Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Waaqa Warra Kaaniif Yaada Isaa Ibsu Dha

Yihowaan Waaqa Warra Kaaniif Yaada Isaa Ibsu Dha

“Dhaggeeffadhu, ani nan dubbadha.”—IYO. 42:4.

FAARFANNAA: 37, 23

1-3. (a) Waaqayyo qooqaanis taʼe yaada isaa ibsuudhaan namoota irra guddaa ni caala kan jennu maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?

WAAQNI bara baraa uumamawwan yaaduu dandaʼan akkuma isaa jireenyaa fi gammachuu akka qabaatan godhee isaan uumeera. (Far. 36:9) Yohannis ergamaan, michuu Waaqayyoo isa jalqabaa sana “Sagalicha,” akkasumas “isa wanti Waaqayyo uume hundinuu biraa kaʼe” jedhee ibseera. (Yoh. 1:1; Mul. 3:14) Yihowaan yaada isaa fi miira isaa Ilma isaa isa angafaa kanaaf ibseera. (Yoh. 1:14, 17; Qol. 1:15) Phaawulos ergamaan, waaʼee ‘afaan ergamoonni Waaqayyoo dubbatanii’ kan caqase siʼa taʼu, qooqni qaamonni samii ittiin walii galan kun qooqa namootaa irra ni caala.—1 Qor. 13:1.

2 Yihowaan waaʼee uumamawwan biliyoonaan lakkaaʼaman, warra yaaduu dandaʼanii fi lafa irras taʼe samii irratti argamanii akka gaariitti beeka. Namoonni hangana hin jedhamne al takkaatti qooqa hedduudhaan isa kadhachuu dandaʼu. Yihowaan kadhannaawwan kana dhagaʼuu qofa utuu hin taʼin, utuma kadhannaawwan kana dhagaʼaa jiruu ergamoota samii keessa jiraniif qajeelfama ni kenna, akkasumas yaada isaa isaaniif ni ibsa. Kana gochuuf immoo yaadni isaa, qooqni isaa fi akkaataan inni itti yaada isaa ibsu kan namootaa irra guddaa kan caalu taʼuu qaba. (Isaayaas 55:8, 9 dubbisi.) Yihowaan yommuu yaada isaa namootaaf ibsu, namoonni hubachuu akka dandaʼaniif karaa salphaa taʼeen yaada isaa akka ibsu beekamaa dha.

3 Seenaa ilmaan namootaa keessatti Waaqni ogummaa guddaa qabu kun, karaa ifa taʼeen saba isaatiif yaada isaa dabarsuuf akkamitti tarkaanfii akka fudhate ilaalla. Kana malees, karaa namootaaf yaada isaa itti ibsu akka barbaachisummaa isaattii fi akka haala isaatti akkamitti akka jijjiiru ni ilaalla.

KARAA WAAQAYYO NAMOOTAAF YAADA ISAA ITTI IBSE

4. (a) Yihowaan yaada isaa Musee, Saamuʼelii fi Daawitiif ibsuuf qooqa isa kamitti fayyadame? (b) Kitaabni Qulqulluun odeeffannoo akkamii qabateera?

4 Yihowaan dhaaba Eeden keessatti qooqa namootaatti fayyadamee Addaamitti dubbateera. Waaqayyo kana kan godhe Afaan Ibrootaa isa bara duriitti dubbatamaa tureen taʼuu hin oolu. Yeroo boodas namoota Afaan Ibrootaa dubbatanii fi Kitaaba Qulqulluu barreessan kan akka Musee, Saamuʼelii fi Daawit jiranitti yaada isaa kan beeksise siʼa taʼu, isaanis jechaa fi akkaataa isaaniif mijatuun yaadawwan isaa kana ibsaniiru. Namoonni kun jechoota kallattiidhaan Waaqayyo biraa fudhatan barreessuu malees, seenaawwan waaʼee amantii fi jaalala saba isaa, akkasumas waaʼee dogoggora isaanii fi amanamoo utuu hin taʼin hafuu isaanii dabalatee waaʼee walitti dhufeenya inni isaanii wajjin qabuu dubbataniiru. Odeeffannoon kun hundi yeroo ammaatti faayidaa guddaa qaba.—Rom. 15:4.

