Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyootti Mufattee Jirtaa?

Waaqayyootti Mufattee Jirtaa?

“KUN ana irra kan gaʼe maaliifi? Waaqayyo kun ana irra akka gaʼu maaliif heyyame?” Gaaffiiwwan kun Siidnaa isa umuriin isaa waggaa 24 taʼee fi Biraaziil keessa jiraatu jeeqani dha. Balaa utuma bishaan irra sigiggee taphatuu isa irra gaʼeen kan kaʼe umurii guutuu wiilchariitti fayyadamuuf dirqame.

Rakkinni sababii balaa, dhukkuba, nama jaallatan duʼaan dhabuu, balaan uumamaa ykn waraanaan gaʼu namoonni salphaadhumatti Waaqayyotti akka mufatan gochuu dandaʼa. Kun waan haaraa miti. Iyoob inni bara duriitti abbaa amantii ture walitti aansuudhaan rakkinni hedduun isa irra gaʼee ture. Akkana jedhee dogoggoraan Waaqayyoon komatee ture: “Yaa Waaqayyo, ani sittan iyyadhe, ati garuu anaaf hin deebifne; ani nan dhaabadhe, ati garuu calluma jettee na ilaalte. Ati gara jabinaan anatti garagalte, aangoo irree keetiinis na dhoofte.”—Iyoob 30:20, 21.

Iyoob maddi rakkina isaa eenyu akka taʼe, rakkinni maaliif akka isa irra gaʼe ykn rakkinni maaliif akka isa irra gaʼu akka heyyamame hin beeku ture. Kan nama gammachiisu garuu, Kitaabni Qulqulluun rakkoowwan kun maaliif akka gaʼan, akkasumas yommuu rakkoowwan kun nu irra gaʼan maal gochuu akka qabnu nu hubachiisa.

WAAQAYYO NAMOOTA IRRA RAKKINNI AKKA GAʼU KAAYYOO ISAA TUREE?

Waaqayyoon ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Wanti inni godhus mudaa hin qabu, karaan isaa hundinuus qajeelaa dha, inni Waaqayyo amanamaa dha, jal’innis isa keessa hin jiru, inni dhuga-qabeessaa fi qajeelaa dha.” (Keessa Deebii 32:4) Kun dhugaa taanaan, Waaqayyo inni “dhuga-qabeessaa fi qajeelaa” taʼe namoota adabuuf ykn qulqulleessuuf jedhee rakkinni akka isaan irra gaʼu godha jedhanii yaaduun kan wal faallessu ykn hubachuuf kan nama rakkisu mitii?

Faallaa kanaatiin, Kitaabni Qulqulluun, “Namni yommuu qoramu, qoramsi kun Waaqayyo biraa anatti dhufe hin jedhin! Waaqayyo hamaa gochuudhaaf qoramuu hin danda’u, ofii isaatiis nama tokko illee hamaadhaaf hin qoru” jechuudhaan nutti hima. (Yaaqoob 1:13) Waaqayyo ilmaan namootaa jalqaba mudaa kan hin qabne godhee akka isaan uume Kitaaba Qulqulluu irraa baranna. Namoota jalqabaa kan taʼan Addaamii fi Hewwaaniif bakka jireenyaa bareedaa, wanta jireenyaaf isaan barbaachisu hundaa fi hojii gaarii isaaniif kennee ture. Waaqayyo, “Horaa, baayʼadhaas, lafa guutaa, isas harka jala galfadhaa!” isaaniin jedhe. Kanaaf, Addaamii fi Hewwaan sababii Waaqayyootti mufatan tokko illee akka hin qabne beekamaa dha.—Uumama 1:28.

Yeroo ammaatti garuu haalli jireenyaa rakkinaan kan guutame dha. Bara duriitii jalqabee rakkinni ilmaan namootaa ittuma caalaa deemeera. Kunis yaadni, ‘Uumamni hundinuu hamma ammaatti aadaa fi ciniinsifataa jira’ jedhu dhugaa taʼuu isaa mirkaneessa. (Roomaa 8:22) Kun kan taʼe akkamitti?

RAKKINNI KAN JIRAATE MAALIIFI?

Rakkinni maaliif akka jiraate hubachuuf yeroo rakkinni itti jalqabe duuba deebinee ilaaluu qabna. Addaamii fi Hewwaan, ergamaa hamaa yeroo booda Seexana isa Diyaabilos jedhameen gowwoomfamanii, ulaagaa Waaqayyo wanta sirrii fi dogoggora taʼeef baase, isa ‘ija mukaa nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekaniin’ fakkeeffame sana irraa akka hin nyaanne ajajamanii turan cabsan. Diiyaabilos ajaja Waaqayyoo yoo cabsan akka hin duune Hewwaanitti hime; kana jechuudhaanis Waaqayyo sobduu akka taʼe godhee isa himate. Akkasumas Seexanni Waaqayyo namoonni isa jalatti bulan mirga wanta gaarii fi wanta gadhee murteessuuf qaban isaan dhowwateera jedhee isa himate. (Uumama 2:17; 3:1-6) Seexanni yommuu akkas jedhu, ilmaan namootaa bulchiinsa Waaqayyootiin alatti yoo jiraatan gaarii dha jedhee dubbachuu isaa ture. Wanti kun hundi gaaffii hiika guddaa qabuu fi “Waaqayyo bulchuuf gaʼumsa qabaa?” jedhu kaaseera.

