Amajjii 6-12
FAARFANNAA 127-134
Faarfannaa 134 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1 )
1. Warri, Dhaala Keessan Isa Gatii Guddaa Qabu Kunuunsuu Keessan Itti Fufaa
(Daq. 10)
Warri, wanta maatii isaaniitiif barbaachisu argachuurratti Yihowaan akka isaan gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu ni dandaʼu (Fr 127:1, 2)
Ijoolleen kennaa dinqisiisaa Yihowaa biraa argamanidha (Fr 127:3; w21.08 5 key. 9)
Fedhiisaanii tilmaama keessa galchuudhaan tokkoon tokkoon ijoolleetiif leenjii isaan barbaachisu kennaa (Fr 127:4; w19.12 27 key. 20)
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
-
Fr 128:3—Faarfatichi, ilmaan namni tokko godhatu latii muka ejersaa wajjin kan wal bira qabe maaliifi? (it-1-E 543)
-
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Fr 132:1-18 (th qoʼannaa 2)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 3) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. (lmd barumsa 1 qabxii 3)
5. Marii Jalqabuu
(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Namni haasofsiistu yaada barumsa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessu dubbata. (lmd barumsa 5 qabxii 4)
6. Barattoota Gochuu
(Daq. 5) lff barumsa16 qabxii 4-5. Qophii yeroo ati hin jirretti qoʼannaasaa akka itti fufuuf gooterratti barataa kee wajjin mariʼadhaa. (lmd barumsa 10 qabxii 4)
Faarfannaa 13
7. Warri, Ijoollee Keessan Barsiisuuf Meeshaa Buʼa Qabeessa Kanatti Fayyadamaa Jirtuu?
(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.
Jaarmiyaan Yihowaa, warri ijoolleesaanii waaʼee Yihowaa akka barsiisan gargaaruuf wantoota hedduu qopheesseera. Taʼus, karaawwan hunda caalaa gaarii taʼanii fi warri ijoolleesaanii barsiisuu itti dandaʼan keessaa tokko fakkeenya isaaniif taʼuudha.—Kes 6:5-9.
Yesuus barattootasaa barsiisuuf karaa baayʼee gaarii taʼe kanatti fayyadameera.
Yohaannis 13:13-15 dubbisi. Achiis, akkas jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
-
Yesuus fakkeenya taʼuudhaan barsiisuunsaa mala buʼa qabeessa ture jechuun kan dandaʼamu maaliifi?
Warra kan taatan, gochi keessan wanti ijoollee keessan barsiistan dhugaa taʼuusaa mirkaneessuu dandaʼa. Kana malees, ijoollee keessaniif fakkeenya gaarii yommuu taatan, caalaatti isin dhaggeeffachuu fi wanta isaan barsiistan hojiirra oolchuuf kakaʼuu dandaʼu.
VIIDIYOO Fakkeenya Isaaniif Taʼuudhaan Ijoollee Keenya Barsiisneerra jedhamu taphachiisi. Achiis, akkas jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
-
Obboleessi Giriisiyaasii fi haati manaa isaa ijoolleesaanii durbaatiif barumsa barbaachisaa akkamii kennaniiru?
-
Viidiyoon kun ijoollee keessaniif fakkeenya gaarii taʼuuf kan isin kakaase akkamitti?
8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) bt boq. 20 key. 13-20