Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Namni Wallaalaan Dubbii Hundumaa Amana”

“Namni Wallaalaan Dubbii Hundumaa Amana”

“Namni gaazexaa hin dubbisne gowwaa dha; namni waanuma gaazexaa irra jiruuf qofa wanta dubbise hunda amanu immoo caalaatti gowwaa dha.” —Oogast voon Iskiloozar, barreessaa seenaa fi gabaasaa Jarmanii (1735-1809).

WAGGAA 200 ol dura namni tokko wanta gaazexaa irratti barreeffame hunda amanuu hin dandaʼu erga taʼee, wanta jaarraa 21ffaa keessatti Intarneetii irraa dubbifamu keessaa baayʼee isaatiifis haalli kun ni hojjeta. Yeroo harʼaatti sababa teknoolojii ammayyaatiin kan kaʼe, odeeffannoowwan dhugaa fi soba, faayidaa qabanii fi faayidaa hin qabne, miidhaa hin geessisnee fi balaa qaban balʼinaan argamu. Wanta xiyyeeffannaa keenya harkisuu qabuu wajjin haala wal qabateen filannoo gochuu qabna. Keessumaa namoonni Intarneetiitti fayyadamuu irratti muuxannoo hin qabne, gabaasa ykn oduu haaraa taʼe ykn xiyyeeffannaa isaanii harkise tokko waanuma toora intarneetii irra jiruuf ykn waanuma michuun isaanii tokko isaaniif ergeef dhugaa dha jedhanii yaadu. Macaafni Qulqulluun, “Namni wallaalaan dubbii hundumaa amana, namni hubataan garuu lafa dhaqu in ilaallata” jechuudhaan kan akeekkachiisu waa malee miti.—Fak. 14:15.

“Hubataa” taʼuudhaan, odeeffannoowwan soba taʼanii fi hin mirkanoofne, akkasumas odeeffannoowwan dogoggora taʼan kan biroo kompiitara keenyaan nutti mulʼatan adda baafachuu kan dandeenyu akkamitti? Jalqaba akkana jedhii of gaafadhu; ‘Odeeffannoon kun weebsaayitii seera qabeessaa fi amansiisaa taʼe irraa kan dabarfame dha moo weebsaayitii abbumti barbaade yaada isaa irratti barreessu ykn iddoo burqaan isaa hin beekamne irraa kan madde dha? Weebsaayitiin amansiisaa taʼe odeeffannoon kun soba taʼuu isaa ibseeraa?’ * Taanaan ‘qalbii qabaadhu’ ykn hubataa taʼi. (Fak. 7:7) Oduun tokko amanuuf rakkisaa kan fakkaatu yoo taʼe, dhuguma iyyuu soba taʼuu dandaʼa. Kana malees, odeeffannoon tokko maqaa warra kaanii kan balleessu yoo taʼe, oduun kun babalʼachuu isaatiin eenyu akka fayyadamuu fi kakaʼumsi burqaa odeeffannoo sanaa maal akka taʼe yaadi.

NAMOOTA ERGAA ISAANIIF ERGAME CALLISANII NAMOOTA KAN BIRAATIIF ERGAN

Namoonni tokko tokko, xiyyeeffannaa argachuu waan barbaadaniif utuu namni isaan hin dursin, akkasumas dhugaa taʼuu isaa utuu hin mirkaneeffatinii fi buʼaa isaa irratti utuu hin yaadin, oduu tokko babalʼisuu fi namoota teessoo isaanii qaban hundaaf erguu jaallatu. (2 Sam. 13:28-33) Haa taʼu malee, “hubataa” yoo taane, miidhaa odeeffannoon sun geessisuu dandaʼu, tarii maqaa namaa ykn jaarmiyaa tokkoo balleessuu kan dandaʼu taʼuu isaa ni yaadna.

Oduun tokko sirrii taʼuu isaa adda baafachuun carraaqqii gaafata. Namoonni tokko tokko namni ergameef ofuma isaatii dhugaa taʼuu isaa akka mirkaneeffatu isumaaf kan dhiisan kanaafi. Haa taʼu malee, namni kun kana gochuuf yeroo hammamiitu isa gaʼa? Yeroon gatii guddaa qaba. (Efe. 5:15, 16) Wantoota nu shakkisiisan callisnee erguu mannaa, “Yoon shakke balleessuun qaba” jennee yaaduun keenya gaarii dha.

Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Iimeelii naaf ergame calliseetan namootaaf ergaa? Namootan teessoo isaanii qabuuf ergaa yeroo booda dogoggora ykn soba taʼuun isaa mirkanaaʼe erguu kootiif dhiifama isaan gaafachuuf barreessuun na barbaachisee beekaa? Ergaawwan na gaʼan warra kaaniif erguu akkan dhaabu namni natti himee beekaa?’ Namoonni ati teessoo iimeelii isaanii qabdu hundi, Intarneetiitti fayyadamuu akka dandaʼanii fi wantoota xiyyeeffannaa isaanii harkisan gargaarsa kee malee argachuu akka dandaʼan yaadadhu. Seenaawwan, viidiyoowwan ykn fakkiiwwan nama kolfisiisan akka itti baayʼatan hin barbaadan. Kana malees, haasaawwan Macaafa Qulqulluu waraabaman ykn yaadannootti qabanne namoota kaaniif erguun gaarii miti. * Akkasumas, wantoota qorannaa gochuudhaan arganne, caqasoota qayyabannaadhaaf Macaafa Qulqulluu keessaa baafaman ykn deebii gumii irratti deebifamu namoota kaaniif erguun, faayidaa namni tokko dhuunfaatti qophaaʼuudhaan argatu jalaa hirʼisuu dandaʼa.

odeeffannoo xiyyeeffannaa harkisu erguun qabaa?

