AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Qophii Miseensota Maatii Beetel Jajjabeessuuf Godhame
Namni rakkinni irra hin geenye hin jiru; kanaaf jajjabinnii fi deggersi hunda keenya ni barbaachisa. Warri karaa hafuuraa cimoo taʼanii fi mirga tajaajilaa garaagaraa qabanillee abdii kutachuu dandaʼu. (Iyo 3:1-3; Fr 34:19) Qophii miseensota maatii Beeteliif tika akka godhamuuf taasifame irraa maal baranna?
VIIDIYOO “WAAQAYYOTTI AMANAMAA” JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Miseensota maatii Beetel rakkoowwan akkamiitu isaan mudata?
-
Isaan jajjabeessuuf wantoonni raawwataman arfan maalfaʼi?
-
Obboloonni jajjabina kennan kan fayyadaman akkamitti?