Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUUSAA KEENYA KEESSAA

“Yihowaan Gara Faransaay Kan Isin Fide Dhugaa Akka Dhageessaniifi”

“Yihowaan Gara Faransaay Kan Isin Fide Dhugaa Akka Dhageessaniifi”

ANTIWAAN ISKAALAKIIN ijoollummaa isaatti farda gabaabaa ittiin hojjetu qaba ture. Iddoo lafa jalaa albuuda kasalaa itti baasanii fi gadi fageenyi isaa meetira 500 taʼe keessaa albuuda kasalaa feʼuuf karaa lafa jalaa ifa baayʼee hin qabne keessaa kasala feʼanii waliin tiratu. Abbaan Antiwaan iddoo albuuda kasalaa itti baasanitti lafti irratti jigee waan miidhameef, maaticha gargaaruuf iddoo kasala itti baasan keessa guyyaatti saʼaatii sagaliif akka hojjetu Antiwaaniin erguuf dirqame. Antiwaanis yeroo tokko iddoo albuuda kasalaa itti baasanitti lafti irratti jigee xinnumaaf duʼa jalaa oole.

Tools used by the Polish miners, and the mine at Dechy, near Sin-le-Noble, where Antoine Skalecki worked

Antiwaan ijoollee hedduu waggoota 1920mmanii fi 1930mmanitti Faransaay keessatti warra Poolaandii dhufan irraa dhalatan keessaa tokko dha. Namoonni Poolaandii gara Faransaayitti kan godaanan maaliifi? Yeroo Poolaandi Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda bilisummaa ishee deebistee argattu, biyyattii keessatti baayʼinni uummataa rakkina uumee ture. Karaa kan biraatiin immoo, Faransaay dhiironni miliyoona tokkoo ol taʼan waraanichaan waan jalaa duʼaniif, hojii iddoo albuuda kasalaa itti baasanitti hojjetamuuf namoonni hedduun ishee barbaachisu turan. Kanaafuu, mootummaan Faransaayii fi mootummaan Poolaandi, Fulbaana 1919tti walii galtee godaansaa walii mallatteessan. Bara 1931tti lammiileen Poolaandi Faransaay keessa jiraatan lakkoofsi isaanii 507,800 kan gaʼe siʼa taʼu, hedduun isaaniis naannoo kaabaa albuudni kasalaa itti baafamu jiraatu turan.

Lammiileen Poolaandi warri ciminaan hojjetan kun, ilaalcha amantiidhaaf qaban dabalatee aadaawwan isaanii adda taʼan qabatanii dhufanii turan. Antiwaan inni amma umuriin isaa waggaa 90 taʼe wanta yaadatu ennaa dubbatu, “Akaakayyuun koo Joseef waaʼee Caaffata Qulqullaaʼoo karaa ulfina qabeessa taʼeen dubbata ture; miira akkanaa akka qabaatu kan godhe immoo abbaa isaa ti” jedheera. Sanbadduraa Sanbadduraa, maatiiwwan lammii Poolaandi taʼanii fi albuuda kasalaa baasan, uffata baʼeessa taʼe uffatanii waldaa dhaqu turan; namoonni Faransaay amantiidhaaf iddoo guddaa hin kennine garuu kun isaan hin gammachiisu ture.

Namoonni Poolaandi hedduun yeroo jalqabaatiif Barattoota Macaafa Qulqulluu bara 1904 kaasee naannoo sanatti lallabaa turanii wajjin kan wal argan Noor-Paa-da-Kaaleetti ture. Bara 1915tti, Masaraan Eegumsaa Afaan Poolaandiin jiʼa jiʼaan maxxanfamuu kan jalqabe siʼa taʼu, barruun Za Gooldan Eej (yeroo ammaatti Dammaqaa! jedhama) immoo bara 1925tti afaan sanaan baʼuu jalqabe. Maatiiwwan hedduun yaada Caaffata Qulqullaaʼoo barruuleen kun, akkasumas kitaabni Za Haarp Oov Gaad jedhamuu fi Afaan Poolaanditti hiikame qabatanitti gammadanii turan.

