Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Badhaadhaa Si Gochuuf Waadaa Galeeraa?

Waaqayyo Badhaadhaa Si Gochuuf Waadaa Galeeraa?

Waaqayyo Badhaadhaa Si Gochuuf Waadaa Galeeraa?

‘Waaqayyo badhaadhaa akka taatu, konkolaataa hedduufi hojii qarshii baay’ee argamsiisu akka qabaattu barbaada. Ati isumatti amaniitii, qarshii korojookee keessa jiru hunda kenniif.’

YAADA akkasii kan kennan, amantiiwwan Biraaziil keessa jiran tokko tokko akka ta’an, gaazexaan achitti maxxanfamu tokko ibseera. Namoonni baay’een yaada kanatti ni amanu. Yaada namoonni Yuunaayitid Isteetisitti argamaniifi Kiristiyaana ofiin jedhan kennan ilaalchisee, barruun Taayim jedhamu akkas jechuudhaan gabaaseera: “Namoonni harka 61 ta’an, Waaqayyo namoonni badhaadhota akka ta’an barbaada jedhanii amanu. Harka 31 kan ta’animmoo . . . qarshiikee isaaf yoo laatte, Waaqayyommoo sanarra kan caalu sii kennuudhaan si eebbisa yaada jedhurratti walii galu.”

Amantiin akkasii yeroo baay’ee barumsa ti’ooloojii qabeenyaa jedhamee waamama. Ilaalchi kun, keessumaa biyyoota Laatiin Ameerikaa kan akka Biraaziilitti kan beekamedha. Kanaan kan ka’es, namoonni hedduun gara manneen sagadaa, Waaqayyo qabeenya akka namaa kennu barsiisanitti yaa’u. Haata’u malee, Waaqayyo tajaajiltootasaa badhaadhota gochuuf waadaa galeeraa? Tajaajiltoonni Waaqayyoo bara durii hundi badhaadhota turanii?

Dhugaadha, Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa keessatti, yeroo baay’ee qabeenyi eebba Waaqayyoo wajjin wal qabsiifamee ibsameera. Fakkeenyaaf Keessa Deebii 8:18, “Waaqayyo gooftaan kee . . . badhaadhummaa akka argattuuf, humna waan sii kennuuf isa yaadadhu!” jedha. Yaanni kun, Israa’eloonni Waaqayyoof yoo abboomaman inni saba badhaadhota ta’an akka isaan godhu kan mirkaneessuuf ture.

Waaqayyo tajaajiltootasaa dhuunfaatti badhaadhota gochuuf waadaa galeeraa? Nama amanamaa kan ture Iyoob, baay’ee badhaadhaa ture. Seexanni erga isa hiyyoomsee booda, Yihowaan qabeenyi Iyoob “dachaa lama hamma ta’utti” deebiseeraaf. (Iyoob 1:3; 42:10) Abrahaamis badhaadhaa ture. Uumamni 13:2, Abrahaam “nama badhaadhaa, horii qe’ee, meetii, warqees baay’ee qabu” akka ture ibsa. Loltoonni mootota Bahaa afur walta’anii ilma obboleessa Abrahaam kan ta’e Looxiin ennaa booji’an, Abrahaam, “namoota dhibba sadii fi kudha saddeet warra mana isaatti dhalatanii lolaaf ga’an birmachiise.” (Uumama 14:14) Maatiin Abrahaam, namoota meeshaa waraanaa hidhataniifi “lolaaf ga’an” 318 waan qabuuf, guddaa ture jechuun ni danda’ama. Maatii guddaa kana bulchuu danda’uunsaa, baay’ee badhaadhaa ta’uusaafi horii hedduu akka qabu kan argisiisudha.

Eeyyee, Abrahaamiin, Yisihaqiin, Yaaqoobiin, Daawitiifi Solomooniin dabalatee, tajaajiltoonni Waaqayyoo durii baay’eensaanii badhaadhota turan. Kana jechuun garuu, Waaqayyo nama isa waaqeffatu hunda badhaadhaa godha jechuudhaa? Karaa garabiraammoo, namni tokko hiyyeessa yoo ta’e, Waaqayyo isa hin eebbifne jechuudhaa? Matadureen ittaanu, gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.