Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Uumamni Ogummaa Waaqayyoo Argisiisa

Uumamni Ogummaa Waaqayyoo Argisiisa

Uumamni Ogummaa Waaqayyoo Argisiisa

‘Inni bineensota lafaa caalaatti nu barsiisa, simbirrootaafi allaattota qilleensa keessa balali’an caalaas, ogeessota nu godha.’—IYOOB 35:11.

SIMBIRROONNI dandeettii nama ajaa’ibsiisu qabu. Akka barbaadan qilleensarra gaggaragaluunsaanii namoota xiyyaara hojjetan ajaa’ibsiisa. Gosoonni simbiraa tokko tokko, galaana mallattoo tokkoyyuu hin qabneefi kiilomeetira kumaan lakkaa’amu bal’atu qaxxaamuranii rakkina tokko malee bakka barbaadan ga’u.

Dandeettiin simbirrootaa nama ajaa’ibsiisuufi ogummaa Uumaasaanii argisiisu inni kaanimmoo, wacasaaniitiin walii galuu danda’uusaaniiti. Fakkeenya tokko tokko ilaali.

Waca Simbiraa

Gosawwan simbiraa tokko tokko utuma hanqaaquu keessa jiranii yaada walii dabarsuu jalqabu. Fakkeenyaaf, gogorriin guyyaa guyyaatti hanqaaquu tokko, jechuunis guyyaa saddeetitti hanqaaquu saddeet buusti. Hanqaaquuwwan kun cuucii kan ta’an duraa duuba itti buufamaniin utuu ta’ee, yaafamuuf guyyaa saddeet itti fudhata ture. Utuu akkas ta’ee, haati sun hanqaaquu isa dhumaa hammachuufi cuucota yaafaman kunuunsuutti rakkatti turte. Isheen garuu, cuucota hundumaa sa’aatii ja’a gidduutti yaasti. Kun akkamitti ta’uu danda’e? Hayyoonni akka jedhanitti, sababiin inni tokko cuuconni gogorrii utuma hanqaaquu keessa jiranii waan walii galaniifi akka yaafamuu barbaadan sagalee waan dhageessisaniifidha.

Simbirroonni yommuu guddatan, yeroo baay’ee warra kormaatu waca. Kan wacanis, keessumaa yeroo hormaataatti ennaa ta’u, kanas kan godhan daangaasaanii eegsisuufi simbira dhaltuu ofitti harkisuufidha. Gosoonni simbiraa kumaan lakkaa’aman hundi, qooqa mataasaanii kan qaban yommuu ta’u, kunimmoo simbirroonni dhaltuun simbirroota kormaa gosasaanii ta’an beekuuf isaan gargaara.

Simbirroonni yeroo baay’ee kan wacan barii barraaqaafi erga aduun lixxee booda yommuu ta’u, sababii kana itti godhaniifis qabu. Sa’aatii kanatti qilleensis ta’e sagalee baay’een hin jiraatu. Warri qorannoo geggeessan, wacni simbirroonni ganamaafi gara galgalaa dhageessisan, waca guyyaa walakkaa dhageessisanirra harka 20 caalaa akka dhaga’amu hubataniiru.

Yeroo baay’ee kan wacan warra kormaa yoo ta’aniyyuu, warri kormaanis warri dhaltuunis waca addaddaa ykn sagalee gaggabaabaa ergaa tokko dabarsu ni dhageessisu. Fakkeenyaaf gosti simbiraa chaafiinchi jedhamu waca akaakuu sagal dhageessisa. Simbirroonni kun, allaattiin isaan nyaachuuf qilleensarra balali’aa jiraachuusaa ibsuuf sagalee tokko kan dhageessisan ennaa ta’u, balaan lafarraa isaanitti dhufaa akka jiru ibsuufimmoo sagalee garabiraa dhageessisu.

Kennaa Hundarra Caalu

Dhugumayyuu ogummaan simbirroonni uumamaan argatan kan nama ajaa’ibsiisudha. Haata’u malee, yaadaan walii galuu ilaalchisee, dandeettiin namoonni qaban caalaatti kan nama ajaa’ibsiisudha. Iyoob 35:11, Waaqayyo namoota, “simbirrootaa fi allaattota qilleensa keessa balali’an caalaas, ogeessota” godhee akka uume dubbata. Wanti dandeettii namootaa adda godhu, sagaleedhaan ykn sochii qaamaatiin yaadawwan dhokataafi rakkisaa ta’an ibsuu danda’uusaaniiti.

Haala uumama kamirraayyuu adda ta’een, daa’imman qooqa rakkisaa ta’an barachuuf dandeettii kan qaban fakkaata. Barreeffamni Ameerikaan Saayintiist jedhamuufi intarneetiidhaan dhihaatu tokko, “Daa’imman yoo warrisaanii kallattiidhaan isaan barsiisuu baataniyyuu, afaan tokko barachuu danda’u. Daa’imman gurrisaanii hin dhageenye, mana keessatti afaan mallattoo barachuuf carraa kan hin qabne ta’aniyyuu, afaan kana ofiisaaniitii uummatu” jedheera.

Yaadaafi miira keenya afaaniin ykn sochii qaamaatiin warra kaaniif ibsuu danda’uun keenya, kennaa dinqisiisaa Waaqayyo biraa argannedha. Haata’u malee, yaada keenya kadhannaadhaan Waaqayyoof ibsuu danda’uun kennaa hundarra caaludha. Yihowaan yaada keenya akka isaaf ibsinu nu afeera. Dubbii Waaqayyoo kan ta’e Macaafni Qulqulluun, “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa!” jedha.—Filiphisiiyus 4:6.

Yihowaan Yommuu murtoowwan ciccimaa goonu, ogummaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamutti akka fayyadamnu barbaada. Gorsa achi keessatti argamu akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu nu barsiisa. Namoota Macaafa Qulqulluu barreessan keessaa tokko kan ta’e Yaaqoob, “Isin keessaa nama tokkotti ogummaan yoo hir’ate, Waaqayyo isa nama hundumaaf harka guutee fuula ifaadhaan kennu haa kadhatu! Innis in kennaaf” jedheera.—Yaaqoob 1:5.

Beekumsa Kana Erga Argattee Booda Maaltu Sitti Dhaga’ama?

Waca simbiraa ykn sagalee daa’ima reefuu dubbachuu jalqabee yommuu dhageessu maaltu sitti dhaga’ama? Ogummaa Waaqayyoo wantoota inni uumerraa ni hubattaa?

Daawwit faarfatichi akkaataa itti uumamerratti erga xiinxalee booda Waaqayyoon, “Isa ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha; gochaan kee waanuma raajii ti, anis kana ba’eessa godhee nan beeka” jedheera. (Faarfannaa 139:14) Ogummaa Waaqayyoo isa uumamasaarratti mul’aterratti erga xiinxaltee booda, dandeettii inni qajeelfama gaarii sii kennuuf qabu ilaalchisee amantaan qabdu akka guddatu beekamaadha.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 5rra jiru]

Yaada ofii warra kaaniif ibsuu danda’uun kennaa Waaqayyo biraa argamedha

[Madda fakkii fuula 4rra jiru]

© Dayton Wild/Visuals Unlimited