Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

“Wantoota Amma Qabdanitti Gammadaa Jiraadhaa”

“Wantoota Amma Qabdanitti Gammadaa Jiraadhaa”

Harka qalleeyyii yoo taane wanta hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa mancaasu gochuuf qoramuu dandeenya taʼa. Fakkeenyaaf, carraa maallaqa hedduu itti argannu garuummoo Yihowaa tajaajiluun caalaatti ulfaataa akka nutti taʼu godhu argachuu dandeenya. Haa taʼu malee, Ibroota 13:5 irratti xiinxaluun keenya nu gargaara.

“Akkaataan jireenyaa keessan jaalala maallaqaa irraa walaba haa taʼu”

  • Ilaalcha maallaqaaf qabdan kadhannaadhaan gamaaggamaa, ijoollee keessaniifis fakkeenya akkamii taʼaa akka jirtan yaadaa.—g 10/15 6.

“Wantoota amma qabdanitti gammadaa jiraadhaa”

  • Ilaalcha wanta dhugumaan isin barbaachisuuf qabdan sirreessaa.—w16.07 7 key. 1-2.

“Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu”

  • Mootummichaaf dursa kennuu keessan yoo itti fuftan Yihowaan wanta jireenyaaf isin barbaachisu akka argattan akka isin gargaaru amanannaa qabaadhaa.—w14 4/15 21 key. 17.

VIIDIYOO OBBOLOONNI KEENYA NAGAA ARGACHAA KAN JIRAN AKKAMITTI?RAKKINNI DIINAGDEE JIRAATUS JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFII ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

Muuxannoo Migeel Noovowaa irraa maal barattan?