Akkasumas, oduuwwan maqaa jaarmiyaa Yihowaa balleessan Intarneetii irratti yoo argite maal gochuu qabda? Wantoonni akkasii balaaleffatamuu qabu. Namoonni tokko tokko yaadni warra kaanii maal akka taʼe beekuuf wanta akkasii itti argisiisuu barbaadu taʼa; kun garuu odeeffannoo gadheen kun akka babalʼatu godha malee waan fayyadu hin qabu. Wanti Intarneetii irratti argine tokko yoo nu dhiphise Yihowaan ogummaa isaa akka nuuf kennu kadhachuu, akkasumas obboloota karaa hafuuraa cimoo taʼan mariisisuu qabna. (Yaq. 1:5, 6; Yih. 22, 23) Yesus inni oduun sobaa irratti odeeffamee ture, diinonni isaanii akka isaan ariʼatanii fi ‘sobaan waan hundumaa akka isaan irratti dudubbatan’ barattoota isaa akeekkachiisee ture. (Mat. 5:11; 11:19; Yoh. 10:19-21) Namoota “dubbiin isaanii” fi “adeemsi isaanii jalʼaa taʼe” adda baasnee beekuuf “of eeggannaa” fi “hubannaa” qabaachuu qabna.—Fak. 2:10-16.

MIRGA WARRA KAANII KABAJI

Oduuwwan ykn muuxannoowwan namoota kaan irraa dhageenyuu wajjin haala wal qabateenis of eeggannoo gochuu qabna. Gabaasichi dhugaa yoo taʼe illee, namoota kaanitti himuu qabna jechuu miti. Wanti waaʼee nama tokkoo beeknu dhugaa yoo taʼe illee warra kaanitti himuun sirrii kan hin taanee fi jaalala irratti kan hin hundoofne yeroo itti taʼu qaba. (Mat. 7:12) Fakkeenyaaf, wanti dubbatame dhugaa yoo taʼe illee hamii babalʼisuun kan nama jajjabeessuu fi jaalala irratti kan hundaaʼe miti. (2 Tas. 3:11; 1 Xim. 5:13) Oduuwwan tokko tokko iccitii taʼuu dandaʼu; kanaafuu mirga abbaan sun odeeffannoo tokko yeroo barbaadettii fi karaa barbaadeen ifa gochuuf qabu kabajuu qabna. Yeroon isaa utuu hin gaʼin odeeffannoo tokko babalʼisuun miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa.

Yeroo harʼaatti oduun tokko dhugaas taʼe soba, barbaachisaas taʼe barbaachisaa kan hin taane, miidhaa kan hin geessisnes taʼe balaa kan qabu saffisaan babalʼachuu dandaʼa. Ergaa tokko kan ergitu nama tokkoof yoo taʼe illee, namni sun namoota addunyaa mara irratti argaman hundaaf sekoondii muraasa gidduutti erguu ni dandaʼa. Kanaafuu, ariifannee odeeffannoo tokko babalʼisuu fi abbuma argineef erguu irraa of haa eeggannu. Odeeffannoo xiyyeeffannaa namaa harkisu tokko yeroo dubbistu, jaalalli gar malee akka hin shakkine, akkasumas wallaalaa fi waan hunda kan amanu akka hin taane yaadadhu. Hunda caalaa immoo, jaalalli oduuwwan gadhee ykn soba waaʼee jaarmiyaa Yihowaa fi waaʼee obboloota keenyaa dubbatamanii fi hojjettoonni Seexana isa “abbaa sobaa” taʼee babalʼisan hin amanu. (Yoh. 8:44; 1 Qor. 13:7) Kanaafuu, yeroo hundumaa odeeffannoowwan guyyaa guyyaadhaan nu mudatan ilaalchisee hubataa taʼuu, akkasumas of eeggannoodhaan irratti yaaduu qabna. Akkuma Macaafni Qulqulluun jedhu, “wallaalaan gowwuma in dhaala, hubataan garuu beekumaan in gonfama.”—Fak. 14:18.

^ KEY. 4 Odeeffannoowwan sobaa fi dogoggoraa kanaan dura baʼan, dhugaa fakkeessuuf jecha yeroo tokko tokko hamma tokko jijjiiramni irratti godhamee deebiʼanii akka baʼan yaadadhu.

^ KEY. 8Saanduqa GaaffiiTajaajila Mootummaa, Ebla 2010 irratti argamu ilaali.