Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Hammeenyiifi Dhiphinni Akka Jiraatu Kan Heyyame Maaliifi?

Waaqayyo Hammeenyiifi Dhiphinni Akka Jiraatu Kan Heyyame Maaliifi?

Macaafa Qulqulluurraa Baradhu

Waaqayyo Hammeenyiifi Dhiphinni Akka Jiraatu Kan Heyyame Maaliifi?

Matadureen kun gaaffiiwwan tarii gaafattee taʼuu dandaʼu kaasuudhaan, deebiinsaanii Macaafa Qulqulluukee keessatti iddoo kamitti akka argaman ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaffiiwwan kanarratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.

1. Hammeenyi kan jalqabe akkamitti?

Hammeenyi yeroo Seexanni jalqabaaf lafarratti soba dubbatetti jalqabe. Seexanni yeroo uumametti hamaa hin turre. Ergamaa mudaa hin qabne kan ture taʼus, “dhugaa irra hin dhaabanne.” (Yohannis 8:44) Waaqeffannaa Waaqayyo qofaaf malu argachuuf fedhiin keessasaatti akka guddatu godhe. Kanaaf, Hewwaan Waaqayyoof utuu hin taʼin, isaaf akka abboomamtu sossobuudhaan ishee sobeera. Addaamis ishee cinaa goruudhaan Waaqayyoof utuu hin abboomamin hafeera. Murtoon Addaam godhes, dhiphinaafi duʼa geessiseera.—Uumama 3:1-6, 17-19 dubbisi.

Seexanni, Hewwaan Waaqayyoof akka hin abboomamne yaada isheef dhiheessuunsaa, olaantummaa Yihowaarratti hammaachuusaa kan argisiisudha. Ilmaan namootaa harki caalaansaaniis, Seexana cinaa goruudhaan Waaqayyoon akka Bulchaasaaniitti fudhachuu didaniiru. Kanaan kan kaʼes Seexanni ‘isa biyya lafaa kana seerratu’ taʼeera.—Yohannis 14:30; Mulʼata 12:9 dubbisi.

2. Wanti Waaqayyo uume mudaa qaba turee?

Ilmaan namootaafi ergamoonni Waaqayyo uume ulaagaalee Inni baaseef guutummaatti abboomamuuf dandeettii qabu turan. (Keessa Deebii 32:4, 5) Waaqayyo yeroo nu uume waan gaarii gochuu ykn waan hamaa gochuu keessaa filachuuf mirga nuu kenneera. Mirgi kunimmoo jaalala Waaqayyoof qabnu argisiisuuf carraa nuu bana.—Yaaqoob 1:13-15; 1 Yohannis 5:3 dubbisi.

3. Waaqayyo hammeenyi akka jiraatu kan heyyame maaliif?

Yihowaan hammeenya olaantummaasaarratti kaʼe hanga harʼaatti obseera. Maaliif? Eenyuyyuu gargaarsa Waaqayyoo utuu hin qabaatin namoota bulchuu akka hin dandeenye mulʼisuufidha. (Ermiyaas 10:23) Seenaan ilmaan namootaa waggoota 6,000⁠tti dabarsan kun dhugaa taʼuusaa argisiisa. Bulchitoonni ilmaan namootaa waraana, yakka, jalʼinaafi dhukkuba hambisuu hin dandeenye.—Lallaba 7:29; 8:9; Roomaa 9:17 dubbisi.

Faallaa kanaatiinimmoo namoonni Waaqayyoon akka Bulchaasaaniitti fudhatan faayidaa argatu. (Isaayaas 48:17, 18) Yihowaan yeroo dhihootti bulchiinsa ilmaan namootaa hunda ni balleessa. Sana booda namoota Waaqayyoon buluu filatan qofatu lafa kanarra jiraata.—Isaayaas 2:3, 4; 11:9; Daaniʼel 2:44 dubbisi.

4. Obsi Waaqayyoo carraa akkamii argamsiisa?

Seexanni, namni tokkoyyuu amanamaa taʼee Yihowaadhaaf hin bulu jedhee falmeera. Obsi Waaqayyoo, hundi keenya Isaan ykn namootaan buluu akka barbaannu argisiisuuf carraa nuu bana. Filannaa kanas akkaataa jireenyaa keenyaan argisiisna.—Iyoob 1:8-11; Fakkeenya 27:11 dubbisi.

5. Akka Bulchaa keenyaatti Waaqayyoon filachuu kan dandeenyu akkamitti?

Waaqeffannaa dhugaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe barbaaduufi haala isaa wajjin walsimuun jiraachuudhaan, Waaqayyoon Bulchaa keenya goonee akka filanne argisiisna. (Yohannis 4:23) Akkuma Yesus dhimma siyaasaafi waraanaa keessa seenuurraas ni fagaanna.—Yohannis 17:14 dubbisi.

Seexanni humnasaatti fayyadamee gadhiisiitti jiraachuufi akkaataa jireenyaa miidhaa geessisu babalʼisa. Gocha akkasiirraa yommuu fagaannu michoonniifi firoonni keenya tokko tokko nutti gaʼisuu ykn nu mormuu dandaʼu. (1 Phexros 4:3, 4) Yeroo kanatti filannaa gochuuf dirqamna. Warra Waaqayyoon jaallatanii wajjin taʼuu barbaannaa? Seerasaa isa ogummaafi jaalalarratti hundaaʼeef hoo ni abboomamnaa? Taanaan, falmiin Seexanni eenyuyyuu wanta Waaqayyo jedhe raawwachuu hin dandaʼu jechuudhaan kaase soba taʼuusaa mirkaneessina.—1 Qorontos 6:9, 10; 15:33 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana boqonnaa 11⁠ffaa ilaali.

[Fakkii fuula 22⁠rra jiru]

Addaam filannaa gadhee godhe

[Fakkii fuula 23⁠rra jiru]

Filannaan goonu Waaqayyo Bulchaa keenya akka taʼu barbaaduufi dhiisuu keenya argisiisa