Diiyaabilos gaaffii kan biraas kaaseera. Ilmaan namootaa fedhii ofittummaatiin kakaʼanii Waaqayyoon akka tajaajilan godhee isaan himateera. Iyoob isa amanamaa ture ilaalchisee Diiyaabilos Waaqayyoon, “Ati isaa fi mana isaatti wanta inni qabu hundumaattis naannessitee dallaa hin ijaarree ree? . . . Mee, harka kee ol fuudhiitii wanta inni qabu hundumaa rukuti! Inni iyyuu mulʼinatti si arrabsa” jedhee ture. (Iyoob 1:10, 11) Diiyaabilos kan dubbate waaʼee Iyoob taʼus, yaadni isaa ilmaan namootaa hundi Waaqayyoon kan tajaajilan fedhii ofittummaatiin kakaʼanii akka taʼe argisiisa.

KARAA WAAQAYYO DHIMMA KANAAF FURMAATA ITTI KENNE

Karaan hunda caalaa dhimmawwan guguddaa kanaaf yeroo hundumaaf akka taʼutti al tokkicha furmaata itti kennuun dandaʼamu isa kami? Waaqayyo inni hunda caalaa ogeessa taʼe, furmaata hunda irra wayyuu fi nu hin mufachiisne qaba ture. (Roomaa 11:33) Ilmaan namootaa yeroo muraasaaf ofiin akka of bulchan isaaniif heyyamuuf kan murteesse siʼa taʼu, buʼaan argamu bulchiinsi eenyuu caalmaa akka qabu akka mirkaneessu godha.

Haalli gaddisiisaan yeroo ammaatti lafa irratti argamu, bulchiinsi ilmaan namootaa guutummaatti milkaaʼina utuu hin argatin hafuu isaatiif ragaa taʼa. Bulchitoonni addunyaa hundi nagaa, tasgabbii fi gammachuu fiduu kan dadhaban taʼuu isaa irra iyyuu, lafti guutummaatti baduu jala akka geessu godhaniiru. Kun immoo dhugaa guddaa Kitaaba Qulqulluu keessatti dubbatamee fi ‘Namni karaa jireenya isaa ofii isaatiin geggeeffachuu hin dandaʼu’ jedhu kan cimsu dha. (Ermiyaas 10:23) Kaayyoon Waaqayyoo kana waan taʼeef, ilmaan namootaatiif nagaa, gammachuu fi badhaadhina bara baraa fiduu kan dandaʼu bulchiinsa Waaqayyoo qofa dha.—Isaayaas 45:18.

Maarree Waaqayyo kaayyoo ilmaan namootaatiif qabu kan raawwatu akkamitti? Yesus duuka buutonni isaa, “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka taʼu, akkasuma immoo lafa irratti haa taʼu!” jedhanii akka kadhatan barsiisuu isaa yaadadhu. (Maatewos 6:10) Eeyyee, yeroo murteessetti Waaqayyo Mootummaa isaatti fayyadamee wantoota rakkinaaf sababa taʼan hunda ni balleessa. (Daaniʼel 2:44) Hiyyummaan, dhukkubnii fi duuti wantoota irraanfataman taʼu. Hiyyeessota ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo, ‘nama dhabee isatti iyyatu akka oolchu’ ibsa. (Faarfannaa 72:12-14) Akkasumas warra dhukkubsatan ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun abdii, “Isaan keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru” jedhu kenna. (Isaayaas 33:24) Kana malees Yesus namoota duʼanii fi yaadannoo Waaqayyoo keessa jiran ilaalchisee, “Warri duʼanii awwaalaman sagalee isaa [Yesus] yeroon itti dhagaʼan in dhufa. Isaan awwaala keessaa in baʼu” jedheera. (Yohannis 5:28, 29) Kun abdii baayʼee nama gammachiisu mitii?

Abdii Waaqayyo kenne irratti amantii qabnu cimsachuun keenya wanta isatti mufanne hunda dhiisuuf nu gargaara

MUFANNAA NUTTI DHAGAʼAME DHIISUU

Siidnaan inni seensa mata duree kana irratti ibsame balaan erga isa irra gaʼee gara waggaa 17 booda akkana jedhee ture: “Balaa ana irra gaʼeef matumaa Yihowaa hin komanne; garuu jalqaba irratti isatti mufadhee akkan ture hin haalu. Gaaf tokko tokko baayʼeen gadda, akkasumas yommuun waaʼee hirʼina qaamaa koo yaadu nan booʼa. Haa taʼu malee, Waaqayyo ana adabuuf jedhee balaan akka ana irra gaʼu akka hin goone Kitaaba Qulqulluu irraa hubadheera. Akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhu, ‘yeroonii fi walitti dhufuun hunduma keenya irra gaʼa.’ Yihowaatti kadhannaa dhiheessuunii fi caqasawwan na jajjabeessan tokko tokko dubbisuun koo karaa hafuuraa akkan cimuu fi ilaalcha sirrii akkan qabaadhu na gargaareera.”—Lallaba 9:11, hiika bara 1899; Faarfannaa 145:18; 2 Qorontos 4:8, 9, 16.

Sababii Waaqayyo rakkina itti heyyamee fi miidhaa rakkinni kun geessise hundi yeroo dhihootti akka badu yeroo hunda yaadachuun keenya, wanta Waaqayyotti mufanne hunda dhiisuuf nu gargaara. Waaqayyo, ‘warra isa barbaadaniif gatii isaanii akka kennu’ mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Namni isattis taʼe Ilma isaatti amanu hundi abdii hin kutatu.—Ibroota 11:6; Roomaa 10:11.