Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Duuti Yesus Si Fayyisuu Kan Danda’u Akkamitti?

Duuti Yesus Si Fayyisuu Kan Danda’u Akkamitti?

Duuti Yesus Si Fayyisuu Kan Danda’u Akkamitti?

WAGGAA 2,000 dura, Dh.K.B. bara 33 guyyaa ayyaana Faasiikaa warra Yihudootaatti namni balleessaa hin qabne tokko warra kaan fayyisuuf du’e. Namni kun eenyu? Yesus isa Naazreetidha. Gocha guddaa kanarraa faayidaa kan argatan eenyufa’i? Sanyii ilmaan namootaa hundadha. Caqasni Macaafa Qulqulluu beekamaa ta’e tokko aarsaa lubbu baraarsaa ta’e yeroo ibsu, “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” jedha.—Yohannis 3:16.

Namoonni baay’een caqasa kana beekaniyyuu, hiikasaa sirriitti kan hubatan garuu namoota muraasadha. Kanaaf, ‘Aarsaan Kiristos kan nu barbaachisu maaliifi? Duuti nama tokkoo ilmaan namootaa du’a barabaraa isaan eeggaturraa oolchuu kan danda’u akkamitti?’ jedhanii gaafatu. Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf deebii ifaafi quubsaa ta’e kenna.

Duuti Ilmaan Namootaarratti Kan Mo’e Akkamitti?

Namoonni tokko tokko, ilmaan namootaa yeroo muraasaaf lafarra jiraachuuf, rakkina keessa darbuuf, gammachuu muraasa argachuuf, du’uufi bakka caalaa gaarii ta’etti darbuuf uumaman jedhanii amanu. Akka ilaalcha kanaatti duuti kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabuudha jechuudha. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun duuti ilmaan namootaatti kan dhufe sababii kan biraatiif akka ta’e ibsa. Akkas jedha: “Egaa cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga’e.” (Roomaa 5:12) Caqasni kun duuti karaa cubbuu akka dhufe argisiisa. “Nama tokko” kan jedhameefi ilmaan namootaatti rakkinaafi du’a kan fide eenyu?

Kitaabni Za Worlid Buuk Insaayikilooppeediyaa jedhamu saayintiistonni baay’een, ilmaan namootaa hundi sanyii tokkorraa akka dhufan kan amanan si’a ta’u, Macaafni Qulqulluunis sanyii kana “nama tokko” jedhee ifatti dubbata. Uumama 1:27⁠rratti yaada akkas jedhu dubbisna: “Egaa Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi dubartii isaan uume.” Kanaaf, Macaafni Qulqulluun namoonni jalqabaa lamaan uumama dinqisiisoo Waaqayyoo isa Hundumaa Danda’u akka ta’an ibsa.

Seenaan Uumamaa, Yihowaan ilmaan namootaa warra jalqabaa erga uumee booda jireenyi ilmaan namootaa maal akka fakkaatu ilaalchisee ibsa bal’aa kenna. Guutummaa seenaa kana keessatti Waaqayyo duuti abboomamuu diduudhaan qofa kan ga’u malee, du’a ilaalchisee waan caqasu hin qabu. (Uumama 2:16, 17) Waaqayyo, ilmaan namootaa lafa jannataa bareedduu taaterra gammachuufi dhibee fayyaa tokko malee barabaraaf akka jiraatan barbaada ture. Namoonni sababii dullumaatiin akka dhiphataniifi dhumarrattis akka du’an fedhasaa hin turre. Maarree duuti ilmaan namootaarratti mo’uu kan danda’e akkamitti?

Uumamni boqonnaa 3 namoonni jalqabaa lamaan, ta’e jedhanii Yihowaa isa Burqaa Jireenyaa ta’eef abboomamuu akka didan ibsa. Kanaafuu, murtii duraan dursee isaanitti hime akka isaanirratti raawwatu godhe. Waaqayyo, Addaamiin, “Ati biyyoo dha, deebitees biyyoo in taata” jedheen. (Uumama 3:19) Akkuma Dubbiin Waaqayyoo jedhu namoonni abboomamuu didan kun lamaan yeroo booda du’aniiru.

Haata’u malee, miidhaan kun namootuma lamaan jalqabaarratti qofa hin dhaabanne. Abboomamuu diduunsaanii sanyiinsaaniis abdii jireenya cubbuurraa walaba ta’e jiraachuu akka dhaban godheera. Yihowaan Addaamiifi Hewwaaniin akkas yeroo jedhu, kaayyoosaa keessatti ilmaan namootaa hin dhalannes kan dabalatu ture: “Horaa, baay’adhaas, lafa guutaa, isas harka jala galfadhaa! Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota qilleensa keessa balali’an irratti, uumama lafa irra munyuuqan hundumaa irrattis mootummaa qabaadhaa!” (Uumama 1:28) Ilmaan namootaa yeroo booda lafa guutanii jireenya baay’ee gammachiisaa jiraachuu danda’u turan. Addaam inni “nama tokko” jedhameefi abbaansaanii inni jalqabaa cubbuutti waan isaan gurgureef, duuti kan isaaniif hin oolle ta’e. Phaawulos inni sanyii namicha jalqabaa ta’e, “Ani . . . nama foonii isa cubbuu jalatti gurgurame dha” jechuudhaan barreesseera.—Roomaa 7:14.