5. Yihowaan sabni isaa Afaan Ibrootaa qofatti akka fayyadaman dirqisiiseeraa? Ibsi.

5 Haalli isaa yeroo jijjiirametti immoo, Waaqayyo yaada isaa namootaaf dabarsuuf Afaan Ibrootaa qofatti hin daangeffamne. Boojuu warra Baabilon booda, Aramaayikiin afaan sabni Waaqayyoo tokko tokko itti fayyadaman taʼe. Yihowaan tarii wanta dhufuuf jedhu beeksiisuuf, raajonni akka Daaniʼelii fi Ermiyaas, akkasumas Izraa lubichi Kitaabota Qulqulluu barreessan keessaa kutaawwan muraasa Afaan Aramaayikiitiin akka barreessan kakaaseera. *

6. Dubbiin Waaqayyoo Afaan Ibrootaa malees afaanota kaaniin argamuu kan dandaʼe akkamitti?

6 Yeroo booda Iskindir Guddichi biyyoota addunyaa bara duriitti turan hedduu waan injifateef, Afaan Giriikii inni balʼinaan dubbatamuu fi Koyinee jedhamu qooqa biyyoolessaa taʼe. Yihudoonni hedduun qooqa sana dubbachuu kan jalqaban siʼa taʼu, kun immoo Kitaabni Qulqulluun Afaan Ibrootaa gara Afaan Giriikiitti akka hiikamu karaa baneera. Hiikkaan Saptuujanti jedhamee beekamu kun hiiktota 72n akka hiikame yaadama. Hiikkaan kun hiikkaa Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaa fi hiikkaawwan bakki guddaan kennamuuf keessaa isa tokko dha. * Hojiin hiiktonni hedduun hojjetan bifa garaa garaa kan qabu siʼa taʼu, tokko tokko kallattiidhaan, tokko tokko immoo akkuma isaanitti fakkaatetti hiiku. Haa taʼu malee, Saptuujantiin Yihudoota Afaan Giriikii dubbatan biratti, booda immoo Kiristiyaanota biratti akka Dubbii Waaqayyootti ilaalama ture.

7. Yesus bartoota isaa barsiisuuf afaan isa kamitti fayyadamee taʼuu hin oolu?

7 Ilmi Waaqayyoo inni angafni yommuu gara lafaa dhufetti, Afaan Kitaabni Qulqulluun Afaan Ibrootaa jedhee waamuun dubbatee fi barsiisee taʼuu hin oolu. (Yoh. 19:20; 20:16; HoE. 26:14) Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti jaarraa jalqabaatti Afaan Aramaayikii Afaan Ibrootaa irratti dhiibbaa geessisee waan tureef, tarii Yesus jechoota Afaan Aramaayikii tokko tokkotti fayyadamaa ture taʼa. Haa taʼu malee, Yesus Afaan Ibrootaa bara durii isa Musee fi raajonni dubbachaa turanii fi torban torbaniin manneen sagadaa keessatti dubbifamaa tures beeka ture. (Luq. 4:17-19; 24:44, 45; HoE. 15:21) Kana malees, Afaan Giriikii fi Afaan Laatinii Israaʼel keessatti ni dubbatama ture. Taʼus Kitaabni Qulqulluun Yesus afaanota kana dubbachaa akka ture hin ibsu.

8, 9. Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko afaa Giriikiitiin kan barreeffaman maaliifi? Kun hoo waaʼee Yihowaa maal argisiisa?

