Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesus—Akkamitti Jiraate?

Yesus—Akkamitti Jiraate?

Yesus—Akkamitti Jiraate?

“Nyaanni kan koo jaalala isa na ergee gochuudhaaf hojii isaa raawwachuu dha.”—YOHANNIS 4:34.

HAALLI Yesus yaada olitti argamu yeroo dubbate keessa ture, jireenyisaa maalirratti akka xiyyeeffate argisiisa. Yesusiifi bartoonnisaa ganamaa kaasanii Samaariyaa ishee tulluu hedduu qabdu keessa deemaa oolan. (Yohannis 4:6) Beelaʼeera jedhanii waan yaadaniif bartoonnisaa akka nyaatu isa kadhatan. (Yohannis 4:31-33) Yesusis deebiisaarratti kaayyoonsaa inni guddaan maal akka taʼe isaanitti himeera. Hojii Waaqayyoo raawwachuun isaaf nyaata caalaa baayʼee barbaachisaa ture. Dubbiisaatiinis taʼe gochasaatiin, fedha Waaqayyoo raawwachuurratti akka xiyyeeffatu argisiiseera. Kun maal kan dabalatu ture?

▪ Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo barsiisuufi lallabuu Macaafni Qulqulluun, “Guutummaa Galiilaa keessa naannaʼee . . . wangeela mootummaa Waaqayyoo lallabaa [ture]” jechuudhaan waaʼee hojii Yesus ibsa. (Maatewos 4:23) Hojiinsaa garuu waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabuu qofa hin turre. Kanaa mannaa, namoota barsiiseera, jechuunis wanta isaanitti hime isaaniif ibseera; ragaa quubsaa dhiheessuudhaanis isaan amansiiseera. Ergaan Yesus Mootummicharratti kan xiyyeeffate ture.

Yesus yeroo tajaajile hundatti, Mootummaan Waaqayyoo maal akka taʼeefi gara fuulduraatti maal akka raawwatu dhaggeeffattootasaa barsiiseera. Dhugaawwan Mootummichaa wajjin wal qabataniifi caqasoota Macaafa Qulqulluu wanta Yesus kana ilaalchisee dubbate qabatan kana hubadhu.

▪ Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samii siʼa taʼu, Yihowaanis Yesus Mootii mootummaa kanaa akka taʼu isa muudeera.—MAATEWOS 4:17; YOHANNIS 18:36.

▪ Mootummichi maqaan Waaqayyoo akka qulqulleeffamuufi jaalalli Waaqayyoo inni samiirratti taʼe lafarrattis akka taʼu godha.—MAATEWOS 6:9, 10.

▪ Bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti, guutummaan lafaa gara jannataatti jijjiiramti.—LUQAAS 23:42, 43.

▪ Mootummaan Waaqayyoo dhiheenyatti dhufuudhaan, fedhi Waaqayyoo lafarratti akka raawwatamu godha. *MAATEWOS 24:3, 7-12.

Dinqiiwwan gurguddaa raawwachuu Yesus caalaatti kan beekamu “Barsiisaa” taʼuusaatiin ture. (Yohannis 13:13) Haataʼu malee, waggaa sadiifi walakkaa tajaajile keessatti dinqiiwwan gurguddaa hedduus raawwateera. Dinqiiwwan Yesus raawwate kunis yoo xinnaate kaayyoo lama qabu turan. Tokkoffaa, Yesus Waaqayyoon kan ergame taʼuusaa mirkaneessu. (Maatewos 11:2-6) Lammaffaa, gara fuulduraatti yeroo Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼu, wantoota balʼinaan raawwataman hamma tokko argisiisuuf kan gargaaran turan. Mee dinqiiwwan inni raawwate muraasa hubadhu.

▪ Dhaʼaa bishaaniifi qilleensi cimaan akka cal jedhu godheera.—MAARQOS 4:39-41.

▪ Namoota qaroonsaanii jaame, gurrisaanii hin dhageenyeefi naafa taʼan dabalatee namoota dhukkubsatan fayyiseera.—LUQAAS 7:21, 22.