Akkuma namoonni badiisa geessisan tokko tokko mi’oota aartii gatii guddaa qabaniifi bakka buufamuu hin dandeenye ta’e jedhanii balleessan, Addaamis, cubbuu hojjechuusaatiin ilmaan namootaa uumama dinqisiisoo Waaqayyoo ta’an mancaaseera. Sanyiin Addaam ijoollee godhatan ijoolleensaaniis akkasuma ijoollee godhatan. Dhaloonni hundi walitti aanuudhaan ni dhalata, ni guddata dhaloota garabiraadhaan bakka bu’a, booddees ni du’a. Hundumtuu kan du’an maaliif? Hundisaanii sanyii Addaam waan ta’aniifidha. Macaafni Qulqulluun: “Namoonni baay’een irra-daddarbaa nama tokkootiin . . . du’an” jedha. (Roomaa 5:15) Dhukkubni, dullumni, fedhiin wanta dogoggora ta’e raawwachuufi duuti miidhaa gaddisiisaa Addaam maatiisaatti fidedha. Hundi keenyammoo miseensota maatii kanaati.

Phaawulos xalayaa Kiristiyaanota Roomaatiif barreesserratti, isas dabalatee haala gaddisiisaa ilmaan namootaa cubbamoo ta’an keessa jiraniifi miidhaa cubbuun geessisee wajjin qabsoon godhan abdii kan nama kutachiisu ta’uusaa ibseera. “Ana nama gadadamaa, foon isa gara du’aatti na geessu kana harkaa eenyutu na baasa?” jechuudhaan ibseera. Gaaffii barbaachisaafi ulfaata ta’e mitii? Phaawulosiin dabalatee namoota garbummaa cubbuufi du’a jalaa ba’uu hawwan hunda oolchu kan danda’u eenyu? Phaawulos, “Karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos Waaqayyoof galanni haa ta’u!” jechuudhaan deebiisaa kenna. (Roomaa 7:14-25) Eeyyee, Uumaan keenya karaa Ilmasaa, Yesus Kiristos nu oolchuuf qophii godheera.

Qophii Waaqayyo Ilmaan Namootaa Fayyisuuf Godhe Keessatti Ga’ee Yesus Qabu

Yesus ga’ee ilmaan namootaa garbummaa cubbuu isa du’aaf isaan saaxilerraa oolchu akka danda’u yommuu ibsu: “Ilmi namaa . . . lubbuu isaa furii namoota baay’eedhaaf kennuuf dhufe” jedheera. (Maatewos 20:28) Lubbuun Yesus furii ta’uu kan danda’u akkamitti? Duutisaa kan nu fayyadu akkamitti?

Macaafni Qulqulluun, Yesus ‘cubbuun isarraa kan dhibameefi’ “isa cubbamoota irraa gargar ba’e” ta’uusaa ibsa. Yesus guutummaa jireenyasaatiin Seera Waaqayyootiif abboomameera. (Ibroota 4:15; 7:26) Kanaaf, Yesus kan du’e akka Addaam cubbamaa waan ta’eefi abboomamuu waan dideef miti. (Hisqi’el 18:4) Kanaa mannaa, Yesus, jaalala Abbaansaa ilmaan namootaa cubbuufi du’a jalaa akka oolaniif qabu galmaan ga’uuf jecha du’a hin malleef du’eera. Akkuma armaan olitti ibsame, Yesus “lubbuu isaa furii” gochuuf fedhiidhaan dhufeera. “Nama hundumaaf du’a miyeeffatee . . . ilaaluuf” jecha jaalala seenaa ilmaan namoota keessatti tasumaa argamee hin beekne argisiiseera.—Ibroota 2:9.

Lubbuun Yesus aarsaa godhee dhiheesse, lubbuu Addaam yeroo cubbuu hojjete dhabee wajjin guutummaatti kan wal gitudha. Duuti Yesus bu’aa maalii argamsiise? Yihowaan, aarsaa Yesus “furii wal gituufi namoota hundumaaf” dhihaate godhee fudhateera. (1 Ximotewos 2:6, NW) Kanaan kan ka’es, Yihowaan lubbuu Yesus ilmaan namootaa garbummaa cubbuufi du’a jalaa oolchuuf itti fayyadameera.

Macaafni Qulqulluun, gocha jaalalaa guddaa Uumaan namaaf qabu kana irra deddeebi’ee ibsa. Phaawulos, Kiristiyaanonni ‘gatiidhaan kan bitaman’ akka ta’an isaan yaadachiiseera. (1 Qorontos 6:20; 7:23) Phexros, Waaqayyo Kiristiyaanota du’a jalaa kan fure warqeefi meetiidhaan utuu hin ta’in, dhiiga Ilmasaatiin akka ta’e barreesseera. (1 Phexros 1:18, 19) Yihowaan aarsaa furii Kiristosiin, ilmaan namootaa du’a barabaraa jalaa oolchuuf qophii godheera.

