Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Amantii Keenya Nuuf Guddisi”

“Amantii Keenya Nuuf Guddisi”

“Amanti-dhabina kootti na gargaari!”—MAR. 9:24.

FAARFANNAA: 54, 24

1. Amantiin hammam barbaachisaa dha? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

‘ANI nama Yihowaan yeroo rakkina guddaatti badiisa irraa oolchuudhaan gara addunyaa haaraatti galchuu barbaadu dhaa?’ jettee yaaddee beektaa? Dhugaa dha, fayyuuf wantoota hedduutu barbaachisa. Haa taʼu malee Phaawulos ergamaan, “Amantii malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin dandaʼamu” jechuudhaan ulaagaa baayʼee barbaachisaa taʼe tokko dubbateera. (Ibr. 11:6) Kun waan salphaa fakkaachuu dandaʼa; garuu, “amantiin wanta namni hundi qabu” miti. (2 Tas. 3:2, NW) Caqasoonni kun lamaan amantii cimaa qabaachuun hammam barbaachisaa akka taʼe hubachuuf nu gargaaru.

2, 3. (a) Barbaachisummaa amantii ilaalchisee Phexros irraa maal baranna? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?

2 Phexros ergamaan waaʼee amantii isa erga ‘qoramee ilaalamee’ booda ‘guyyaa Yesus Kiristos itti mulʼachuuf jiru sanatti jajamee guddinaa fi ulfina argatuu’ yeroo dubbatetti amantiin barbaachisaa akka taʼe addeesseera. (1 Phexros 1:7 dubbisi.) Rakkinni guddaan saffisaan dhihaachaa jira; maarree, amantiin keenya namoota Mootichi inni ulfina qabeessi yeroo mulʼatutti isaan jajatu keessaa tokko akka taanu kan nu godhu taʼuu isaa mirkaneeffachuu hin qabnuu? “Warra amantii qabanii fi warra lubbuu isaanii oolfatan” taʼuu akka barbaannu beekamaa dha. (Ibr. 10:39) Kana yaadachuudhaan akka namicha, “Amanti-dhabina kootti na gargaari!” jedhee jennee kadhachuu dandeenya. (Mar. 9:24) Yookiin immoo akkuma ergamoota Yesus, “Amantii keenya nuuf guddisi!” jechuuf kakaana taʼa.—Luq. 17:5.

3 Amantiin keenya guddachuun kan isa barbaachisu taʼuun isaa gaaffilee tokko tokko kaasa. Amala kana guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? Amantii akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Kadhannaan amantiin keenya akka nuu guddatuuf dhiheessinu deebii akka argatu wanti nuuf mirkaneessu maali dha?

AMANTII WAAQAYYOON GAMMACHIISU QABAACHUU

4. Fakkeenya eenyufaatu amantii keenya cimsuuf nu kakaasuu dandaʼa?

4 ‘Wantoonni caaffata qulqullaaʼoo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf waan caafamaniif,’ fakkeenyota baayʼee Macaafa Qulqulluu keessatti argaman irraa barachuu dandeenya. (Rom. 15:4) Waaʼee Abrahaam, Saaraa, Yisihaaq, Yaaqoob, Musee, Rahaab, Giidewon, Baaraaqii fi namoota kan biraa hedduu yeroo dubbisnu, seenaan isaanii amantii keenya qoruuf nu kakaasuu dandaʼa. (Ibr. 11:32-35) Dabalataanis, muuxannoo obboloota amantii cimaa qabanii dubbisuun keenya, amantii keenya jabeeffachuuf carraaqqii gochuuf nu kakaasuu dandaʼa. *

5. Eliyaas Yihowaa irratti amantii cimaa akka qabu kan argisiise akkamitti? Fakkeenyi isaa waaʼee maalii yaaduuf nu kakaasa?