Maatiin Antiwaan waaʼee Barattoota Macaafa Qulqulluu kan beekan, eessuma isaa isa bara 1924tti yeroo jalqabaatiif walgaʼii irratti argame irraa ti. Wagguma sana keessa Buraay-een-Artooyisitti Barattoonni Macaafa Qulqulluu Afaan Poolaandiin walgaʼii guddaa isa jalqabaa godhatan. Yeroo jiʼa tokko hin guunne gidduutti immoo magaaluma sana keessatti bakka buʼaa waajjira muummee kan taʼe Joseef Raazarfordi bakka namoonni 2,000 ol taʼan argamanitti haasaa sabaa dhiheesse. Obboleessi keenya Raazarfordi walgaʼicha irratti namoonni Poolaandi hedduun argamuu isaaniitti gammadee akkana jedhe: “Yihowaan gara Faransaay kan isin fide dhugaa akka dhageessaniifi. Amma isinii fi ijoolleen keessan namoota Faransaay gargaaruu qabdu! Hojiin lallabaa guddaan hojjetamuu qaba; Yihowaan hojii kanaaf babalʼistoota hedduu ni argamsiisa.”

Yihowaanis kun akka taʼu godheera! Kiristiyaanonni biyya Poolaandi kun akkuma hojii albuuda qotuu irratti cimanii hojjetanitti, hojii lallabaa irrattis garaa guutuudhaan hirmaachaa turan! Dhugaa dha, isaan keessaa tokko tokko dhugaa baratan namootatti himuuf gara biyya isaanii Poolaanditti deebiʼaniiru. Teʼofiil Piyaaskowuskii, Shiteepaan Koosiyaakii fi Yaan Zaabuudaan obboloota naannoo Poolaandi isa balʼaa taʼetti misiraachicha lallabuuf Faransaayii deeman keessaa tokko dha.

Haa taʼu malee, babalʼistoonni Afaan Poolaandi dubbatan hedduun Faransaayitti hafanii, obboloota isaanii lammii Faransaay taʼanii wajjin hinaaffaadhaan lallabuu isaanii itti fufaniiru. Walgaʼii guddaa bara 1926tti Saan-la-Noobla keessatti godhame irratti, sagantaa Afaan Poolaandiin geggeeffame irratti namoonni 1,000, isa Afaan Faransaayiin geggeeffame irratti immoo namoonni 300 argamanii turan. Kitaabni Waggaa Bara 1929, “Waggaa sana keessa obboloonni 332 taʼan eebbifamuu [of murteessuu] isaanii cuuphamuudhaan argisiisaniiru” jechuudhaan gabaaseera. Waraana Addunyaa Isa Lammaffaa dura, gumiiwwan Faransaay keessatti argaman 84 keessaa 32 Afaan Poolaandiin kan geggeeffaman turan.

Meeshaalee namoonni Poolaandi albuuda baasan itti fayyadamanii fi iddoo albuudaa Deeshii ishee Saan-la-Noobla bakka Antiwaa Iskaalakiin itti hojjetetti dhihoo jirtu

Bara 1947tti Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun afeerraa mootummaan Poolaandi isaanii dhiheesse fudhatanii gara Poolaanditti deebiʼaniiru. Haa taʼu malee, erga achii deemanii booda iyyuu, waggaa sanatti lakkoofsi babalʼistootaa parsantii 10n dabaluun isaa, carraaqqiin isaanii fi obboloonni isaanii Faransaayitti argaman godhan buʼaa akka argamsiise argisiisa. Sana boodas bara 1948 hanga 1950tti parsantii 20, 23 fi 40n dabaluu isaa itti fufeera! Waajjirri damee Faransaay babalʼistoonni haaraan kun leenjii akka argatan gargaaruuf bara 1948tti yeroo jalqabaatiif daawwattoota ol aanaa aanaa muudeera. Obboloota shanan achitti ergaman keessaa arfan isaanii namoota biyya Poolaandi kan turan siʼa taʼu, isaan keessaa tokko Antiwaa Iskaalakii ture.

Dhugaa Baatota Yihowaa Faransaayi keessatti argaman keessaa baayʼeen isaanii, maqaa Poolaandi akaakayyuuwwan isaanii warri sana dura achi turanii fi hojii albuuda baasuutiinis taʼe hojii lallabaatiin cimoo turan ittiin waamamaa turaniin waamamu. Harʼas godaantonni hedduun Faransaay keessatti dhugaa barachaa jiru. Labsitoonni biyya kan biraatii dhufan gara biyya isaaniitti yoo deebiʼanis taʼe biyyuma dhaqan yoo jiraatan, fakkeenya labsitoota Mootummichaa sana dura Poolaandi keessa turanii hinaaffaadhaan hordofu.—Kuusaa keenya Faransaayitti argamu irraa.