Furii Kiristosirraa Ni Fayyadamtaa?

Yohannis faayidaa guddaa furii Kiristosirraa argamu ilaalchisee, “[Yesus Kiristos] furee cubbuu keenyaa ti, cubbuu keenya duwwaafis miti cubbuu guutummaa biyya lafaatiifis malee” jechuudhaan barreesseera. (1 Yohannis 2:2) Eeyyee, furiin Kiristos ilmaan namootaa hundumaaf kan dhihaatedha. Akkas jechuun garuu qophii gatii guddaa qabu kanarraa eenyuu akkasumaan faayidaa argachuu danda’a jechuudhaa? Matumaa! Gocha lubbuu oolchuu mataduree duraarratti caqasame yaadadhu. Namoota utuu albuuda qotanii karaa ba’an dhabanii awwaalamanii turaniif meeshaan shiboorraa hojjetameefi guuboo fakkaatu ergameefii kan ture si’a ta’u, haata’u malee hundisaanii ooluu yoo barbaadan meeshaa isaanii ergame keessa lixuu qabu turan. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni furii Kiristosirraa faayidaa argachuu fedhanis, tarkaanfii utuu hin fudhatin akkasumaan eebba Waaqayyoorraa faayidaa argachuu hin danda’an.

Waaqayyo tarkaanfii akkamii akka fudhannu barbaada? Yohannis 3:36 akkas jedha: “Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee.” Waaqayyo aarsaa Kiristositti akka amannu barbaada. Wanti kana caalaa barbaachisus jira. “Abboommii isaa eeguudhaan [Yesusiin] beekuu keenya in hubanna.” (1 Yohannis 2:3) Kanaaf, cubbuufi du’a jalaa ooluuf wanti guddaan nu barbaachisu furii Yesusirratti amantaa qabaachuufi abboomii Kiristos eeguudha.

Amantaafi dinqisiifannaa furii Yesusirratti qabnu karaan itti argisiisnu keessaa inni tokko, akkuma inni ajaje Ayyaana Yaadannoo du’asaarratti argamuudha. Yesus du’uusaa dura irbaata akka fakkeenyaatti ibsame ergamootasaa warra amanamoo wajjin yeroo nyaate, “kanas seenaa [“yaadannoo,” NW] kootiif godhadhaa!” isaaniin jedhee ture. (Luqaas 22:19) Dhugaa Baatonni Yihowaa hariiroo Ilma Waaqayyoo wajjin qabaniif bakka guddaa kan kennan ta’uusaaniirrayyuu, abboommii inni kenneefis ni ajajamu. Waggaa kanatti Ayyaanni Yaadannoo du’a Yesus Kiristos, Sanbadduraa, Bitootessa 13, 2000 (Bitootessa 22, 2008) erga aduun lixxee booda kabajama. Abboomii Yesus kenneef ajajamuudhaan atis walga’ii addaa kanarratti akka argamtuuf kabajaan si afeerra. Dhugaa Baatonni naannookee jiran yeroofi bakka walga’iin kun itti godhamu sitti himuu danda’u. Ayyaana Yaadannoo kanarratti, furiin Kiristos sababii cubbuu Addaamiin du’a nutti dhufe jalaa ba’uuf maal gochuu akka si barbaachisu ilaalchisee barumsa dabalataa argatta.

Namoota yeroo har’aatti argaman keessaa, aarsaa guddaa Uumaansaaniifi Ilmisaa ilmaan namootaa oolchuuf godhan kan hubataniifi kan dinqisiifatan namoota muraasadha. Namoonni aarsaa kanarratti amantaa qaban gammachuu guddaa argatu. Phexros Kiristiyaanota hidhatasaa ta’aniif yeroo barreessu akkas jedheera: “[Yesusitti] in amantu akkasumas gammachuu akkas jedhamee hin dubbatamnee fi gammachuu ulfina guddaa qabuun in gammaddu. Fayyina lubbuu keessanii, isa amantiin keessan bira ga’uudhaaf akeekkachaa jiru argachuuttis in gammaddu.” (1 Phexros 1:8, 9) Yesus Kiristosiin jaallachuufi aarsaasaarratti amantaa qabaachuudhaan, yeroo ammaatti jireenya gammachuu qabu jiraachuu, gara fuulduraattimmoo cubbuufi du’arraa ooluu dandeessa.

[Fakkii fuula 6rra jiru]

Yesus lubbuusaa dabarsee kan kenne jireenya Addaam nu dhabsiise akka argannuufidha

[Fakkii fuula 7rra jiru]

Ayyaanni Yaadannoo du’a Yesus Kiristos Sanbadduraa, Bitootessa 13, 2000 (Bitootessa 22, 2008) erga aduun lixxee booda kabajama