. Jiim manaa gara manaatti tajaajiluu dabalatee, wantoota na yaaddessan hedduu irratti na gargaareera. (HoE. 20:20) Jiim naa wajjin waan tajaajiluuf, hojii lallabaa jaallachuun jalqabe. Amma iyyuu tajaajilli mirga koo isa guddaa akka taʼe natti dhagaʼama. Waaqayyoo wajjin hojjechuun baayʼee nama gammachiisa!—1 Qor. 3:9, NW.

JAALALAN YIHOWAADHAAF QABU ISA JALQABAA

Mee amma waaʼee dhimma dhuunfaa kootii, jechuunis waaʼee jaalalan Yihowaadhaaf qabu isa jalqabaan isinitti hima. (Mul. 2:4) Jaalalli kun yaadannoowwan waraanaa suukanneessaa taʼanii fi rakkoowwan hedduu dandamachuuf na gargaareera.—Isa. 65:17.

Adoolessa 1971, Walgaʼii Koonyaa “Maqaa Waaqayyoo” jedhamuu fi Istaadiyomii Yaankiitti godhame irrattan cuuphame

Arfaasaa bara 1971 keessa wanta guyyaa tokko natti dhagaʼame nan yaadadha. Abbaan buddeenaa koo mana qabeenya isaa taʼe keessa Dhugaa Baatuun Yihowaa akka jiraatu waan hin barbaadneef, tibba sana koondomiiniyamii warri koo akkan keessa jiraadhuuf naa heyyamanii turan keessaa nan ariʼame! Yeroo sanatti qarshii baayʼee hin qabun ture. Hospitaalli ani itti hojjedhu torbee lamaan naa kaffala; tajaajila irratti hirmaachuu fi Yihowaadhaaf ulfina fiduu akkan dandaʼuuf, qarshii koo keessaa hedduu isaa uffata bituufan oolcha ture. Qarshii muraasa baankiidhaa kanan qabu taʼus, baankichi magaalaan itti dhaladhetti, jechuunis Michigaanitti argama ture. Kanaafuu, guyyaa muraasaaf konkolaataa koo keessa jiraachuufan dirqame. Areeda koo kanan haaddadhuu fi kanan dhiqadhu mana fincaanii buufata gaazii keessatti ture.

Tibban konkolaataa keessa jiraachaa turetti, gaaf tokko obboloonni walgaʼii tajaajila dirreetiif walitti qabamuu isaanii gara saʼaatii lamaa duran Galma Mootummaa gaʼe. Reefuu hojiidhaa baʼuu koo ture. Galma Mootummaa duuba bakka namni tokko iyyuu na hin argine utuun taaʼee jiruu, haala Veetnaamitti na mudatee turen yaadadhe; fooliin foon namaa gubatee natti dhufuu, akkasumas dhiignii fi madaan namootaa natti mulʼachuu waan jalqabeef baayʼeen jeeqame. Yaada kootti sagaleen dargaggoota, “Waanan oolu sitti fakkaataa? Waanan oolu sitti fakkaataa?” naan jedhanii natti dhagaʼame; fakkiin isaaniis natti mulʼate. Akka isaan duʼan kanan beeku taʼus, haala kana fuula koo irraa akka hin hubanne of eeggachaa hamma humni koo dandaʼe isaan jajjabeessuufan yaale. Bakkuman taaʼetti miirri koo garmalee jeeqame.

Keessumaa rakkinni yeroo na mudatu, jaalalan Yihowaadhaaf qabu isa jalqabaa akkan hin irraanfanneef wantan dandaʼu hunda gochaan jira

Imimmaan koo dhangalaasaan kadhannaa dhiheesse. (Far. 56:8) Yeroo kanatti abdii duʼaa kaʼuu irratti gadi fageenyaanan yaade. Achii, Yihowaan namoota duʼaa kaasuudhaan dhumaatii ani kanaan dura argee fi miidhaa miiraa ana irras taʼe namoota kaan irra gaʼe hunda duubatti deebisuudhaan akka sirreessun hubadhe. Waaqayyo dargaggoota sana deebisee kan jiraachisu siʼa taʼu, waaʼee isaa barumsa dhugaa barachuufis carraa ni argatu. (HoE. 24:15) Yeroo kanatti, garaan koo jaalala Yihowaatiin kan guutame siʼa taʼu, kunis baayʼee na tuqe. Guyyaan sun anaaf amma iyyuu adda dha. Yeroo sanaa kaasee, keessumaa rakkinni yeroo na mudatu, jaalala jalqabaa ani Yihowaadhaaf qabu kana akkan hin irraanfanneef wantan dandaʼu hunda gochaan jira.