8 Duuka buutonni Yesus warri jalqabaa Afaan Ibrootaa beeku turan; erga inni duʼee booda garuu afaanota kan biraas ni dubbatu turan. (Hojii Ergamootaa 6:1 dubbisi.) Kiristiyaanummaan yommuu babalʼachaa deemu Kiristiyaanonni caalaatti afaan Giriikiitiin walii galuu jalqaban. Wangeelonni Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohannis warri geggeessaa hafuuraatiin barreeffamanii fi wanta Yesus barsiisee fi hojjete qabatan balʼinaan kan argaman Afaan Giriikiitiin ture. Kanaaf, bartoonni hedduun Afaan Ibrootaa utuu hin taʼin Afaan Giriikii dubbatu turan jechuu dha. * Xalayaawwan Phaawulosii fi kitaabonni geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kaanis balʼinaan kan argaman Afaan Giriikiitiin ture.

9 Kanaafuu, namoonni Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii barreessan, Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa irraa caqasu turan; yeroo baayʼees kana kan godhan Saptuujanti irraa ti. Yaadawwan achi irraa fudhatamanii fi darbee darbee hamma tokko jecha Afaan Ibrootaa irraa adda taʼan kun, amma kutaa Kitaaba Qulqulluu geggeessaa hafuuraatiin barreeffame taʼaniiru. Kanaaf, hojiin hiikkaa namoota mudaa qabaniin hojjetame kutaa Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame taʼeera; kun immoo Waaqayyo aadaa ykn afaan tokko isa kaan irra caalchisee akka hin ilaalle argisiisa.—Hojii Ergamootaa 10:34 dubbisi.

10. Akkaataa Yihowaan namoonni dubbii isaa akka argatan itti godhe irraa maal hubachuu dandeenya?

10 Waaqayyo yaada isaa namootaaf akka ibsu gabaabaatti qoruun keenya, Yihowaan yaada isaa warra kaaniif kan ibsu akka barbaachisummaa isaattii fi akka haala isaatti akka taʼe nu barsiisa. Yihowaan isas taʼe kaayyoo isaa akka beeknuuf afaan taʼe tokko barachuu akka qabnu nu hin dirqisiisu. (Zakaariyaas 8:23; Mulʼata 7:9, 10 dubbisi.) Yihowaan Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuura qulqulluutiin akka barreeffamu kan godhe taʼus, haala adda addaatiin akka dhihaatu heyyameera.

ERGAAN WAAQAYYOO EEGAMEE AKKA TURU GOCHUU

11. Afaanota gidduu garaa garummaan jiraachuun isaa Waaqayyo yaada isaa namootaaf ibsuu irraa kan isa hin dhowwine maaliifi?

11 Namoonni qooqa adda addaa dubbachuun isaanii ykn hiikkaa keessatti garaa garummaa xixiqqoon jiraachuun isaa Waaqayyo namootaaf yaada isaa akka hin ibsine isa dhowweeraa? Hin dhowwine. Fakkeenyaaf, tarii nuti jechoota afaan jalqabaa Yesus itti fayyadame keessaa muraasa isaanii qofa beekna taʼa. (Mat. 27:46; Mar. 5:41; 7:34; 14:36) Haa taʼu malee Yihowaan ergaan Yesus, jalqaba Afaan Giriikiitiin, yeroo booda immoo afaanota kaaniin akka darbu godheera. Yeroo boodas, Yihudoonnii fi Kiristiyaanonni barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu bara durii turan yeroo baayʼee garagalchuudhaan, kitaabonni qulqulluun eegamanii akka turan godhaniiru. Kitaabonni Qulqulluun kun immoo afaanota dabalataa hedduutti hiikamaniiru. Joon Kirisoostam inni Dh.K.B. jaarraa arfaffaa ykn shanaffaa keessa jiraate bara inni jiraachaa turetti barumsi Yesus afaan warra Sooriyaa, warra Gibxii, warra Hindii, warra Faares, warra Itoophiyaa fi afaanota uummata hedduu hangana hin jedhamnetti hiikamee akka ture dubbateera.

