Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

“Guutummaan Mana Ahaab ni Bada”—2Mo 9:8

“Guutummaan Mana Ahaab ni Bada”—2Mo 9:8

MOOTUMMAA YIHUDAA

Yoshaafaax mootii taʼe

Dh.K.D. naannoo bara 911: Yooraam (ilma Yoshaafaax; abbaa manaa Ataaliyaa ishii intala Ahaabii fi Iizaabel taatee) kophaa isaa mootii taʼee bulchuu jalqabe

Dh.K.D. naannoo bara 906: Akaaziyaan (ilma ilma Ahaabii fi Iizaabel) mootii taʼe

Dh.K.D. naannoo bara 905: Ataaliyaan warra sanyii mootii taʼan hunda ajjeestee aangoo qabatte. Lubbuudhaan ooluu kan dandaʼe ilma ilma ishii Yoʼaas isa Yehoyaadaan inni Luba Olaanaa taʼe dhokse qofadha.—2Mo 11:1-3

Dh.K.D. 898: Yoʼaas mootii taʼe. Ataaliyaa Mootittiin Yehoyaadaa isa Luba Olaanaa taʼeen ajjeefamte.—2Mo 11:4-16

MOOTUMMAA ISRAAʼEL

Dh.K.D. naannoo bara 920: Akaaziyaan (ilma Ahaabii fi Iizaabel) mootii taʼe

Dh.K.D. naannoo bara 917: Yooraam (ilma Ahaabii fi Iizaabel) mootii taʼe

Dh.K.D. naannoo bara 905: Yehuun Yooraam isa mootii Israaʼel taʼee fi obboloota isaa, haadha Yooraam (Iizaabel), akkasumas Akaaziyaa isa mootii Yihudaa taʼee fi obboloota isaa ajjeese.—2Mo 9:14–10:17

Dh.K.D. naannoo bara 904: Yehuun mootii taʼee bulchuu jalqabe