YIHOWAAN GAARUMMAA NATTI ARGISIISEERA

Bakka waraanaatti namoonni wanta gadhee hedduu raawwatu; anis gocha akkasii raawwadheera. Caqasootan jaalladhu lama irratti xiinxaluun koo garuu na gargaareera. Caqasni inni jalqabaa Mulʼata 12:10, 11 isa Diiyaabilos kan moʼamu dubbii dhugaa baanuun qofa utuu hin taʼin dhiiga Hoolichaatinis akka taʼe dubbatu dha. Inni lammaffaan immoo Galaatiyaa 2:20 dha. Caqasa kana irraa, Yesus Kiristos kan duʼe “anaaf” taʼuu isaan hubadhe. Yihowaan dhiiga Yesus keessaan na ilaalee, wantan kanaan dura raawwadheef dhiifama naa godheera. Dhugaa kana beekuun koo sammuu qulqulluu akkan qabaadhu na gargaareera; namoonni waaʼee Yihowaa isa Waaqa araara qabeessa taʼee dhugaa isaa akka beekan gargaaruuf wantan dandaʼe hunda akkan godhus na kakaaseera!—Ibr. 9:14.

Jireenyan dabarse duubatti deebiʼee yeroon yaadu, Yihowaan yeroo hunda kunuunsa naa gochuu isaatiif garaadhaan isa galateeffadha. Fakkeenyaaf, Jiim konkolaataa koo keessa jiraachaa akkan jiru akkuma beekeen, obboleettii mana keessa bulan qabduu wajjin wal na qunnamsiise. Yihowaan iddoo mijataa ani keessa turu naa qopheessuuf Jiimii fi obboleettii jaallatamtuu sanatti akka fayyadame nan amana. Yihowaan Waaqa gaarii dha! Waaqeffattoota isaa amanamoo taʼaniif ni yaada.

HINAAFFAA FI MALA WALIIN ADEEMSISUU BARACHUU

Caamsaa 1971tti, hojii tokkoof gara Michigaan deemuun na barbaachisee ture. Gumii Delreey Biich isa Filooriidaatti argamuu konkolaataa koo irratti barreeffama hedduu feʼeen, daandii Intaristeet 75 jedhamu qabadhee gara kaabaatti karaa jalqabe. Barreeffaman feʼadhee ture magaalaa itti aantee jirtu, jechuunis Joorjiyaa keessaa baʼuu koo duran fixe. Bakka hundumaatti misiraachoo Mootummichaa hinaaffaadhaan lallabeera. Iddoowwan manneen hidhaa jiranitti konkolaataa koo dhaabee nan lallaban ture; manneen fincaanii dhiirotaa naannoo garaa garaa jiran keessatti illee tiraaktii kenneera. Hamma harʼaatti illee, sanyiiwwan facaafaman sun biqilaniiruu laata? jedhee nan yaada.—1 Qor. 3:6, 7.

Taʼus, yeroon dhugaa dhagaʼe keessumaa yeroo maatii koo wajjin mariʼannu malaan hin dubbadhun ture. Jaalallin jalqaba Yihowaadhaaf qabu baayʼee cimaa waan tureef, ija jabinaan garuu immoo kallattiidhaanan lallaba ture. Obboloota koo Joonii fi Rooniin baayʼee kanan jaalladhu siʼa taʼu, humnaanan dhugaa isaanitti hima ture. Miira isaaniitiif of eeggachuu dhiisuu kootiif yeroo booda dhiifama gaafachuun na barbaachiseera. Taʼu iyyuu, akka isaan dhugaa fudhatan Yihowaa kadhachuu koo dhiisee hin beeku. Yeroo sanaa kaasee, Yihowaan waan na barsiiseef yeroon lallabuu fi barsiisu malaan fayyadamuun jalqabe.—Qol. 4:6.

JAALALAWWAN KAN BIRAA JIREENYA KOO KEESSATTI NA MUDATAN

Waaʼee jaalala ani Yihowaadhaaf qabuu yeroo hunda kanan yaadadhu taʼus, jaalalawwan kan biraa jireenya koo keessatti na mudatanis hin irraanfadhu. Jaalalli inni lammaffaan, jaalalan haadha manaa koo Suuzaaniif qabu dha. Hiriyaan hojii Mootummichaa irratti na gargaartu akka na barbaachistu hubadheen ture. Suuzaan dubartii cimtuu fi dhimmoota hafuuraatiif dursa kennitu dha. Yeroo wal qorachaa turretti guyyaa tokko ishee dubbisuu yeroon dhaqe haala ture nan yaadadha. Suuzaan mana warra ishee isa Kiraanistan, Rood Ayilaanditti argamutti barandaa irra teessee turte. Masaraa Eegumsaa fi Macaafa Qulqulluu wal bira qabdee dubbisaa turte. Kan na ajaaʼibsiise immoo kan isheen dubbisaa turte mata duree dabalataa siʼa taʼu, caqasas baastee ilaalaa turte. ‘Dubartii karaa hafuuraa cimtuu taate dha!’ jedheen yaade. Muddee 1971tti kan wal fuune siʼa taʼu, yeroo sanaa kaasee na cinaa dhaabachuudhaan na deggeruu isheetiif baayʼeen galateeffadha. Sababan ishee itti dinqisiifadhu inni tokko anaan kan na jaallattu taʼus, ana caalaa Yihowaa kan jaallattu taʼuu ishee ti.