12. Kitaabni Qulqulluun akka hin raabsamne mormiin kan irra gaʼe akkamitti?

12 Kitaaba Qulqulluu afaanota hedduutti hiikuun, carraaqqiin namoonni Kitaaba Qulqulluu balleessuuf godhan akka fashalaaʼu godheera; Mootiin Mootota Roomaa Diyooqilaaxiyaan inni Dh.K.B. bara 303tti Kitaabonni Qulqulluun hundi akka balleeffaman ajaje isaan keessaa tokko dha. Dubbii Waaqayyoo irras taʼe warra Dubbii Waaqayyoo hiikanii fi raabsan irra miidhaa hedduun gaʼeera. Jaarraa 16ffaatti Wiiliyaam Tiindal Kitaaba Qulqulluu, Afaan Ibrootaa fi Afaan Giriikii irraa gara Ingiliffaatti hiikuu yeroo jalqabetti nama akka gaariitti barate tokkoon, “Waaqayyo lubbuu koo naaf oolchee waggaa dheeraa yoon jiraadhe, dargaggeessi hordaa qabatee qotu tokko si caalaa Kitaaba Qulqulluu akka beeku nan godha” jedhee ture. Tiindal hojii hiikkaa isaa hojjechuu fi maxxansuuf jedhee Ingilizii gara ardii Awurooppaatti baqachuuf dirqameera. Luboonni, Kitaabota Qulqulluu argatan hunda uummata duratti gubuuf duula yoo godhan illee, koppiiwwan hedduun baayʼinaan namoota harka galuu jalqaban. Dhuma irrattis, Tiindal dabarfamee kenname; achiis muka irratti fannifamee ibiddaan gubamee ajjeefame. Hiikkaan Kitaaba Qulqulluu inni qopheesse garuu hamma yoonaatti jira. Kitaabni Qulqulluun Kiingi Jamsi inni balʼinaan raabsame yommuu qophaaʼetti hiikni Tiindal gaʼee guddaa qaba ture.—2 Ximotewos 2:9 dubbisi.

13. Qoʼannoon barreeffamoota durii irratti godhame maal mirkaneesseera?

13 Dhugaa dha, koppiiwwan hiika Kitaaba Qulqulluu durii warri yeroo ammaatti argaman tokko tokko dogoggoraa fi garaa garummaa xiqqoo qabu. Haa taʼu malee, hayyoonni Kitaaba Qulqulluu, ciccitaawwan, barreeffamoota harkaan garagalfamanii fi hiikkaawwan durii kuma hedduutti lakkaaʼaman wal bira qabanii ilaalaniiru, akkasumas of eeggannoodhaan qoʼataniiru. Qoʼannaan kun qabiyyeen kutaa Kitaaba Qulqulluu harki caalaan isaa sirrii taʼuu isaa mirkaneesseera. Caqasoonni sirrii taʼuun isaanii hamma tokko shakkisiisan muraasni guutummaa ergaa isaa irratti jijjiirama hin fidan. Qoʼannaan barreeffamoota durii irratti godhame, barattoonni Kitaaba Qulqulluu garaa qajeelaa qaban, Kitaabni Qulqulluun inni yeroo ammaatti nu harka jiru, isa Yihowaan jalqaba irratti geggeessaa hafuura isaatiin akka barreeffamu godhe taʼuu isaa isaan amansiiseera.—Isa. 40:8. *

14. Ergaan Kitaaba Qulqulluu hammam balʼinaan argama?

14 Diinota irraa mormii cimaan yoo irra gaʼe iyyuu, Yihowaan Dubbiin isaa kitaaba seenaa ilmaan namootaa keessatti hunda caalaa balʼinaan hiikamu akka taʼu godheera. Yeroo namoonni hedduun amantiin Waaqayyo irratti qaban xiqqaatetti ykn badetti illee, Kitaabni Qulqulluun kitaaba gabaa irratti baayʼee barbaadamu taʼeera; yeroo ammaatti guutummaatti ykn gar tokkoon isaa gara afaan 2,800 oliin ni argama. Balʼinaan raabsamuu fi akka gaariitti argamuudhaan barreeffamni Kitaaba Qulqulluudhaan qixxaatu tokko illee hin jiru. Dhugaa dha, hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko hamma hiikkaawwan warra kaanii ifa ykn kan amansiisan miti. Taʼus, hiikawwan hunda irraa jechuun ni dandaʼama, abdii fi fayyina ilaalchisee ergaa Kitaaba Qulqulluu buʼuura taʼe barachuun ni dandaʼama.