5 Fakkeenyi Macaafa Qulqulluu irratti argamu immoo Eliyaasi dha. Haalawwan akka inni Yihowaa irratti amantii cimaa qabu argisiisan kana yaadi. Eliyaas Yihowaan ongee fiduuf akka jedhu Ahaab Mootichatti yeroo himetti ija jabinaan, ‘Dhugaa Waaqayyoo, hamma ani guyyaa isaa himutti fixeensi lafa irratti hin argamu yookiis bokkaan hin roobu!’ jedhee ture. (1 Mot. 17:1) Eliyaas yeroo ongeen jiru sanatti Yihowaan isaafis taʼe namoota kaaniif wanta isaan barbaachisu akka kennu amantii qaba ture. (1 Mot. 17:4, 5, 13, 14) Yihowaan mucaa tokko duʼaa akka kaasu amantii qabaachuu isaas argisiiseera. (1 Mot. 17:21) Eliyaas, Yihowaan aarsaa inni Tulluu Qarmelos irratti dhiheesse gubuuf ibidda akka ergus hin shakkine. (1 Mot. 18:24, 37) Yeroon Yihowaan ongee itti balleessu yommuu gaʼutti, mallattoon bokkaan dhufuu isaa argisiisu illee utuu hin jiraatin Eliyaas Ahaabiin, “Sagaleen bokkaa yandoo waan dhagaʼamuuf amma ol baʼii nyaadhu, dhugis” jedhee ture. (1 Mot. 18:41) Seenaan akkanaa amantiin keenya cimaa taʼuu isaa qoruuf kan nu kakaasu mitii?

AMANTII KEENYA GUDDIFACHUUF MAAL GOCHUU DANDEENYA?

6. Amantii keenya cimsuuf Yihowaa irraa maal argachuutu nu barbaachisa?

6 Amantii keenya carraaqqii mataa keenyaatiin qofa guddifachuu hin dandeenyu. Amantiin ija hojii hafuura qulqulluu keessaa tokko dha. Kanaafuu, Yesus Abbaan isaa ‘warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu akka kennu’ waan nuu mirkaneesseef, gorsa hafuura dabalataa argachuuf akka kadhannu nuu kenne hojii irra oolchuun keenya barbaachisaa dha.—Luq. 11:13.

7. Amantii keenya eeguu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

7 Takkaa amantii keenya erga guddifannee booda, amantii kana eeguu qabna. Amantiin keenya ibiddatti fakkeeffamuu dandaʼa. Ibiddichi jalqaba irratti akka gaariitti bobaʼa taʼa. Haa taʼu malee, qoraan utuu itti hin dabalin callisnee kan ilaallu yoo taʼe, barbadaa taʼuu fi booda immoo daaraa qofa taʼuu dandaʼa. Walitti aansinee qoraan yoo itti daballe garuu, akkuma bobaʼetti itti fufuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, amantiin keenyas yeroo hunda Dubbii Waaqayyoo kan isa soorru yoo taʼe jabaataa taʼee itti fufuu dandaʼa. Guyyuma guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu kan dubbisnuu fi kan qayyabannu yoo taʼe, jaalalli Macaafa Qulqulluu fi Yihowaadhaaf qabnu ni guddata. Kun immoo amantii keenya guddifachuuf nu gargaara.

8. Amantii keenya jabeeffachuuf wanti nu gargaaru maali dha?

8 Amantii kee guddifachuuf wanti gochuu dandeessu kan biraan maali dha? Wanti hamma cuuphamtutti baratte qofti akka si gaʼu sitti hin dhagaʼamin. (Ibr. 6:1, 2) Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamanii fi raawwii isaanii argatan hubadhu; kana gochuun kee amantii akka qabaatu godha. Amantiin kee ulaagaa namoota amantii cimaa qaban irraa eegamuu wajjin kan wal simu taʼuu fi dhiisuu isaa gamaaggamuuf Dubbii Waaqayyootti fayyadamuu dandeessa.—Yaaqoob 1:25; 2:24, 26 dubbisi.