Haadha manaa koo Suuzaanii fi ijoollee keenya Poolii fi Jeesii wajjin

Hojii daawwannaa yeroon hojjedhutti walgaʼii tajaajila dirree utuun geggeessuu

Anii fi Suuzaan ijoollee dhiiraa Jeesii fi Pool jedhaman argachuudhaan eebbifamneerra. Ijoollummaa isaaniitii kaasee Yihowaan isaanii wajjin ture. (1 Sam. 3:19) Dhugaa kan ofii waan godhataniif, anaa fi Suuzaaniif ulfina fidaniiru. Jaalala Yihowaadhaaf qaban isa jalqabaa waan hin irraanfanneef Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufaniiru. Lamaanuu waggaa 20 oliif tajaajila yeroo guutuu keessa turaniiru. Haadhotiin manaa ijoollee kootii Isteefaanii fi Raakeel warrin akka ijoollee kootti ilaalus baayʼee na gammachiisu. Ijoolleen koo lamaanuu, dubartoota karaa hafuuraa cimoo taʼanii fi garaa isaanii fi jireenya isaanii guutuudhaan Yihowaa jaallatan fuudhan.—Efe. 6:6.

Ergan cuuphamee booda, Rood Ayilaanditti waggaa 16f tajaajileera; achitti hiriyoota hedduun horadhe. Jaarsolii ciccimoo ani dukaa tajaajile ilaalchisee yaadannoowwan nama gammachiisan hedduun qaba. Kana malees, daawwattoota olaanaa dhiibbaa gaarii na irratti godhan hedduudhaaf baayʼeen galateeffadha. Dhiirota jaalala jalqaba Yihowaadhaaf qaban eeganii turanii wajjin hojjechuun mirga guddaa dha! Bara 1987tti bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf gara Kaaba Kaarolaayinaa deemne; achittis michoota kan biraa arganneerra. *

Naannoo tajaajilaa yeroo baayʼee keessatti hin hojjetamnetti maatiidhaan tajaajiluun nu gammachiisa ture

Hagayya 2002, anii fi Suuzaan miseensa maatii Betʼel Paatarsan, Yuunaayitid Isteetisitti argamuu akka taanu afeeramne. Achitti ani Kutaa Tajaajilaa keessa, Suuzaan immoo laawundarii keessa hojjenna turre. Suuzaan hojii ishee ni jaallatti turte! Achii, Hagayya 2005tti miseensa Qaama Ol Aanaa taʼee tajaajiluufan mirga argadhe. Itti gaafatamummaan kun wantin gochuu dandaʼu muraasa taʼuu isaa na hubachiiseera. Itti gaafatamummaan kun, hojiin hojjechuu qabnuu fi hojichi karaa hedduu deemuu kan gaafatu taʼuun isaa haadha manaa koo yaaddessee ture. Suuzaan xiyyaaraan deemuu jaallachuu baattus, yeroo baayʼee xiyyaaraan ni deemna! Suuzaan gorsi haadhotiin manaa miseensota Qaama Ol Aanaa kaan jaalalaan kakaʼanii isheedhaaf kennan, hamma isheedhaa dandaʼametti na deggeruuf murtoo akka gootu akka ishee gargaare dubbatti. Na deggeraa kan jirtu siʼa taʼu, kunis akkan ishee jaalladhu na taasiseera.

Biiroo koo keessa suuraan iddoo guddaa kennuuf hedduutu jira! Suuraawwan kun jireenya gammachiisaa akkamii akkan dabarse na yaadachiisu. Jaalalan Yihowaadhaaf qabu isa jalqabaa yaadachuuf wanta naa dandaʼame hunda gochuu kootti badhaasa hedduu argadheera!

Maatii koo wajjin yeroo dabarsuun baayʼee na gammachiisa

^ KEY. 31 Tajaajila yeroo guutuu obboleessa keenya Mooris ilaalchisee yaada dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Bitootessa 15, 2006 (Amaariffa), fuula 26 ilaaluu dandeessa.