▪ Namoota beelaʼan hedduu nyaachisuuf buddeenni akka baayʼatu godheera.—MAATEWOS 14:17-21; 15:34-38.

▪ Yoo xinnaate namoota sadii duʼaa kaaseera.—LUQAAS 7:11-15; 8:41-55; YOHANNIS 11:38-44.

Mootiin humna guddaa qabu akkasii yeroo lafa bulchu, jireenyi lafarraa maal akka fakkaatu yaadi!

Yihowaan Waaqa akkamii akka taʼe mulʼisuu Waaʼee Yihowaa namoota barsiisuudhaan, namni Ilma Waaqayyoo isa Yesus Kiristos jedhamu caalaa gaʼumsa qabu hin jiru. Yesus ‘uumama hundumaa dura kan dhalate’ waan taʼeef, uumamawwan hafuuraa kamiyyuu caalaa Yihowaa wajjin yeroo dheeraadhaaf samiirra jiraateera. (Qolosaayis 1:15) Carraa Yesus yeroo kanatti yaada, fedha, seera buʼuuraafi karaawwan Abbaasaa barachuuf argatee ture yaadi.

Kanaaf Yesus akkas jechuu dandaʼeera: “Abbaan koo waan hundumaa dabarsee anatti kenneera. Abbaa isaa duwwaatu beeka malee, ilmi eenyu akka taʼe kan beeku hin jiru; ilma isaatii fi warra ilmi isaa itti mulʼisuu barbaadetu abbaa beeka malee, abbaan eenyu akka taʼe kan beekus hin jiru.” (Luqaas 10:22) Yesus yeroo lafarra turetti, fedhiifi hawwii guddaadhaan Abbaansaa Waaqa akkamii akka taʼe mulʼiseera. Yesus, addunyaa hafuuraa keessa Waaqa Hundumaa Dandaʼuufi aangoo guddaa qabuu wajjin yeroo jiraate hundatti wantoota kallattiidhaan arge yaadachuudhaan waan dubbateef, wantoonni inni Abbaasaa ilaalchisee barsiise baayʼee adda turan.—Yohannis 8:28.

Hojii Yesus Abbaasaa mulʼisuudhaan raawwate, wanta meeshaan humna elektiriikii kuusu raawwatutti fakkeessuun ni dandaʼama. Meeshaan kun humna korreentii guddaa taʼe gara humna korreentii xinnootti geddaruudhaan hanga humnaa itti fayyadamtoonni barbaadaniitti jijjiira. Yesus, wanta waaʼee Abbaasaa utuu samiirra jiruu barate yeroo gara lafaa dhufetti karaa namoonni lafarra jiran salphaatti hubachuufi hojiirraa oolchuu dandaʼaniin barsiiseera.

Karaawwan gurguddaa Yesus Abbaansaa akka mulʼatu itti godhe lamaan haa ilaallu.

▪ Yesus barumsasaatiin waaʼee Yihowaa dhugaasaa, jechuunis Maqaansaa, kaayyoonsaafi karaansaa akka beekamu godheera.—YOHANNIS 3:16; 17:6, 26.

▪ Yesus gochasaatiin, amalawwan Yihowaa gaggaarii taʼan hedduu mulʼiseera. Amalawwan Abbaasaa akka gaariitti waan argisiiseef, ‘Abbaakoo beekuu yoo barbaaddan ana ilaalaa’ akkuma jedhetti lakkaaʼama.—YOHANNIS 5:19; 14:9.

Yesus akkamitti akka jiraate yeroo hubannu garaan keenya tuqameera. Haataʼu malee, maaliif akka duʼe yoo qorreefi wanta barannee wajjin haala walsimuun yoo jiraanne caalaatti faayidaa arganna.

[Miiljalee]

^ key. 9 Waaʼee Mootummaa Waaqayyoofi Mootummaan kun dhiheenyatti akka dhufu beekuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe caalaatti hubachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼeefi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 8, mataduree “Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?,” akkasumas boqonnaa 9, “Kan Jiraannu ‘Guyyoota Gara Dhumaa’ Keessadhaa?” jedhu ilaali.