HIIKKAAN KITAABA QULQULLUU HAARAAN NI BARBAACHISE

15. (a) Afaanota yeroo ammaatti argamanii wajjin haala wal qabateen gufuuwwan jiran moʼuun kan dandaʼame akkamitti? (b) Ingiliffi nyaata hafuuraa dhiheessuu irratti afaan filatamu kan taʼe akkamitti?

15 Jaarraa darbe gara jalqabaatti, tuutni xinnoon dhimmee Kitaaba Qulqulluu baratu tokko ‘hojjetaa amanamaa fi ogeessa’ taʼee kan muudame siʼa taʼu, tuutni kun ‘naaʼota’ isaa wajjin caalaatti Ingiliffaan walii gala ture. (Mat. 24:45) “Hojjetaan” sun yeroodhaa gara yerootti qooqa hedduudhaan nyaata hafuuraa qopheessuuf carraaqqii cimaa godheera; lakkoofsi qooqawwan kanaas amma gara 700 olitti guddateera. Akkuma Koyinee Giriikii jaarraa jalqabaa, Ingiliffis afaan daldalaa fi afaan barnootaa waan taʼeef hojii hiikkaatiif akka buʼuuraatti tajaajilaa jira.

16, 17. (a) Sabni Waaqayyoo maaltu akka barbaachisu isaanitti dhagaʼame? (b) Kana hoo galmaan kan gaʼan akkamitti? (c) Bara 1950tti Hiikni Addunyaa Haaraa maal akka kennu abdatamee ture?

16 Buʼuurri nyaata hafuuraa Kitaaba Qulqulluu dha. Giddu galeessa jaarraa 20ffaatti Kiingi Jamsi Varshin inni bara 1611tti qophaaʼe, Kitaaba Qulqulluu Ingiliffaa isa hunda caalaa balʼinaan itti hojjetamu ture. Haa taʼu malee, jechi achi keessa jiru hedduun kan yeroon itti darbe ture. Maqaan Waaqayyoo barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu durii keessatti al kumaatama hedduu kan argamu siʼa taʼu, hiikkaa kana keessatti garuu iddoo muraasa qofatti argama. Hiikkaan sun dogoggora hiikkaa fi caqasawwan dogoggoraa, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu durii warra fudhatama qaban keessatti hin argamne tokko tokko kan qabate ture. Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu Afaan Ingiliffaa yeroo sana turan kaanis hanqina mataa isaanii qabu turan.

17 Kitaabni Qulqulluun inni yaada barreeffama jalqabaa keessa jiru afaan ammayyaatiin sirriitti dabarsu ni barbaachisa ture. Kanaan kan kaʼes, Koreen Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa kan hundeeffame siʼa taʼu, hiikni isaan bara 1950 hanga 1960tti waggaa kudhanii oliif qopheessan jildii jaʼaan baʼe. Obboleessi keenya Naataan Noor Hagayya 2, 1950tti jildiin inni jalqabaa baʼuu isaa yommuu beeksisu warra walgaʼii koonyaa irratti argamaniin akkana jedhee ture: “Hiikni afaan ammayyaa dhugaa ibsamee wajjin wal simuu fi yaada barreeffama jalqabaa amanamummaadhaan ibsuudhaan dhugaa dabalataa argachuuf buʼuura nuuf taʼu akka barbaachisu nutti dhagaʼamee ture; barreeffamoonni bartoonni Kiristos jalqabaa qopheessan kan namoonni hin barannee fi bakka guddaa hin qabne salphaatti hubachuu dandaʼan ture; hiikni kunis akkasuma taʼuu qaba.” Itti dabalees hiikni kun namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniif gargaarsa hafuuraa akka kennu abdii qabu ibseera.