9, 10. (a) Hiriyummaa gaariin, (b) Walgaʼiin, (c) Tajaajilli, amantii jabeessuuf kan gargaaru akkamitti?

9 Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni hidhata isaa taʼan ‘isaan amantii isaatiin, innis amantii isaaniitiin wal jajjabeessuu’ akka dandaʼan dubbatee ture. (Rom. 1:12) Namoota nu faana Yihowaa waaqeffatanii wajjin, keessumaa immoo namoota amantiin isaanii ‘qoramee ilaalamee’ wajjin yeroo taanu, amantii walii jabeessuu dandeenya. (Yaq. 1:3) Hiriyummaa gadheen amantii kan balleessu siʼa taʼu, hiriyummaa gaariin garuu amantii jabeessa. (1 Qor. 15:33) “Walitti qabamuu keenya” akka hin dhiisne, kanaa mannaa ‘wal jajjabeessuu’ keenya akka itti fufnu sababiin itti gorfamne tokko kana dha. (Ibroota 10:24, 25 dubbisi.) Sababiin walgaʼii irratti itti argamnu inni kaan immoo, barumsi walgaʼii irratti dhihaatu amantii kan cimsu taʼuu isaa ti. Kun wanta Phaawulos, “Amantiin dhagaʼuu irraa in dhufa” jechuudhaan dubbatee wajjin kan wal simu dha. (Rom. 10:17) Yeroo hunda walgaʼii irratti ni argamnaa?

10 Tajaajila irratti yeroo hirmaannu namoonni kaan amantii akka qabaatan gochuu qofa utuu hin taʼin, amantiin keenyas ni guddata. Akkuma Kiristiyaanota durii, Yihowaa irratti amantii guutuu qabaachuu fi haala akkamii keessatti iyyuu ija jabinaan dubbachuu baranna.—HoE. 4:17-20; 13:46.

11. Kaalebii fi Iyaasuun amantii cimaa qabaachuu kan dandaʼan maaliifi? Nu hoo akka isaanii taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Wanta Yihowaan jireenya keenya keessatti nuu godhee fi kadhannaa keenyaaf akkamitti deebii akka kenne yeroo yaadnu, amantiin keenya ni guddata. Kun jireenya Kaalebii fi Iyaasuu irratti mulʼateera. Biyyattii Abdachiifamte yeroo basaasanitti, Yihowaa irratti amantii qabaachuu isaanii argisiisaniiru. Haa taʼu malee, sana booda Yihowaan jireenya isaanii keessatti yeroo hunda akka isaan geggeessu yommuu argan, amantiin isaanii caalaatti guddateera. Iyaasuun Israaʼelootaan, “Abdii Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessaa tokko illee . . . hin hafne” jechuudhaan amanannaadhaan dubbachuun isaa nama hin dinqisiisu. Booddees itti dabaluudhaan, “Amma egaa Waaqayyoon sodaadhaa, amanamummaa guutuudhaanis isaaf hojjedhaa! . . . Anii fi manni koo Waaqayyoof in hojjenna” jedheera. (Iya. 23:14; 24:14, 15) Nuyis gaarummaa Yihowaa dhandhamannee yoo ilaalle, amanannaa akkanaa qabaachuu dandeenya.—Far. 34:8.

AMANTII KEENYA ARGISIISUU

12. Yaaqoob amantii ilaalchisee wanti akkamii akka barbaachisu ibse?

12 Amantii cimaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Yaaqoob inni bartuu Yesus ture, “Amantii qabaachuu koo hojii koo isa gaariidhaan sin argisiisa” jechuudhaan deebii nuu kenna. (Yaq. 2:18) Hojiiwwan keenya amantii dhugaa qabaachuu keenya argisiisu. Fakkeenya tokko tokko haa ilaallu.

Namoonni hirmaannaa tajaajila irratti qaban guddisan, amantii cimaa akka qaban argisiisu(Keeyyata 13 ilaali)

13. Hojiin lallabaa karaa amantii keenya itti argisiisnu kan taʼe akkamitti?

13 Hojii lallabaa irratti hirmaachuun, karaa gaarii amantii keenya itti argisiisnu dha. Akkas kan jennu maaliifi? Hojii kana hojjechuun, dhumni sirna kanaa ‘utuu hin turin’ yeroo Waaqayyo yaadetti akka dhufu amanuu gaafata. (An. 2:3) Karaan amantii keenya itti gamaaggamnu inni tokko, hirmaannaa tajaajila irratti qabnu guddifachuuf hammam fedhii akka qabnu ilaaluu dha. Hirmaannaa tajaajila irratti qabnu guddisuuf carraa barbaaduudhaan, waan dandeenye hunda gochaa jirraa? (2 Qor. 13:5) ‘Afaan keenyaan beeksisuudhaan’ jechuunis, misiraachicha lallabuudhaan amantii akka qabnu argisiisuu dandeenya.—Roomaa 10:10 dubbisi.

14, 15. (a) Yeroo hunda amantii akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Muuxannoo amantii cimaa argisiisu dubbadhu.

14 Qorumsa guyyuma guyyaadhaan nu mudatuu wajjin yeroo walʼaansoo goonus amantii keenya argisiisuu dandeenya. Yoo dhukkubsanne, yoo abdii kutanne, yoo dhiphanne, hiyyeessota yoo taane ykn qorumsi kan biraan yoo nu irra gaʼe iyyuu, Yihowaanii fi Ilmi isaa “yeroo barbaachisetti akka nu gargaaran” ni amanna. (Ibr. 4:16) Karaa hafuuraa qofa utuu hin taʼin karaawwan kaaniinis gargaarsa argachuuf kadhachuudhaan amantii akkasii akka qabnu argisiisuu dandeenya. Yesus, “soora harʼaa bor nu barbaachisu” dabalatee dhimmawwan fooniitiifis kadhachuu akka dandeenyu dubbateera. (Luq. 11:3) Seenaawwan Macaafa Qulqulluu, Yihowaan wanta nu barbaachisu akka nuu kennu nuu mirkaneessu. Biyya Israaʼel keessa beelli cimaan yeroo turetti, Yihowaan Eliyaasiif nyaataa fi bishaan kenneera. Macaafni Qulqulluun, “Qurruun immoo ganama ganamaa fi galgala galgala buddeenaa fi foon in fiduuf, bishaanis lagicha keessaa in dhuga ture” jedha. (1 Mot. 17:3-6) Nuyis wanta nu barbaachisu argachuu akka dandeenyutti Yihowaan haalawwan jijjiiruu akka dandaʼu ni amanna.

Qorumsa guyyuma guyyaadhaan nu mudatuu wajjin yeroo walʼaansoo goonu amantii akka qabnu argisiisna(Keeyyata 14 ilaali)

15 Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojii irra yoo oolchine, wanta nu barbaachisu akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Obboleettiin keenya Ribeekaan isheen gaaʼela qabduu fi Eeshiyaa keessa jiraattu, maatii ishee wajjin haala wal qabateen kun dhugaa taʼuu isaa argiteetti. Dhimmawwan Mootummichaatiif dursa kennuu fi cimanii hojjechuudhaan, Maatewos 6:33 fi Fakkeenya 10:4 hojii irra oolchaniiru. Ribeekaan, yeroo tokko abbaan manaa ishee haalli hojii isaa karaa hafuuraa isaan miidhuu akka dandaʼu waan yaadeef hojii isaa akka dhiise dubbatteetti. Yeroo kanatti ijoollee afur guddisu turan. Ribeekaan akkana jechuudhaan dubbatti: “Nyaatawwan miʼaawaa hojjennee gurguruu jalqabne. Waggoota hedduu haala kanaan itti jiraannetti Yihowaan matumaa akka nu hin dhiisne nutti dhagaʼama ture. Wanta nyaannu dhabnee hin beeknu.” Ati hoo jireenya kee keessatti haalli amantii kee jabeesse akkasii si mudatee beekaa?