18. Hojii hiikkaa Kitaaba Qulqulluu saffisiisuuf murtoo akkamiitu godhame?

18 Abdiin kun yeroo Hiikni Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa bara 1963tti afaanota jaʼaan, jechuunis Afaan Dach, Afaan Faransaay, Afaan Jarman, Afaan Xaaliyaanii, Afaan Poortugaalii fi Afaan Ispeeniin baʼetti haala nama ajaaʼibsiisuun raawwii isaa argateera. Bara 1989tti Qaamni Ol Aanaan Dhugaa Baatota Yihowaa hiikkaa Kitaaba Qulqulluutiif haala mijeessuuf waajjira muummee keessatti dippaartimantii tokko hundeesse. Achiis bara 2005tti, afaanota barruun kun itti qophaaʼu hundatti hojii Kitaaba Qulqulluu hiikuutiif dursi kennamuu jalqabe. Kanaan kan kaʼes, yeroo ammaatti Hiikni Addunyaa Haaraa guutummaatti ykn gar tokkoon isaa afaanota 130 ol taʼaniin argama.

19. Bara 2013tti wanta seena qabeessa akkamiitu raawwatame? Mata dureen itti aanu waaʼee maalii ibsa?

19 Yeroon yommuu darbaa deemu, Hiikni Addunyaa Haaraa Afaan Ingiliffaa jijjiirama afaanichaa wajjin akka wal simu gochuuf, fooyyaʼiinsa irratti gochuun barbaachisaa akka taʼe hubatame. Onkoloolessa 5 fi 6 bara 2013 namoonni 1,413,676 taʼan biyyoota 31 keessatti walgaʼii waggaa Waach Taawar Baayibil eendi Tiraakti Soosaayitii oov Pensilvaaniyaa godhe irratti argamaniiru ykn intarneetiidhaan hordofaniiru. Hundi isaanii miseensi Qaama Ol Aanaa tokko Hiikni Addunyaa Haaraa fooyyeffame Ingiliffaan baʼuu isaa yommuu beeksisu dhagaʼuu isaaniitti guddaa gammadaniiru. Obboloonni keessummeessan Kitaaba Qulqulluu isa fooyyeffame kana koppii tokko tokko yommuu isaaniif kennan hedduun isaanii ni booʼu turan. Kitaaba Qulqulluu fooyyeffame kana irraa caqasni yommuu dubbifamu, dhaggeeffattoonni Dubbii Waaqayyoo hanga yoonaatti Afaan Ingiliffaatiin qophaaʼe hunda irra inni kun akka caalu hubachuu dandaʼaniiru. Mata dureen itti aanu waaʼee hiikkaa fooyyeffame kanaa, akkasumas gara afaanota kaaniitti hiikamuu isaa balʼinaan ibsa.

^ KEY. 5 Izraa 4:8–6:18; 7:12-26; Ermiyaas 10:11 fi Daaniʼel 2:4b–7:28 jalqaba kan barreeffaman Afaan Aramaayikiitiin ture.

^ KEY. 6 Saptuujanti jechuun “Torbaatama” jechuu dha. Hojiin hiikkaa kun Dh.K.D. jaarraa sadaffaatti Gibxii keessatti jalqabamee, Dh.K.D. bara 150tti akka xumurame dubbatama. Kitaabni kun hayyoonni hiika jechootaa fi gaaleewwan Afaan Ibrootaa ifa hin taane tokko tokko irratti hubannaa akka argatan waan isaan gargaaruuf amma iyyuu faayidaa qaba.

^ KEY. 8 Namoonni tokko tokko Maatewos Wangeela isaa Afaan Ibrootaatiin erga barreessee booda tarii innumti gara Afaan Giriikiitti hiikeera jedhanii yaadu.

^ KEY. 13 Kutaa Dabalataa A3 Hiika Addunyaa Haaraa isa fooyyeffame, akkasumas Kitaaba Namoota Hundumaaf Taʼu (Amaariffa) jedhamu fuula 7-9, mata duree “Kitaabni Kun Kan Oole Akkamitti?” jedhu ilaali.