16. Yihowaatti amanamuun keenya buʼaa akkamii argamsiisa?

16 Qajeelfama Waaqayyo nuu kennu yoo hordofne faayidaa akka argannu matumaa shakkuu hin qabnu. Phaawulos, yaada Anbaaqom hafuura qulqulluudhaan kakaʼee barreesse irraa caqasee, “Namni amantiidhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe jireenya dhugaa in argata” jedheera. (Gal. 3:11; An. 2:4) Kanaafuu, Waaqa isa dhuguma nu gargaaruu dandaʼu irratti amantii qabaachuun barbaachisaa dha. Phaawulos, “[Waaqayyo] humna isaa isa nu keessatti hojjetuun wanta nuyi kadhannuuf wanta nuyi yaaduu dandeenyu hundumaa irra safara malee caalchisee gochuu in dandaʼa” jedheera. (Efe. 3:20) Tajaajiltoonni Yihowaa fedha isaa raawwachuuf waan dandaʼan hunda godhu; taʼus, humni isaanii daangeffamaa taʼuu isaa waan beekaniif Yihowaan carraaqqii isaanii akka isaaniif eebbisu isatti amanamu. Waaqni keenya nuu wajjin taʼuun isaa nu hin gammachiisuu?

KADHANNAAN AMANTII QABAACHUUF DHIHAATE DEEBII ARGATE

17. (a) Kadhannaan ergamoonni Yesus amantii argachuuf dhiheessan deebii kan argate akkamitti? (b) Kadhannaan amantii dabalataa argachuuf dhiheessinu deebii akka argatu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

17 Yaadawwan olitti ibsaman irratti erga mariʼannee booda, akkuma ergamoota, “Amantii keenya nuuf guddisi!” jechuudhaan kadhatanii nutti dhagaʼamuu dandaʼa. (Luq. 17:5) Keessumaa Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti yeroo hafuurri qulqulluun isaan irratti dhangalaʼee fi kaayyoo Waaqayyoo ilaalchisee hubannaa argatanitti kadhannaan isaanii deebii argateera. Kun amantii isaanii isaaniif jabeesseera. Kanaan kan kaʼes, haala hamma yeroo sanaatti taʼee hin beekneen hojii lallabaa irratti hirmaataniiru. (Qol. 1:23) Nu hoo kadhannaan amantii dabalataa argachuuf dhiheessinu deebii akka argatu eeguu dandeenyaa? Macaafni Qulqulluun, ‘akka fedha Waaqayyootti yoo kadhanne’ deebii akkasii eeguu akka dandeenyu nuu mirkaneessa.—1 Yoh. 5:14.

18. Yihowaan namoota amantii isaanii guddifatan kan eebbisu akkamitti?

18 Yihowaan namoota guutummaatti isatti amanamanitti akka gammadu beekamaa dha. Yihowaan kadhannaa amantii dabalataa argachuuf dhiheessinuuf deebii kan kennu siʼa taʼu, amantiin keenyas guddatee ‘mootummaa Waaqayyootiif kan malle’ akka taanu godha.—2 Tas. 1:3, 5.

^ KEY. 4 Fakkeenyota tokko tokko ilaaluuf seenaa jireenyaa Liiliyaan Goobiitas Kilooza (Dammaqaa! Adoolessa 22, 1993 [Ingiliffa]), Feeliiks Booriis (Dammaqaa! Guraandhala 22, 1994 [Ingiliffa]) fi Jooseefiin Eliiʼaas (Dammaqaa! Fulbaana 2009 [Amaariffa]) ilaali.